Kora Gamtaa Miseensoota ABO Amerikaa Kaabaa (USA fi Canada) kan bara 2025 Adoolessa 31, 2025

Seattle, Washington

Murtii Ejjennoo fi Kutannoole Korrii Gamtaa Miseensoota ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2025 Magaala Seattle, Bulchinsa Washingtonitti geggeeffame milkiin xumurame. Erga Caasaan ABO biyya alaa bifa amma beekamu Kanaan diriirfameetti Korri Gamtaa utu wal irraa hin citiin geggeeffamee as ga’e kun bara kana Waggaa 29ffaa isaati. Kunis calaqqee itti fufinsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuu ta’ee kan harra qabsaa’oti keessatti of ilaalanii fi kan dhalootni dhufummoo seenaa Qabsoo Oromoo iittin baratu ta’ee galmaa’a. Haaluma kanaan nuti miseensotni ABO Kaaba Amerikaa bakkoota adda addaa irraa kora kana irratti hirmaatne hamilee dhaan dhimmoota hojii Qabsoo keenyaa baroottan darbani gilgaallee, danqaalee Dhaabaa fi Hooggana biyya keessatti mudatee turee fi rakkinoota kanammoo hanga tokko akkaata itti irra aannes gad fageenyaan sakattaanee ilaallee, bakka harra irra geenyee jirrus xinxallee hubatnee, adeemsa itti aanuf immoo karoora tolfatne yeroo as deemu kanatti karoora keenya bakkaan ga’uuf kannneen nu dandeessisan murti ejjennoo fi kutannoolee dabarfatne. 1. Faallaan ykn danqaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo inni bu’uraa Sirna Impayera Itophiya kan yeroo ammaa gartuu Badhaadhina jedhee of waamuun durfamu yoomuu caalaa badii biyya keenya irratti bifa hundaan geessisaa jiruuf itti gaafatama jalaa akka hin baane akeekkachiisaa dhumaati sirnichi gama waraanaa, buqqa’insa ummataa fi beelaan geessisaa jiru hunda ni balaaleeffana. 2. Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo ta’un abdi saba Oromoo waan ta’eef Hogganummaa ABO jalatti hiriiruun deeggersa barbaadamu kan bifa hundaa dachaan gumaachuuf waadaa Keenya haaroomsine. 3. Kora Sabaa shanaffaa dhaabni Keenya ABOn itti qophaa’a jiru Kora Finfinnee keessatti taasisamuuf deemu kan seenaa Oromoo keessattis bakka addaa qabatuuf deemu ta’u hubannee, milkaa’ina Kora Sabaa ABO Shanaffaaf deeggersa bifa hundaan feesisu dhiihessuuf waadaa galle. 4. Nagaa Waaraa Oromiyaa guutuutti argamsiisuun dhimmoota hunda caalaa dursa qabaatuu qabu waan ta’eef biyya kana keessatti nagaa guutummaa argamsiisuuf, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) furmaatni siyaasaa didamu irraa dirqamee lolatti seeneef deebii ga’aa kennuun lola Oromiya baroota 6 oliif barbadeessa as ga’e gara nagaatti fiduuf Mootummaan Abiy Ahmed lola dhaabee WBO waliin dhibdee jiru karaa nagaa maree fi waligaltee hunde-qabeessaan akka xumuru gad jabeessinee gaafanna. 5. Bulchinsi Abiy Ahmed tooftaa siyaasa dhokataa hordofuun waa’illan isaa warra Kaaba waliin firoomuuf jecha injifannoolee Ummatni Oromoo hogganumma ABO jalatti hanga harraa gonfate duubatti deebisuuf tattaaffiin inni taasisu ifatti as bahaa dhufuun Saba Oromoo fi kanneen biro birattiis waan ifatti hubatameef, gochaa Abiy Damaa Danataa Siaasaa fi Jaarma: ddjsba@oromoliberationfront.org www.oromoliberationfront.org Ahmed mirgoota hanga harraatti Oromoon gonfate haquuf taasisu yoomu fudhatama akka hin qabne hubachiisaa badii kanarraahiis akka dhaabbatu akeekkachiisna. 