
๐๐จ๐จd๐ง๐ข ๐๐ฎ๐๐๐ซ๐ญ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐๐ฃ๐๐๐ซ๐ฌ๐ ๐๐๐ง๐๐ ๐๐ข ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐๐ ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐๐ง ๐๐๐๐ ๐๐ข ๐๐ฎ๐ฅโ๐๐ญ๐๐ ๐๐ก๐.
๐๐๐ฌ๐ ๐๐๐ฆ๐๐ ๐๐ฎ๐๐๐ซ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐๐ ๐๐ข ๐๐๐‘๐ข๐ฆ๐ฆ๐๐ง (๐๐๐) ๐๐๐
Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa Bitootessi 8 (March 8) bara kanaa 2026 yeroo kabajamee oolutti qoodni dubartoonni qaban akkaan yaadatamee oola.
Dubartootoonni oolii-bultii jireenya guyyaa guyyaa keessatti shoorri isaan taphatan waliin jireenya hawaasummaa gaariif, siyaasa keesaatti gahee isaanii taphachuuf, aadaa ummataa dagaagsuu fi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti adda duree dha.
Akeekaa fi kaayyoon guyyaa kana kabajannee ooluu walqixxummaa saalaa dhugoomsuuf, Sarbamaa fi dhiittaa mirga namoomaa xiqqeessuuf, yakka namoomaa dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamu dhabamsiisuuf, Nageenya matayaa(dhuunfaa), garee fi sadarkaa biyyaatti feesisu argamsiisuuf, mirga hiree murteeffannaa sabootaa dhugoomsuuf, dimokiraasii haqaa lafa qabsiisuuf, haqa awwaalame baasuuf, walqixxummaaf, nagaa waaraa fi tasgabbii sabatiinsa qabu argamsiisuuf ayyaaneffatamee oola.
Dubartoonni Oromoo, mana ijaaruu irraa kaasee hanga biyya ijaaruutti qooda ifaa fi mulโataa qabu kan jenneef hawaasa keessatti haadha, obboleettii, haadha warraa fi ilmoo taโuun kabajaa fi ulfina guddaa qabu; manni dubartiin keesaa hin jirre mana Onaati waan taheef.
Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessattis dubartonni qoodni isaanii akkaan ol aanaa dha;Dhiibbaa fi dhiittaan alagaa osoo isaan hin jilbeeffachiisiin of kenniinsaan qabsoo ummata bal’aa keessaa qooda fudhatu.
Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa bara kanaa 2026, dhaadannoon buโuuraa โ๐๐๐๐๐ฉ๐จ. ๐ ๐ช๐จ๐ฉ๐๐๐. ๐ผ๐๐ฉ๐๐ค๐ฃ. ๐๐ค๐ง ๐ผ๐๐ ๐๐ค๐ข๐๐ฃ ๐๐ฃ๐ ๐๐๐ง๐ก๐จโMirgaa fi haqa dubartootaa fi daaโimman sududaan hojitti hiikuun, dhiibbaa fi barmaatilee hamoo dhabamsiisuun, gochoota walqixxummaa cabsan qolachuu fi haqa isaanii addunyaa irratti babalโisuun xiyyeeffata. Kana waliin, dhaamsa addunyaalessaatti balbaloomfamaa jiruun โ๐๐๐ซ๐ ๐ฉ๐ค ๐๐๐๐ฃโ jedhu, dubartoota dhuunfaa , garee fi biyya keesaatti deeggaruu, hirmaachisuu fi jajjabeessuun murteessaa taโuu irra darbee humna, hirmaannaa fi qooda isaanii guutuu kennuun jijjiirama hawaasummaa fi siyaasaa keesaatti shoora olaanaa akka taphatan akeeka.
Dhaadannoon bara kanaa Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO’s โ๐ฟ๐ช๐๐๐ง๐ฉ๐ค๐ค๐ฃ๐ฃ๐ ๐จ๐๐ฎ๐๐๐จ๐๐ ๐ ๐๐๐จ๐จ๐๐ฉ๐ฉ๐ ๐ฆ๐ค๐ค๐๐ ๐๐ช๐๐๐๐๐๐ช๐ช๐ฃ ๐ฃ๐๐๐๐, ๐๐๐ฆ๐, ๐ฉ๐ค๐ ๐ ๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐๐ ๐๐๐๐๐ง๐จ๐ ๐๐๐ฎ๐ฎ๐๐๐ ๐ข๐ช๐ง๐ฉ๐๐๐จ๐จ๐ค๐ค๐๐๐.” Jedhu, Dubartoonni mootummaa fi murtii siyaasaa keessatti hirmaachuun isaanii nageenya waaraa fiduu, haqni akka kabajamu gochuu, uummanni akka tokkummaan dhaabbatu jabeessuu fi biyyi sirnaan akka ijaaramtu taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaanii agarsiisa. Kanumaan waliin, dhaabni keenya ABOn Horooroo mallattoo isaa taasisee filannoo fuula keenya dura jiruuf dhiheeffachuun, mootummaa nagaa fi seera qabeessa ijaaruuf abbaluu dha jennee amanna.
Mallattoon filannoo ABO โHorooroon” nagaa, Araara, qajeelummaa fi eenyummaa ummata Oromoo balโaa kan calaqqisiisu,kaayyoo mirga hiree murteeffannaa kan ibsu, dimokiraasii, haqa, walqixxummaa fi nagaa waaraa mirkaneessuuf kan dhaabbatee dha.
Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa bara kanaa 2026 yeroo kabajnu dubartoonni ijaarsa manaa fi biyya keessatti qooda murteessaa akka qaban hubannee hirmaannaa roga hundaa keesaatti akka qooda fudhatan taasisuun hirmaannaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti cimuun nageenya waaraa, haqa haqaaqame, dhugaa ummataa dabe, tokkummaa uummataa sharafame fi mootummaa dimokiraatawaa ijaaruuf buโuura akka tahan hubachuun dirqama.
Maayii irratti , Kana galiin gahuuf filannoo marsaa 7ffaa bara kanaa 2026 ABOn mallattoo โHororooโn dorgomaa jiru filannoo keenya taasifannee mootummaa ummataa ummataan filamee ummataan dhaabbatu(Government by the people for the people) seera qabeessa fi haqaa ijaaruuf, dubartoota hirmaachisuu fi aangessuun jijjiirama dhugaa fiduuf murannoo qabaachuu ibsa; nutis kaayyoo kana milkeessuuf tokkummaan hojjechuu qabnaan dhaamsa keenya.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Damee Dubartootaa fi Daaโimman (DDD) ABO
Bitootessa 07, 2026
Finfinnee
