Adda Bilisummaa Oromoo

𝐐𝐨𝐨d𝐧𝐢 𝐃𝐮𝐛𝐚𝐫𝐭𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐧 𝐈𝐟𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐌𝐮𝐥’𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚.
𝐐𝐨𝐨d𝐧𝐢 𝐃𝐮𝐛𝐚𝐫𝐭𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐧 𝐈𝐟𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐌𝐮𝐥’𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚.

𝐈𝐛𝐬𝐚 𝐃𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐃𝐮𝐛𝐚𝐫𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐃𝐚𝐚‘𝐢𝐦𝐦𝐚𝐧 (𝐃𝐃𝐃) 𝐀𝐁𝐎

Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa Bitootessi 8 (March 8) bara kanaa 2026 yeroo kabajamee oolutti qoodni dubartoonni qaban akkaan yaadatamee oola.

Dubartootoonni oolii-bultii jireenya guyyaa guyyaa keessatti shoorri isaan taphatan waliin jireenya hawaasummaa gaariif, siyaasa keesaatti gahee isaanii taphachuuf, aadaa ummataa dagaagsuu fi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti adda duree dha.

Akeekaa fi kaayyoon guyyaa kana kabajannee ooluu walqixxummaa saalaa dhugoomsuuf, Sarbamaa fi dhiittaa mirga namoomaa xiqqeessuuf, yakka namoomaa dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamu dhabamsiisuuf, Nageenya matayaa(dhuunfaa), garee fi sadarkaa biyyaatti feesisu argamsiisuuf, mirga hiree murteeffannaa sabootaa dhugoomsuuf, dimokiraasii haqaa lafa qabsiisuuf, haqa awwaalame baasuuf, walqixxummaaf, nagaa waaraa fi tasgabbii sabatiinsa qabu argamsiisuuf ayyaaneffatamee oola.

Dubartoonni Oromoo, mana ijaaruu irraa kaasee hanga biyya ijaaruutti qooda ifaa fi mul’ataa qabu kan jenneef hawaasa keessatti haadha, obboleettii, haadha warraa fi ilmoo ta’uun kabajaa fi ulfina guddaa qabu; manni dubartiin keesaa hin jirre mana Onaati waan taheef.

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessattis dubartonni qoodni isaanii akkaan ol aanaa dha;Dhiibbaa fi dhiittaan alagaa osoo isaan hin jilbeeffachiisiin of kenniinsaan qabsoo ummata bal’aa keessaa qooda fudhatu.

Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa bara kanaa 2026, dhaadannoon bu’uuraa “𝙍𝙞𝙜𝙝𝙩𝙨. 𝙅𝙪𝙨𝙩𝙞𝙘𝙚. 𝘼𝙘𝙩𝙞𝙤𝙣. 𝙁𝙤𝙧 𝘼𝙇𝙇 𝙒𝙤𝙢𝙚𝙣 𝙖𝙣𝙙 𝙂𝙞𝙧𝙡𝙨”Mirgaa fi haqa dubartootaa fi daa’imman sududaan hojitti hiikuun, dhiibbaa fi barmaatilee hamoo dhabamsiisuun, gochoota walqixxummaa cabsan qolachuu fi haqa isaanii addunyaa irratti babal’isuun xiyyeeffata. Kana waliin, dhaamsa addunyaalessaatti balbaloomfamaa jiruun “𝙂𝙞𝙫𝙚 𝙩𝙤 𝙂𝙖𝙞𝙣” jedhu, dubartoota dhuunfaa , garee fi biyya keesaatti deeggaruu, hirmaachisuu fi jajjabeessuun murteessaa ta’uu irra darbee humna, hirmaannaa fi qooda isaanii guutuu kennuun jijjiirama hawaasummaa fi siyaasaa keesaatti shoora olaanaa akka taphatan akeeka.

Dhaadannoon bara kanaa Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO’s “𝘿𝙪𝙗𝙖𝙧𝙩𝙤𝙤𝙣𝙣𝙞 𝙨𝙞𝙮𝙖𝙖𝙨𝙖𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙦𝙤𝙤𝙙𝙖 𝙛𝙪𝙙𝙝𝙖𝙘𝙝𝙪𝙪𝙣 𝙣𝙖𝙜𝙖𝙖, 𝙝𝙖𝙦𝙖, 𝙩𝙤𝙠𝙠𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙞𝙟𝙖𝙖𝙧𝙨𝙖 𝙗𝙞𝙮𝙮𝙖𝙖𝙛 𝙢𝙪𝙧𝙩𝙚𝙚𝙨𝙨𝙤𝙤𝙙𝙝𝙖.” Jedhu, Dubartoonni mootummaa fi murtii siyaasaa keessatti hirmaachuun isaanii nageenya waaraa fiduu, haqni akka kabajamu gochuu, uummanni akka tokkummaan dhaabbatu jabeessuu fi biyyi sirnaan akka ijaaramtu taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaanii agarsiisa. Kanumaan waliin, dhaabni keenya ABOn Horooroo mallattoo isaa taasisee filannoo fuula keenya dura jiruuf dhiheeffachuun, mootummaa nagaa fi seera qabeessa ijaaruuf abbaluu dha jennee amanna.

