Lubbuu Namaa fi Qabeenya Gar-malee Baduuf Itti Gaafatamni Jiraachuu Qaba !

Lubbuu Namaa fi Qabeenya Gar-malee Baduuf Itti Gaafatamni Jiraachuu Qaba !

(Ibsa ABO – Onkoloolessa 30, 2018)

addaAddi Bilisummaa Oromoo fi Mootummaan Itoophiyaa waltahiinsa keenyaa fi jijjiirama qabsoo ummataatiin argame haala amansiisaa taheen lafa qabsiisaa deemuu irratti kan hojjettu Koree Waloo wal gidduutti dhaabbannee qabna. Koree kana keessaanis haala dhaabbataa taheen yeroo yerootti wal qunnamnee mari’achuudhaan waliin hojjechaa jirra.

Deemsa kana bifa wareegama lubbuu hin gaafanneen, dinagdee/qabeenya biyyaa fi ummataa irra miidhaa hin geesisneen, akkasumas, haala sardama hin qabneen yeroo gahaan kennameefii ilaa fi ilaameedhaan mari’atamee fi waliin hojjetamee fiixaan baasuun akka danda’amu amantii fi ejjennoo ABO ti.

Haa tahu malee, shirootni daangaa hin qabnee fi ololli diigaan dhaabbattummaadhaan namootnii fi qaamotni Mootummaa garii fi Paartiin EPRDF geggeessan deemsa nagaa biyyaa fi ummataa kan miidhan tahuun waan ifatti mul’achaa turee fi jiruu dha. Waan taheefis, Addi Bilisummaa Oromoo shiraa fi ololli akkasii kunniin qaamota dhimmi ilaaluun akka dhaabsifamanii fi tohataman yeroo yeroon hubachiisaa yoona geenye. Kana gochuun keenya deemsa karaa nagaa fi araaraa irratti wal taanee waliin itti seenne milkeessuudhaaf akka gargaaruufi. Kunis nageenya biyyaa fi ummataaf yaaduu irraahi.

Kun akka kanaan osoo jiruu haala sababaa isaa hubachuun rakkisaa fi ulfaataa taheen Mootummaan Itoophiyaa humna waraana isaa guddaa meeshaa waliin ummata keessa bobbaasuudhaan lubbuu ummata nagaa balleessuu fi qabeenya isaanii saamuun har’as akkuma itti fufetti jira. Guyyoota lamaan dabran irraa kaasee Godina Qellem Wallaggaa fi Gujii keessatti wanti tahaa jiru kanaaf ragaa dha. Haalli kun ammoo nagaa fi tasgabbiin akka dhabamu, lubbuun namaa gar-maleetti akka badu, akkasumas, qabeenyi biyyaa fi ummataa akka miidhamu, dabreetis, ummatni yaaddoo, shakkii fi sodaa keessa akka jiraatu taasisaa jira.

Haala amma jiru keessatti lolaa fi tarkaanfii humnaatiin rakkoon furamuu fi bu’aan achi keessaa ummataa fi biyyaaf argamus akka hin jirre ABOn jabeessee amana. Haalli gaddisiisaan jijjiirama qabsoo fi wareegama ilmaan ummataatiin argame kanatti gufuu tahuu danda’uu fi abdii ummataa dukkaneessu kun hatattamaan akka dhaabbatus gaafata. Balaa haalli amma deemaa jiru kun hordofsiisuun lubbuu namaa, akkasumas qabeenya biyyaa fi ummataa irra miidhaa gahuuf itti gaafatamni (‘Accountability’) jiraachuu akka qabus ABOn jabeessee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo !
Onkoloolessa 30, 2018