“Labsii Haaromsa Aaadaa Oromoo Jedhuun Ajandaan Biltsiginnaan Oromoo Irratti Murteesite Madaa Oromoo Irratti Ashaboo Firfirsuu dha!”
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Labsii fi lallabni, fedhii fi hawwii ummata Oromoo malee, Oromoo irratti labsamuu fi mirkanaawu, ergaa fi ergama diinaa ummata keenya bal’aa bakka hin buunee dha.
“Leenjii Hooggansa Bu’uuraa fi Miseensaa” jedhu guyyoota 4f ture Irratti Qondaallii Olaanaan Paartii Biltsiginnaa hooganoota paartichaa sadarkaan jiraniif leenjii keennaa turaniin kaayyoon leenjichaa ibsuun, Oromummaa Itiyoophiyummaa keessatti hammachiisuun “Nuti Itiyoophiyaanonni walitti hidhiinsa dhiigaa, Aadaa, Safuu, Qorqalbii, firooma eenyumma baayyee waliin qabna” jedhanii, Itti aansuun “Akkuma kanaan dura hooganoota Paartichaaf mata duree ‘Ba’aa irraa gara bu’aa/Rakkina irraa gara Badhaadhinaa’ jedhuun leenjisaa turre ammas mata dureewwan toorawwan xiyyeeffannoo haaromsa aadaa Oromoo jechuun,
Ø Dawaan Cabiinsa Aadaa keenyaa Haaromsa Aadaati, Ø Haaromsa Aadaatiin Baadiyaa Ammayyeessinee Magaalaa Biraandessina,
Ø Haaromsa Aadaatiin Seenessa Dogoggoraa Qajeelchinee, Seenessa Waloo Ijaarra,
Ø Barnootni Beekkumsa Xabboo Bu’uureffate Haaromsa Aadaa Keenyaa Ni Utubna,
Ø Haaromsa Adaatiin Artii Oromoo Humneessinee Guddummaa Biyyaa Utubna,
Ø Haaromsa Aadatiin ilaalcha Aaadaa Hojiifi Qusannaa mirkaneesina, Ø Dhaloota Jijjiirree, Dorgomummaa Biyyaa Ni Mirkaneessina,
Ø Haaromsa Aaadatiin Aadaa Siiyaasaa Marii fi Marabbatti Ceesifnee, Fakkoommii Qaroominaa Taana,” Jedhu tarrisanii eerga leenjii guyyoota 4f laatanii booda “Labsii Haaromsa Aadaa Oromoo (Declaration of Oromo Cltural Renaissence)” jechuun gaafa Gurraandhala 13, 2025/06, 2017 E.C labsaniiru.
Murtoon dogoggoraa Oromoo irratti murna Biltsiginnaan muramee murtaahe, ummata Oromoo bal’aa wareegama ulfaataa baasisiisuu bira darbee waliin jireenya hawaasummaa fi olummaa saboota biraan qabnu hammeessa jennee yaaddofna. Seenaa Oromootiin seenaa dogoggoraati jechuun, fedhii Oromoo malee waan Oromoon quba hin qabne anatuu siif beekaan dogoggorri seenaa murni PP Oromoo irratti murtee murteesitu itti galli isaa ulfaataa fi hammaataa taha jennee fudhanna. “Nuti Itiyoophiyaanonni walitti hidhiinsa dhiigaa, Aadaa, Safuu, Qorqalbii, firooma eenyumma baayyee waliin qabna” jechuun ajandaan “Itiyoophiyummaa” Oromoo fudhachiisanii “Oromummaa” balleessuuf abjotan Barjaa/Taappeellaa “Itiyoophiyummaa” ifatti Ummattoota cunqurfamoo ittiin gabroomsan ibsachuu caalaa, maqaa fakkeessii Biyya Itiyoophiyaa jedhamu dhabamsiisuuf akka deemaa jiranitti hubanna. Biltsiginnaan bara bulchiinsa isaanii waggoota jahan darban keessatti, dhiigaan Oromoo tahanii aantummaa Oromummaa garsiisuu fi Ilaalcha Oromummaa saba isaaniif qabaachuun hanqannaan, yakka waraanaa (War crime) ummata Oromoo bal’aa irratti raawwataa turan.
