
Ajjeechaa Jumlaa Humnoota Hidhataniin Ummata Oromoo Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna.
Ijoo Dubbii -ABO
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n ajjeechaa jumlaa, hidhaa, saamicha, dararaa fi qe’ee irraa buqqisuu ummata Oromoo irratti humnoota mootummaa hidhatanii fi garee Finxaaleyyii Fannoo Amhaaraa Ofiin jettuun wal darabee ummata keenya irratti raawwatu gadi jabeesinee balaaleffanna, duras dhaabbana. Gochaawwan suukaneessaan yakki waraanaa ulfaataa fi hammaataan seera mirga namoomaa Iddil addunyaa cabsuun dhaabbataa ummata keenya meesha maleeyyii irratti tahu kan yoomiiyyuu caalaa daraan nu yaaddesseera. Waggoota 7n darbaniif guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti mirgi dimokiraasii hafnaan, mirgi lubbuun jirraachuutuu dhabamee ummanni keenya dhaabataa Waraana Mootummaa Biltsiginnaa fi Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraa ofiin jettu saamicha qe’eef qabeenyaa Oromoo fi babal’ifannaa lafaaf dhufteen wal darabee ajjefamaa turuu fi jiraachuu Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa baasaa tureen ifoomsuun ni yaadatama. Odeessa caasaa keenya irraa mirkaneeffanneen gaafa Onkoloolessa 28, 2025 kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Onoota hedduu keessatti tarkaanfii suukaneessaa waraanni mootummaa Biltsiginaa Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) baanamu ummata meesha maleeyyii irratti fudhateen namoonni lakkofsaan 26 tahan jumlaan ajjeefamniiru.
Akka sanaan Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Ona Shirkaa ganda Jaawwiitti RIB gaafa Onkoloolessa 28, 2025 namoota 14 baadii tokko malee rasaasaan ajjeesaniiru. Onuma kana daangaa laga Waabeeti irratti ijoollee lama (2) barattoota umriin isaanii waraanaaf hin geenye waraanni mootummaa ajjeesee qarqara lagaatti darbateera. Dargaggoonni sadi (3) kanneen biroos waraana mootummaan ajjeefamanii magaalaa Gobeessaatti gaafuma kana gataman. Ona Honqooloo Waabee, ganda Baqaqsaattis namoonni shan (5) Waraana mootummaan ajjeefamanii dirree irratti darbataman. Akkasuma, ganda Arfaatuu keessatti ijoolleen lama (2), qabrii abbaa isaaniif siidaa ijaaraa turan, humnoota mootummaa hidhataniin ukkaamfamani; achi booda bakka addaa Tulluu Biyyoo cinaatti waraana mootummaan ajjeefamanii kuusaa bishaaniitti gatamanii argaman. Godinoota Kibba Bahaa Oromiyaa guutuu keessatti, hidhaa, reebicha, saamicha, qe’ee irraa ari’atamuu fi manneen ummataa jumlaan ibiddaan gubachuun hojii dhaabataa waraana mootummaa akka tahe, yeroo dha yerotti gabaasaalee nu dhaqqaban irraa kaanee ibsaa turuun ni yaadatama.
Kanumaan waliin miseensonni keenya yeroo ammaa sababa tokko malee ejjannoo siyaasa isaaniif godinoota kana keessati hidhamanii hiraarfaa jiran hedduu dha. Isaan keessaa kan ammatti haala fayyaa dhabuutiin dhibee mana hidhaa keessatti isaan mudateen rakkoo ulfaataa keessa jiran, Jaal Abbu Obsee maatii isaa waliim ganna tokkoo oliif mana hidhaa Ona Dugdaatti dararamaa jira. Jaal Abdulsalam Ona Suudeetti haadha manaa fi intala isaa waliin hidhamuun ji’oota 9f dararamaara; Jaal Xahaa Maammad Ona Roobee keessatti hidhamuun dhibeen rakkachaa jira. Ajjeechaa suukaneessaa wal darabee waraana hidhateen ummata keenya irratti tahaa jiruun, dhiheenyuma kana Godina Shawaa Lixaa, Ona Noonnoo, Ganda Haloo Dinkiitti guyyaa Onkoloolessa 19, 2025, humnoota Fannoon ilmaan Oromoo maanguddootaa fi daa’imman dabalatee namoota 25 ol ta’an keessatti argaman jumalaan ajjeefamuu Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa gaafa Onkoloolessa 23, 2025 baaseen ibsuun ni yaadatama.
