Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2019, Adda Bilisummaa Oromoo Irraa

Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2019, Adda Bilisummaa Oromoo Irraa

Mudde 31, 2018

addaKabajamaa Ummata Oromoo,
Miseensotaa fi Deggertoota ABO,
Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo,
Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi
Walumaagala deggertootaa fi firoottan Qabsoo Bilisummaa Oromoo.

Maqaa Miseensota Dhaaba keenyaa hundaan Baga Bara Haaraa 2019 waliin geenye oggaan jedhu gammachuu addaatu natti dhagahama. Gammachuun addaa kun ammoo haalli har’a keessa jirru haala addaa fi abdachiisaa tahuu irraa madda. Haalli addaa fi abdachiisaan kun kan akka carraatti ofuma isaatiin argame ykn. qaamni biraa tola nuuf ooleen kan argame miti. Qabsoo hadhooftuu murannoo fi cichoomina ol’aanaadhaan walitti fufiinsaan baroota dheeraaf gaggeessinee fi wareegama ulfaataas itti baasneen kan ofii keenyaa uummanne dha. Kana gochuu danda’uun keenya ammoo kan nu gammachiisu qofa osoo hin taane akka Sabaatti mataa ol qabannee akka ofitti boonnu kan nu taasisu waan taheef irra deebi’een Baga Gammaddan ! Baga Gammadne ! jedha.

Kanneen lubbuu isaanii wareeganii haala kana argamsiisan seenaan isaanii bara baraan kan yaadatamuu fi galatni isaaniis Bilisummaa Ummata keenyaa haa tahu jechaa adeemsa gara jijjiiramaatti eegalame kana fiixaan baasuudhaan wareegama isaaniitti firii gochuuf waadaa keenya akka haaromsannu waliif dhaamna.

Egaa akkuma jenne, Amajjii 01, Seensa bara haaraa fi Guyyaa WBO kan 2019 haala haaraa keessatti kabajanna. Haalli haaraan kun yoo sirriitti hubannee dirqama keenya hin bahannu tahe gara hamaatti kan nu ceesisuu fi wareegama qaalii hanga har’aatti baasne gatii dhabsiisee qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa kan of booda deebisuu danda’u dha. Yoo sirriitti haala keessa jirruu fi haalota nu marsanii jiran (haala mijjataa fi carraa gaarii harka keenya keessa jiru, akkasumas, gufuulee fi danqaalee jiran) addaan baasnee akka tahuu qabutti irratti hojjenne garuu galma gahiinsa qabsoo Ummata keenyaa yeroo gabaabduu keessatti dhugoomsinee Bilisummaa fi nageenya waaraa iggitii qabu biyyaa fi naannoo keenyaaf argamsiisuudhaan wareegama hanga har’aa baasnetti firii gochuun ulfaataa hin tahu.

Dhimma Waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa Waliinii fi Duula Ololaa fi Lola ABO Irratti Gaggeeffamaa Jiru Irratti:

Bara keessa dabarre (2018) keessa Injifannoolee gurguddoo Qabsoon Bilisummaa Oromoo galmeesse keessaa tokko ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti waliigaltee Hagayya 07, 2018 taasifamee dha. Waliigalteen seena-qabeessi sun lolli bara dheeraaf Ummata Oromoo kan Bilisummaa isaa falmatuu fi Mootummoota Itoophiyaa kan afaan qawweetiin Bilisummaa Ummatootaa sarban gidduutti gaggeeffamaa ture akka dhaabbatuuf kan karaa bane dha. Waliigalteen sun Ummata keenyaafis tahe Ummatoota Itoophiyaa keessa jiran hundaaf, dabreetis Ummatoota Gaanfa Afrikaa hundaaf nageenyaa fi guddina waaraa argamsiisuu carraa gaarii akka tahe ABOn ni amana.