Mallattoon filannoo ABO “Horooroon” nagaa, Araara, qajeelummaa fi eenyummaa ummata Oromoo bal’aa kan calaqqisiisu,kaayyoo mirga hiree murteeffannaa kan ibsu, dimokiraasii, haqa, walqixxummaa fi nagaa waaraa mirkaneessuuf kan dhaabbatee dha.

Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa bara kanaa 2026 yeroo kabajnu dubartoonni ijaarsa manaa fi biyya keessatti qooda murteessaa akka qaban hubannee hirmaannaa roga hundaa keesaatti akka qooda fudhatan taasisuun hirmaannaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti cimuun nageenya waaraa, haqa haqaaqame, dhugaa ummataa dabe, tokkummaa uummataa sharafame fi mootummaa dimokiraatawaa ijaaruuf bu’uura akka tahan hubachuun dirqama.

Maayii irratti , Kana galiin gahuuf filannoo marsaa 7ffaa bara kanaa 2026 ABOn mallattoo “Hororoo”n dorgomaa jiru filannoo keenya taasifannee mootummaa ummataa ummataan filamee ummataan dhaabbatu(Government by the people for the people) seera qabeessa fi haqaa ijaaruuf, dubartoota hirmaachisuu fi aangessuun jijjiirama dhugaa fiduuf murannoo qabaachuu ibsa; nutis kaayyoo kana milkeessuuf tokkummaan hojjechuu qabnaan dhaamsa keenya.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO

Bitootessa 07, 2026

Finfinnee

Duumessi Lolaa Biyattiirraan Gungumu Ba’aa fi Balaan Inni Oromiyatti Fidu Ulfaataa fi Hammaataa dha

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Haalli nageenyaa biyyattii keessatti yaaddessaa eerga ta’ee waggoota kurmaanaa lakkaawaa jira. Oromiyaan qe’ee nageenyi waaraan, tasgabbiin sabatiinsa qabuu fi misoomni amansiisaan itti diriiruu male, dirree lolaa dantaa waraanaa fi qoccolloo siyaasaa erga taatee jarraa lakkaawatteerti.

Maddi rakkoo siyaasaa, waraanaa, diinagdee fi hawaasummaan walqabatee yeroo dheeraaf furmaata waaraa dhabuun gaaga’ama ummattoota biyyattii irraan gahe duumessa lolaa biyyattiirraan deddeebi’ee gungumaa turee fi jiruu dha. Lolli wal irraa hin cinne biyyaattiiirraan maddu jaarraawwaniif itti fufaa ture ammallee akkuma itti fufetti jira. Addatti, lolli saamicha qe’ee fi qabeenya Oromiyaa akkasumas babal’ifannaa lafaaf sirnoota Atsotaa fi nugusootaan eegale osoo wal irraa hin citin itti fufeera. Har’as fedhiin babal’ifannaa lafaa fi to’annoo qabeenya irratti dorgommiin ture guutummaatti hin dhaabbanne.

Qabsoo wal irraa hin cinne ilmaan Oromoo fi lammiileen Oromiyaa taasisaa turaniin lolli Oromiyaa cabsaa ture takka takka duubatti deebi’us, fedhii fi hawwiin saamicha Oromiyaaf qaban waan hin dhaabbatiniif abjuun dheengaddaa fi kaleessaa har’as Oromiyaa weeraruu fi humnaan qabachuuf sochiin hin dhaabbanne. Keessaayyuu, miidhaa ulfaataa fi hammaataa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irra gaheen bara Chaartaraa (1991) Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) mootummaa cee’umsaa keessaa wal tahiinsa murnoota siyaasaa daantaaf bololi’aniin dhiibamee bahee as Oromiyaan dirree lolaa fi saamichaa taasisuun lammiilee Oromiyaa deegsanii, Oromiyaan qe’een badhaatuu fi gabbattuun qe’ee lammiileen ishee itti hiyyoomtee alagaan itti duroome taatee jirti. Baroota as dhihoo waggoota saddeetta (8) n darban keessattis lola dhaabbataa Oromiyaa guututti deemaa ture irratti dabalata sochiin tumsa waraana hidhattootaan daangaa Oromiyaa sarbee ce’een nageenyi lammiilee Oromiyaa caalmatti boora’ee jira. Daangaan

Oromiyaa sarbamee onoonni hedduun bulchiinsa Oromiyaa jalaa abbaa dhabuun, abbaan dawoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa humnaan godaansifamuu, qabeenyaan Oromoo humnaan saamamuun, ummata nagaa akka hin malletti lubbuu galaafachuu fi boqonnaa nageenyaa lammiilee Oromiyaa dhoowwachuun balaa lola dablataan dangaarraan as gamee dha.

Lola hidhatootaan daangaa Oromiyaa sarbuun ummata gaaga’een miidhaan dhaqqabe Lammiileen nagaa sodaa fi bir’aan jiraachuu, ummanni nagaa qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqaafamuu, diinagdeen biyyaa burkutaawuu, wal amantii fi walitti dhufeenyi hawaasummaa laaffachaa fi qoqqoodinsi yaadaa dachaan babal’achuu, tasgabbiin siyaasaa fi mootummaa ummataa gahuumsa qabu dhabamuu fi amanamummaan mootummaa irratti ummattoonni qaban guutuun guututti dhibuu dha.

