Miidhaan Har’a Miseensota WBO Mooraa Xoollaay Jiran Mudate Maalummaan Isaa Qoratamee ABO fi Ummata Oromoof Ibsamuu Qaba

Miidhaan Har’a Miseensota WBO Mooraa Xoollaay Jiran Mudate Maalummaan Isaa Qoratamee ABO fi Ummata Oromoof Ibsamuu Qaba.

(Ibsa ABO – Ebla 14, 2019)

addaMiseensotni Waraana Bilisummaa Oromoo yaamicha Abbootii Gadaatiin hidhannoo isaanii hiikkatanii Abbootii Gadaatti kennuudhaan mooraa Waraanaa Xoollaay seenanii jiran cireen ganama har’aa (Ebla 14, 2019) sooratan sum’aawuu (poisoned) irraa namootni 200 ol tahan dhibee fayyaa jarjarsaaf saaxilamuu dhageenye. Oduun kun guddoo kan nu rifachiise, nu gaddisiisee fi nu jeeqe tahuu ibsuu feena. Maalummaan waan kanaa hatattamaan qoratamee itti-bahi (result) isaa nu (ABO) fi Ummata Oromoof akka ibsamu cimsinee gaafanna.

Gumiin Abbootii Gadaa fi kan isaan jalatti utubamee socho’aa ture Koreen Tekinikaa dhimma miseensota WBO kana irratti gaafatama waan fudhataniif waan kana jala bu’anii dhugaa jiru qulqulleessanii ifa gochuuf gaafatama qabu jennee amanna. Waan taheefis, dhimma kana Abbummaadhaan jala bu’anii akka qorachiisan jabeessinee gaafanna. Mootummaanis miseensota WBO harka isaa keessa jiran kanneeniif qabaa isaaniif malu gochuudhaan gaafatama isaa akka bahatu irra deebinee yaadachiisna.

Ummatni keenyas haala kana dammaqiinsa cimaadhaann hordofee nagayummaan qabsaawota ilmaan isaa kun akka tikfamuuf qaamota dhimmi ilaalu hunda irratti dhiibbaa feesisu gochuudhaan amaanaa Addi Bilisummaa Oromoo itti kennate akka tiksu dhaammanna.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 14, 2019