Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2026

 

Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2026

Miseensotni, Hogganootnii fi Qondaalotni ABO, Qabsaa’otni Bilisummaa Oromoo cufti, deggertootnii fi firootni qabsoo bilisummaa Oromoo, ummatni Oromoo bal’aa fi lammiileen Oromiyaa waa hunda dura baga bara haaraa 2026 nagaan geessan, waliinis geenye jechaa hawwii qabnu dabarsina.

Barri haaraan kun ummata Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara haqii fi dhugaan isaa bakka argatee ummanni keenya dararaa jalaa bahu, jireenyi gadadoo kun irraa darbee bara itti mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabnu dabarsina.

 

Barri moofaan gaariis ta’u hamaa, rakkoos ta’u bal’oo qabatee yoo darbu, isa haaraatti ammoo abdii haaraa irra kaa’atuun waanuma jiruu dha. Kana waan ta’eef, yeroo kam iyyuu abdii keenya guddifachuu fi yaaddoo jiru xiqqeessuuf yeroon itti irbuu keenya haaromsannuu fi jabaannee hojjechuuf itti waadaa gallu seensa bara haaraawaa irratti ta’uun beekamaa dha. Kanaaf irbuun keenya yoom illee haarawaa, abdiin keenyas guddaa ta’uu wal irratti abdanna.

 

Dhaaba keenya ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo dhaabichi hoogganuuf barri xumurre kun akkuma baroota darbanii kan keessatti injifannooleen siyaasaa gonfataman, gufuulee ykn didhaaleenis itti mul’atanii darbee dha. Dhiibbaan mootummaa PPn dhaaba keenya ABO irratti geessisamu bara 2025 xumurre kana keessas akkuma baroota darbanii itti fufuun dhugaa dirreetti mul’atuu dha. ABOn sodaa fi bir’annaa tokko malee bilisummaan hojii siyaasaa akka hin geggeessine danqaaleen duraan turan itti fufan malee hin dhaabbatne. Hidhaan miseensotaa fi deggertoota keenya irratti geggeeffamus akkasuma.

 

Didhaaleen ykn gufuuleen jiran hedduu ta’anis ABOn harka isaa maratee hin teenye. Haala jiru keessatti sochii qabsoo karaa nagaa tarkaanfachiisuuf ijibbaata godhuun hojiilee mul’atoo hojjetaa jira. Bara 2025 xumurre kana keessa carraa banamuu Waajjira Muummee Gullalleen, ABOn hojii jaarmaa jajjaboo hojjeteera. Leenjii haaromsaa fi hubannoota miseensotaa fi qondaalotaaf kennuun hojiitti bobbaasee dirqamoota itti aananiifis qopheesseera. Hojii dadammaqinaa bal’ina qaban hojjeteera; hojjetaas jira. Kunis bal’inaan kan itti fufu ta’a.

 

Dhiibbaa siyaasaa fi shira dhaabicha irratti dalagameen, rakkinoota adda addaa dhaaba mudatan keessaa jaarmayicha baasuu fi deebisanii jabeessuuf, haaromsuu fi hojii qabsoo bifa barbaadamuun itti fufsiisuuf  Gumiin Sabaa ABO walgahii isaa dhaabbataa 3ffaa geggeeffatee murtii fi kutannoolee dhaabicha dandamachiisan, sochii egereef qopheessan dabarsuun gudunfatuunis milkiilee bara 2025 keessa argaman keessaa isa tokko dha.

 

Haala kana keessatti har’a illee, Waajjira Muummee Gullallee irraa kan hafe hanga guutuu biyyaatti waajjirootni ABO akkuma cufamanitti, qabeenyi isaas seeraan alaa fi ajaja mana murtii malee mootummaa PPn saamamanis osoo gadi hin dhiifamin hanga har’aatti uggura jalatti argamu. Kun hundi kan ta’eef, ABO dadhabsiisuu fi deemsa qabsoo ummata Oromoo danquu irratti kan fuulleffate ta’uun mirkanii dha.

