Dhiittaan Mirga Dhala Namaa Mootummaa Itoophiyaatiin Gaggeeffamaa Jiru Qorannoo Walaba Sadarkaa Addunyaa (International Investigation) Barbaada

Dhiittaan Mirga Dhala Namaa Mootummaa Itoophiyaatiin Gaggeeffamaa Jiru Qorannoo Walaba Sadarkaa Addunyaa (International Investigation) Barbaada

(Ibsa ABO – Gurraandhala 1, 2020)

ObsiOromiyaa Dhihaa (Godinoota Wallaggaa) irraa tajaajilli qunnamtii akka bilbilaa fi internet erga Mootummaadhaan kutamee baatii tokko tahee jira. Qunnamtiin cituu irraa kan ka’e waan guyya guyyaatti tahu ragaa guutuu wajjin yeroodhaan argachuun ulfaataa tahus ajjeechaa loltootni fi hidhattootni mootummaa Itoophiyaa lammiilee nagaa (meesh-maleeyyii/Civilians) irratti gaggeessaa jiraniin lubbuun namaa akka baala mukaa haca’aa jiraachuun dhagahamaa jira. Keessattuu Godinoota lama (Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa) keessatti ajjeechaa fi miidhaa loltootni mootummaa Ummata irraan gahaa jiran jechi ittiin ibsan nu dhibee jira. Yakka waraanaa fi dhiittaa mirga dhala namaa jedhanii qofa ibsuun illee itti xiqqaata. Kibba Oromiyaa (Godinoota Gujii)ttis haalli jiru kana irraa hedduu addummaa hin qabu. Roorroo bifa kanaan waggaa tokko caalaaf bulchiinsa waraanaa (Command Post) jalatti Ummata kana irra gahaa jiru yeroo adda addaatti ibsinee furmaatni akka itti barbaadamu gaafachaa kan turre tahus hanga ammaatti rakkoon kunii fi sagaleen Ummata keenyaa dhageeytii isaaf malu argachuu hin dandeenye.

Yeroo ammaa ajjeechaan lammiilee nagaa (meesha-maleeyyii) irratti gaggeeffamu, hidhaan, barnoota irraa arihatamuun barattoota manneen barnootaa ol’aanoo, walumaagala dhiittaan mirga dhala namaa fi yakki waraanaa Ummata keenya irratti gaggeeffamaa jiru kan yeroo kamuu caalaa hammaataa fi ulfaataa tahee jira. Qorannoo qaama walabaa kan sadarkaa addunyaa (international investigation) fi furmaata hatattamaas kan gaafatu dha.

Rakkoon kun yoo hatattamaan hin dhaabsifamu tahe gara haala kana irra hamaatti cehee tohannoodhaa ala bahuu akka danda’u yaaddoo keenya tahuu ammas irra deebinee gadi jabeessinee ibsina. Roorroo tahe jedhamee mootummaan Itoophiyaa (Bulchiinsi Dr. Abiy Ahmed) Ummata nagaa irratti gaggeessaa jiru kana cimsinee balaaleeffanna. Hatattamaan akka roorroon kun Ummata irraa dhaabbatus jabeessinee gaafanna. Ajjeechaa lubbuu fi barbadaawinsa qabeenyaa dabalatee miidhaa hanga ammaatti dhaqqabee fi haala kanaan itti fufee dhaqqabuuf malu maraafis kan itti gaafatamu mootummaa Itoophiyaa (Bulchiinsa Dr. Abiy Ahmed) tahuu ifa goona.

Maayyii irratti wanneen armaan gadii akka guutaman ABOn gadi jabeessee gaafata:

  1. Ajjeechaan, hidhaa fi roorroon bifa hundaan Ummata nagaa irratti gaggeeffamaa jiru kun hatattamaan akka dhaabbatuu fi loltootni Ummata nagaa fixaa jiran mooraa ofiitti akka deebifaman.
  2. Rakkoon jiru karaa nagaa mariidhaan furmaata akka argatuuf mootummaan akka haala mijeessu.
  3. Ummatni sababa kanaan miidhaan gara garaa irra gahee fi qe’ee ofii irraa baqachiifame qe’ee ofiitti deebi’ee nagaadhaan akka jiraatuu fi miidhama irra gahe irraa akka kabsatuuf birmannaa fi gargaarsi barbaachisu akka godhamuuf. Kan balleessaa fi murtii seeraa malee hidhaman akka hiikamanii fi barattoota dabaan barnoota irraa arihataman barnoota isaaniitti deebisuuf haalli akka mijeeffamu.
  4. Yakka Ummata nagaa irratti raaw’atamaa jiruu fi miidhaa suukanneessaa gahaa jiru kana ilaalchisee qorannoon walabni kan sadarkaa Addunyaa (International Investigation) akka gaggeeffamu.

Injifannoo Ummata Bal’aaf !

Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 1, 2020