Aadaan Oromoo haaressine jedhanii isaan har’a labsan keessatti Oromoon dursee akka itti fira isaa qofa osoo hin taane diina isaallee itti hammatu qaba. Oromoon jaarraa 16ffaa keessaa Qajeelfama waraanaa tumateen aadaa boobbaa fi gala waraanaa keessatti waan gochuu hin qabne hedduu tarrisee akeeke keessaa, Ø Namni wayyuu dha jedhe Ø Manni namaa wayyuu dha jedhe Ø Dubartii fi daa’imman diinummaa hin qaban wayyuu dha jedhe Ø Ka safuu deebisuuf deemu hin safu waan taheef safuu ummataa tikse Ø Booji’ee hin ajjeesu Ø Diina jedhee cubbuu irratti hin raawwatu Ø Du’aa diinaa awwalcha hin dhoowwu Ø Maatii diinaatti hin roorrisan, gadoo hin bahatan Ø Bishaan dhugaatii hin dhowwan, Har’a garuu Paartiin Biltsiginnaa Oromoo irratti Labsii dogoggoraa Labsuun, “Dawaan Cabiinsa Adaa keenyaa Haaromsa Aadaati, Haaromsa Aadaatiin Seenessa Dogoggoraa Qajeelchinee Seenessa Waloo Ijaarra” jechuun ummata bal’aa gowwoomsuuf yaalu. Biltsiginnaan ifaatti Oromoo irratti dogoggora warra seenaa hojjatan, yakkamtoota seeraa fi seenaati. Impaayira Itiyoophiyaa gabroomfattuu tana keessatti barri Oromoon eenyummaa Oromummaa isaan yakkamee,
Ø Jumlaan manatti ibiddaan gubame, Ø Jumlaan hidhamee hidhaa baafamee ajjeefamee Waraabessa nyaachisiifame,
Ø Morma muramee mukatti fannifame, Ø Daa’imman umrii 10 gadii Waraana PPn gudeedmanii ajjefaman,
Ø Ilmi Oromoo akka Hoolaa Qalmaatti maqaa Waaqaan jedhamee itti kadhatamee albeen mormi murame,
Ø Jumlaan ajjefamee, reeffa kaasuu dhoowwachuun diretti reeffi tortore,
Ø Qurxummii balleessuuf madda Bishaanii Gogsuudha jedhamee Oromoo irratti lolli waloo labsame,
Ø Lola Tigraay fin’aan kan Oromiyaa akka Garbuutti haamama jedhame dhaadatame,
Ø Harmaa fi Harka Muraan Aanolee fi Caliin Calanqoo Seenessa Qeenxeeti jedhame, Bara bulchiinsa murna Biltsiginnaati. Oromoo ifatti qaamaa qalbii Cabsaa, ammas ifatti “Dawaan Cabiinsa Adaa Oromoo Haaromsa Aadaati” jechuun Biltsiginnaa, caba Oromoo irratti caba caalu dabaluu dha. “Seenessa Dogoggoraa Qajeelchinee Seenessa Waloo Ijaarra” n tooftaan Oromummaa yakkuun, Itiyoophiyummaa Barjaa gabroomfataa Oromoo fudhachiisuuf Biltsiginnaan watwaattu, Oromoo Madeessanii madaa sabaa horfuu dha. Kanaafi kan “Labsii Haaromsa No.: No stm 002/stm/2021 Aaadaa Oromoo Jedhuun Ajandaan Biltsiginnaan Oromoo Irratti Murteesite Madaa Oromoo Irratti Ashaboo Firfirsuu dha!” jenneef “Itiyoophiyaa” jechuun, Biyyaa sadarkaa yaadaatti (imaginary country) malee qaamaan lafa irra hin jiree dha.
