Lafaa fi Lafee Oromootti Roorrisuun Dhaabbachuu Qaba!
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
No. stm 006/stm/2021
Oromiyaan qe’ee keessummaa qubachiistuu dha malee, Qe’ee qubattoonnii fi weerartoonni abbaa qe’ee
fi qabeenyaa keessatti ajjeesuu fi irraa buqqisuun ofii abbaa itti taatuu miti.
No.:
stm 002/stm/2021
Gochaan hammeenyaa fi garjabummaa, qubattootaa fi weerartoota naannolee daangaa Oromiyaan wal
daangessan irraa dhaabbataa Oromiyaa fi Oromoo irratti xiyyeeffate Ummata keenya bal’aa obsa
fixachiiseera.
No
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n yeroo dha yerotti, keessattuu waggoota 6n darban kanneen
dhaabbataa ibsa baasaa tureen, sochiin weerartoonnii fi qubattoonni babal’ifannaa lafaa fi saamicha qe’ee
fi qabeenya Oromoof bobba’an naannolee Daangaa Oromiyaan wal daangessan, Kaaba Oromiyaan
ummata Oromoo Walloo, giddu gala Oromiyaa Salaalee fi Shawaa Bahaa, Lixa Oromiyaa Godinoota
Hoorroo Guduruu Wallaggaa fi Wallaggaa Bahaan, Baha Oromiyaa Harargee fi Dirre Dhawaa, Kiibba
Baha Oromiyaa Baalee fi Kibba Oromiyaa Booranaan yakki waraanaa ummata keenya irratti
dhaqqabsiisaa turanii fi jiran akka dhaabatu gaafataa tureera.
Ammas weerarri qindaawaan Finxaaleyyii Faannoo naannoo Amhaaraa Ofiin jettuun Oromoo
dhabamsiisanii Oromiyaa qircachuuf sochii godhamaa jiruun gandoota daangaa Ollaa naannoo Amhaaraa
jiran hedduu akka dhuunfatan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n mirkaneeffateera.
Akka kanaan, Giddu gala Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa godinoota kanneen akka,
1. Shawaa Bahaa ona Gimbichuu iddoo Umbur jedhamuu qabee hanga magaalaa Caffee
Doonsaatti qe’een Oromoo finxaaleyyii Faannoon weerarameera.
2. Shawaa Kaabaa Ona Dharratti gandoonni kanneen akka Goda Caffee, Ganda Barbaree,
Obeensoo fi Cirrachaa gandeen jedhaman Faannoon weeraramaniiru.
3. Horroo Guduruu wallaggaatti gandoonni gammoojjii daangaa irra jiran hanga dhufee Ona Amruu
gahutti Faannoon weeraramaniiru.
4. Walaggaa Bahaa jalatti kanneen argaman gandoonni hedduun akka weeraraman caasaan keenya
nuuf mirkaneesseera.
Finxaaleyyiin weerara gaggeessaa jiran kanaan, ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irratti rasaasaan ajjeesanii,
loonii fi qabeenyaa isaan qaban irraa saamanii demuu cinatti, kan humna gahaa itti argatan ammoo
humnaan ummata abbaa qe’ee irraa buqqisanii qe’ee Oromoo Oromiyaa toohannoo isaanii jala akka
galchan hubanneerra.
Ummanni keenya, hararaafama roga hundaa hidhaa jumlaa, ajjeechaa jumlaa, saamicha qe’ee fi
qabeenyaa, Mana isaa keessatti qabeenyaa isaa waliin ibiddaan gubachuu, Taree darbee qe’ee isaa irraa
boortaan buqqaafamee qe’ee isaa alagaan irraa fudhatee jiraachuu dadhabateera; obsa fixateera. Addi
Bilisummaa Oromoo roorroo sadarkaa dabarte ummata keenya irra gahaa turee fi jiru gadi jabaeessee
balaaleffata duras dhaabbata.
“Utubaan Hanga Dhiibaniif Hanga Dhiisan Qaba!” akkuma jedhan ummanni keenya obsee obsee obsi
isaa daangaa darbeera. Qe’ee Oromoo Oromiyaa mootummaa ummataa ummataan filame, ummataf
filame hin jirre, qaamni ani mootummaa dha ummata koof dhaabbadha jedhee roorroo dhaabbataa
Oromoo irratti xiyyeeffate irraa hin qolannetti ummanni keenya cal jedhee waan du’aaf of qopheessuuf
hin qabaatu; Ummanni keenya bakkayyuu of tahee, wal tahee balaa isatti aggaamatu kamuu of irraa ittisuu
fi waan qabuun gadi bahee akka of ittisu dhaamna.
Maayii irratti, Hawaasni Oromoo biyyoota Ollaa fi alaa gara garaa keessa jiraattan, Hayyoonni Oromoo
bakkayyuu dhimmi Oromoo fi Oromummaa isin quuqu, ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi alaa akka
walii galaatti yeroon itti of dhaggeeffatanii fi wal dhaggeeffatan amma waan taheef, mooraa Qabsoo
Bilisummaa Oromoo hundeen akka tumsitanii fi ummata keenya baraan gaddaa fi gadaddoo keessa jiru
cina akka dhaabbatan waamicha goona.
Injifannoo Ummata Bal’aaf
Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 18, 2025
Finfinnee