
Duumessi Lolaa Biyattiirraan Gungumu Ba’aa fi Balaan Inni Oromiyatti Fidu Ulfaataa fi Hammaataa dha
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Haalli nageenyaa biyyattii keessatti yaaddessaa eerga ta’ee waggoota kurmaanaa lakkaawaa jira. Oromiyaan qe’ee nageenyi waaraan, tasgabbiin sabatiinsa qabuu fi misoomni amansiisaan itti diriiruu male, dirree lolaa dantaa waraanaa fi qoccolloo siyaasaa erga taatee jarraa lakkaawatteerti.
Maddi rakkoo siyaasaa, waraanaa, diinagdee fi hawaasummaan walqabatee yeroo dheeraaf furmaata waaraa dhabuun gaaga’ama ummattoota biyyattii irraan gahe duumessa lolaa biyyattiirraan deddeebi’ee gungumaa turee fi jiruu dha. Lolli wal irraa hin cinne biyyaattiiirraan maddu jaarraawwaniif itti fufaa ture ammallee akkuma itti fufetti jira. Addatti, lolli saamicha qe’ee fi qabeenya Oromiyaa akkasumas babal’ifannaa lafaaf sirnoota Atsotaa fi nugusootaan eegale osoo wal irraa hin citin itti fufeera. Har’as fedhiin babal’ifannaa lafaa fi to’annoo qabeenya irratti dorgommiin ture guutummaatti hin dhaabbanne.
Qabsoo wal irraa hin cinne ilmaan Oromoo fi lammiileen Oromiyaa taasisaa turaniin lolli Oromiyaa cabsaa ture takka takka duubatti deebi’us, fedhii fi hawwiin saamicha Oromiyaaf qaban waan hin dhaabbatiniif abjuun dheengaddaa fi kaleessaa har’as Oromiyaa weeraruu fi humnaan qabachuuf sochiin hin dhaabbanne. Keessaayyuu, miidhaa ulfaataa fi hammaataa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irra gaheen bara Chaartaraa (1991) Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) mootummaa cee’umsaa keessaa wal tahiinsa murnoota siyaasaa daantaaf bololi’aniin dhiibamee bahee as Oromiyaan dirree lolaa fi saamichaa taasisuun lammiilee Oromiyaa deegsanii, Oromiyaan qe’een badhaatuu fi gabbattuun qe’ee lammiileen ishee itti hiyyoomtee alagaan itti duroome taatee jirti. Baroota as dhihoo waggoota saddeetta (8) n darban keessattis lola dhaabbataa Oromiyaa guututti deemaa ture irratti dabalata sochiin tumsa waraana hidhattootaan daangaa Oromiyaa sarbee ce’een nageenyi lammiilee Oromiyaa caalmatti boora’ee jira. Daangaan
Oromiyaa sarbamee onoonni hedduun bulchiinsa Oromiyaa jalaa abbaa dhabuun, abbaan dawoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa humnaan godaansifamuu, qabeenyaan Oromoo humnaan saamamuun, ummata nagaa akka hin malletti lubbuu galaafachuu fi boqonnaa nageenyaa lammiilee Oromiyaa dhoowwachuun balaa lola dablataan dangaarraan as gamee dha.
Lola hidhatootaan daangaa Oromiyaa sarbuun ummata gaaga’een miidhaan dhaqqabe Lammiileen nagaa sodaa fi bir’aan jiraachuu, ummanni nagaa qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqaafamuu, diinagdeen biyyaa burkutaawuu, wal amantii fi walitti dhufeenyi hawaasummaa laaffachaa fi qoqqoodinsi yaadaa dachaan babal’achuu, tasgabbiin siyaasaa fi mootummaa ummataa gahuumsa qabu dhabamuu fi amanamummaan mootummaa irratti ummattoonni qaban guutuun guututti dhibuu dha.
Badii fi balleessaa lolaan dhufu hanqisuuf Addi Bilisummaa Oromoo furmaata siyaasaa fi nageenya waaraa biyyaa fi ummattoota biyyaaf qabuun marii siyaasaa dhugaa fi hunda galeessa ta’e mootummaan qaamota dhimmi ilaalu cufa waliin gaggeessuu, mirgi dimokiraasii fi mirgi namoomaa sirnaan kabajamuu, daangaan naannolee humnaan osoo hin taane seeraa, marii fi waliigalteen fala waaraa akka argatu gochuu, akkasumas dhimma nageenya biyyaa fi ummattoota biyyaa irratti hirmaannaan hawaasaa fi hawaasa idil-addunyaa akka jiraatu gochuun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaa dha jennee sagalee dhageessifneerra; ammas kanuma gadi jabeesina.
Hiraarsaa fi hararaafamni waraanaan naannawa Gaanfa Afrikaa mudate, balaa lolli itti fufaan jiraatuu fi furmaatni siyaasaa dhabamuu dabalatee balaa lola biyyattii irraan ka’uun Oromiyaa dirree lolaa dantaa waraanaa fi qoccolloo siyaasaa akka taatu ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa eyyamuu hin qaban; hamaa fi hammaataa daangaa Oromiyaa cabsee dhufu kamuu dura dhaabbachuun qolatuuf garaagarummaa siyaasaa fi kan biros malee waliin dhaabbatuun dirqama haalli fuuldura keenya dhaabee jiru dha.
Waan ta’eef, duumessa lolaa gungumu daangaa cehee qee’ee isaatti dhufu, daangaa cabsee akka hin seenne ummanni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa bal’aan keessaa fi alaan wal bira dhaabbachuun qee’ee isaa fi daangaa isaa tiksuuf garaagarummaa siyaasaa fi kan biros malee waliin dhaabbachuu fi hiriiruun dirqama lammummaa tahu hubachii Qaamotni hawaasaa fi siyaasaa biyya kanaas furmaata nagaa karaa nagaan barbaaduu, akkasumas dhaabbileen mirga namoomaa, hawaasni idil-addunyaa, dipiloomaatonnii fi embasiiwwan gara garaa biyya kana keessa jirtan balaan lolaa ba’aan ulfaataan isaa ummatoota irra waan ta’eef, nageenyi waaraan fi tasgabbiin sabatiinsa qabu akka jiraatuuf nageenya hunduma keenyaatiif xiyyeeffannoo itti kennuun qooda keessan akka bahattan Addi Bilisummaa Oromoo waamicha isiniif dhiheessa.
Addi Bilisummaa Oromoo ummata isaa waliin ta’uun nageenya Oromiyaa kabachiisuuf itti gaafatamummaa isaa bahuuf kan itti fufu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Gurraandhala 17, 2026
Finfinnee