Badii fi balleessaa lolaan dhufu hanqisuuf Addi Bilisummaa Oromoo furmaata siyaasaa fi nageenya waaraa biyyaa fi ummattoota biyyaaf qabuun marii siyaasaa dhugaa fi hunda galeessa ta’e mootummaan qaamota dhimmi ilaalu cufa waliin gaggeessuu, mirgi dimokiraasii fi mirgi namoomaa sirnaan kabajamuu, daangaan naannolee humnaan osoo hin taane seeraa, marii fi waliigalteen fala waaraa akka argatu gochuu, akkasumas dhimma nageenya biyyaa fi ummattoota biyyaa irratti hirmaannaan hawaasaa fi hawaasa idil-addunyaa akka jiraatu gochuun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaa dha jennee sagalee dhageessifneerra; ammas kanuma gadi jabeesina.

Hiraarsaa fi hararaafamni waraanaan naannawa Gaanfa Afrikaa mudate, balaa lolli itti fufaan jiraatuu fi furmaatni siyaasaa dhabamuu dabalatee balaa lola biyyattii irraan ka’uun Oromiyaa dirree lolaa dantaa waraanaa fi qoccolloo siyaasaa akka taatu ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa eyyamuu hin qaban; hamaa fi hammaataa daangaa Oromiyaa cabsee dhufu kamuu dura dhaabbachuun qolatuuf garaagarummaa siyaasaa fi kan biros malee waliin dhaabbatuun dirqama haalli fuuldura keenya dhaabee jiru dha.

Waan ta’eef, duumessa lolaa gungumu daangaa cehee qee’ee isaatti dhufu, daangaa cabsee akka hin seenne ummanni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa bal’aan keessaa fi alaan wal bira dhaabbachuun qee’ee isaa fi daangaa isaa tiksuuf garaagarummaa siyaasaa fi kan biros malee waliin dhaabbachuu fi hiriiruun dirqama lammummaa tahu hubachii Qaamotni hawaasaa fi siyaasaa biyya kanaas furmaata nagaa karaa nagaan barbaaduu, akkasumas dhaabbileen mirga namoomaa, hawaasni idil-addunyaa, dipiloomaatonnii fi embasiiwwan gara garaa biyya kana keessa jirtan balaan lolaa ba’aan ulfaataan isaa ummatoota irra waan ta’eef, nageenyi waaraan fi tasgabbiin sabatiinsa qabu akka jiraatuuf nageenya hunduma keenyaatiif xiyyeeffannoo itti kennuun qooda keessan akka bahattan Addi Bilisummaa Oromoo waamicha isiniif dhiheessa.

Addi Bilisummaa Oromoo ummata isaa waliin ta’uun nageenya Oromiyaa kabachiisuuf itti gaafatamummaa isaa bahuuf kan itti fufu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Gurraandhala 17, 2026

Finfinnee

Du’aan Boqotuu Prof.Asmarom Laggasee ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO
Du’aan Boqotuu Prof.Asmarom Laggasee ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO

Hayyuu seenaa guddicha, seenaa ummata Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu, qorataa sirna dimokraasii Oromoo Gadaa addunyaatti as baasuu keessatti iddoo olaanaa qabu Prof.Asmarom Laggasee du’aan boqotuu isaanii dhageenye. Hayyuu jabaa, fira Oromoo ta’e, hundee sirna dimokraasii Gadaa addunyaaf mul’ise Prof.Asmarom Laggasee du’aan of biraa dhabuutti gaddi ABOtti dhaga’ame ol’aanaa dha.

Bara 1933tti Asmaraa, Erteraatti kan dhalatan Prof.Asmarom Laggasee hayyuu cimaa aadaa fi seenaa Oromoo jaallatuun ittiin qabamanii fi waan jaallatan kana ammoo akka hin badne, hin jal’atnee fi ifee mul’atuuf barootaaf irratti hojjetaa turanii dha.

Hayyuu guddaan, barnootaa fi eegduu dhaala Dimokraasii Afrikaa kan ta’an Prof.Asmarom, hayyuu mul’ata qabu, qorataa saayinsii namaa (Anthropologist) fi hayyuu Gadaa Oromoo qorachuudhaan addunyaa irratti beekumsa olaanaa qaban akka ta’an hojii fi seenaa isaaniitu mul’isa. Hayyuu dhugaa irra dhaabbatee, dhugaa addunyaatti hime akkasii of biraa dhabuun qaawwa guddaa kan uumu yoo ta’u, ummatni Oromoo fira guddaa tokko dhabuu isaa kan agarsiisuu dha.

Qorannoon Prof.Asmarom Laggasee waggoota dheeraadhaaf geggeessaa turan qorannoo barnootaa qofa osoo hin taane, hojii deebisanii dhaala aadaa addunyaaf mul’isuu yoo ta’u, hojii isaanii seena qabeessa kanaanis, Sirna Gadaa Oromoo qixa sirrii ta’een galmeessuu fi xiinxaluun, Gadaan addunyaatti ijaarsa Sirna Dimokraasii Afrikaa kan ga’umsa olaanaa qabu ta’uu agarsiisaniiru.