Kan maqaa biyyaa golgaa fi dawoo godhatee jiru, Impaayira Afaan Qawween ijaaramee Afaan Qawween Ummata Oromoo bal’aa fi saboota Cunqurfamoo biraa irratti ijaaramte, impaayira afoola seenessa sobaa ganna 3000 fi sanaa ol qabnaan Ummattoota sossobaa jiraattuu dha. Itiyoophiyaan Impaayira roorroo, Saboota abbaa biyyaa tahan “Indigenous people” ummata lafa isaanii irratti dhalatanii, Qe’ee isaanii keessa jiraataa turan fi kan eenyummaa, afaan, aadaa fi seenaa isaanii waliin sirna mataa isaanii qaban saba akka Oromoo ukkaamsaa fi itti roorrisaa turtee fi jirtuu dha. Oromoon uummata abbaa biyyaa (indigenous) biyya Oromiyaa fi Gaanfa Afrikaa keessa jiraatu dha. Saboota Abbaa biyyaa Afaan Qawween ukkamsanii, isaan irratti warra of ijaaretuu Seenaa fi Seenessa Itiyoophiyaa lallabaa jiraata. “Itiyoophiyaa”n bu’aa kolonii fi koloneeffattootaa Impaayira fedhii weerartootaa irratti ijaaramteedha. Geggeesitoonni Impaayira Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi jiran fedhii saboota abbaa qe’ee fi qabeenyaa tahe ukkaamsuun guutummaatti Afaan Qawween gabroomsanii bitaa turan, ammas itti jiru. Mootummaan “Itiyoophioyaa” dhufaa darbaan, sirna bittaa humnaa, weerara, saaminsa, fi hacuuccaa irratti of ijaare aangoo siyaasaa dheereffachuu malee dantaa ummataaf dhimma hin qabnee dha. “Itiyoophiyummaan” sirna abbaa-irree waggaa dheeraaf Oromoo fi saboota Cunqurfamoo biroos cunqursaa turee fi jiru Oromoo fi saboota cunqurfamoo dhabama irraa baraaruuf osoo hin taane, sirna abbaa-irree hundeen lafa qabataa as gahee dha. Afaan Oromoo, aadaa Oromoo, amantii Oromoo fi sirna Gadaa Oromoo hundeen balleessuuf “Itiyoophiyummaan”n barjaa (Taappeellaa)gabroomsaan abbootii qe’ee fi qabeenyaa (Indigenous) ittiin hacuucaa turee fi jiruu dha. Ummanni Oromoo bal’aa fi sabaa fi sablammoonni ummattoonni cunqurfamoon mirga ofiin of bulchuu fi qe’ee fi qabeenyaa isaanii irratti abbummaa qabaachuu sarbamanii gaggeesitoota Impaayiraan ukkaanfamaa jiraatu.
Biyya kan jedhamu, biyya akka Itiyoophiyaa sadarkaa yaadaatti (imaginary country) taate, maqaa Itiyoophiyummaa jedhuun afaan qawween cafaqanii bulchan meeshaa gabroomsaa osoo hin taane biyya sabaa fi sablammootaa fi Ummaattottaaf taatu qaamoleen dhimmi ilaallatan (All stakeholders) Marii fi marabbaan ijaaruu dha malee, “Seenessa Waloo” jechuun Aadaan Oromoo haarawoomuu fi Seenessi dogoggoraa paartiin qeenxeen ofitti fudhatee sirreessu hin jiru, hin jifraatus. Seenaa saba bal’aa turee fi seenessa sirrii ummata Oromoo bal’atuu murteeffata waan taheef. Ummanni Oromoo bal’aan waan dhabee fi waan argate ifatti ibsachuuf bilisummaa qaamaa fi qalbii barbaada. Qe’ee Oromoo Oromiyaa saamaa saamsisaa, Eenyummaa Saba bal’aa ifatti irraa mulqaa eenyummaa biraan bakka buusuuf watwaachuun paartii qeenxee, tuffii Saba bal’aaf qabanii fi gatii ummataa wallaaluu irraa madda jennee amanna. Waan taheef, ummanni keenya bal’aan labsii fi lallaba murna qeenxeen Seenaa fi seenessi dogoggoraa Ummanni Oromoo bal’aan qabu akka hin jirre hubachuun, yeroon itti ummanni keenya keessaa fi alaan wal tahee dhimma isaa waliin ilaaluu fi dhibdee gabroomsaan irra bubule waloon furatu ammaan dhaamasa keenya.
Injifannoo Ummata Bal’aaf
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 14, 2025 Finfinnee