Mirgoota Ummatni Qabsoodhaan Gonfate Maqaa “Marii Biyyoolessaa”tiin Sarbuuf Yaaluun Balaa Guddaa Hordofsiisa!
Ijoo Dubbii ABO
Mootummaan Paartii Badhaadhinaa (PP)dhaan hoogganamu erga filannoo fakkeessii (kan haqaa fi bilisa hin taaneen) aangoo qabatee kaasee biyyattii keessatti rakkinootni siyaasaa duraanuu turan daran babal’achuudhaan boora’iinsi nagaa ittuu hammaatee, lolli golee biyyattii hedduu keessatti caalaatti babal’ate. PP.n dirree siyaasaa bal’isuuf waadaa afaaniin seene dachaasuudhaan hacuuccaa siyaasaa kan durii caalaa daran jabeessee sirna abbaa-irrummaa itti fufsiise.
Gaaffii siyaasaa sabni Oromoo fi sabaa fi sab-lammootni kaanis qaban akkuma mootummoota darbanii irratti duuluun ukkaamsuu, irratti ololuun maqaa bal’eessuu fi taappeellaa adda addaa itti maxxansuun hadheessuu hojii godhate. Kun biyyattiin daranuu dirree lolaa fi jeequmsaa taatee akka itti fuftuu fi nagaa fi tasaggabbiin akka irraa fagaatu godhe malee ummatootaafis, mootummaa PPfis bu’aan argamsiise hin jiru.
Paartiin biyya bulchaa jiru (Paartiin Badhaadhinaa) haala kan duraanii irra daran suukanneessaa taheen hacuuccaa fi gochaa hammeenyaa ummatoota irratti raawwachuu kan itti fufe oggaa tahu, gama biraatiin ammoo maqaa “Marii Biyyoolessaa/National Dialogue” jedhuun ‘Komiishinii Marii Biyyoolessaa’ jechuun ofuma isaatii qaama tokko utubee sochii erga jalqabee bubbulee jira. ‘Komiishiniin’ PP.dhaan utubame kunis miseensotaa fi deggertoota Paartii biyya bulchuu, akkasumas, kanneen haala garagaraatiin Paartichi dhiibbaa irra bulche/dirqisiise bakka garagaraatti walitti qabuudhaan ‘Waltajjii Marii Biyyoolessaa’ maqaa jedhuun walgahiilee adda addaa gaggeessaa turuun beekamaa dha.
Rakkinoota barootaaf biyyattii hudhanii qaban, gaaffiilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa hundaaf furmaata kan tahu, akkasumas godaannisa seenaa turan hundaaf qoricha tahee nagaa, tasgabbii fi guddina waloo kan argamsiisu mariin qaamota abbootii dhimmaa tahan hunda hirmaachisu barbaachisaa tahuu ABOn ni amana. Marii akkanaa argamsiisuufis waan isa irraa eegamu hunda gochuu irraa of hin qusatu.
Mariin dhugumaan rakkoo wal xaxaa Itoophiyaan qabdu hundee irraa furu osoo gaggeeffamee Saba Oromoo dabalatee hawwii fi fedha Sabaa fi Sab-lammoota biyyattii keessa jiran hundaa ti. Paartiileen siyaasaa fi quuqamtootni hawaasaa dhugaadhaan bilisummaa, dimokiraasii fi wal-qixxummaa namootaatti amananis fedhiin isaanii kanuma. Garuu kan amma Paartiin Badhaadhinaa itti jiru marii fakkeessaa kan ittiin aangoo ofii seerawaa fakkeeffachuu fi umrii aangoo dheereffachuuf na gargaara jedhee yaade malee isa silaa barbaadamu kan furmaata rakkoo biyyattii tahu sana miti.
Kana irraa kan ka’e Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, Marii Biyyoolessaa jechuudhaan waan fakkeessaa kan Mootummaan PP labsee fi geggeessaa jiru kana irraa akka qooda hin fudhanne ejjennoo ofii erga beeksisee bubbuleera. Kunis mariidhaaf fedha dhabuu irraa osoo hin taane akkaataa itti mootummaan PP Marii Biyyoolessaa jedhe kana itti geggeessuuf saganteeffatee fi Marii kanas qaama geggeessu akkaataa inni itti Komiishinii Marii Biyyoolessaa itti filatee fi utube irratti mormii qabu ifatti beeksisuudhaani.
Jalqabuma irraa miseensota Komiishinii Marii Biyyoolessaa kana kan filee fi komiishinicha kan gadi dhaabe Kaabinee Ministeerotaa mootummaa PP ti. Namootni filamanis miseensotaa fi deggertoota PP daangaa mooraa PP keessaa ala hin baane tahuunis waan ifa jiruu dha.
Kaabineen Ministeerotaa namoota filaman kana akka raggaasuuf paarlamaa mootummaa PP qofa tajaajiluuf dhiheesse. Paarlaamichi bifa kanaan namoota PP tajaajilanii fi fedhaa fi akeeka isaa tarkaanfachiisan qofa raggaasee, Komiishinii Marii Biyyoolessaa labse.
