Labsiin Farra Shorokessuummaa Mana Maree Ministeerotaatiin Dhihaate Deemsa Karaa Nagaatti Hulaa Cufuuf Kan Ta’e Jedhamee kan Bocame Dha

 

Obsi

Labsiin Farra Shorokessuummaa Mana Maree Ministeerotaatiin Dhihaate Deemsa Karaa
Nagaatti Hulaa Cufuuf Kan Ta’e Jedhamee kan Bocame Dha
(Ibsa ABO, Caamsaa 3, 2021)
Seerri “Farra-Shororkeesummaa Mana Maree Ministeerotaa Itoophiyaatiin gaafa Caamsaa 1, 2021
dhaabota ABUT fi “Shene” jedhaman tarree dhaabota shororkeessitootatti ramaduuf jedhamee qophaa’e
ta’e jedhamee humnoota hidhatan suduudaan maree siyaasa irraa fageessuu fi walumaagalatti daba
maree siyaasaa danquuf itti yaadame godhame dha. Seera qophaa’e kana keessatti jechi “Shene” jedhu
akkamiin akka dhimma itti ba’ame beekuu baannus, akka tilmaama keenyaatti garuu jechi “shanee jedhu
nama lammii Oromiyaa ta’ee fi kan dhaaba Paartii Badhaadhinaa hindeeggerre hunda dha. Haa ta’u
malee, sirnaa fi caasaa bulchiinsa Gadaa keessatti jechi “shanee” jedhu jecha eebbifamaa fi kabajamaa
kan aadaa fi duudhaa Oromoo of keessatti hamaate dha. Jecha kana seera “farra-shororkeessummaa
waliin walitti hidhanii gocha cubbamaa akka ibsu gochuun aadaa, afaanii fi duudhaa Oromoo xiqqeessuu
fi abaaruu dha.
Jechi sun maaliifuu dhimma itti yoo ba’ame garuu, seerri dhihaate kun jeequmsa siyaasaa biyyattiin
keessa seente karaa nagaatiin furuuf yaalii taasifamu gufachiisuuf itti yaadamee kan qophaa’e dha.
Keessattuu yeroo hawaasni addunyaa kanneen akka Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa rakkoo
walxaxaa fi gaaga’ama biyyattiin keessa seente furuuf tattaaffi godhaa jiran yeroo murteessaa kana
keessatti seera balfatamaa jeequmsa baballisu Kanaan asi ba’uun dalagaa haalaan cubbamaa dha.
Murni Itoophiyaarratti amma aangoo qabatee jiru seer-qabeessummaan isaa Onkoloolessa 05, 2020
waan raawwateef biyyatti kan bulchaa jiru karaa seeraan alaa (illegal) ta’een akka ta’e eenyu biraayyu
dhokataa miti. Manni Maree Ministeerotaa, Paarlaamaan biyyatti akkasumas aanga’ootni mootummichaa
guutummatti seer-qabeessumaan isaanii waan dhumateef seera baasuufis ta’e seera ba’ee jiru hojiitti
hiikuuf mirga seeraa fi heeraa hin qabani. Itoophiyaan jeequmsa heeraa (constitutional crisis) keessa
seentee waan jirtuuf, seerrii-shororkeesmmaa kun, utuma paarlaamaatiin raggaasifameellee,
paarlaamaan sunuu seera qabeessa waan hin taaneef, seera raggaasisuufis ta’e filannoo geggeessuun
seeraan ala dha.
Kana malees seera shororkeessummaa kana qama seera qabeessa hin taane Kanaan labsuun qaamni
aangoo biyyatti dhuunfatee jiru kun waraana, jeequmsaa, fi dhiittaa mirga namoomaa geggeessaa jiru
jabeessee itti fufuuf kan murteeffate ta’uu mul’isa. Jeequmsa namoomaa biyyattiin keessa seentee jirtus
akka malee hammeessa. Asirratti kan hubachiisuu barbaannu seerri farra-shororkeessummaa amma
qophaa’e kun labsii farra-shororkeessummaa bara 2009 (Lak. 652/2009) mootummaa ADWUE tiin
qophaa’ee dalagaalee hacuuccaa kan diinota siyaasaa kanneen akka ABO, ABBO, Ginbot 7
dhabamsiisuuf gocha raawwataa turan seera qabeessa taasisuuf maqaa “shororkeesitoota” kanneen
akka Al-Shabaab faa gaanfa Afirikaatti lolla maqaa jedhuun itti fayyadamaa turan waliin garaagarummaa
hin qabu. Seerri 2009 sun mormittoa siyaasaa ittiin ukkaamsuuf, miseensota, hooganoota fi deggertoota
isaanii ittiin hiraarsuuf dhimma bahamaa ture. Gartuun mootummaa qabatee jiru kunis hacuuccaa