Waggaa torban darban keessatti, humnootni waraana mootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa fi gareen Fannoo yakka waraanaa ulfaataa fi hammaataa gaggeessaa turaniin, Manneen ummataa gubuun, reeffa namaa ajjeesanii Harretti fe’uu, Reeffa namaa ajjeesanii Mukatti fannisuu, reeffa namaa ajjeesanii awwaalcha dhowwuun Waraabessa nyaachisuu, qe’ee fi qabeenyaa ummataa ibiddaan gubuu, Loon Ummataa jumlaan irraa oofachuu fi kkf yakkota muraasa Waraanni Mootummaa Bilthiginnaa fi Faannoon raawataa turtee fi jirtuu dha. Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahmad, haasaa isaanii Paarlaamaa Itiyoophiyaa gaafa Onkoloolessa 28, 2025 taa’ee oole irratti dubbataniin, “Waraanni Tigraayitti Gaggeeffame Kan Wallagatti gaggeeffame hin caalu, garuu waraanni Tigraay akka addaatti dhaadheffame. Waraanni Tigraayitti gaggeeffamaa jiru waraana bu’uuraa fi bu’aa hin qabnee dha. Mootummaan Federaalaa Tigraay keessatti waraana agaggeessuuf kaayyoos fedhiis hin qabu!” Haasaan MM kun kan agarsiisu akkuma kanaan dura gaafa Tigraay irratti waraana labsan “Waraana Tigraay fixannaan Kan Oromiyaa akka Garbuuti” jedhan sana Oromiyaa fi ummata Oromoo bal’aa ifatti lola dhaabbataa irratti lanbsanii fi waraanaa turanii dha.
Ammas hojiidhuma harka lafa jalaa fi ifatti godhaa turan Paarlaamaa irratti mirkaneessan jennee amanna. No. stm 006/stm/2021 No.: No stm 002/stm/2021 Mootummaa Paartii Badhaadhinaa (PP) humna waraanaa hidhatee ummata nagaa irratti bobbasuun jumlaan fixaa turee fi ammas itti jiru akka dhaabu Addi Bilisummaa Oromoo ABOn gadi jabeessee hubachiisa. “Biyya Mari’atanii ti malee Maraatanii Hin Bulchan” Ummata meesha maleeyyii maqaa garaa garaa itti moggaasuun hiraarsuun aangoon tikfamu hin jiraatu; caalattuu yoo baddu baasuu tahe malee. Lolli mootummaan itti jiru lola ifatti ummata Oromoo bal’aa waliiniiti. Ummata waliin lola keessaa bahuu hin dandeennetti seenuun akka eessanuu nama hin geenye Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebi’ee ibsaa tureera. Kun dhugaa tahuu isaa ammoo “Waraanni Tigraayitti Gaggeeffame Kan Wallagatti gaggeeffame hin caalu” jechuun haasaan MM Paarlaamaa irratti dubbatan lola ifatti Oromiyaa guutuu irratti banan mirkaneessa. Kanaaf, Ummanni keenya guutummaa goleelee Oromiyaa keessaa bakkayyuu Waraana Mootummaa PP fi Finxaaleyyii Faannoon ajjeefamaa jirtan, Oromoon of malee, wal malee qaama itti himatu biraa waan hin qabneef sagalee waliif tahuun bakkayyuu wal bira dhaabadhaan dhaamsa keenya. Addatti Hawaasni keenya biyoota Ollaa fi Alaa gara garaa keessa jiraattan ummata Oromoo bal’aa qe’ee isaa irratti ganamaa galgala ajjeefamaa jiruuf akka sagalee taatanii fi waan danda’amu cufaan bira dhaabbatan waamicha keenya goona.
Mayii irratti, kannen kabajamuu mirga namoomaatti amantan, Dhaabbanii Tokkummaa Mootummoota (UN), Gamtaa Afrikaa (AU) fi dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa, hawaasni Iddil Addunyaa fi Qaamoleen dhimmi ilaallatu keessaa fi alaan jirtan cufti yakka waraanaa ifatti ummata Oromoo irratti dhaabataa tahaa jiru akka dura dhaabbatanii fi balaaleffatan jenna. Akkasumas hidhamtootni siyaasaa yakka tokko malee ejjannoo siyaasa isaaniittiif bakkayuu hidhamanii jiran akka hiikamaniif dhiibbaa barbaachisu akka gootan kabajaan gaafanna. Kanumaan waliin Gargaarsi namoomaa ummata keenya bakkayyuu miidhameef aka godhamu gadi jabeesinee yaadachiifna. Ummata keenya haala suukaneessaan Ajjeefamaniif Rabbiin haa araaramu, maatii isaanii fi ummata Oromoo hundaaf obsaa fi jajjabina haa kennu.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Onkoloolessa 30, 2025
Finfinnee
