
Du’aan Jaaruu Hayyuu fi Qabsaawaa Oromoo Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo Irratti Ibsa Gaddaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’a Hayyuu Oromoo, qorataa seenaa fi qabsaawaa mirga namoomaa Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo gaafa dhageenyu gaddi keenya olaanaa dha.
Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo Kibba-baha Oromiyaa Gidina Arsii Lixaa Ona Nageellee Arsiitti dhalatanii guddatan.
Pro. Hamdeessaan ijoollummaa isaanii irraa qabee nama dhiibbaa fi dhiittaa ummata Oromoo irratti sirnoota nugusaa Empaayiroota Itoophiyaa dhufaa darbaa argaa fi dhagahaa nama guddatanii dha. Dinne didaan qabsoo ummanni Oromoo gaggeessaa ture irraa ijoollummaan qooda kan fudhatan Professar nama roorroo fi doorsisa diinaaf harka hin laanne xiiqiin guddatan tahuu seenaa isaaniituu ibsa.
Prof.Hamdeessaan barnoota isaanii sadarkaa duraa fi lammaffaa erga xumuranii booda, barnoota isaanii sadarkaa ol aanaa biyyoota ambaa garagaraa keessatti baratan. Akkasiin, B.A. in History, Avondale College, Australia-tti bara (1972), M.A. in Conflict Resolution, Andrews University, USA-tti bara (1974), Ph.D. in Conflict Resolution and Peacebuilding, Michigan State University, USA-tti bara (1981) fudhatan. Barumsa doktoreetii keessatti furmaata wal-dhabdee, nagaa kabachiisuu fi hirmaannaa aadaa Oromoo kan jedhu irratti xiyyeeffatanii hojjatan.
Ogummaa barnoota isaaniin qo’annoo fi qorannoo adda addaa gaggeessaa turaniin, George Mason University-tti bara (1982–1990)tti Hoggansa barattoota biyya alaa akkasumas dhimma aadaa Oromoo irratti gadi fageenyaan xiyyeeffachuun hawaasa Oromoo biyya ormaa jiran dura bu’uun gaggeessaa turaniiru.
Akkasumas Nova Southeastern University-tti bara (1998–2004)tti barsiisaa damee Furmaata Wal-dhabdee fi Qo’annoo Nagaa, Menno Simons College, University of Winnipeg-tti bara (2006–2007)tti Esau Distinguished Visiting Professor, Conflict Resolution, University of Manitoba-tti bara (2011–2019)tti barsiisaa damee Qo’annoo Nagaa fi Wal-dhabdee jedhuun hojjataa turaniiru.
Barreeffamoota garagaraa qorannoof dhiheessaniin, Creating The Third Force Indigenous Processes of Peacemaking jedhu dhimma Oromoo fi biyyoota ollaan walitti hidhatu dhiheessaa turaniiru.
Qooda qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti kennaa turaniinis qabsaawota Oromoo warra lubbuun hin jirree fi jiran kanneen akka Luba Guddinaa Tumsaa, Jaal Baaroo Tumsaa, Pro.Muhaammad Hasan, Pro.Asaffaa Jaallataa fi kanneen biroo waliinis dhimma Oromoo fi Oromummaa irratti akka hojjatan seenaan isaanii ni ibsa.
Kana malees, Shanachaa Jaarsummaa kan jedhu qopheessuun bara (2001–2004)tti wal dhibdee siyaasa Oromoo mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa ture furuuf amma dheeraa deemaniiru.
Kana malees “Immigration and Refugee Forum” kan jedhu bara (1980s) tajaajila seera immigreeshinii USA kabachiisuu jedhu keessattis hirmaachuun shoora olaanaa gumaachaniiru. London Peace Conference (1991) sirna siyaasaa Itoophiyaa jijjiiruu keessattis hirmaataniiru.
Akkasumas Oromo Studies Association (OSA) hundeessuu fi qorannoo fi qo’annoo adda addaa karaa sanaan gabbisuu keessattis nama shoora addaa qaban akka tahan seenaan isaanii ni ibsa.
Kana malees, Piroofeesar barattoota ol’aanoo Univarsity garagaraa keessa jiran barsiisuun nagaa, mirga namoomaa fi jijjiirraa hawaasaa keessatti akka dammaqiinsa horatanii fi bu’aa argamsiisan godhaniiru.
Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo hayyuu Oromoo qabsoo Oromoo keessatti dhalatanii, qabsoo Oromoo keessatti guddatanii, firii qabsoo bilisummaa Oromoo arguuf osoo carraaqanii, gaafa Sadaasa 22, 2025, guyyaan isaanii geenyaan biyya Kanaadaa Winnipeg, Maanitobaa keessatti du’aan addunyaa irraa godaanan.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) du’aan of biraa dhabuu hayyuu Oromoo Pro.Hamdeessaa Tusootti gadda itti dhagahame ibsataa maatii, firoottanii fi ummata Oromoo hundaaf obsaa fi jajjabina hawwa.
Qabsaawaan ni kufa, Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 23, 2025
Finfinnee
