Obsi Daangaa Qabaachuu Qaba! Callisnis Nuuf Haa Gahu!
(Ibsa ABO – Amajjii 09, 2020)
Erga Dr. Abiy Ahmed EPRDF keessaa gara aangootti ol bahanii as gidiraa fi roorroon addatti Ummata keenya kan Dhihaa fi Kibba Oromiyaa irratti bulchiinsa isaaniitiin geessifamu guyyumaan hammaachaa deemuutti jira. Kanaaf sababni gama mootummaatiin kennamaa turee fi jiru “nageenya eegsisuu fi ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu” kan jedhu dha. Biyya kanatti durii kaasee hanga har’aatti nageenyi dhabamuuf kan sababa tahaa turee fi jiru rakkoo siyaasaa afaan qawweetiin furuuf ykn. irra aanuuf yaalii gama mootummaatiin taasifamu dha. Akka hubannaa fi odeeffannoo qabnuutti yeroo ammaa rakkoo guddaan sadarkaa Oromiyaattis tahe sadarkaa Itoophiyaatti jiru rakkoo nageenyaa osoo hin taane rakkoo siyaasaa ti. Wanneen akka rakkoo nageenyaatti of mul’isanis yoo jiraatan maddi isaanii rakkoo siyaasaa hin furamin jiru dha. Rakkoon siyaasaa ammoo furmaata siyaasaa barbaada malee qawweedhaan/humnaan hin furamu.
Waggoota 2 dura EPRDF (qabsoo Ummatootaan dirqisiifameetis tahu) keessa ofiitti jijjiirama/haaromsa gochuuf murteeffachuu isaa oggaa labsate dhugaa olitti ibsame hubachuudhaan siyaasa Itoophiyaa gara karaa qajeelaatti oofuuf waan qophaawe seenee kanneen gammadnee fi abdiin nutti bule hedduu dha. Haa tahu malee EPRDF keessa ofiitti namoota barcuma tokko irraa kan biraatti jijjiiruu, maqaa jijjiirrachuu, kan fedhe of keessaa arihee kan fedhe haaraatti ofitti dabaluudhaan murni ykn. namootni murtaawoon aangoo irra of tursuuf carraaquu irraa kan hafe EPRDF akka Dhaabaatti waadaa seenee fi waan abdatameef sana guutuutti akka hin jirree fi gochuufis dandeettii fi fedhiis akka itti hin qabne guyyaa irraa guyyaatti daran ifee mul’achaa jira.
Haalli kun akka waliigalaatti jireenya biyyattii fi nageenya naannichaafuu hedduu yaaddessaa tahu illee, addatti Saba Oromoof (keessattuu ammoo, Ummata keenya Godinoota Booranaa, Gujii Bahaa, Gujii Dhihaa, Wallagga Bahaa, Horro-Guduruu Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Qellem Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunoo Beddellee kanneen seeraan ala bulchiinsa Command Post jalatti kufanii jiraniif) garuu akka rakkoo fi yaaddootti himamuu bira dabree dubbii jiraachuu ykn. dhabamuu tahaa jira.