taasisaa jiru seer-qabeessa taasisuuf tarsiimoodhuma kana qopheeffatee asi ba’e. Seera farra-shororkeessummaa kana labsuun ammallee ajjeechaa fi hiraarsa bal’inaan mormitootaa fi lammiilee
biyattii irratti geggeeffamaa jiru caalaatti baballisaanii itti fufuuf deemama.
Ummatoota Itoophiyaa fi hawaasa addunyaa kan hubachiisuu barbaannu, seerri shororkeessummaa kun
kan inni addatti akeekkate ummatoota bilisummaa fi dimookraasiif falmaa taasisaa jiran kanneen akka
lammiilee Oromiyaa, Beenishaangul-Gumuz, Sbootaa fi sab-lammoota kibbaa fi ummata Tigraay dha.
Kanaaf, lammiileen Oromiaa fi ummatoonni Itoophiyaa kanneen biroo balaa dhufaa jiru kana beekanii ofeeggannoo akka godhanii fi rakkoo siyaasaa lubbuu fi jiruu fi jireenya isaanii gaaga’aa jiru kanaaf
waraanaan utuu hin taane mareedhaan akka hiikamu akka harka wal qabatanii qabsoo godhan
akeekkachiifna. Kana malees, filannoon biyyoolessaa utuma jiraateellee, haala biyyattiin meessaa
waraanaatiin dhuunfatamtee jirtu kanatti filannoon hirmaachisaa ta’e nagaan deemsifamuu waan hin
dandeenyeef, gartuun mootummaa qabatee jiru kun filannoo jedhame sana waliin dha’uuf akka
akeekkate seerri amma baafame kun ragaa ga’aa dha.
Dabalataanis hawaasa addunya kan beeksisuu barbaannu gartuun aangoo qabatee jiru kun sirna
deemsa karaa nagaatiif karaa cufee, mormitootatti seera sirnaan alaatti dhimma ba’uun maq-balleessii
sobaa itti maxxansee diktaatara ta’ee aangoorra turuuf kan murteeffate ta’uu dha. Keessattu seerri
shororkessummaa kun maree siyaasaaf karaa cufee, mormitoonni akka dorgommii keessa hin seenne
gochuuf waan akeekkkateef dhaabbatoonni kanneen akka Gamtaa Africa (AU), Mana Maree Nageenyaa
Mootummoota Gamtoomanii (UNSC), Gamtaa Awurooppaa (EU), fi kanneen dhimmi kun isaan ilaalu
hundinuu seerra farra shororkeessummaa kana akka jabeessanii morman gaafanna. Kana malees
gartuun aangoo qabatee jiru kun akeeka duula waraanaa fi jeequmsa keessa seenamee fi yoo itti fufe
keessaa ba’uun rakkisaa ta’e kana hatattamaan akka dhaabuu dhiibbaa barbaachisu akka godhan
gaafanna. Yeroo mootummoonni diktaatarri akka mootummaa Itoophiyaa moormitoota siyaasaa biyya
keessaa dhabamsiisuuf jecha yammuu seera hacuucaa akka seera shororkeessummaa baafatanii
nagaafi tasgabbii naannoo kanaatii fi adduunyaaf rakkoo guddaa uuman akka utuu arganii ija isaanii hin
dunuunfanne waamicha goona.
Xumurarratti, gartuun aangoo qabatee jiru kun biyya keessatti guyyuu jeequmsa kan uumaa oolu biratti
aangoorra turuuf jecha alattillee jeequmsarratti jeequmsa dhalchaa akka jiru beeksisuu barbaanna. Kun
garuu biyyattii gara diigumsaa fi kufaatiitti maayiitti geessa. Kunimmoo haala gaddisiisaa fi biyyattiin akka
biyyaattu jiraachuuf carraa isa dhumaati jennee amanna. Kanaafuu, haalli jiru kana caalaa utuu hin
hammaatiin ummatoonni Itoophiyaa fi hawaasni addunyaa tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu dhaamna.
ABOn furmaanni amansiisaa fi dhaabbataan rakkoo Itoophiyaan keessa seente furuu dhanda’u deemsa
siyaasaa dimookraatawaa ta’ee fi qaamolee dhimmi isaa isan ilaalu kan hirmaachise maree siyaasaa
(political dialogue) qofaa dha jedhee amana. Kanaafis, humnoota dhimmi isaa isaan ilaalu hunda waliin
fala soquuf, rakkoo jiru nagana furuuf waltahiinsa ijaaruuf, akkasumas garaagarummaa jiru dhiphisanii
biyya waloo dimookraatofte ijaaruuf fedhii qabachuu fi qophii ta’uu ibsa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 3, 2021
Finfinnee