IBSA GADDAA- DU’AAN BOQOCHUU OBBO ABDULJABBAR HUSEEN

 

                                                                                        IBSA GADDAA- DU’AAN BOQOCHUU OBBO ABDULJABBAR HUSEEN

(Ibsa ABO – Hagayya 12, 2021)

 

Obbo Abduljabbaar Huseen du’aan boqochuu isaa yeroo dhageenyu gadda guddaatu nutti dhgahame. Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa kan ture Obbo Abdujabbaar Huseen Hagayya 11, 2021 magaalaa Adaamaa keessatti lubbuun isaa darbite. Obbo Abduljabbaar Huseen quuqama saba isaaf qabu fi ogummaa isaatiin hidhamtoota siyaasaa yeroo dheeraaf gargaaraa ture. Itti dabalees akka seerri hin dabne fi namni akka seera malee hin hidhamne, hin adabamnee fi hin ajjeefamne falmaa yeroo dheeraa gochaa ture. Kunis kabajaa mirga dhala namaaf qabuu fi quuqama saba isaaf qaburraa kan ka’ee dha. Obbo Abduljabbar nama haamilee jabaa, obsaa fi murannoo qabu tahuu isa dalagaan abukaatummaa utuu abdiin hin muratiinii fi hin nuffiin (hifatiin) bara dheeraaf geggeessee gahee guddaa ummata isaaf kennuudhaan mirkaneessee jira. Kanaafis Obbo Abduljabbaar quuqama saba isaaf qabuu fi fedhii mirga dhala namaa kabachiisuuf qabu hujiidhan kan mirkaneessee fi haga du’aan boqotetti utuu kaayyoo isaarraa hin maqiin saba isaatiif ogummaa isaa kan gumaachee fi waan danda’ameen tajaajilee dha.

Maatii isaa qofa utuu hin taane ummata Oromoo hundatu sabboonaa cimaa tokko dhabe. ABOnis gadda guddaatu nutti dhagahame.

Obbo Abduljabbaar bilisummaa ummata Oromoo fi kabaja mirga dhala namaa ijaan arguu baatuus, kaayyoo fi akeeki inni umurii guutuu itti dadhabe firii argatee Oromoo mirgi isaa akka kabajamuu fi seerri dabe akka qajeelu shakki tokko hin qabnu. Akkaataa du’aatii isaatii fi maaliin akka lubbuun isaa dabarte hanga ammaa waan beekame yoo hin jiraannellee yeroo dhihoo keessatti maatiif ibsama jennee abdanna. Maatii, firoota, hiriyyoota isaa fi hidhamtoota siyaasaa inni tajaajilaa ture hundaaf jajjabina hawwina. Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa! Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Finfinnee

Hagayya 12, 2021