
Sadaasni 9 Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti Guyyaa Iddoo Ol’aanaa Qabuu fi Bara Baraan Yaadatamuu Dha!
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Miseensotnii fi deggertootni ABO, akkasumas ummatni Oromoo bal’aan baga Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) kan bara kanaa 2025 ganna 20ffaa isaan isin gahe, waliin nu gahe jenna.
Sadaasni 9 qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhufaatii seenaa mataa isaa qaba. Oromoon diddaa roorroof, diddaa cunqursaa fi diddaa gabrummaaf kan falmuu eegale gaafa humna alagaan cabee biyyaa fi mirga isaa sarbamee qabee ti. Bifa faffaca’aniis, ijaaramees falammii gosa adda addaa humna alagaa isa weerare irratti geggeessaa jiraate.
Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti sochiilee ummatni Oromoo bittaa alagaa jalaa ba’uuf taasise baroota waliin tokko lamaan galmaa’anii jiran. Kanaaf Oromoon mirga isaaf, biyya isaaf, bilisummaa isaaf kan falmuu jalqabe barri isaa as kaluu kana akka hin taane hubachiisuufi.
Finciloota bittaa alagaa mormuu fi diddaa gabrummaaf Qeerroon dargaggootni/barattootni, waliigalatti ummatni Oromoo bal’aan baroota as dhihoo kana geggeessee fi diddaa waliigalaa maddisiisuun olaantummaa bittaa abbaa irrummaa TPLFitti xumura godhe kan itti jalqabe waggaa 20 har’aa Sadaasa 9 bara 2005tti.
Sochiin Fincilla Diddaa Gabrummaa (FDG) Sadaasa 9, 2005 jalqabe sun akka tasaa kan eegale osoo hin taane, hojii ijaarsaa ABOn fi sab-boontotni ilmaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa gadjallaa irraa hanga dhaabbilee barnootaa ol’aanoo Kolleejjotaa fi Yunversitoota hunda irratti akkasumas caasaalee adda addaa keessatti ijaaraa tureen fincilli Sadaasa 9 mul’ate.
Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti kabajaa saba Oromoo fi eenyummaa Oromummaa tiksuuf sochiilee taasifaman keessaa tokko Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9, 2005 bifa qinda’aan eegalamee fi gaggeeffamee dha. Diddaan sun labsii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n kan eegalame yoo ta’u, ilmaan Oromoo, gootowwan barattoota Oromoo fi qabsaawoti bakka jiran mara waamicha dhaaba isaanii ABO irraa isaan dhaqabe ofitti fudhatuun mormii eegalan.
Yeroon isaa yeroo filmaataa kan bittootni Itoophiyaa dachee fi qabeenya Oromoo irratti waldorgoman waan tureef, dhohiinsi FDG waldorgommii humna bittootaa gidduutti deemaa ture busheessee, Oromoon gaaffii mataa isaa, gaaffiilee hundee tahan, Gaaffii Bilisummaa,Walqixxummaa fi gaaffii mirga hiree murteeffatnaa akka qabu addunyaa hubachiise. Barattootni, dargaggootni/qeerroo fi sab-boontotni ilmaan Oromoo kutatoo fi muratoon labsii dinne didaa ABOn labsameef awwaatanii ofitti fudhatan “Ummatni Oromoo sochii siyaasaa biyyattii keessatti deemaa jiruuf duree ta’uu qaba; Oromoon mirga isaaf qabsaa’uuf eenyu irraa iyyuu eeyyama hin gaafatu!” jechuun sagalee diddaa dhageessisuun fincilatti seenan.
Oromoon Kaabaa-kibbatti, Bahaa-dhihatti akkasumas Walakkeessa Oromiyaa mara keessatti diinaa fi lukkelee diinaa diduu qofa osoo hin taane, taa’uu fi ka’uu dhorke. Manneen barnootaa magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa keessaa ibiddi diddaa gabrummaa ni finiine. Humnii fi caasaan sirna cunqursaa ni burjaajawe.