Prof.Asmarom, bu’uuraaleen walqixxummaa, jijjiirraan marsaa hooggansaa, sirni to’annoo fi madaallii, akkasumas seerri ol’aantummaa ala irraa Afrikaatti akka hin dhufin, waggoota dhibbootaan dura sirna jireenya Oromoo keessatti ittiin bulamaa fi hojjetamaa ture ta’uu qorannoo isaaniin ifatti ragaa seenaa ba’aniiru. Qorannoon isaan kalandera Oromoo irratti geggeessan sirna yeroo lakkaa’uu qofa odoo hin taane, falaasama bal’aa jireenya namaa, marsaa uumamaa fi walhubannoo walitti hidhu eeguuf gumaacha guddaa godheera.

Hayyummaa isaaniin, itti dhiheenya Oromoo waliin tolfataniin, qorannoo gadi fagoo, hubannoota addunyaa waliigalaaf mul’isaniin, seenaa fi sirna Oromoo yeroo dheeraadhaaf ukkaamamee fi tuffatamee tureef kabajaa fi beekamtii addunyaa argamsiisuufiin seenaa hayyummaa hojjetaniiru.

Prof.Asmarom, qorataa qofa osoo hin taane, riqicha addunyaallee walitti hidhu akka turan beektotnii fi hayyotni akkasumas hojiin isaanii kan ragaa ba’aniif yoo ta’u, sirni Gadaa aadaa naannoo qofa osoo hin taane, fakkii dimokraasii addunyaa ta’ee beekamtii akka argatuuf shoora olaanaa taphatuu isaanii dalagaa isaanii irraa mul’ata.

Dhaalli Prof.Asmarom, ulfina guddaa kan qabu, galmee beekumsa bal’aa, ofitti amanamummaa fi ofitti boonuu ummata miliyoona hedduuf kan deebise, akkasumas bu’uura yaada barnoota dimokraasii, saayinsii namaa fi seenaa Afrikaa dhaloota dhufuuf kan qopheessuu dha.

Hojii qorannoo isaaniin bakka dukkana turetti ifa kan kennan, bakka wallaalummaan turetti kabaja kan mul’isan Prof.Asmarom Laggasee, har’a du’aan nu biraa dhabamanii sagaleen isaanii cal’isus, hojii fi seenaan isaanii bara baraan kan jiraatu, galmee seenaa Oromoo keessaa kan mul’atu, dhalootni dhufu ammoo hubannoo dhugaa fi beekumsa dhala namaa irratti ijaaruuf kan qajeelchuu dha.

Hojii boonsaa fi seena qabeessi Sirna Gadaa Oromoo irratti hojjetan bara baraan kan jiraatu, dhalootaaf beekumsa guddaa eenyu illee haquu fi dabsuu hin dandeenye gumaachanii darbaniiru. Bara baraanis jaalalaa fi kabajaa ol’aanaadhaan yaadatamu.

Prof.Asmarom Laggasee dhalatanii waggaa 94tti Amajjii 31, 2026tti du’aan addunyaa kana irraa darban. Sirni geggeessaa isaaniis Gurraandhala 07, 2026 kan raawwatamu ta’uun barameera.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan boqotuu Prof.Asmarom Laggaseetti gaddi isaa ol’aanaa ta’uu irra deebiin ibsataa, maatii, firoota, hiriyootaa fi ummata Oromoofis jajjabina hawwa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 04, 2026

Finfinnee

Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2026
Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2026

Miseensotni, Hogganootnii fi Qondaalotni ABO, Qabsaa’otni Bilisummaa Oromoo cufti, deggertootnii fi firootni qabsoo bilisummaa Oromoo, ummatni Oromoo bal’aa fi lammiileen Oromiyaa waa hunda dura baga bara haaraa 2026 nagaan geessan, waliinis geenye jechaa hawwii qabnu dabarsina.

Barri haaraan kun ummata Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara haqii fi dhugaan isaa bakka argatee ummanni keenya dararaa jalaa bahu, jireenyi gadadoo kun irraa darbee bara itti mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabnu dabarsina.

Barri moofaan gaariis ta’u hamaa, rakkoos ta’u bal’oo qabatee yoo darbu, isa haaraatti ammoo abdii haaraa irra kaa’atuun waanuma jiruu dha. Kana waan ta’eef, yeroo kam iyyuu abdii keenya guddifachuu fi yaaddoo jiru xiqqeessuuf yeroon itti irbuu keenya haaromsannuu fi jabaannee hojjechuuf itti waadaa gallu seensa bara haaraawaa irratti ta’uun beekamaa dha. Kanaaf irbuun keenya yoom illee haarawaa, abdiin keenyas guddaa ta’uu wal irratti abdanna.

Dhaaba keenya ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo dhaabichi hoogganuuf barri xumurre kun akkuma baroota darbanii kan keessatti injifannooleen siyaasaa gonfataman, gufuulee ykn didhaaleenis itti mul’atanii darbee dha. Dhiibbaan mootummaa PPn dhaaba keenya ABO irratti geessisamu bara 2025 xumurre kana keessas akkuma baroota darbanii itti fufuun dhugaa dirreetti mul’atuu dha. ABOn sodaa fi bir’annaa tokko malee bilisummaan hojii siyaasaa akka hin geggeessine danqaaleen duraan turan itti fufan malee hin dhaabbatne. Hidhaan miseensotaa fi deggertoota keenya irratti geggeeffamus akkasuma.

