Eenyummaan “Oromummaa” Akeeka Yaaddoo Nageenyaa fi Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Hogganni Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Waggoota Qabsoo hidhannoo fi waajjirri muummee Asmaraa Ertiraa turetti Qabsoo ummata bal’aa Eritrea keessatti gaggeessaa ture. Ummanni, ummata jaalalaa fi waliin jireenya beeku, jaalala biyyaaf qabuuf of duuba hin jenne, Sabboonummaa biyyummaa qabu ta’uu irraa hubanne. Ayyaanni Biyyaa (Independence Day) Ummata bal’aa ERITREAf guyyaa bilisummaa guddaa dha. Muuxannoo qabsoo ummata irraa argineen ummatni bal’aan Eritrea yeroo guyyaa kana kabajatanitti, akka lamaan kabajatu.
- Qabsoo dhiigaa fi lafee ilmaan isaaniin argame waan taheef miira xiiqii fi eenyummaa biyyummaa gaaffii biraa cinatti hin qabne “Ani Eritrea dha” jedhu ofitti himuun wareegama gootota isaanii yaadataa kabaju.
- Bilisummaa qaamaa qalbii gahaa dhabuu irraa kan ka’e miira gaddaan yaadatu. Rakkoon mirga namoomaa fi hiyyummaa daangaa darbe keessa jiraachuun ummataa “Bilisummaa Eritrea” irratti gaaffii tahee dhalootaan gungumama.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n irra deebiin Ummata bal’aa Eritrea Bilisummaa dhugaa barbaadamu san dhabullee, baga guyyaa kabajamaa kanana isiniin gahe jechuu fedha.
Bilisummaa Eritrea Ganna 34ffaa Ilaalchisee Haasaa Prezidaant Isiyaas dubbatan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhaggeeffanneerra. Presedaant Isiyyaas haasaa isaanii kanaan, Yoroon kun yeroo itti Bilisummaa isaanii kabajatan, Mirga Abbaa Biyyummaa isaanii kabajsiifatan, Tokkummaa isaanii jabeeffatanii fi Daangaa biyya isaanii eeggatan tahuu akeekanii, Waggaa waggaan dhimmoota Addunyaa, Afrikaa fi Naannawa Gaanfa Afrikaatti murtoo fi Ejjannoo Akka biyyaatti qaban akeekanii Addunyaa araaraa, nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabdu akka taatu hawwii isaanii ibsaniiru.
Ibsa isaanii karaa foddaa ERI TVn hordofneen, 1. Ameerikaan addunyaa irratti maaliif ol’aantummaa barbaaddi? 2. Biyya isaanii Eertira irraa kaasee, Afrikaan gargaarsa alaa qofa irratti herkattee rakkina keessa akka jirtu, 3. Naannoon Gaanfa Afrikaatti imaammata ifaa fi mul’ataa tahe qabaachuu dhabuun addatti naannichi sababa geostrategic ta’uun jeequmsijiraachuu dubbatan.
“Geostrategic” ajandaa addaa taasisuun Sudaanii fi Itiyoophiyaa akka fakkeenyaatti fudhataniiiru; Alagoonni naannawa Tarsiimawaa (geostrategic) kanatti dhimma bahuun akka waraanni hammate dubbatu. Itiyoophiyaan rakkoo baroota dheeraa keessa gangalataa turte keessaa bahuu dadhabdee ammas Bishaan “Nile fi Galaana Diimaa”f qabaniin ilaalcha “Oromummaa” kan ummata Oromoos bakka hin buune qabachuun Lola kaasaa jiru jedhan.
Xinxala taasisan keessatti, ilaalchi “Oromummaa” Eritrea fi Itiyoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaaf yaaddoo akka tahetti dhiheessuun, ilaalchi ummata Oromoo bal’aa fi eenyummaa Oromoo Oromummaaf qaban dabaa tahuu irra darbee, dogoggora seenaa dhalootaan wal nama gaafachiisu jennee amanna.
Duulli maqaa “Oromumaan” hooganoota Eritrea dabalatee leelistoota sirna dulloomaa Minilikiin Oromoo irratti taasisaa ture haaraa tahuu baatus, jibbiinsa (Phobia) Oromummaa kanneen qaban olola daangaa hin qabne Media fi Social Media irratti daangaa tokko malee oofamaa ture sadarkaa hoggana biyya Eritrean ifatti ol guddifamee dubbatamuun Oromoo fi Oromiyaaf balaa inni dhaqqabsiisuuf deemuuf gaafatamaan Mootummaa Eritrea tahuu hubachiifna. Sadarkaa mootummaatti kana labsuunis wallaalummaa ykn daguu irraa jennee hin amannu. Tumsa ittiin ijaarratanii galii Siyaasaa, waraanaa fi Imaammata lafa kaawwataniif tahuutti hubanna.
Ololli sadarkaa Aktiivistootaa irraa hanga mootummaatti guddachuun “Oromummaa” Abaaramaa taasisanii kan Ofii fedhan maqaa gara garaa moggaafachuun, (Ethiopiawwinet, Ertrawwinet, Tegaruu (Tigrawwinet), Amarannet) jedhan ajandaa siyaasa ittiin bitachuu kan ummata bal’aa bakka hin buunee fi naannawa gaanfa Afrikaas caalmattuu rakkoo hamaaf saaxilu tahuu akeekuu feena.