Kun deemsa Marii Biyyoolessaa addunyaan beektuun faallaa, kan dhaabota siyaasaa fi paartilee siyaasaa murteessoo ta’an akka ABO, KFO fi kanneen biroo dhimmi isaan galchu osoo itti hin hirmaachisin yayyabamee dha. Kana irraa Addi Bilisummaa Oromoos akkaataa itti Komiishiniin Marii Biyyoolessaa kun tolfamee fi filannoon miseensota komiishinichaa ifaa fi walaba kan hin taane ta’uu irraa deemsa Marii Biyyoolessaa komiishinii kana jalatti geggeeffamu irraa kan hin hirmaatne ta’uu ejjennoo fudhate.
Komiishiniin Marii Biyyoolessaa hirmaatnaa dhaabota/paartilee siyaasaa fi warra dhimmi ilaallatu cufa hin hirmaachisin paarlamaa paartii tokkoon raggaafame marii bifa kamii geggeessee, biyya dhaloota ishee irraa hanga ammaa dhibdee tarrisanii fixuun hin salphanneen qancartee jirtu keessatti nagaa fi sabatiinsa hawwamu fida? jedhanii of gaafachuun dhimma ijoo dha. Kun qoosaa/gowwoomsaa yoo tahe malee hiika biraa hin kennu. Komiishiniin Marichaa, hawaasa PP mooraa tokko keessa jiraatan walitti qabee mariisisu fedhaa fi ajandaa PP tarkaanfachiisuun ala rakkoo jiruuf furmaata hin soqu.
Mootummaan PP biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’uuf, gaaffiin polotikaa barootaaf ummatooti harkaa qaban karaa nagaan akka furamaniif kan barbaaduu fi hojjetu osoo hin taane, caalaattuu wal xaxaa kan taasisuu fi jeequmsa hin hawwamne kan afeeru ta’uu isaatiif deemsi isaa waggoota 7 waan mul’isu qaba. Mootummaan akkasii qofaa isaa miseensotaa fi deggertoota isaan mariin mooraa isaa keessatti geggeessee nagaa fi tasgabbiin argamsiisu, rakkoo Itoophiyaa keessaa karaan itti furu tasumaa hin jiru.
Mootummaan PP caalaattuu karaa Komiishinii Marii Biyyoolessaa yayyabate kanaan mirga sabootaa haquu, mirgoota ummatni Oromoo fi sabaa fi sab-lammootni kaan wareegama olaanaa fi qabsoo isaaniitiin argatan sharafuuf ifatti ajandaa dhiheeffatee hojjetaa jira.
Ol’aantummaa seeraatiif dantaa kan hin qabne mootummaan gartuu PP, walgahii Marii Biyyoolessaa Caamsaa 29, 2025nii qabee magaalaa Finfinneetti geggeeffame irratti deemsa heera biyyattiin amma ittiin bultu faallessuudhaan akka mootummaatti ajandaalee mirga ummatootaa hundeen faallessanii fi haqan dhiheessee jira. Kunis faallaa heeraa kan tahe keeyyatni 39 kan mirga hiree murteeffannaa” akka haqamu, Bulchiinsi Mootummaa Naannolee sabummaan jiru haqamee, naannoleen teessuma lafaan akka utubamaniif yaada murtii isaa dhiheessee jira.
Heerri biyyattii akka itti ragga’e qaba. Raggaafamuu heera kanaa keessa hanqina fedhes qabaatu sagalee sabaa fi sab-lammootaatu jira. Mootummaan PP garuu heera kana jijjiiruuf faallaa heeraa deemaa jira. Heericha jijjiiruuf seeraan aangoo osoo hin qabaatin bulchiinsa naannolee diiguuf karoora leellistoota sirna nafxanyaa hojii irra oolchaa jira. Mirga hiree murteeffannaa ummataa heeraan jiru kaasuun, harcaatota bittoota Itoophiyaa fi kanneen keeyyata 39 irraa mormii qaban gammachiisuuf ijibbaata gochaa jira.
Deemsi mootummaa PP kun biyyattii keessatti jeequmsaa fi walitti bu’iinsa hin barbaachisne daran kan babal’isuu fi gaaga’ama hamaa kan maddisiisu tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa. Mirga sabaa fi sab-lammootaa wareegama lubbuu olaanaadhaan argame akka qoosaatti namootni hagoon kanneen dantaa ofiif walitti qabaman akka haqamuuf oggaa sagalee kennan haalli kun gara balaa hamaa fiduutti waan geessuuf, mootummaa PP dabalatee kanneen murtoo balaafamaa kanatti deemaa jiran akka irraa dhaabbatan ABOn jabeessee akeekkachiisa.
Maayii irratti ummatni Oromoo eessayyuu jiraatu tarkaanfii balaa guddaa hordofsiisuu danda’u kan mootummaan PP mirgoota inni qabsoo isaatiin argate kana sharafuuf itti deemaa jiru hubannaa, dammaqiinsaa fi xiyyeeffannoon hordofuudhaan akka falmatu ABOn jabeessee hubachiisa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 02, 2025
Finfinnee