6. Maqaa “Maree Biyyooleessaa” jedhu aguuggatuun gartuun “Komiishina Maree Biyyooleessa” jedhamu kan Mootummaa Abiy Ahmediin utubameefi gartummaan isaas Parti Badhadhina kan Biyya bulchina jedhuuf ifaatti kan loogu, ajandaan dhoksaa maqaa maree uffatee as bahe kuni ajandaa Oromia diiguu fi mirgota Sabni Oromoo hanga harraatti argate haquuf kan karaa tolfataa jiru ta’uun ifatti saaxilamee waan jiruuf akkaata itti Komishinni kun utubame, Aangoon Komishina kanaafis kennamee fi akkasummaas itti bahinsi murtee Komishina kanaa hunduu Nagaa fi Tasgabbii biyyichaa fiduu irratti kan xiyyeeffate osoo hintahiin, kan diigga federalisimii sabdaneessaa irratti xiyyeeffate waan ta’eef, murtiileen Komisishina Kanaan dabran kan Sabaa fi Biyya Oromoo hin ilaallanne ta’uu ifatti labsaa, gochaa diigga kanaas gad jabeessinee balaaleeffataa hanga shirri kun fashalaa’utti cimsinee dura dhaabbanna. 7. Mareen biyyooleessaa hunda hammatee fi iftoomina qabu akka Yaadaatti barbaachisa ta’uun duraanu itti amanamee waamichi jalqabaas kan taasifame ABO irraa ta’u waan beeknuuf adeemsa maree akkasii dhugoomsuuf waliigalteen karaa bakka bu’oota Saba fi sab-lammoota, party yeroo ammaa biyya bulchu dabalatee humnoota Siyaasaa biyyattii keessa jiran hundaa, maanguddoota biyyaa, abbooti amantaa fi Jaarmiyaalee Haawaasaa (Civic Organizations) kan dabalatu ta’ee, Koomishinni Maree qaamni dhimmi ilaallatu (Stakeholders) hundinuu irratti waliif galaniin utubamee mareen sobaa hanga ammaatti qajeelfama PP duwwaan hundeeffame kun haqamee mareen dhugaa kan nagaa waaraa fidu akka taasifamuuf waamicha goona. 8. Tooftaan Sabaa fi Sablammoota walitti buusuun Aangoo dheereffatuu motummaa EPRDFn waggoottan 27 oliif dhimma itti bahamaa ture ammas ilmoo isaa PP dhaan itti fufee Dangaa Oromiya Saboota ollaaf dabarsee kennaa jiru, tooftaa dulloomaa kan Saboota ollumman nagaan jiraata turan walitti buusuun aangoo dheereffatuuf murtee Dabaa daanga Oromiyaa gama biraatti kutee kennuun hokkara hin feesisneef biyya keenya qopheessaa jiru kana balaaleffachaa, murteen daangaa Oromiyaa gama kamiinuu sharafee olloota saba Oromotti dabarsee kennu kun hatattamaan akka haqamu akeekkachiisna. 9. Oromiyaan Waggoota jahan dabraniif dirree lolaa taate, haala nageenyi guutummaa Biyyaas boora’ee sabni Oromoo wabii nagayaan bahee galuu dhabe keessatti parti Badhaadhinaa/PP inni biyyaan bulcha (Ruling Party) jedhu furmaata fiduu akka hin dandeenye hubatamaa waan ta’eef, nagaa Oromiyaa fi akkasumas biyyattii guutuu keessatti argamsiisuuf yaada furmaataa ABOn KFO waliin ta’uun dhiheesse hatattamaan akka gara hojiitti hiikamu hubachiisna. 10. Mootummaan Abiy Ahmad fi Paartiin isaa PPn dhaadannoo irraa kan hafe dirree Siyaasaa balli’isee, yaada humnootni siyaasaa biyyattii keessa socho’an dhihessaniif gurra kennuu dhabuun furmaatarra badii caalutti tarkaanfataa ooluun ifatti mullatee Ummatni biyyitti guutumaatti qaala’insa jireenyaan, gaaga’ama waraanaa fi waluma gala hiyyumaan qabamee haala jiru keessatti ammallee Biyyatti waraana dabalataatiif qopheessuuf tattaaffiin mumul’ataa jiraachuun waan ifa ta’aa dhufeef Biyya kana ammaas waraana hin feesifneef saaxiluun yakka ta’uu hubachiisaa, ololli waraanaa (war mongering/belligerence) dabballootni PP itti jiran akka dhaabbatuu fi dhibdeeleen naannawichaa mareen akka hiikaman dhaamna. 11. Nagaa waaraa Oromiyaa, Itoophiyaa fi Ganfa Afriikaa guutummaattu fiduuf ga’een Saba Oromoo fi Jaarmiyaalee Siyaasaa Oromoo murteessaa ta’uun hubatamee waltajjiin Siyaasaa bilisa ta’e ABO, KFO fi kanneen biroo hirmaachisu furmaata bu’uraaf murteessa ta’uun hubatamee uggurraan sochii Siyaasaa Jaarmiyaalee irratti taasifamu akka dhaabbatu gaafatna. 