Haa tahu malee, har’a yeroo bara haaraya 2019 simachaa jirru kanatti haalli waliigalteen sun irra jiru kan nama gammachiisu tahuu dhabuun ABO fi Ummata keenyaafis yaaddoo guddaa dha. Duulli Olola maqa-balleessii fi lolli ifatti ABO irratti banamee jira. Duulli kun haqa qabsoo Saba Oromoo kan hanga ammaa dabsuu fi awwaaluu qofa osoo hin taane qabsichi itti fufee Galma isaa akka hin geenye ittisuuf kan akeekkate duula cubbuu fi yakka seenaa tahuutti amanna. Rakkoo fi gaaffii waloo Saba Oromoo kan Jaarraa lakkoofsise akka rakkoo fi gaaffii Oromoota Godinoota murtaawoo qofaatti dhiheessuuf duula halkanii fi guyyaa gaggeeffamaa jiru shira gurmuu tokkummaa Oromoo laaffisanii Qabsoo isaa laamshessuu ti.

Gaaffiin Bilisummaa fi mirgoota dimokiraasii kan Ummatootni barootaaf wareegama ulfaataa itti baasaa jiran qabsoo karaa nagaatiin deebii argata jedhamee waadaan EPRDF ummataaf seenes osoo oolee hin bulin guyyaa saafaa cabuu jalqabee jira. Alaabaan Ummata keenyaaf mallattoo diddaa gabrummaa taate (Alaabaan ABO/Oromoo) tan Gootowwan Oromoo kumaa – kitilaan wareegamaafii turanii fi jiran har’a waraana EPRDFiin fannoo irraa buufamtee fi nama harkaa guuramtee gubamaa jirti. Kun waadaa waliigaltee keenyaa cabsuu qofa osoo hin taane dhiiga Gootota Oromoo Bilisummaaf dhangala’etti qoosuu fi Ekeraa Wareegamtoota Qabsoo Oromootti roorrisuu dha. Aarii fi mormiin gochaan akkanaa kun maddisiisus balaan inni hordofsiisu ulfaataa tahuu danda’a. Waan taheef, tarkaanfiileen shiraa kan adeemsa karaa nagaa eegalame kana gufachiisan akkasii hatattamaan akka irraa dhaabbataman gaafanna. Ummatni keenyas (keessattuu Qeerroon) shira gama fedheenuu dalagamu kan waliigaltee keenya gufachiisee bakkuma kaleessaatti nu deebisuu danda’u dammaqinaan hordofee akka hoongessuu fi injifannoodhaan keessa dabru dhaammanna.

Dhimma Tokkummaa Jaarmayoota Oromoo
Addi Bilisummaa Oromoo Tokkummaan Jaarmayoota Siyaasaa Oromoo barbaachistuu tahuu dursee hubachuudhaan dhimma kana akka imaammataatti irratti hojjechuu kan jalqabe bara 1980moota irraa eegalee ti. Bara 1991 Kaartum Sudaanitti fi bara 2000 Asmaraa Ertiraatti milkaawina argame dabalatee sana boodas yeroo adda addaatti yaaliin ABOn Tokkummaa Jaarmayoota Siyaasaa kana argamsiisuuf taasise hedduu dha. Tattaaffiilee kanaanis milkiin hin tuffatamne argameera. Jaarmayootni Siyaasaa Oromoo kanneen Kaayyoo wal fakkaataa qaban gaaddisa tokkicha jalatti gurmaawuu, kanneen Kaayyoo gara garaa qaban ammoo Kaayyoo isaanii qabatanii dantaa waloo Oromoo fi Oromiyaa irratti wal tumsuu kan isaan dandeessisu waltajjii waloo tokko uummachuun barbaacisaa tahuu ABOn oggayyuu itti amana. Kana dhugoomsuufis gahee gaafatama gama isaa bahachuu irraa of hin qusatu.