Didhaaleen ykn gufuuleen jiran hedduu ta’anis ABOn harka isaa maratee hin teenye. Haala jiru keessatti sochii qabsoo karaa nagaa tarkaanfachiisuuf ijibbaata godhuun hojiilee mul’atoo hojjetaa jira. Bara 2025 xumurre kana keessa carraa banamuu Waajjira Muummee Gullalleen, ABOn hojii jaarmaa jajjaboo hojjeteera. Leenjii haaromsaa fi hubannoota miseensotaa fi qondaalotaaf kennuun hojiitti bobbaasee dirqamoota itti aananiifis qopheesseera. Hojii dadammaqinaa bal’ina qaban hojjeteera; hojjetaas jira. Kunis bal’inaan kan itti fufu ta’a.

Dhiibbaa siyaasaa fi shira dhaabicha irratti dalagameen, rakkinoota adda addaa dhaaba mudatan keessaa jaarmayicha baasuu fi deebisanii jabeessuuf, haaromsuu fi hojii qabsoo bifa barbaadamuun itti fufsiisuuf  Gumiin Sabaa ABO walgahii isaa dhaabbataa 3ffaa geggeeffatee murtii fi kutannoolee dhaabicha dandamachiisan, sochii egereef qopheessan dabarsuun gudunfatuunis milkiilee bara 2025 keessa argaman keessaa isa tokko dha.

Haala kana keessatti har’a illee, Waajjira Muummee Gullallee irraa kan hafe hanga guutuu biyyaatti waajjirootni ABO akkuma cufamanitti, qabeenyi isaas seeraan alaa fi ajaja mana murtii malee mootummaa PPn saamamanis osoo gadi hin dhiifamin hanga har’aatti uggura jalatti argamu. Kun hundi kan ta’eef, ABO dadhabsiisuu fi deemsa qabsoo ummata Oromoo danquu irratti kan fuulleffate ta’uun mirkanii dha.

Gama ummata keenyaan, roorroon waggoottan darban irra geessifamaa ture bara xumurre kana keessas hammaatee itti fufuun, ummatni keenya cunqursaa fi gidiraa ulfaattuu keessummeesseera. Maqaan adda addaa itti maxxanfamee qe’ee isaa keessatti ajjeefamuun, hidhamuun, saamamuu fi ari’atamuun isa mudateera. Maatiin ijoolleen osoo hin hafin haala suukanneessaan ajjeefamanii balballi banaatti hafeera. Har’allee ummatni keenya nagaa dhabee goolamaa jiraataa jira. Waraanni qe’ee Oromoo dhaale nagaa dhorkatee, jiruu fi jireenya ummata keenyaa balaa ulfaataa irra buuseera. Dhiigni qulqullootaa gadi naqamaa jira. Gaddi qe’ee Oromoo dhaaleera. Kanaan roorroon, gidiraan, cunqursaan daangaa darbe ummata keenya irratti wal qarqabeera. Ummatni keenya wabii jireenyaa dhabeera. Kun dhimma ulfaataa furmaata isaaf tokko tokkoo Oromoo ilaallatuu dha jennee amanna.

Bara xumurre 2025 kana keessa akkuma duraanii qormaataa fi gaaga’ama guddaa kan ummata Oromootti fede keessaa inni biraan itti fufiinsaan weerara daangaa Oromiyaa irratti geggeeffamuun walqabatee lubbuu ummata keenyaa dhabamuu fi buqqaatii lammiilee kumoota hedduu dhaqqabsiisaa jiruu dha. Akka sanaan guutummaa goleelee Oromiya cufa keessatti sadarkaa jedhamuun, addatti Godinoota kanneen akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Giddu-gala Oromiyaa Lixa Shaggar, Baha Shaggar, Kaaba Shaggar, Baha Oromiyaa, Kibba Oromiyaa Boorana irraan, Kibba-baha Oromiyaa fi kanneen biroo keessatti weerara baba’ifannaa lafaa finxaaleyyii Faannoo fi humna addaa naannoo Sumaaleen ummata keenya irratti geggeeffamaa jiruun ilmaan Oromoo baay’een ajjeefamanii, kumoota dhibbaan qe’ee isaanii irraa buqqa’anii dirreetti hafaniiru. Akeekni weerara kanaa qe’ee Oromoo irraa qabeenya boortaan saamuu fi babal’ifannaa lafaaf daangaa Oromiyaa cabsanii lafa Oromoo dhuunfachuu dha. Weerara humna alagaa dhaabuu fi lafa isaa alagaa irraa dhorkatuuf ummatni keenya gamtaan dura dhaabbatee falmatuu malee furmaata biraa fi qaama eeggatu tokko illee akka hin qabne jabeessinee hubachiisna.

Humni Oromoon qabu inni guddaan tokkummaa isaa ti. Kanneen Oromoo cabsuu fi diiguu barbaadan humna isaa kana laaffisuu fi diiguu irratti hojjetu. Ummatni keenya haala kana hubachuun, karaa hundaan tokkummaa isaa eeggatuu fi jabeessuu irratti akka hojjatu dhaammanna.