Lafoota kanneenitti (keessumaa Godinoota Wallaggaa afran, kan Gujii lamaanii fi kan Booranaa keessatti) waggaa tokkoo oliif lola sababsachuudhaan loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhamanii fi humnoota nageenyaa mootummaatiin Ummata keenya nagaa (meesha-maleeyyii) irratti kan gaggeeffamaa jiru dhiittaa mirga namoomaa ol’aanaa fi yakka waraanaa (war crime) dha. Addunyaa kana irratti bakkoota humnootni gara garaa hidhannoodhaan wal dura dhaabbatanitti lammiileen nagaan gidduutti miidhamuun waanuma jiru tahu illee hangamuu yoo tahe lolli seeraa fi naamusa mataa ofii qaba. Itoophiyaan seerota Addunyaa kana hedduu isaanii mallatteessitee jirti. Haa tahu malee lola sababsachuudhaan dhiittaan mirga namoomaa fi yakki waraanaa Ummata keenya Godinoota kanneenii irratti waggaa tokkoo oliif gaggeeffamaa jiru madaallii kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi dhala namaa hundaan kan balaaleeffatamuu qabu dha. Godinoota kanneenitti:
- Qabeenya Ummataa saamuun, (maqaa sakatta’aa jedhuun manneen Ummata nagaa seenanii qabeenya Ummataa isaanitti tole saamanii fudhachuu dabalatee),
- Manneen Ummataa qabeenya waliin (bakka gariitti ammoo lubbuu namoota keessa jiranii waliin) gubuun,
- Sababaa fi ragaa, akkasumas murtii seeraatiin ala namoota nagaa hidhanii hiraarsuu fi reebicha ulfaataadhaan miidhaa fi hir’ina qaamaa irraan gahuun,
- Qonnaan bulaan akka hin qotannee fi midhaan ooyruu isaa kan bilchaate akka hin galfanne gochuun,
- Hidhattootatu keessatti dahatee nu waraana jechuudhaan midhaan ooyruu Ummataa ciruu fi gubuun,
- Hidhattoota qunnamte, karaa agarsiiste, mana kee bira dabran ykn. gargaarte fi … kkf. jechuudhaan bakkayyuutti namoota nagaa jumlaanis tahe akka arganitti ajjeesuun,
- Haadhaa fi intala dirqisiisanii wal biratti gudeeduun,
- Yakki Ummata nagaa irratti dalagamu kun akka dafee hin dhagahamneef fi birmannaa hin arganneef qunnamtii akka telefoonaa fi interneetii irraa kutuun, … kkf.
Gochaaleen kunniin waan loltootni mootummaa kanaa Dhihaa fi Kibba Oromiyaatti Ummata keenya irratti waggaa tokkoo oliif raaw’achaa jiran keessaa muraasa. Guyyoota shanan dabran irraa kaasee ammoo Godinoota Wallagga Lixaa fi Qellem Wallaggaa irraa guutummaatti tajaajilli wal qunnamtii akka interneetii fi telefoonaa muramee jira. Haala akkasii keessatti miidhaan Ummata Godinoota sanaa irra gahaa jiru hangam akka ulfaataa tahu tilmaamuun nama hin rakkisu.
Kanatti dabalee yeroo ammaan tanaa gochaa suukanneessaan kun Ummata keenya irraa haa dhaabbatu jechuudhaan sagalee mormii isaanii karaa nagaa kan dhageessifatan barattootni manneen barnootaa adda addaa hidhamuu, barnoota irraa arihatamuu fi miidhaa adda addaaf saaxilamaa jiru. Haalli kun hatattamaan yoo hin dhaabbannee fi akkanaan itti fufe, rakkoon siyaasaa fi qabiinsi mirga dhala namaa Itoophiyaa gara furmaataa fi wayyoominaatti osoo hin taane gara kan dabre hunda irra hamaatti deemaa akka jiru hubatamuu qaba. Biyyattii tana gara sirna dimokiraasiitti ceesisuu danda’a jedhamee kan abdatamaa jiru Filannoon Biyyoolessaa Itoophiyaa kan bara 2020tis haala kanaan itti deemamee milkaawa jedhanii yaaduun ulfaataa dha.
Waan taheef: Miidiyaaleen, Dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman, Dhaabbattootni fi hawaasni Addunyaa gara garaa, Abbootiin Amantii, namootni fi qaamotni dhimmi ilaaluu fi dhiibbaa uumuu danda’an hundi dhimma kana laaftuutti ilaaluu fi callisuu dhiisanii xiyyeeffannoo addaa itti keennuudhaan furmaata isaaf waan gargaaru irratti gahee ofii bahachuu qabu jenna.
Addi Bilisummaa Oromoo gama ofiitiin rakkoon kun qaamota dhimmi ilaalu hunda giduutti wal marii, waliigaltee fi wal amantaa uumamu qofaan furmaata waaraa argata jedhee waan amanuuf kana irratti gahee isaa bahachuuf of qusannoo malee kan hojjetu tahuu mirkaneessa. Ummatni keenyas roorroo kana of/wal irratti ilaaluu dhiisee tokkummaadhaan akka dura dhaabbatuu fi biyya alaa fi biyya keessas kan jiru hundi sagalee tokkoon akka haqa isaaf falmatu jabeessinee dhaamna. Obsi daangaa qabaachuu qaba ! Callisnis nuuf haa gahu !
Injifannoo Ummata Bal’aaf !
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 09, 2020