 

Gama ummata keenyaan, roorroon waggoottan darban irra geessifamaa ture bara xumurre kana keessas hammaatee itti fufuun, ummatni keenya cunqursaa fi gidiraa ulfaattuu keessummeesseera. Maqaan adda addaa itti maxxanfamee qe’ee isaa keessatti ajjeefamuun, hidhamuun, saamamuu fi ari’atamuun isa mudateera. Maatiin ijoolleen osoo hin hafin haala suukanneessaan ajjeefamanii balballi banaatti hafeera. Har’allee ummatni keenya nagaa dhabee goolamaa jiraataa jira. Waraanni qe’ee Oromoo dhaale nagaa dhorkatee, jiruu fi jireenya ummata keenyaa balaa ulfaataa irra buuseera. Dhiigni qulqullootaa gadi naqamaa jira. Gaddi qe’ee Oromoo dhaaleera. Kanaan roorroon, gidiraan, cunqursaan daangaa darbe ummata keenya irratti wal qarqabeera. Ummatni keenya wabii jireenyaa dhabeera. Kun dhimma ulfaataa furmaata isaaf tokko tokkoo Oromoo ilaallatuu dha jennee amanna.

 

Bara xumurre 2025 kana keessa akkuma duraanii qormaataa fi gaaga’ama guddaa kan ummata Oromootti fede keessaa inni biraan itti fufiinsaan weerara daangaa Oromiyaa irratti geggeeffamuun walqabatee lubbuu ummata keenyaa dhabamuu fi buqqaatii lammiilee kumoota hedduu dhaqqabsiisaa jiruu dha. Akka sanaan guutummaa goleelee Oromiya cufa keessatti sadarkaa jedhamuun, addatti Godinoota kanneen akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Giddu-gala Oromiyaa Lixa Shaggar, Baha Shaggar, Kaaba Shaggar, Baha Oromiyaa, Kibba Oromiyaa Boorana irraan, Kibba-baha Oromiyaa fi kanneen biroo keessatti weerara baba’ifannaa lafaa finxaaleyyii Faannoo fi humna addaa naannoo Sumaaleen ummata keenya irratti geggeeffamaa jiruun ilmaan Oromoo baay’een ajjeefamanii, kumoota dhibbaan qe’ee isaanii irraa buqqa’anii dirreetti hafaniiru. Akeekni weerara kanaa qe’ee Oromoo irraa qabeenya boortaan saamuu fi babal’ifannaa lafaaf daangaa Oromiyaa cabsanii lafa Oromoo dhuunfachuu dha. Weerara humna alagaa dhaabuu fi lafa isaa alagaa irraa dhorkatuuf ummatni keenya gamtaan dura dhaabbatee falmatuu malee furmaata biraa fi qaama eeggatu tokko illee akka hin qabne jabeessinee hubachiisna.

 

Humni Oromoon qabu inni guddaan tokkummaa isaa ti. Kanneen Oromoo cabsuu fi diiguu barbaadan humna isaa kana laaffisuu fi diiguu irratti hojjetu. Ummatni keenya haala kana hubachuun, karaa hundaan tokkummaa isaa eeggatuu fi jabeessuu irratti akka hojjatu dhaammanna.

 

Kanneen galii qabsoo Oromoo gufachiisuu barbaadan waan irratti xiyyeeffatan keessaa inni biroon sab-boonummaa Oromummaa ti. Sab-boonummaan Oromoo saba Oromoof falmuu fi saba Oromoof quuqamuu dha. Kun akka yakkaatti ilaalamee karaa adda addaan yeroo sab-boonummaa Oromummaa diiguuf ifaajeen godhamu ni mul’ata. Ummatni keenya kana hubatee sab-boonummaa isaa tikfatuu fi caalaatti jabeessuuf akka hojjetu hubachiisna.

 

Akkuma hubatamu ololootnii fi duulotni adda addaa duree qabsoo Oromoo ABO fi qabsicha irratti geggeeffamu bal’aa dha. Akeekni ololoota kanneeniis ifaa fi mul’ataa dha. Kanneen ABO fi qabsoo inni hoogganu irratti ololanis eenyu faa akka ta’an, maal barbaadu inni jedhus beekamaa dha. Kun bakka qabsoon bilisummaa Oromoo irra gahee jiruu fi hojii ABO hubatuu dhabuu ykn ammoo jibbiinsaa fi farrummaa irraa kan madduu dha. Duulli ololaa fi shirootni geggeeffamanis ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoolee gugurdaa galmeessanii, dallaa shiraa hedduu diiganii as gahan taakkuuf illee deemsa isaanii irraa gufachiisuu fi dhaabuu akka hin dandeenyes hiree kanaan hubachiisna. Miseensotnii fi deggertootni keenya, akka waliigalaatti ummatni keenya, ololoota farrummaa ta’e jedhamee yero yeroon bixxilamee gadhiifamuun osoo hin qabamnee fi yeroo ofii osoo itti hin gubin, hojii qabsoo fi dirqamoota keenya raawwachuu qofa irratti akka fuulleffannu wal hubachiisna. Nama beekaa rafe hirribaa dammaqsuun ni ulfaata! akkuma jedhamu, farreen qabsoo Bilisummaa Oromoof deebii kennuu irra hoji manee mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa nu eeggatu hojjachuutu dhimma keenya yeroon gaaffattuu dha.

