๐๐๐๐ฆ๐จ๐ฅ๐๐๐ง ๐๐ก๐๐๐๐๐๐ญ๐ ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐ฆ๐ญ๐จ๐จ๐ฆ๐๐ง๐ข๐ข ๐๐ข ๐๐จ๐จ๐๐ ๐
๐ฎ๐๐ก๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข
๐๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐ข ๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ญ๐ฎ ๐๐๐ซ๐ญ๐ข, ๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐จ๐๐ข๐ง๐ ๐๐จ๐จ๐ซ๐๐ง๐๐ ๐๐ข ๐๐ฎ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข
๐๐ฎ๐๐๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐๐ ๐๐๐ซ๐๐๐ซ๐ฎ๐ฎ๐ ๐๐ค๐ค๐ ๐๐ข๐ซ๐ฆ๐๐ญ๐๐ง ๐๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐๐๐ฆ๐ข๐๐ก๐
๐๐๐๐ฌ๐ข๐ฌ๐
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Addi Bilisummaa Oromoo rakkoon harโa akkanatti hammaate sadarkaa kana irra osoo
hin gaโin dura Qaamoleen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Qooda
Fudhattoonni Dhimmi Ilaallatu biroon tarkaanfii barbaachisaa taโe akka fudhataniif
daddeebiโee waamicha gochaa ture. Jiโa Onkoloolessaa bara 2021 keessa ongeen Kibba
Oromiyaa balaawwan hammaatoo jireenya dhala namaa keessaa tokko akka taโu ibsinee
turre.
Dhugaa dubbachuuf yoo taโe dararama dhala namaa godina kanaa fi godinaalee ollaa
Gujii keessatti mudachaa jiru dandamachuun ulfaataa dha. Dararama haadholii, jaarsolii,
daaโimmanii fi dhumaatii horii akkanatti arguun laphee nama cabsa. Horiin madda
jireenya ummata naannichaa taโan akkanatti dhumanii dirree irratti faffacaโanii jiru.
Bishaanii fi nyaati horii hin jiru.
Hongeen qaama balaa jijjiirama naannoo fi qilleensaan wal qabatu keessaa tokko yoo
taโe iyyuu, rakkoon ammaa kun waraana, sochii hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeetiin
daran hammaatee jira. Keessumaa immoo kufaatii mootummaa ifatti kan agarsiisuu dha.
Mootummaan tasgabbaโaa fi itti gaafatamummaan itti dhagaโamu rakkoolee balaa
akkanaatiin wal qabatanii dhufan salphaatti toโachuu dandaโa. Sirna akeekkachiiftuu
duraa fi maloota toโannoo balaa, buโa qabeeyyii taโan diriirsuudhaan gaagaโama hongeen
kun lubbuu dhala namaa, dinagdee fi hawaasummaa irraan gaโaa jiru xiqqeessuu fi
toโachuun ni dandaโama ture. Haa taโu malee mootummaan waraana matuma isaatiin
Tigiraayii fi Oromiyaa keessatti uumeen qabamee waan turee fi jiruuf, dhimmoota
hawaasummaa fi dinagdee akkanaatiif xiyyeeffannoo hin kennine. Balaa hongee haaluu
fi irraa baqachuun amala mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaa ittiin beekamanii
dha.
Gargaarsi namoomaa qaamolee dhimmi ilaallatuun ummata balaa hamtuu jalatti
argamuuf taasifamaa jirus saffisa kan hin qabne, buโa qabeessa kan hin taane, boodatti
kan harkifatee fi baayโee xiqqaa dha. Qindoomina dhabuun ammoo gufuu ijoo rakkoo
kanaa ti.
ุฏุฏุน
Email: olfheadoffice@gmail.com
www.oromoliberationfront.org
Yeroo ammaa kanatti dirmannaa fi gargaarsi ummata Oromoo baadiyaa irraa eegalee
hanga sadarkaa idil-addunyaatti gochaa jiru abdii kan namatti horuu fi nama jajjabeessuu
dha. Tokkummaan ummata keenyaa warra rakkoo fi balaa hongee jala jiraniif abdii fi
jajjabina guddaa taโee jira. Qaamolee waan dandeessaniin tumsa gootan mara ABOn
isin galateeffata. Akkasumas dhaabbileen miti-mootummaa, gaggeessitoonni hawaasaa
fi qaamoleen mirga dhala namaaf falman sadarkaa hammaataa balaan kun irra gaโee jiru
qalbifachuudhaan deggersa sadarkaa balichaan wal simu argamsiisuuf tattaaffii
barbaachisaa akka gootan dhaammanna.
Dhuma irratti, hawaasi idil-addunyaa akkuma ammaan duraa harka keessan akka nuuf
diriirsitan iyyanna. Balaa sadarkaa baayโee hammaataa irra gaโe tumsa namoota
dhuunfaa fi hawaasaa qofaan toโachuun ni ulfaata. Lubbuu namootaa baraaruudhaaf
qindoominni, qabeenyaa fi tarkaanfileen dabalataa argamuu qabu.
Qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi itti gaafatamummaa qaban Baha Afrikaatti bakkoota
balaan akkanaa deddeebiโee mulโatutti rakkinicha yeroodhaaf dhabamsiisuu qofa osoo
hin taane, hidda rakkinichaa buqqisuudhaaf furmaata waaraa barbaaduu fi diriirsuun
barbaachisaa dha jenna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 27/2023
Finfinnee