Bu’aa Siyaasaaf Jecha Lubbuu Lammiilee Nagaa Gaaga’uun Gar-jabummaa fi Maal NaDhibdee Irraa Madda.

 

Bu’aa Siyaasaaf Jecha Lubbuu Lammiilee Nagaa Gaaga’uun Gar-jabummaa fi Maal NaDhibdee Irraa Madda.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Mootummaan Itoophiyaa naatoo fi marartee ummata Oromoof dhabuun haaraa ta’uu baatus, sana irra darbee inumaa lubbuu lammiilee nagaa akka baalaa harca’uuf dantaa dhabuun, dhiiga ummata qulqulluu dhangala’u kana irraa callisuu fi dhoksuu filachuun isaa hammeenyi inni qabu hagam ulfaataa ta’uu kan agarsiisuu dha. Waggoota Shanii oliif ajjeechaan qe’ee ummata nagaa Oromoo keessatti raawwatamaa ture har’as furmaata dhabee itti fufee argama. Ajjeechaawwan fuula garagaraa qaban, kan kaayyoon isaanii bu’aa siyaasaa irraa maddu kun akka dhaabbatu yeroo hedduu gaafatame. Gaaffii ummatni nageenyi isaa akka tikfamuu fi bakkatti deebi’uuf gaafatu garuu deebii gahaa argatee hin beeku. Gaaffii ummataa kanaan alatti, dhaabotni/paartileen siyaasaa kan akka ABO faa danqaa siyaasaa biyya kana mudate dabalatee dhibdeelee adda addaa kanaan walitti hidhatanii dhufanii fi ummatoota gatii kafalchiisaniif furmaatni akka barbaadamu gaafatuu qofa osoo hin taane, ogguu yaada furmaataa dhiheessaniif mootummaan biyya bulchaa jiru PPn gurra hin laatneef.

Kana irraa miidhaan dhaqqabu guddaa dha. Addatti akka sabaatti roorroo, ariisaa, ajjechaa jimlaa fi buqqaatiin ummata keenya irra dhaabbatummaan karaa garagaraan gahu ammoo rifaasisaa dha. Kun har’allee dhimma cal’isanii ilaalan, bira darban osoo hin taane, kan furmaata hatattamaa barbaaduu dha. Ummatni keenya daangaa irraa akka qabdiitti dhimmi itti bahamuun, yeroo barbaadanitti Jimlaan hidhuu, Jimlaan ajjeesuu, mana isaa irratti gubuu, qabeenya irraa saamuu fi jireenya isaa dhabamsiisuun jiitessuun hararaafamaaf oolchaniiru. Keessayyuu ganna 7n darbaniif jiruu fi jireenya dhabee korkodamee taakalamee akka jiru ragaa guutuu waliin argaa jirra. Humni shororkeessaa maqaa Faannoo jedhuun waggootaaf ummata nagaa irratti roorrisu, shororkeessuu fi jireenya isaa mancaasaa jiru hojii gooltummaa isaa kana hunda kan raawwataa turee fi jiru bakka caasaan mootummaa federaalaa fi naannoo jiru jalatti. Caasaan bulchiinsaa, caasaaleen nageenyaa, humni waraanaa RIB iddoo jiranitti ummatni keenya qubsumaan daangaa irra jiraatu salphinaa fi dhumaatii jaarraa kana keessa isaaf hin malle keessummeessaa jira.

Ajjeechaan maqaa humnoota shororkeessaa Faannoo jedhu kanaan Oromoo irratti raawwataa turee fi jiru kan mootummaan bobaa baneefii daangaa Oromiyaa haga barbaadanii fi karaa fedhan cabsanii seenanii yakka raawwatan kana irraa bu’aa siyaasaa argachuuf akka tooftaatti kan dhimma itti bahu tahuun haala turee fi jiru irraa ni hubatama. Mootummaan dararaa fi miidhama hawwaasaa kana dhaabsisuu dadhabee osoo hin taane, bu’aan karaa kana argadhu ni caala ejjennoo jedhu qabatee, humnoonni hidhatan wayita hawwaasatti dhukaasa banan akka nama hin arginee ija irraa qabatuu filate kan jedhutti amanna. Haalli kun sabaa fi saba gidduutti dhibdee kan uumu, du’a lammiilee nagaa kan babal’isu ta’uu mootummaan hubatuudhaan itti gaafatama nageenya ummataa mirkaneessuu of harkaa qabu hojiitti hiikuutu irra ture. Kana gochuu hanqachuun isaa ummata keenya gatii kafalchiisaa jira. Waggoota shanii oliif walitti fufiinsaan daangaalee Oromiyaa Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Kaaba, Bahaa fi Lxia Shaggar akkasumas Godina Walloo fi kkf keessatti, iddoo iddootti finxaaleyyii Faannoon, bakkaa bakkatti ammoo hidhattootumti mootummaa humna finxaalessaa kanaan walkeessatti ijaaramuudhaan ummata keenya irratti yakka seenaan hin irraanfatne dalaganiiru. Kanaanis yeroo irraa gara yerootti lammiileen jumulaan ajjeefamuuf dirqamaniiru.

Bakkoota naannoo Amaaraa daangessan cufa keessatti haalli kun hammaatee itti fufeera. Ajjeechaan Ebla 06, 2025 galgala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Habootti raawwate kunis faana ajjeechaawwaan kanaan duraa irraa adda kan ta’e miti. Ummatni keenya xiqqaa hanga guddaatti, Jaarsoleen osoo hin hafin maatiidhaan jimlaan ajjeefamanii iddoo tokkotti awwaalaman. Kaan iddoon buufaman hin baramne; qabeenyaan ummataa saamameera. Naannoo yakki kun itti raawwate keessa loltootni mootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi milishaan lakkoofsaan hedduu ta’an qubatanii akka jiran ni beekama. Loltootni mootummaa naannicha qubsiifamanii jiran kunniin wayta finxaaleyyiin Faannoo hawaasa nagaa meesha-maleeyyii haleelan irraa ittisuu osoo danda’anii callisa akka filatan ummatatu ragaa dha. Goolessitootni kunniin milishaa naannoo Amaaraa fakkaatanii sossohu kan jedhu odeessi ummataa, gaafa barbaadan RIB waliin sossohu, gaafa RIB biraa deemu ammoo qofaatti ba’anii hojii ummata gooluutti bobba’u jedha ummatni naannoo. Qonnaan bultoonni Oromoo qonna isaanii fi ilmaan isaanii barsiisuu malee waa’ee siyaasaa keessa galanii hin beekne bifa kanaan qumaara siyaasaa keessatti dhiigni isaanii dhangala’uun, lubbuun isaanii ba’uun hedduu garaa nama nyaata. Mootummaan nageenya lammiilee eeguuf dirqama olaanaa osoo qabuu, kana irraa dhimma dhabuun kan nama gaddisiisuu dha.

Dhumaatii deddeebi’ee golgaa humna goolessaa Faannootiin ummata keenya nagaa daangaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin waldaangessan jiraatu irra gahaa turee fi jiruuf kan itti gaafatamu Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa ti. Injifannoo Ummata Bal’aaf! Dhuma irratti ummatni keenya balaa hamaa deddeebi’ee Finxaaleyyiin irra gahaa turee fi jiru kana jalaa bahuuf tokkummaan dura dhaabbachuu fi sagalee waliif tahuu akka qabu dhaamaa, haleellaan akkanaa waytaa irratti raawwatamutti hawwaasni keenya of ittisuuf mirga guutuu qabaachuu isaas cimsee hubachuu fi wal hubachiisuu qaba jenna.

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 08, 2025

Finfinnee