Gaaffii Ummataa Deebisuu Qofatu Nagaa Buusa

Gaaffii Ummataa Deebisuu Qofatu Nagaa Buusa

(Ibsa ABO – Onkoloolessa 23, 2019)

adda ummataBulchiinsa afaan qawwee fi sirna cunqursaa fi saaminsaa Itoophiyaan ittiin beekamtu jijjiiruudhaan bilisummaa Ummatootaa fi sirna dimokiraasii dhugaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf qabsoo barootaaf gaggeeffame keessatti qoodni Ummata Oromoo guddaa dha. Keessattuu ammoo, sirni EPRDF waggoota 27 dabraniif kan akka Sabaatti irratti qiyyaafatee itti roorrise Ummata Oromoo waan taheef qabsoo sirna cunqursaa EPRDF jijjiiruuf taasifame keessatti kan akka Saba Oromootti wareegama ulfaataa baase hin jiru jechuu dandeenya.

Haa tahu malee, har’a Ummatni keenya jijjiirama dhiigaa fi lafee ilmaan isaa kumaatamaan itti wareegee fide kana keessatti of arguutti hin jiru. Akka nam-tokkeettis tahe akka murna hawaasaatti fi akka Jaarmayattis kanneen jijjiirama kana wareegama isaaniitiin fidan bakka isaaniif malu argachuu osoo qabanii dubbiin fuggisoo tahe. Kunuu itti xiqqaatee akkuma qaama jijjiirama kanaatti illee ilaalamuu hanqatanii akka diinotaa fi gufuu jijjiiramichaatti ilaalamanii kanneen galaanuma jijjiiramichaatiin dhiibamanii aangoo mootummaa dhuunfataniin itti duulame.

Akka kanaan har’a Ummatni keenya jijjiirama siyaasaa qabsoo hadhaawaa fi wareegama akkaan ulfaataa itti baasee fideen hafuura bilisummaa fi dimokiraasii baafachuuf abdiin qabaachaa ture jalaa dukkanaawuu bira taree nageenyi lubbuu fi oolmaa – bultiin isaa iyyuu kan duratti caalaa balaaf saaxilame. Guutummaan Dhihaa fi Kibba Oromiyaa ‘Command Post’ seeruma EPRDF ittiinin bula jedhuun illee hin ragga’in jalatti baatiilee 9 oliif gidiraa argaa kan jiran oggaa tahu: hidhaan, hiraarsaa fi miidhaan qaamaa – qalbii, saamichi qabeenyaa fi ajjeechaan lubbuu suukanneessaan bakkoota kanneenitti loltoota EPRDFiin Ummata keenya irra gahaa jiru kan takkaa argamee fi dhagahamee hin beekne dha.

Miidiyaalee yeroo ammaa biyya kana keessa jiran keessaa kanneen jibbiinsaa fi loogii sabummaa ifatti gaggeessan illee osoo hin tuqamin dhiheenya kana miidiyaa dhimma qabsoo Oromoo irratti hojjetu OMN fi Qajeelchaa/Director isaa Jawaar Mohammad irratti maaliif akka balaan aggaamamaa jiru iccitiin isaa Ummata keenya jalaa dhokataa miti. Walumaagalatti sababni isaa kan namaaf hin galle tahus bulchiinsa Dr. Abiy kan waggaa tokkoo fi walakkaa lakkoofsise kana jalatti Ummatni keenya caalaatti itti roorrifamuu fi gaaffii fi sagaleen isaas tuffatamuun mul’achaa jira. Ummatni ammoo haalli fokkataan bu’aa wareegama isaatii dhadhaa ibidda buute godhee qabsoo isaa duubatti deebisuuf deemu kun akka itti fufu gonkumaa hin hayyamu. Haalli kun akkanaan yoo itti fufe miidhaa fi gaaga’ama, akkasumas, boorawiinsa nagaa hanga ammaatti mul’ate caalaa gara inni itti adeemutu yaaddessaa dha.

Haala gaddisiisaa kana kan uumee babal’isaa jiru ammoo sochii adda addaa mootummaan: gochaan, jechaan, barreeffamaanii fi miidiyaalee irraan gaggeessaa jiru dha. Waan taheef, miidhaa fi gaaga’ama haalli kun hanga ammaatti geessisee fi itti fufee geessisuu malu hundatti kan itti gaafatamu Mootummuma haala kana uume tahuu hundaaf ifa goona. Ammas taanaan furmaatni tokkichi jiru gaaffii Ummataa sirnaa fi kabajaan dhaggeeffatanii deebisaa qajeelaa fi guutuu itti kennuu qofa tahuu addeessina.

Injifannoo Ummata Bal’aaf !

Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 23, 2019