Kanneen galii qabsoo Oromoo gufachiisuu barbaadan waan irratti xiyyeeffatan keessaa inni biroon sab-boonummaa Oromummaa ti. Sab-boonummaan Oromoo saba Oromoof falmuu fi saba Oromoof quuqamuu dha. Kun akka yakkaatti ilaalamee karaa adda addaan yeroo sab-boonummaa Oromummaa diiguuf ifaajeen godhamu ni mul’ata. Ummatni keenya kana hubatee sab-boonummaa isaa tikfatuu fi caalaatti jabeessuuf akka hojjetu hubachiisna.

Akkuma hubatamu ololootnii fi duulotni adda addaa duree qabsoo Oromoo ABO fi qabsicha irratti geggeeffamu bal’aa dha. Akeekni ololoota kanneeniis ifaa fi mul’ataa dha. Kanneen ABO fi qabsoo inni hoogganu irratti ololanis eenyu faa akka ta’an, maal barbaadu inni jedhus beekamaa dha. Kun bakka qabsoon bilisummaa Oromoo irra gahee jiruu fi hojii ABO hubatuu dhabuu ykn ammoo jibbiinsaa fi farrummaa irraa kan madduu dha. Duulli ololaa fi shirootni geggeeffamanis ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoolee gugurdaa galmeessanii, dallaa shiraa hedduu diiganii as gahan taakkuuf illee deemsa isaanii irraa gufachiisuu fi dhaabuu akka hin dandeenyes hiree kanaan hubachiisna. Miseensotnii fi deggertootni keenya, akka waliigalaatti ummatni keenya, ololoota farrummaa ta’e jedhamee yero yeroon bixxilamee gadhiifamuun osoo hin qabamnee fi yeroo ofii osoo itti hin gubin, hojii qabsoo fi dirqamoota keenya raawwachuu qofa irratti akka fuulleffannu wal hubachiisna. “Nama beekaa rafe hirribaa dammaqsuun ni ulfaata!” akkuma jedhamu, farreen qabsoo Bilisummaa Oromoof deebii kennuu irra hoji manee mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa nu eeggatu hojjachuutu dhimma keenya yeroon gaaffattuu dha.

Akka waliigalaatti biyyattiin rakkinoota ulfaatoo fi walxaxoo adda addaatiin hudhamtee, ummatootni gidiraa fi dhiphuu hamaa keessatti kufanii jireenya gadadoo jiraachuun waggaa xumurre kanattis hireema isaanii ta’ee itti fufeera.

Karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan xaxaa fi kufaatiin jiru yoo hammaatuu malee hin furamne. Waldhibdeen siyaasaa fi lolootni Oromiyaa dabalatee guutuu impaayerattii dhuunfatee jiruu fi dirreen siyaasaa dhiphatuun jeequmsa, diigumsa irra hammaataa fi kufaatii maddisiisaa jiraachuun isaanii waan dhokataa miti. Kanaan walqabatees kufaatiin dinagdee fi qaala’iinsi jireenyaa akkaan hammaatuun lammiileetti jireenya hadheesseera.

Mootummaan PP aangoo isaa cimsatuuf dhiibbaa fi ukkaamsaa babal’isuu, mirga lammiilee sarbuun yakka raawwatuu malee, dhibdee siyaasaa fi maddoota rakkinaa karaa qaroomeen, dhugaan furuuf hanga ammaa murannoo qabu hin argamsiisne. Kun ta’uu irraa hubaatiin caalu karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan dabalaa jira. Mootummaan PP dhibdee siyaasaa biyya kana hudhee qabe, boora’iinsa siyaasaa nagaa biyya irraa fageesse kanaaf, qulqullummaan gadi taa’ee qaamota dhimmi ilaalu waliin marii nagaa furmaata waaraa argamsiisu akka geggeessu ABOn irra deebi’ee yaamicha isaa haaromsa. “Achiin geenyeen tika hin taatu” akkuma jedhamu dibbee sobaa fi sossobbaan kabeebsaan, fakkeessaa fi haasaan miidiyaa irraa dhibdee biyya kanaa hin furu jennee amanna.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n haala walxaxaa fi ulfaataa akka dhaabaattis tahe akka ummatatti ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa keessa darbanii fi jiran, gidiraa fi roorroo keessaa bahuuf furmaanni, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo, dimokraasii fi walqixxummaa fiixa baasuuf qabsoo keenya jabeessuun daandii filannoo biraa hin qabne ta’uu hubachiisa. Roorroo fi gidiraa, gaaga’ama akka sabaatti nu irra gahaa jiruuf osoo hin jilbeenfanne, tokkummaa keenya walitti qindeessinee hojjechuun, biyya keenya irratti nagaan jiraachuuf akka warraaqnu irra deebinee dhaamna.

Qabsaawotni, miseensotnii fi deggartootni ABO  keessaa fi alatti argamtan dirqamni qabsoo fi didhaan fuula keenya dura jiru akkaan jabaa tahuu hubattanii, jaarmayaa keessan daran cimsuu, tiksuu fi dirqama dhaabaa dachaan ba’atuuf akka sossootan, karaa barbaachisu maraan dhaaba keessan akka jabeessitan, cina dhaabbattan hiree kanaan isin hubachiifna.

