
Qe’ee fi Qabeenyaa Isaa Irratti Ummata Oromoo Jumlaan Fixuun Haa Dhaabbatu!
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Ajjeechaa jumlaa irra deddeebiin Oromiyaa keessatti
Finxaaleyyii Faannoo ofiin jedhu, babal’ifannaa lafaaf qe’ee fi qabeenyaa ummata Oromoo
saamuuf bobba’aniin raawwatamaa ture ibsa baasuun balaaleffataa turuun ni yaadatama.
Ammas ajjeechaa jumlaa humna goolessaa kanaan ummata keenya Ona Noonnoo irratti
raawwatame gadi jabeessinee balaaleffanna, duras dhaabbanna.
Odeessa qabatamaa jiruun Giddugala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnoo
Ganda Haloo Dinkiitti, gaafa Onkoloolessa 19,2025 Finxaaleyyiin Faannoo saamicha
qe’ee fi qabeenyaa Oromoof bobba’an ilmaan Oromoo maanguddootaa fi daa’imman
keessatti argaman namoota 25 ol tahan kaan rasaasaan, kaan ammoo haala suukanneessaan
mancaan qaama isaanii kukkutanii bakka tokkotti jumlaan fixaniiru.
Ajjeechaan jumlaa, qe’ee fi qabeenyaa waliin mannneen ummataa gubuun Godina Shawaa
Lixaa Ona Noonnootti yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan waan raawwatamaa turee
dha. Akka sanaan:-
Ebla 12,2022 Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnootti finxaaleyyiin Faannoo
tarkaanfii gooltummaa ummata nagaa irratti fudhataniin, namoota baay’een
lubbuun akka dabartee fi manneen jireenyaa qonnaan bultoota 40 olii beeladoota
waliin gubaniiru.
Bifuma walfakkaatuun Onuma kana ganda Qondaala jedhamee waamamutti halkan
gaafa Waxabajjii 14, 2024 gochaa bineensummaa ummata keenya irratti
raawwataniin, miidhaa ulfaataa fi hammataa dhaqqabsiisaniiru. Kanaanis ummata
sirna fuudhaa fi heerumaa gaggeefatu cidha irra jiru manatti itti cufuun Boombii
itti darbatanii akka gubanii fi kanneen lubbuu baafachuuf sochii taasisanis rasaasa
itti dhukaasuun lubbuu isaanii galaafatu ABOn Ijoo Dubbii Waxabajjii 18, 2024
baaseen beeksisuu fi balaaleffachuun ni yaadatama. Kanneen akka fakkeenyaatti
ibsaman malee, gochoonni bineensummaa fakkaataan humna goolessaa kanaan
Ona Noonnootti irra deddeebiin ta’aa turaniiru.
Oromoon qe’ee isaa irratti Finxaaleyyii Faannoon jumlaan dhumaa turuu keessaayyuu
goleelee Oromiyaa naannoo Amhaaraan wal daangessan kanneen akka Godinoota
Walllaggaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa fi godinoota addaa
Oromiyaa naannolee Amaaraa fi Benishaangul keessa jiran Walloo fi Matakkal keessatti
golgaa waraanni mootummaa kennuufiin Faannoon ifatti ummata keenya irraa qabeenyaa
saamuu, qe’ee irraa baqachiisuu, rasaasa itti roobsuun lubbuu ummata siviilii akka baalaatti
harcaasuu ABOn irra deddeebiin ibsa baasee balaaleffataa tureera. Ammas Addi
Bilisummaa Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti ummata Oromoo fixuun akka
dhaabbatu gadi jabeessee hubachiisa.
Mootummaan paartii Badhaadhinaa, daangaa Oromiyaa ifatti sarbamuu fi ajjeechaa jumlaa
Finxaaleyyiin Oromoo irratti raawwatamu dhaabsisuu, Beelaa, gadadoo, rakkoo fi roorroo
gama hundaan Oromoo irratti wal gahe irraa qolachuu mannaa, maqaa “Misooma,
misooma” jedhuun biddeena abjuu ummataaf raaguu hojii guyya guyyaa godhateera. Osoo
Oromoon jiruu fi jireenya, nagaa fi tasgabbii dhabee, Qe’ee fi Qabeenyaa isaa irratti dhiigni
isaa Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraan dhangala’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo
Oromiyaa fi Mootummaan Federaalaa, dhumaatii irra deddeebiin Oromoo irra ga’u akka
waan hin arginee fi hin dhageenyeetti callisanii ilaaluun tuffii ummata Oromoo bal’aaf
qaban agarsiisa jennee amanna.
Mootummaan PP daangaa Oromoo Finxaaleyyiin sarbame kabajsiisuu dadhabuun, humna
nageenyaa harkaa qabuun nagaa ummataa eeguu hanqatuun qaanfachiisaa dha. Ammas
mootummaan nagaa ummata keenyaa akka kabajsiisu gadi jabeessinee hubachiifna.
Sirnoota Itoophiyaa dhufaa darbaa keessatti goolama siyaasaatiin wal qabatee didhaaleen
hedduun uumamaniiru, rakkinnootni hedduun dhalataniiru. Addatti Waggoota 7n as
dhihoo kana guutummaa biyyattii keessatti hararaafamaa fi roorroon daangaa dabre
ummatoota biyyaattii addatti ummata Oromoo irra gaheera.
Jumlaan lubbuu namaa dhabamsiisuu fi hidhuun, ejjannoo siyaasaa ofiin nama hidhanii
murtoo seeraa malee barootaaf hiraarsuun bara mootummaa kanaa haalaan babal’ate.
Maqaa garagaraa itti moggaasuun qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi daldaltoota walumaa
gala ummata biyyaa irraa baasiilee adda addaa tarrisuun maallaqa humnaa ol baasisuu,
buusiilee adda addaa sababa itti tolchuun ifatti ummata irraa saamaa jiru. Kun ummata
balaa waraanaan dinagdeen harkaa burkutaawee jiruu fi jireenya dhabe, waa kuufatee
harkaa hin qabne harkaa gara afaanii jiraatu daaraa godheera.
Dhumaatii ummata keenya Ona Noonnoo tti taheef, ABOn gadda itti dhaga’ame ibsaa,
maatii maraafis jajjabina hawwa. Ummatni Oromoo balaan kun kanaan kan hin
dhaabbatne, kan daraniitti tarkaanfatu ta’uu hubatee, kana of irraa dhaabuufis tokkummaan
walgargaaree dura dhaabbatuu qofatu furmaata jenna. Humni biraa eeggatu, kan dhumaatii
OROMO LIBERATION FRONT
ADDA BILISUMMAA OROMOO
Gaafa:
Date: 23/10/2025 تاريخ
Lakk.
No. stm 20/stm/2025
No. stm 006/stm/2021
No.: stm 002/stm/2021
