Ajjeechaa Suukaneessaa Lixa, Oromiyaa, Magaalaa Naqamteetti Dargaggoota Oromoo Irratti Raawwatame Ilaalchisee Ibsa ABOn Baase

 

Ajjeechaa Suukaneessaa Lixa, Oromiyaa, Magaalaa Naqamteetti Dargaggoota Oromoo Irratti Raawwatame Ilaalchisee Ibsa ABOn Baase

Ibsa ABO- Mudde 19, 2021

Ajjeechaa suukaneessaa guyyaa saafaadhaan Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamteetti dargaggoota Oromoo afur irratti raawwatame Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee balaaleffata.

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa uummata Oromoo sodaachisee qabsoo sabichi bilisummaa fi dimokiraasiif gaggeessaa jiru boodatti deebisuuf dargaggoota Oromoo jajjaboo adamsee ajjeesuu itti fufee jira.

Mootumman Paartii Bilxiginnaa abjuu qabsoo bilisummaa fi dimokiraasii uummata Oromoo ukkamsuuf qabu milkeeffachuuf jecha, gocha suukaneessaa fi gara jabinan dhala namaa irraa hin eegamne uummata Oromoo irratti raawwachuu daran jabeessee itti fufee jira. Akkuma argaa jirru, Gareen biyya bulchaa jiru Paartiin Bilxiginnaa, jalqabuma sirna Minilik Lammaffaa deebisanii dhaabuuf ijaarame. Pirojektiin sirna Minilik deebisanii gadi dhaabuu kun ilmaan Oromoo fi tuutaa jajjaboo uummanni Oromoo qabu dhabamsiisuu irratti fuuleffatee jira. Ajjeechaan karaa hin beekamneen ilmaan Oromoo irratti raawwatamu kun kutaalee Oromiyaa mara keessatti erga babal’atee kan bubbule yoo ta’u, yeroo ammaa sadarkaa baay’ee hamaa fi yaddessaa irra ga’ee jira. Yeroo fi baay’inni namoonni jumulaan ajjeefamanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemaa jira. Ilmaan Oromoo, keessumaa dargaggoonni, gaggeessitoonni, hayyoonni, abbootii qabeenyaa fi jaarsoliin Oromoo kutaalee Oromiyaa mara keessatti argaman adamsamanii ajjeefamaa jiru.

Kanumaan duguuggaan sanyii malaan uummata Oromoo irratti raawwatamu kun ittuma fufee, gaafa guyyaa Mudde 18/2021 Godinaa Baha Wallaggaa, Oromiyaa, Magaalaa Naqamtee keessatti dargaggoota afur guyyaa saafaa ajjeesanii jiru. Ajjeechaa suukaneessaan dhala namaa irraa hin eegamne dargaggoota Oromoo kichuu irratti raawwatame kun Mootummaa Paartii Bilxiginnaatiin karoorfamee humnoota nageenyaa hidhatanii jiraniin raawwatame. Dargaggoonni ajjeefaman kunniin Abubakar Nuuree, Nimoonaa Ijjiguu, Amanuu Habtaamuu fi Jaal Zaakiruu Ittaanaa jedhamu. Reeffi dargaggoota kanneenii bosona naannoo magaalaa Naqamteetti argamu keessatti gatame. Kanatti dabalee ammoo waanti baay’ee nama gaddisiisu maatiin dargaggoota kanneenii reeffa ijoollee isaanii kaasanii awwaallachuuf jennaan humnoonni mootummaa dhorkan. Gochi gara jabinaa kun maatii dargaggoota kichuu kanaatti madaa hin qorre ta’uu qofa osoo hin taane uummata Oromoo bal’aaf yaaddoo ulfaataa taa’ee jira.