 

Akka waliigalaatti biyyattiin rakkinoota ulfaatoo fi walxaxoo adda addaatiin hudhamtee, ummatootni gidiraa fi dhiphuu hamaa keessatti kufanii jireenya gadadoo jiraachuun waggaa xumurre kanattis hireema isaanii ta’ee itti fufeera.

 

Karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan xaxaa fi kufaatiin jiru yoo hammaatuu malee hin furamne. Waldhibdeen siyaasaa fi lolootni Oromiyaa dabalatee guutuu impaayerattii dhuunfatee jiruu fi dirreen siyaasaa dhiphatuun jeequmsa, diigumsa irra hammaataa fi kufaatii maddisiisaa jiraachuun isaanii waan dhokataa miti. Kanaan walqabatees kufaatiin dinagdee fi qaala’iinsi jireenyaa akkaan hammaatuun lammiileetti jireenya hadheesseera.

 

Mootummaan PP aangoo isaa cimsatuuf dhiibbaa fi ukkaamsaa babal’isuu, mirga lammiilee sarbuun yakka raawwatuu malee, dhibdee siyaasaa fi maddoota rakkinaa karaa qaroomeen, dhugaan furuuf hanga ammaa murannoo qabu hin argamsiisne. Kun ta’uu irraa hubaatiin caalu karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan dabalaa jira. Mootummaan PP dhibdee siyaasaa biyya kana hudhee qabe, boora’iinsa siyaasaa nagaa biyya irraa fageesse kanaaf, qulqullummaan gadi taa’ee qaamota dhimmi ilaalu waliin marii nagaa furmaata waaraa argamsiisu akka geggeessu ABOn irra deebi’ee yaamicha isaa haaromsa. “Achiin geenyeen tika hin taatu” akkuma jedhamu dibbee sobaa fi sossobbaan kabeebsaan, fakkeessaa fi haasaan miidiyaa irraa dhibdee biyya kanaa hin furu jennee amanna.

 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n haala walxaxaa fi ulfaataa akka dhaabaattis tahe akka ummatatti ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa keessa darbanii fi jiran, gidiraa fi roorroo keessaa bahuuf furmaanni, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo, dimokraasii fi walqixxummaa fiixa baasuuf qabsoo keenya jabeessuun daandii filannoo biraa hin qabne ta’uu hubachiisa. Roorroo fi gidiraa, gaaga’ama akka sabaatti nu irra gahaa jiruuf osoo hin jilbeenfanne, tokkummaa keenya walitti qindeessinee hojjechuun, biyya keenya irratti nagaan jiraachuuf akka warraaqnu irra deebinee dhaamna.

 

Qabsaawotni, miseensotnii fi deggartootni ABO  keessaa fi alatti argamtan dirqamni qabsoo fi didhaan fuula keenya dura jiru akkaan jabaa tahuu hubattanii, jaarmayaa keessan daran cimsuu, tiksuu fi dirqama dhaabaa dachaan ba’atuuf akka sossootan, karaa barbaachisu maraan dhaaba keessan akka jabeessitan, cina dhaabbattan hiree kanaan isin hubachiifna.

 

Ammas irra deebi’uun barri haaraan kun ummata Oromoo bal’aa fi lammiilee Oromiyaa maraaf bara ajjeechaa, roorroo fi gidiraan irraa dhaabbatu, haqnii fi dhugaan barootaaf awwaalame bakka argatee ummanni keenya mataa ol qabatee biyya isaa irratti bilisummaan, Oromiyaa nagaa fi tasgabbii qabdu keessa jiraatu akka tahu hawwii qabnu dabarsina. Barri bara milkii fi injifatnoo nuuf haa ta’u.

 

 

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Mudde 31, 2025

Finfinnee