Fincilli Sadaasa 9 dhohe Wayyaanee fi ergamtoota isaaniitti rifaatuu guddaa uumuu fi abjuu itti ta’uu irraa warraaqsicha dhaamsuuf, ummata Oromoos hamilee cabsuuf ilmaan Oromoo qaqqaalii ajjeesuu fi hidhaatti guuruu murteeffatan. Warraaqsa sanaan wal qabatee yeroo duraaf barattoota Oromoo Amboo lama ajjeesan. Akka sanaan barattootni Oromoo qalamaa fi waraqaa callaa of harkaa qaban Jaagamaa Badhaanee fi Kabbadaa Badhaasaa Sadaasa 09, 2005 wareegamuun guca FDG tahanii duuka buutota miliyoonota horachuun seenaa jiraataa galmeessanii darban.
Qabsoo qeerroo/dargagoota, barattoota Oromoo fi ummata bal’aa Oromoo hirmaachisee sirna nama nyaataa EPRDF/TPLF/OPDO hundeen raase sana kolaasuuf tarkaanfiin ajjeechaa qeerroo qarayyoo sabaa irratti tahe sun, daranuu laboobuun fira garaa ciibsee diina mogolee buuse malee gaaffii Oromoo ukkaamsuu hin dandeenye. Inumaayyuu Oromoon, ilmaan isaa barattootni aarii fi xiiqiin warraaqsa jabeessan. Wareegamuun barattoota kanneenii guutuu Oromiyaa keessatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo hanga gadiitti ibidda warraaqsaan guutamanii, mootummaa abbaa irree wayyaanee/EPRDF akkaan guggube. Sagaleen roorroo, cunqursaa fi gabrummaan mormu, sagaleen bilisummaa, mirga abbaa biyyummaa fi hiree murteeffannaaf daran guddatee dhaga’ame.
Barattooti Oromoo Yuniversitii adda addaa walitti gurmaa’uun ejjennoo dhimma biyya isaanii Oromiyaa irratti qaban ifaan addunyaatti dhageessisan. Keessumaa haala Oromiyaa fi Itoophiyaa siyaasa biyyichaa irratti xalayaa murteessaa fi dhageettii qabu barattootni Oromoo Yunversitii Jimmaa mootummichaa fi qaamota adda addaaf barreessan hin dagatamu.
Barattooti Yuniversitii Jimmaa xalayaa kanaan rakkoo biyyittii keessaaf furmaata yeroo gabaabaa fi dheeraa akeekan. Adeemsi bilchaataa fi qinda’aan sun mootummaa abbaa irree Wayyaanee akka malee rifachiisuu fi sodaachisuu irraa, gara lafina tokko malee tarkaanfii humnaa barattoota meesha maleeyyii irratti fudhatuun ajjechaa lubbuu fi qaamaa hir’isuu dhaqqabsiise. Kun tahus warraaqsa barattoota Oromoo dhaamsee awwaaluu hin dandeenye.
Fincilli Diddaa Gabrummaa daran waggaa irraa waggaatti jabaachaa, caasaa fi damee isaa babal’ifataa adeeme. Dargaggoota, barattoota, qaamota hawaasaa hunda irratti hojii ijaarsaa daran cimsanii hojjechuun dalagaa bu’uuraa ABO ta’e. Sochiin barattootaa/dargaggootaa daran akka jabaatu, lafa qabatuu fi jaarmaan akka mul’atuuf, bara 2011tti ABOn jaarmaa dargaggootaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo yayyabe.
Diddaa Master Pilaanii Magaalaa Finfinnee qindeessummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon fincilli bara 2014 Ambootti dhohe osoo adda hin citin FDGn gara FXGtti ce’uun warraaqsi guutuu ummata Oromoo hirmaachise haga 2018 finiine sun murna aangoo mara dhuunfatuun cunqursaa dorgomaa dhabe ummata Oromoo fi sabaa fi sab-lammoota biyyattii hunda irraan ga’e wayyaanee/TPLF aangoo irraa buusuun Tigraayitti deebisuu danda’eera.
FGDn waggoota 20 dura ilmaan Oromoo qaroo fi muratoodhan qabsiifamee kumaantama hedduu of faana hiriirsuun gaggeeffame, Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhalchee fi warraaqsa guutuu biyyaa dhoosuun TPLF Oromiyaa keessaa hundeen buqqise, injifannoolee hin tuffatamne galmeesseera; Qabsoo bilisummaa Oromoo sadarkaa addaatti ol kaaseera.