Dargaggoonni ajjeefaman kunniin hawaasa Oromoo biratti jaalalaa fi kabajaa olaanaa qabu. Abubakar Nuuree bara 2014 haga 2018 tti qabsoo bilisummaa fi dimokiraasii Qeerroo Bilisummaa Oromoo qindeessuu keessatti shoora olaanaa taphate. Nimoonaa Ijiguu qabsoo bilisummaa fi dimokiraasii uummata Oromoo keessatti gumaacha wal fakkaataa kan qabu yoo ta’u, kitaaba ‘Alanfannaa Bishaanii” jedhu barreessuunis guddina og-barruu Oromootiif gumaacheera. Zakiiruu Ittaanaas warraaqsa bilisummaa Oromoo keessatti gumaacha kanaan wal fakkaatu qaba. ‘Dargaggoonni kunniin qabsoo bilisummaa fi dimokiraasii uummata Oromoo qofaaf gumaachan osoo hin taane, uummatootni Itoophiyaa guutuunis siyaasa biyyattii wal xaxaa ture keessaa ifatti ba’ee karaa nagaan furmaata waaraa akka barbaaddatuuf aarsaa kaffalanii jiru.

Abubakar Nuuree fi Nimoonaa Ijjiguu sababa ilaalcha siyaasaa isaaniif bara 2018 keessa tika PP tiin qabamanii mana Komiishinii Magaalaa Finfinnee fi Mana Hidhaa Qiliinxootti hidhamanii turan. Kanaanis yeroo dheeraaf mana hidhaa keessatti dararamaa erga turanii booda, badii raawwachuu isaanii ragaan mirkaneessu waan dhabameef manni murtii walaba isaan gadhiise. Kanumaan mana hidhaatii erga ba’anii yeroo muraasa booda haala kanaan ajjeefaman.

 

Haaluma wal fakkaatuun Mootummaan PP, Uummata Oromoo Walloo irratti ajjeechaa raawwachuu itti fufee jira. Tibbana Ilmaan Oromoo Walloo 47 ta’an jumulaan ajjeefamanii bakka tokkotti jumulaan awwaalamanii jiru.

Ajjeechaa Paartiin Badhaadhina akka fedhetti maal na dhibdeedhaan namoota nagaa irratti raawwatu kun sarbiinsa mirga namummaa waan ta’eef Manni Maree Mirga Dhala Namaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi qaamoleen idil-addunyaa biroon dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu atattamaan tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qabu. Mootummaan Paartii Bilxiginnaa lubbuu dhala namaatiif itti gaafatamummaa tokkollee osoo hin fudhatin gocha gara jabinaa kana deddeebi’ee uummata Oromoo irratti raawwachaa jira.

Gareen biyya bitaa jiru Paartiin Bilxiginnaa yeroo ammaa kana paartilee mormitootaa keessumaa dhaabbilee Oromoo fi gaggeessitoota hawaasa Oromoo dhabamsiisuu irratti fuuleffatee jira. Gochi kun inumaayyuu walitti bu’insaa fi rakkoo biyyattiin yeroo ammaa keessatti argamtu akka hammeessu irra deddeebinee garee biyya bitaa jiru kana akeekkachiisnee turre.

Ajjeechaa suukaneessaa dargaggoota Oromoo kichuu kanneen irratti raawwatame gadi jabeessinee balaaleffachaa, qaamni walaba ta’e dhimma kana qoratee qaamolee gochicha raawwatan seeraaf akka dhiyeessu gaafanna. Akkasumas waraana uummata Oromoo irratti labsamee jiru cimsinee kan balaaleffannu yoo tahu, gareen biyya bulchaa jiru gocha kana atattamaan akka dhaabu akeekkachiisna.

Hawwasi idil-addunyaa gocha sarbiinsa mirga dhala namaa fi duguuggaa sanyii yeroo Dr. Abiy Ahamd aangoo qabatee irraa eegalee uummata Oromoo raawwatamaa jiru akka hordofanif irra deddeebinee gaafachaa turre. Addatti ammoo Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Idil-addunyaa atattamaan tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun, itti gaafatamummaa seerotaa fi waliigalteewwan mirgoota namummaa idil-addunyaa hojiirra oolchuuf qabu sirnaan akka ba’u gaafanna.

Kanatti dabalees UNSC, Qaamoleen Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa fi gaggeessitoonni addunyaa dhimmi ilaallatu uummata nagaa Oromoo fi Itoophiyaa tiksuuf dhiibbaa isaan irraa eegamu akka taasisan gaafanna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Muddee 19, 2021

Finfinnee