12. Duulli ABO moggeessuu irratti xiyyeeffatee taasifamaa as ga’e farra nageenyaa fi dimokraasi ta’uun hubatamee yakki mootummaa kanaan Hoogganoota ABO ugguruu, hidhuu, biyyaarra baasuu fi ajjeesuus dabalatee taasifame yakka mirga namummaa irratti raawwatamee fi imaammata mootummaa abba Irree waan ta’eef Damaa Danataa Siaasaa fi Jaarma: ddjsba@oromoliberationfront.org www.oromoliberationfront.org humnootni Siyaasaa, Biyyootni Aanga’oon gama dhihaa fi hawaasni Adunyaa (International Community) nagaaf dhaabbatan hundi gochaa Mootumma PPn raawwatamu kana akka balaaleffatani fi dhiibba barbaachisus taasisan gaafatna. 13. Korri keenya, Korri Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa haala sochii humnoota siyaasaa fi gartuulee adda addaa moora Siyaasaa Oromoo keessa deddeema jiran gad fageenyaan hubatuuf yaalii taasise keessatti hariiroo humnoota Siyaasaa Oromoo giddu jiraachuu maluuf yaada furmaataa akeekun dura Yaadni/Ajandaan haaraan kan qaamota adda addaa kanaan akka mata duretti irratti mari’atamaa jiru ajandaa Siyaasaa kan bu’uraa ABOn hin kaasin tokkollee waan keessatti hin argineef humnootni Siyaasaa Oromoo Kaayyoo bu’uraa ABOn lafa kaa’e jalatti hiriiruun adda addumma dhiphisani humnaa fi qabeenya qisaasu irraas dhaabbatuun tokkummaa Qabsaa’otaa gama tokkotti luuccessuu irratti akka hojjetan waamicha goona. 14. Gartuuleen Siyaasaa Oromoo tokko tokko kan bifa adda addaan sochii taasisan gariin bu’aa fi daldala siyaasaa yeroo gabaaf jecha diina innikkaa waliin hariiroo toofta (tactical alliance) tolfatuuf jecha diina lagachuuf (appeasement) yaaliin taasifamu bifa kamiinuu kan Oromoo hin fayyadne ta’u hubatanii hariiroon isaan tolfatuu malan inni duraa humnoota Siyaasaa Oromoo fi Jaarmiyalee Oromoo waliin akka ta’u yaadachiifna. 15. ABOn Jaarmiyaa Siyaasaan Oromoyyu ittiin beekkamu, qaama offifis Saba Oromoofis dubbatuu danda’u ta’uun isaa utuu beekkamuu namootni fi gartuuleen ajandaa haara hin qabne garuu maqaa Oromoon walitti dhufan ABOf qajeelfama kennus kan habbalanii fi bakka Jaarmiiyan keenya hin oliinitti beekkamtii isaa malee bakka hin feesisnetti ykn bakka dhaabichi hin argaminitti argameera jechuun lallaban hookkara hin feesisne kanarra dhaabbatani Ajandaa isaani duwwaa akka geggeessatan hubachiisna. 16. Gartuuleen yeroo adda addaatti maqaa jijjiirratuun garuu waanuma tokko oofan badii baroota 2016, 2017 fi 2018 taasisan irraahiis baratuu hanqachuun ammallee bara 2025 keessa waanuma dabre sana irra deebi’aa jiraaachuun mullataa akka jiru hundaafu ifa galaa ta’a waan dhufeef kanneen kufaati 2018 Saba Oromo irra geessisanii ammas kufaati wal fakkataaf saba Oromoo qopheessaa yeroo isaan jiran kana keessatti Qabsaa’otni Oromoo fi ABOn akka callisee hin ilaalle fi sochii barbaachisu akka goonus hubachiisna. 17. Dhuma irratti mooraa QBO gabbisuufi tokkummaa qabsaa’otaa jabeessuuf hariiroon dursi kennamuufi qabu wal deggersa Jaarmiyaalee Oromoo bilisa ta’ani waan ta’eef kanneen akka dhuunfaattis ta’e akka gartuutti bu’aa yeroo gabaabduuf jecha diinota tarsimoo (strategic enemies) QBO waliin wal ta’insa gochuuf tattaafattan dogogorra seenaa akkasiirra akka dhaabbattan irra deebinee waamicha lammummaa isiniif goona.

Injifatnoo Sabaa bal’aaf!

Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2025

Adoolessa 31, 2025 Seattle, Washington