Presedaant Isiyyaas gaafa danataa hooganoota Itiyoophiyaa irraa argatan wal eebbisanii akka Mootummaa Eritreatti hayyoota Amhaaraan wal gargaaranii “Abiyyii Nabiyyii” jechaa qubeellaa qubatti waliif kaayaa, gaafa dantaa siyaasaa wal biraa dhaban “Oromummaa” cubbamaa taasisuun Biltsiginnaa qawween ummata Oromoo fi ummattoota Itiyoophiyaa korkodee bulchaa jiru, dhimma Oromoo fi Oromummaa garagalee mil’atee hin beekneef kennuun dogoggora seenaati, Cubbuu guddaa ammas Oromoo irratti yaaduu dha.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n Impaayira Itiyoophiyaa keessatti jaarmiyaalee Siyaasaa fi Waraanaa akeeka Bilisummaa Ummataa wal fakkataa qaban kanneen akka EPLF fi TPLF waliin qabsoo gaggeessaa tureen, Bara 1991 dura ganna 34ffaa har’aa sirna abbaa irree Dargii aangoo irraa hundeen buqqisee sirna dimokiraasii fi mirga ummatotaaf akka dhabatuuf qabsaawaa ture. Akkuma eegametti Dargii aangoo irraa qaarisuun yeroo mootummaan Cee’umsaa Finfinneetti labsame, mirga sabootaa fi sirna federaalummaa bu’uura godhachuun, seenaa haaraa eegaluuf mul’ata waloo qabna ture.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n bu’uura qindoominaa fi qabsoo ummatoota cunqurfamoo keessatti gahee olaanaa bahuun, bu’uuruma Chartara sanaa irratti hirmaannaa murteessaa taasiseera. Garuu osoo waliigalteen mootummaa Ceehumsaa sun mallatteefamee hojiirra oolmaa hin eegalin ABUT/TPLF f tumsa guutuu siyaasaa fi waraanaa EPLF (Eritrean)n ABO shiraan dhiibanii moggatti baasan. Shirri siyaasaa yeroo sana wixinameen hulaan dimokiraasii cufame, Abbaa Irrummaa TPLF f mirkaneessame, Ummattoota Itiyoophiyaaf abdii fi hawwiin nagaaf dimokiraasiif abdatame qilee bu’ee TPLF ganna 27f Ummattoota biyyattii afaan qawween korkoddee bulchite.
Adda Bilisummaa Oromoo dhiibanii of gidduudhaa baasuun ofiifis boqqonnaa nageenyaa waliif hin kennine, daranuu ibidda waraanaa walitti qabsiisaniin Lolli bara 1998–2000 dantaa siyaasaaf jecha jiduu isaaniitti qabsiifame lubbuu qulqullootaa hedduu lafarraa balleesse.
Bara 2018 Mootummaan Eritrea marsaa 2ffaaf seenaa fokkisaa fi gaaffii dhalootaa tahee itti fufu bara jijjiramaa baanamu hojjataniin, Dantaa siyaasaa isaanii Mootummaa Itiyoophiyaa waliin tolfatan tiksuuf jecha Mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota biroo hedduu waliin tahuun Shira Hoogana dhaabaa Eritrea Asmaraa maadheffate irratti xaxaniin bara 2018 jijjiirma dhugaaf wareegama qaamaa qalbii ABO fi Oromoon Qabsoo Bilisummaaf baase gatachiisuun Abdii fi hawwii ummataa ammas dukkaneesan.
Qabsoo eenyummaa Oromoo (Oromummaa) gufachiisuun, seenaa dagachuu fi bu’aa dhabsiisuuf abbaluu qofa osoo hin taane, ajandaa dimokiraasii fi mirga hiree murteeffannaa saboota laamshessuuf shira wixiname tahuu hubachiifna.
Oromummaan ummata Oromoo bal’aaf sirna Gadaa irratti kan ijaarame mallattoo eenyummaa, aadaa, duudhaa fi mirga hiree murteeffannaa ti. Isaa akka rakkoo siyaasaatti dhiyeessuun, falmii dogoggoraa fi olola sadarkaa seerawaa hin qabne seeraa fi seenaanis wal nama gaafachisuu dha. Oromummaan fala tokkummaa sabootaa fi nageenya bu’uuraa ti.
Ajandaa Oromoo fi Kuush akka balaatti dhiyeessuun; ofumaa isaaniif balaa ulfaataa fi hamaataa gaanfa Afrikaatti harkisuuf deemu jennee fudhanna. Ololli madaala hin kaasne akkasii mirga sabootaa ukkaamsuu fi sirna abbaa irree dirirsuun fedhii mirga abbaa biyyummaa ofii kabajchiiftan fakkatanii kan saboota biroo sarbutti akka jiran ifatti mul’isa.
Maayii irratti, “Eenyummaan “Oromummaa” Yaaddoo Nageenyaa Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti.” Yoo jennu,
- Oromummaan fala tokkummaa fi nageenyaa ti. Ololli eenyummaa Oromoo irratti gaggeeffamu yakka seenaa fi seeraan wal nama gaaffachiisuu dha. Duulli maqaa Oromummaa balleessuuf taasifamu seenaa keessatti hin milkoofne; kana boodas bakka hin argatu.
- Ummanni Oromoo bal’aa fi sabaa fi sabalammoonni cuftuu eenyummaa isaanii, wal qixxummaa, dimokiraasii fi mirga abbaa biyyumma isaaniif falmaa barbaachisu gaggeessuuf gorsaa fi heeyyamni gamaa fi gamanaa eggatu hin turre, hin jiru, hin jiraatus.
- Olola siyaasa daaboo bitachuuf Qarreerraa walitti darbatamuun Tokkummaan, Eenyummaa, fi Bilisummaan saboota laaffatuu fi laamshayu hin jiraatu; Qabsoon Ummataa ilmaan isaaniin mirkanaawa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 26, 2025
Finfinnee