Goototni Oromoo warraaqsa kana keessatti wareegaman jaalalaa fi kabaja bilisummaa sabaa, lammiilee Oromiyaa fi walabummaa biyya isaaniif qaban akkasumas jibbaa fi hadheeffannaa gabrummaa fi gabroomsaaf qaban agarsiisuuf lubbuu takkittii qaban odoo hin mararfatin seenaa jiraataa galmeessanii darbaniiru.
Falmaalee kana keessatti lubbuun qeerroo fi qarree Oromoo, kan sabboontotaa fi qabsaawotaa kumoota kudhanootaan darbeera. Akeekni qabsoo fi diddaa/warraaqsi qeerroo/qarree fi qabsaawotni lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne itti kafalan sun butamee karaa irraa maqe. Kanaanis hanga guyyaa har’aatti ummatni keenya, addatti murni hawaasaa jijjiirama kana fiduuf gatii lubbuu olaanaa kennan ka’imman keenya maqaan adda addaa itti maxxanfamee kumootaan ajjeefamuu, hidhamuu fi ari’atamuun hiree isaanii ta’ee argama. Ummatni keenya roorroo alagaan roorrifamuu, gidiraa jiruu fi jireenyaan gaadi’amuu, cunqursaa fi saaminsa ija baaseen hararaafamuu, qe’ee isaa irratti ajjeechaa fi hidhaa jumlaa keessummeessuuf dirqamee jira.
Har’a wayta guyyaa yaadannoo FDG ganna 20ffaa Sadaasa 9 kabajnu gootota kutatoo fi muratoo mirga sabaa fi biyya isaaniif jecha wareegamaniin boonaa, kabajaa hundaa olii isaaniif qabnus ibsaa, gama biraatiin ammoo akeekni isaan irratti kitimaa tahan sun ammallee galii isaa maayii akka gahuuf galfatni nu irra jiraachuu ofitti fudhannee, beeknee galmaan ga’uuf akkasumas akeekaa fi kaayyoo qabsoo ummata Oromoo ABOn qabatee qabsaa’u fiixaan baasuuf waadaa qabsoo irra deebinee Irbuu keenya haareffachuun ta’a.
Ummatni Oromoo keessaa fi alaa wayta yaadannoo Sadaasa 9 guyyaa FDG ganna 20ffaa kabajatu, akeekni goototni keenya itti kitimaa tahan amma haala maalii keessa jira? Haalli ammaa egereef hoo garamitti deema? kan jedhu ofii fi wal gaafachuudhaan furmaataafis hojjechuu gaafata.
Haalli wayta ammaa Oromiyaa, Itoophiyaa keessaa mul’atu, guutummaa godinichaatti muddamsuun uumamee jiru jeequmsa siyaasaa walxaxaa, yaaddoo nageenyaa fi balaa hin hawwamne maddisiisuu akka danda’u ni hubatama. Haala akkasii keessatti akka Oromootti, akka lammiilee Oromiyaatti qabsoo Oromoo fi injifannooleen wareegama goototaan argaman duubatti akka hin deebine harka walqabannee tikfatuu fi isa hafeef daran ijaaramnee, jabaannee hojjechuun furmaata filannoo biraa hin qabne ta’uu walhubachiisna.
Maayii irratti wareegama ilmaan Oromoon barootaaf baafamaa ture addattis sochii seena qabeessa FDG fi sanaan asittis gaggeeffameen wareegama baafameef gumaan isaanii, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn gaggeeffamaa jiru milkeessuu fi bakkaan ga’uun waan ta’eef, ummatni Oromoo keessaa fi alaan akkuma armaan duraa dhaaba isaa ABO karaa isaaf danda’ame cufaan cina dhaabbataa ture, ammas akka jabeessuu fi bira dhaabbatu waamicha goona.
Sadaasni 9 guyyaa yaadannoon Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara baraan ni yaadatama!
Ulfinaa fi kabajaan bara baraa gootota wareegamtoota Oromoof haa ta’u!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 08, 2025