Dhimma WBO fi Nageenya Oromiyaa
Lolli daangaa Oromiyaa karaa Bahaa, Dhihaa, Kibba – Bahaa, Kaabaa fi Kibbaan Ummatoota ollaa keessaa loltummaaf leenjisanii hidhachiisuudhaan Oromoo irratti gaggeeffamaa ture har’as hin dhaabbanne. Haala haaraa amma uumame kan ODPn akka waan Ummatni Oromoo aangoo biyya bulchuu dhuunfateetti fakkeessuuf yaalu keessattis lolli kun Oromoo irraa dhaabbachuun hafnaan inumaa daranuu hammaatee itti fufuun isaa Ummata keenyatti hibboo tahee jira. Ummatni keenya akka lola kana irraa gahaatti of hin ittisne waggoota 27 dabraniif mancaa fi eeboon osoo hin hafin mootummaa EPRDFiin hiikkachiifamaa ture. Sanaanis osoo hin dhaabbanne yeroo Ummatni keenya harcaatuu meeshaa lolaa dhokfatee qabuun of ittisuuf carraaqutti waraanni EPRDF gama kaaniif tumsee Ummata keenya loluun waan deddeebi’ee mul’achaa ture dha. Har’as haalli sun dhaabbachuu dhabee akkasumatti itti fufuun waan hunda keenya akka Sabaatti yaachisuu qabu dha. Ummatni keenya bakka hundaa dhimmi WBO dhimma nageenya Oromiyaa kana wajjin walitti hidhataa dha jedha. WBOn humna Bilisummaa fi nageenya Oromoo fi Oromiyaatiif ijaaramee Ummaticha keessa sossohuu fi Ummatichaanis jiraachifamu tahuu Ummatni keenya deddeebisee mootummaatti ibsachaa jira.

Qabsoo hadhaawaa WBOn walitti fufiinsaan baroota dheeraaf gaggeessee fi wareegama ulfaataa inni baasetu wal irratti ijaaramee abdii jijjiiramaa har’a mul’atu kana uumuu keessatti qooda ol’aanaa qabaate. Waan taheef nageenya Oromiyaa qofaaf osoo hin taane fiixa-bahiinsa daandii jijjiiramaa eegalame kanaafis WBOn abdii guddaa dha malee diina jedhamee ykn. akka diinaatti ilaalamee kan lolamuun isaaf male miti. Gabaabumatti Waraanni Bilisummaa Oromoo seenaa qabsoo bilisummaa Saba keenyaa keessatti qoodni inni hanga har’aatti qabaate kan akka biiftuutti ifee mul’atuu fi bara baraanis dagatamuu hin qabne dha. Araarri ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti bu’e Waraanni kun kabajaan inni seenaa Qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa keessatti qabuun wal madaalu akka hin dhorkatamnee fi qoodni murteessaan inni nageenyaa fi hegeree Oromiyaa keessatti qabaachuu danda’us osoo hin dagatamne akkaataan inni qindoomina fuula duraa keessatti hirmaachifamuu danda’u qorannoo fi eeggannoo cimaadhaan waliigaltee fi murtii qaamota lameeniitiin akka xumura argatu kan itti waltahiinsa irra gahame dha. Har’as hafuuruma waltahiinsa keenyaa sanaan humni kun (WBOn) akka keessummeeffamuuf waliin taanee haala isaa mijeessuu qofatu rakkoo nageenyaa amma mul’atuufis tahe Bilisummaa fi nageenya waaraa hegeree Ummata keenyaaf bu’aa qabaata jennee amanna.

Xumura:
Maayyii irratti jijjiiramni qabsoo Ummata keenyaatiin argame kun akka hin gufannee fi duubatti hin deebineef rakkoo dhalatu kamuu haasaadhaan furachaa galma barbaadamu kan Bilisummaa fi nageenyi ummatootaa itti mirkanaawu dhaqqabuuf ABOn gama isaatiin gaafatama isaa kan bahatu tahuu hubachiisna. Paartiin biyya bulchuu fi humnootni siyaasaa dhimmi ilaalu hundis haala mirgaa fi ol’aantummaa Ummataa hin tuqneen dirqama isaanii akka bahataniif Ummatni dhiibbaa feesisu hunda akka godhu gaafanna. Barri haaraan 2019 kan bara dabree caalaa injifannoo daranii kan itti galmeessinu, tokkummaan mooraa qabsoo fi kan Ummata keenyaa daran kan itti jabaatuu fi Qabsoon Bilisummaa Ummata keenyaa daran kan itti finiinu akka tahu hawwii keenya ibsachaa, kana dhugoomsuufis hundi keenya jabaannee haa warraaqnuun Dhaama Adda Bilisummaa Oromoo ti.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 31, 2016