
Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsaawaa Oromoo Miseensa Buleessa ABO Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii Irratti Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Addi Bilisummaa Oromoo qabsaawaa buleessa, hayyuu qaroo Oromoo, haftee qabsaawota ganamaa, manguddoo argaa-dhageettii Jaal Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii du’aan addunyaarraa godaanuu gaafa dhageennu gaddi keenya akkaan ol’aanaa dha. Haaj Leellisoon bara 1916 A.L.I abbaa isaanii Obboo Kaawoo Warjii fi haadha isaanii Aadde Bakuu Jiloo Boruu irraa kibba-baha Oromiyaa, Godina Arsii Bahaa, Ona Xiyyoo, Ganda Goraa Kiyyoo (Wanjii Goraa)tti dhalatan. Jaal Leellisoon umrii ijoolummaa isaanii akkuma ijoollee baadiyaa kamiittuu loon tiksaa maatii isaanii gargaaraa guddatan. Gaafa umriin isaanii barnootaaf gahu, mana barnootaa amantaa Islaamaa seenuun Qur’aana qara’anii barnoota amantiin nama hayyummaa gonfatan; hayyuu amantiiti. Maatii sabboonaa irraa kan dhalatan Haaj Leellisoon cunqursaa fi roorroo alagaa argaa fi dhagahaa guddatan, xiiqii itti uumuun qabsoo Oromootti akka makaman seenaan isaanii ni ibsa. Haajii Leellisoon bu’uureessitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, akkasumas hambaa bu’uureessitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)ti. Haajii Leellisoo Kaawoo jaallan akka Koloneel Alamuu Qixxeesaa, Jeneraal Taddasaa Birruu fi gootota kanneen biroo waliin, warra tokkummaa Oromoof Doddota (Dheeraa) irratti warra qalmaa tokko Kiristaanaa fi Islaamaa osoo adda hin ba’iin waliin nyaatanii Oromoof dirree tokkummaa saquun, warra shira diinaa awwaalanii utubaa tokkummaa irbuu jaallaniin ijaaranii dha. Jaal Haaj Leellisoon bara 1991, bara Chaartaraa, waajjira ABO Gullalleetti manguddoota Konyaa Kibba-Bahaa turan, kanneen akka Haaj Biftuu Fayyisoo, Waancaa Aarshii, Haaj Saaddoo Shuqaa, Ladiir Tasii, Miratuu Gamachuu, Jaal Nadhii Gammadaa fi Jaal Guutamaa Hawwas waliin ta’uun hojii qabsoo Oromoo irratti mari’achuu, karoorsuu fi qabsichaaf aarsaa guddaa kaffalan keessaa tokko turan. Yeroo ABOn dhiibamee mootummaa ce’uumsaa keessaa bahetti, of kenniinsaa fi
kutannoo qabuun Jaal Leellisoon WBO waliin dirree kibba-bahaatti bahuun sochii qabsoo hidhannoo jaala finiinsaa turee dha. Qabsoo Oromoo keessatti riqicha ta’uun dhaloota gara dhalootatti qabsoo dabarsuun, uummata Oromoo naannolee Oromiyaa mara irraa walitti fiduun tokkummaa fi bilisummaa saba isaanii keessatti, osoo mangudummaa fi fayyaan isaanii hin daangeessin hanga gaafa lubbuun addunyaa irraa godaananitti shoora guddaa bahataniiru. Haajii Leellisoon maatii horatanii ijoollee sagal, dhiira lamaa fi dubartoota torba qaban; ilmaan ilmaan isaanii waliin abbaa madhaa maatii bal’aa, ilmaan 70 ti. Qabsaawaa fi riqichi qabsoo Oromoo Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii dhalatanii ganna 102 tti, guyyaa har’aa Adoolessa 21, 2026, dhukkubsatanii osoo wal’aanamaa jiranii du’aan addunyaa irraa godaanan. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) irra deebi’uun gadda itti dhagahame ibsataa, isaaniif Rabbiin Jannatal Firdaws haa kennuuf; maatii, jaallan, firootaa fi ummata Oromoo bal’aaf obsaa fi jajjabina haa kennu.
Qabsaawaan ni kufa; qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Balaa’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Adoolessa 21, 2016 Finfinnee
