Filannoo Biyyaalessaa fi Jeequmsa RFDI ilaalchisuun Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Addi Bilisummaa Oromoo filannoo haqa qabeessaafi bilisaa fi ijaaramuu mootummaa RFDI dimokraatawaa hunda hammatetti amana. Paartiin biyya bulchaa jiru filannoo biyyaalessa 6ffaa bara 2021tti gaggeessuuf karoorsuurratti jiraatuu argaa jirra. Filannoo dimokraatawaa rakkina siyaasaa biyyattii keessaa furuutti qooda ijaaraa gumaachu gaggeessuuf nagaa fi sabatiinsi mirkanaahuunfi hirmaannaan paartilee siyaasaa murteessaa dha jennee amanna. Haa tahu malee, haala jeequmsi RDFI keessaa amma jiruun filannoo gaggeessuuf karoorsuun fakkeessimaaf yoo tahe malee, dhugaaf hin fakkaatu. Paartiin biyyattii bulchaa jiru rakkoolee jiran dhoksuun xiyyeeffannaa jiru gara filannoo biyyaalessaa deebisuuf tattaafatus, biyyattiin jeequmsa nageenyaa fi siyaasaa walxaxaa fi akkaan ulfaataa keessatti kuftee jiraachuun hubatamaa dha.
Waggoota lamaa fi walakaa dabreef ABO fi paartileen siyaasaa biroo sochii mul’ataa taasisaa jiran jeequmsi kun akka dhalatuuf deemu fi odoo yeroon hin dabarre furmaanni siyaasaa hundeerraa akka laatamuuf paartii biyya bulchaa jiruuf akeekaa turan. Seeraa fi sirni akka kabajamee adeemsa jijjiirama dimokraatawaa keessatti hundi qixa akka fayyadamuuf deeggarsa keenyas gumaachaa turre. Haa tahuu garuu, paartiin biyya bulchaa jiru yaada nuti dhiyeessine moggaatti dhiisuu qof aodoo hin taane, caasaa tikaa isaatti fayyadamee dhaaba keenyaa fi sochii nuti guutummaa biyyattii keessatti taasisnu danquutti bobba’e. Ammayyuu biyyattii keessa rakkoo siyaasaa fala hin arganne guddaatu jira. Kanaan alas jeequmsi heeraa fi rakkooleen lammiilee akkasumas gaaffileen paartileen siyaasaa dhiyeessan akka seeraa fi heera RFDI irra jiruutti deebisaan hin laatamneef. Sirni haqaa biyyattii bilisa tahee hojii isa raawwachuu hin dandeenye; caasaan tikaa, poolisaa fi humnoonni hidhattootaa biroo ajaja mana murtii malee ifatti biyyattii bulchaa jira; bulchiinsotni naannolee kan akka Oromiyaa ammayyuu ajaja Komaandi Poostii waraanaa jala jiraachuu fi caasaan bulchiinsa siviilii diigamuun waan ifatti mul’atu.
ABOn filannoo irratti hirmaatuu kan barbaadu tahullee, haala qabatamaa amma jiruun bakka guutummaatti bifa jechuun dandahamuun miseensonni, hogganoonni fi deggartoonni keenya kan silaa kaadhimamtootaa fi taajjabdoota filannichaa tahan sadarkaa hundatti hidhaa keessa jiran kanatti hirmaatuun hin dandahamu. Kana malees waajjira Muummee Finfinnee jiru dabalatee waajjiraaleen ABO guutummaa biyyattii keessatti argaman marti caasaa tikaa paartii biyyattii bulchaa jiruun saamamaniiru; cufamaniiru; tohannaa jalatti argamu.
Tarrisa maqaa miseensota keenya hidhamanii fi waajjiraalee cufamanii irra deddeebiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa RFDI tiif galchinullee, iyyata keenyaaf deebisaa qabatamaa tokkollee odoo hin argatin kunoo ji’a Afur tahee jira. Kunis dandeettii fi gahumsa Boordii Filannoo biyyaalessaa akkasumas murtiilee fudhatuu fi walaba tahee hojjechuu isaa gaaffii keessa kan galche dha. Guutummaa biyyattii keessatti ammayyuu miseensotaa fi deeggaroota keenya akkasumas lammiilee ABOf mararfannoo qaban adamsuu, hidhu fi ajjeesuun akkuma itti fufetti jira. Yakka suukaneessaa itti fufiinsaa gaggeeffamaa jiru kanaa fi dhiibbaa fi hiraarsii qaamaan irra gahu kanarraa lammiileen Oromiyaa gadi bahanii qaama isaan bulchu filatuun hafee bilisa tahanii dubbatuyyuu hin dandeenye.
