Du’aan Of Biraa Dhabuu Qabsooftuu Aadde Addisee Gannatii Nagarii Irratti

 

 

Du’aan Of Biraa Dhabuu Qabsooftuu Aadde Addisee Gannatii Nagarii Irratti

Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Miseensaa fi qabsooftuu waggoota dheeraaf qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qooda olaanaa kennaa turte, Jaal Addisee Gannatii Nagarii du’aan addunyaa kana irraa boqachuun isheef gaddi itti dhagahame akkaan ol aanaa dha. No.: No stm 002/stm/2021 Haati warraa jaal Dr. Taaddasaa (Fidoo) Eebbaa jaal Addiseen dubarrii kutattuu fi murattuu umrii ishee guutuu Qabsoo Oromoo cina hiriiruun qooda ishee irraa eeggamu bahataa turtee dha. Nama jireenya ishee guutuu saba isheef jiraataa turte, dubartii jabduu bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf, akkasumas haqaa fi walqixxummaa dhugoomsuuf of wareegdee falmatee dha. Jaal Addiseen bara 1970moota keessa ABO keessatti hirmaachuun qabsoo dhoksaatiin, aadaa, afaan, seenaa Oromoo guddisuu cinatti qabeenyaa isheen Qabsoo Bilisummaa Oromoof qooda ol aanaa kennaa turte. Dirqamoota hedduu ofitti fudhataa turteenis, Mana isheetti qabsaa’ota hedduu diina jalaa miliqsuun, deeggarsa kennuu fi dhoksaan hojii dhaaba irraa qooda fudhataa turte.

Murannoo fi kutannoo qabsoo ishee sanaan diinaan qabamtee bara 1980 hidhatti darbamtee waggoota kudhan guutuu dararaa, hiraarfama fi rakkoo hammaataa keessa turte. Yeroo hidhamtuu haati ishee fi ilma ishee du’aan of biraa dhabuun ishee hedduu keessa ishii miidhus, Sun cufti dhiibbaa fi dhiittaa diinaa irraa tahuu hubachuun caalattuu akka xiiqii horattee qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu gargaartu ishee taasise. Dhaabbillee mirga namoomaa hedduun sagalee tahuufiin jaal Addiseen xumura bara 1989 hidhaa irraa gadi lakkifamte.

Akka mana hidhaatii baateen gara biyya alaa deemtee illee osoo adabattee hin taahin daranuu qabsoo Oromoo finiinsuun ABO fi hawaasa Oromoo keessatti qooda olaanaa fudhachaa turte. Dargaggoota barsiisuun, hirmaannaa hawaasa Oromoo cimsuun fi Oromummaa isheen jabaattee saba ishee waliin dhaabatte. “Sabni Oromoo waan guddaa fi ulfaataa qabutti lubbuu kennuun barbaachisa” jechuun duudhaa ishee bara-baraan calaqqisiifte. Duuti jaal Addisee Gannatii Nagarii dhaaba keenyaaf, Ummata Oromoo bal’aa , maatii fi hiriyoota ishee hundaaf gadda ulfaataa dha. ABOn irra deebiin du’aan of biraa dhabuu jaal Addiseef gaada itti dhagahame ibsataa, maatii, firoottanii fi Ummata Oromoo bal’aaf Obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsaawaan Ni Kufa! Qabsiin Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Hagayya 17, 2025 Finfinnee