Waldhibdeeleen naannoo Oromiyaa keessaa yeroo dheeraaf kan deeme tahuun beekamullee, yeroo dhiyoo as sadarkaa akkaan yaaddessaatti ol ka’ee jira. Hiriirri mormii, jeequmsi fi walitti bu’iinsotni bakkayyuu jira. Qayee isaaniirraa buqqa’uun ummataa fi jeequmsi namoomaa Oromiyaa sabatiinsa dhabsiisuurra dabree biyyoota ollaatis jeequurratti argama. Walitti bu’iisi wayta ammaa kana Kaaba Itoophiyaatti deemaa jirus buqqa’iinsa lammiileef shoora gumaache qaba. Qaamotni sadaffaan biroon haala walxaxaa jiru daranuu hammeessuutti dabalee, rakkooleen siyaasaa fi jeequmsi nageenyaa wayta ammaa biyyattii keessa jiru sadarkaa akkaan yaaddessaarra gaheera.
Kanaafuu, filmaata dhimma ijoo hin taanetti cehuun dura jeequmsa siyaasaa biyyattii raasaa jiru marii karaa nagaa kan qaamolee hunda hammateen furuutu dursa argachuu qaba jennee amanna. Waggoota 27n dabraniif filannoo fakkeessii sirna siyaasaa biyyattii jeequmsa irra hamaatti geesse hedduu keessa dabarree as geenye. Akka amantaa ABOtti, dogoggora fakkaataa irra deebi’anii dalaguun goolii caaluu uumuun biyyattii fi olloota ishee balaa hamaaf afeera.
Caasaa bulchiinsota naannolee caccabanii suphuuni fi nagaa fi sabatiinsa mirkaneessuuf filannoon adeemsifamuu dura raawwatamuu qaba jenna. Oromiyaa fi naannolee biroottis haala akkaan yaaddessaatu daranuu hammaataa deemaa jira. Paartiin humnaan biyya bulchaa jiru rakkoolee humnoota hidhattoottaa fi ummata guutummaatti tohachuun furuuf yaalaa jira. Gama kanaan, yaada Dr. Abiyyi Ahmad dhiyeenya kana 10/12/20 imala gara Keeniyaatti taasiseen Mooyyaleetti laateen yaaddoo qabnu ibsina. Mootummaa Cehumsa Biyyaalessaa Oromiyaa dursitummaan ijaaraa kan jiru, ABO, naannicha keessaa dhabamsiisuu dubbatee, kanaafis mootummaan Keeniyaa akka isa deeggaru gaafate. Kuni sochii balaa hamaa qabu kan biraa paartiin biyyattii humnaan bulchaa jiru taasisuu fi paartilee siyaasaa dhabamsiisee filannicha kophaa isaa dorgomee injifatuuf fedhii inni qabuuf ragaa gahaa dha. Mootummaan Keeniyaa qabsoo bilisummaa isaatiif ummanni Oromoo taasisaa jiru bifa kamiinuu dura dhaabbatuu keessa akka hin seenne fi ummata Oromoo daangaa waliin qooddatuu fi barootaaf waliin jiraataa bahe faana wal dhibdee keessa akka hin seenne akeekkachiisna.
Maayiirratti ABOn, filannoon gaggeeffamuun dura rakkooleen siyaasaa walxaxoon furamuu, bulchiinsi naannoo Oromiyaa haaromsamuu fi MCBO ijaaramuu; akkaataa Gamtaan Afrikaa kaa’een bifa wal simatuun mariin qaamolee hunda hammatee akka gaggeeffamuu fi waliigaltee biyyaalessaarra ga’amuuf haalli aanjawaan mijeeffamuu qaba jedhee amana. Marii hunda hamate dhugoomsuu fi filannoo irratti waliigalamee adeemsifamu milkeessuuf qooda keenya gumaachudhaaf qophii tahuu keenya irra deebiin mirkaneessina.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Finfinnee
Muddee 12, 2020