Ammas irra deebi’uun barri haaraan kun ummata Oromoo bal’aa fi lammiilee Oromiyaa maraaf bara ajjeechaa, roorroo fi gidiraan irraa dhaabbatu, haqnii fi dhugaan barootaaf awwaalame bakka argatee ummanni keenya mataa ol qabatee biyya isaa irratti bilisummaan, Oromiyaa nagaa fi tasgabbii qabdu keessa jiraatu akka tahu hawwii qabnu dabarsina. Barri bara milkii fi injifatnoo nuuf haa ta’u.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Mudde 31, 2025

Finfinnee

Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsa’aa Buleessaa Jaal Boruu Dhaddachaa Irratti  Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan addunyaa irraa godaanuu miseensa isaa buleessa, qabsa’aa jabaa fi nama Oromummaa isaatti boonu Jaal Boruu Dhaddacha Qaampharree irratti gadda guddaa itti dhaga’ame ibsata.

Jaal Boruu Dhaddachaa Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Ona Nageellee Booranaa bakka Hidha Boruu Carqoo jedhamutti bara 1936tti abbaa isaa Obbo Dhaddacha Qaampharree fi haadha isaa Aadde Qabballee Dhaddachaa irraa dhalatan.

Jaalli keenya Kibba Oromiyaa Boorana keessaa carraa barnootaa warra argatan keessaa nama tokko ture. Ijoollummaa isaa irraa kaasee eenyummaa Oromummaa isaatti nama boonu, Oromoo sirna cunqursaa jalaa dammaqsuu fi ummata isaa eenyummaa isaaniin cimsuu irratti murannoo cimaa qabaachuun jaala  beekamu ture. Yeroo barataa turetti illee sodaa malee mirgaa fi eenyummaa Oromummaa ofiif dhaabbachuun nama jabaa dha. Jaal Boruun bara mootummaa gabroomsaa sanatti yeroo Afaan Oromoo jibbamu, maqaan Oromoo balfamu sanatti carraa barnootaa argatee, carraa isaa kana danquuf ammoo qormaata ministirii fudhachuuf maqaan isaa akka jijjiiramu yeroo gaafatametti maqaa isaa jijjiirrachuu didee dura dhaabbachuun namoota seenaa hojjatanii maqaa ganamaan barnoota isaanii itti fufan keessaa nama tokko.

Yeroo Yunivarsiitii seene, Oromoo naannoo Finfinnee wajjin salphatti walbarsiisuu fi sochii barattootaa keessatti dursee hirmaachuun, aktivistoota Oromoo yeroo sanaa keessaa nama addaa ti. Yunivarsiitiitti barsiisaan tokko “Namni Gaallaa taatan?” jedhee yeroo gaafatu, sodaa tokko malee harka isaa ol kaasee of ibsuun, eenyummaa Oromoo ifatti beeksise.

Bara 1971–1972 keessa barruu beekamaa “The Voice of Oromo against Tyranny” jedhamu qopheessuu fi barreessuu keessatti qooda fudhachuun sagalee ummata Oromoo cunqurfamaa ture akka dhaga’amuuf gumaacha guddaa taasiseera. Jaal Boruun, bara Chaartaraa Booranaa fi Gujii bakka bu’uun, namoota ABO bakka bu’anii hirmaatan 12 keessaa miseensa Mana Marii Cehumsaa Itoophiyaa ta’ee tajaajileera.

Akka Chaartara keessaa ba’ameen, biyya ollaa Keeniyaatti ba’uun dirqama dhaabni isaa itti kenne ofitti  fudhachuun qabsoo itti fufe. Yeroon booda gara Ameerikaatti godaanee, achittis sochii dhaabaa fi hawaasummaa keessatti hirmaannaa cimaa taasisaa ture. Oromummaa cimsuu, tokkummaa Oromoo guddisuu fi wal hubannoo sabichaa dagaagsuu keessatti qooda olaanaa nama tapahatee dha.

Jaal Boruun, yeroo dhihoo kana dhukkubaan qabamus, hamma danda’etti walga’ii fi marii Oromoo irraa hin hafne; dandeettii addaa nama qabu, nama haasaa namaa hubatuu fi ummata isaa walitti qabuun beekamu nama hubataa dha.

Jaalli keenya dhukkuba isa mudate irraa dandamachuu dadhabee, Muddee 16, 2025tti dhalatanii ganna 89ffaa isaaniitti  biyya Ameerikaa, magaalaa Washington  DC.tti du’aan addunyaa irraa godaanan. Jaal Boruun maatii horatanii abbaa ijoollee dubara lamaa Qabballee fi Elemaa ti.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’aan of biraa dhabuu  Jaal Boruu Dhaddachaaf gadda itti dhaga’ame irra deebiin ibsataa, maatii, hiriyyoota, miseensota ABO fi ummata Oromoo maraaf obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Muddee 18, 2025

Finfinnee

Du’aan Jaaruu Hayyuu fi Qabsaawaa Oromoo Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo Irratti Ibsa Gaddaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)
Du’aan Jaaruu Hayyuu fi Qabsaawaa Oromoo Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo Irratti Ibsa Gaddaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du’a Hayyuu Oromoo, qorataa seenaa fi qabsaawaa mirga namoomaa Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo gaafa dhageenyu gaddi keenya olaanaa dha.

Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo Kibba-baha Oromiyaa Gidina Arsii Lixaa Ona Nageellee Arsiitti dhalatanii guddatan.

Pro. Hamdeessaan ijoollummaa isaanii irraa qabee nama dhiibbaa fi dhiittaa ummata Oromoo irratti sirnoota nugusaa Empaayiroota Itoophiyaa dhufaa darbaa argaa fi dhagahaa nama guddatanii dha. Dinne didaan qabsoo ummanni Oromoo gaggeessaa ture irraa ijoollummaan qooda kan fudhatan Professar nama roorroo fi doorsisa diinaaf harka hin laanne xiiqiin guddatan tahuu seenaa isaaniituu ibsa.

Prof.Hamdeessaan barnoota isaanii sadarkaa duraa fi lammaffaa erga xumuranii booda, barnoota isaanii sadarkaa ol aanaa biyyoota ambaa garagaraa keessatti baratan. Akkasiin,  B.A. in History, Avondale College, Australia-tti bara (1972), M.A. in Conflict Resolution, Andrews University, USA-tti bara (1974), Ph.D. in Conflict Resolution and Peacebuilding, Michigan State University, USA-tti bara (1981) fudhatan. Barumsa doktoreetii keessatti furmaata wal-dhabdee, nagaa kabachiisuu fi  hirmaannaa aadaa Oromoo kan jedhu irratti xiyyeeffatanii hojjatan.

Ogummaa barnoota isaaniin qo’annoo fi qorannoo adda addaa gaggeessaa turaniin, George Mason University-tti bara (1982–1990)tti Hoggansa barattoota biyya alaa akkasumas dhimma aadaa Oromoo irratti gadi fageenyaan xiyyeeffachuun hawaasa Oromoo biyya ormaa jiran dura bu’uun gaggeessaa turaniiru.

Akkasumas Nova Southeastern University-tti bara  (1998–2004)tti barsiisaa damee Furmaata Wal-dhabdee fi Qo’annoo Nagaa, Menno Simons College, University of Winnipeg-tti bara (2006–2007)tti  Esau Distinguished Visiting Professor, Conflict Resolution, University of Manitoba-tti bara  (2011–2019)tti barsiisaa damee Qo’annoo Nagaa fi Wal-dhabdee jedhuun hojjataa turaniiru.

Barreeffamoota garagaraa qorannoof dhiheessaniin, Creating The Third Force Indigenous Processes of Peacemaking jedhu dhimma Oromoo fi biyyoota ollaan walitti hidhatu dhiheessaa turaniiru.

Qooda qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti kennaa turaniinis qabsaawota Oromoo warra lubbuun hin jirree fi jiran kanneen akka Luba Guddinaa Tumsaa, Jaal Baaroo Tumsaa, Pro.Muhaammad Hasan, Pro.Asaffaa Jaallataa fi kanneen biroo waliinis dhimma Oromoo fi Oromummaa irratti akka hojjatan seenaan isaanii ni ibsa.

Kana malees,  Shanachaa Jaarsummaa kan jedhu qopheessuun bara  (2001–2004)tti wal dhibdee siyaasa Oromoo mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa ture furuuf amma dheeraa deemaniiru.

Kana malees “Immigration and Refugee Forum” kan jedhu bara  (1980s)  tajaajila seera immigreeshinii USA kabachiisuu jedhu keessattis hirmaachuun shoora olaanaa gumaachaniiru. London Peace Conference (1991) sirna siyaasaa Itoophiyaa jijjiiruu keessattis hirmaataniiru.

Akkasumas Oromo Studies Association (OSA) hundeessuu fi qorannoo fi qo’annoo adda addaa karaa sanaan gabbisuu keessattis nama shoora addaa qaban akka tahan seenaan isaanii ni ibsa.

Kana malees, Piroofeesar barattoota ol’aanoo Univarsity garagaraa keessa jiran barsiisuun nagaa, mirga namoomaa fi jijjiirraa hawaasaa keessatti akka dammaqiinsa horatanii fi bu’aa argamsiisan godhaniiru.

Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo hayyuu Oromoo qabsoo Oromoo keessatti dhalatanii, qabsoo Oromoo keessatti guddatanii, firii qabsoo bilisummaa Oromoo arguuf osoo carraaqanii, gaafa Sadaasa 22, 2025,  guyyaan isaanii geenyaan biyya Kanaadaa Winnipeg, Maanitobaa keessatti du’aan addunyaa irraa godaanan.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) du’aan of biraa dhabuu hayyuu Oromoo Pro.Hamdeessaa Tusootti gadda itti dhagahame ibsataa maatii, firoottanii fi ummata Oromoo hundaaf obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsaawaan ni kufa, Qabsoon itti fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 23, 2025

Finfinnee

Sadaasni 9 Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti Guyyaa Iddoo Ol’aanaa Qabuu fi Bara Baraan Yaadatamuu Dha!
Sadaasni 9 Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti Guyyaa Iddoo Ol’aanaa Qabuu fi Bara Baraan Yaadatamuu Dha!

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Miseensotnii fi deggertootni ABO, akkasumas ummatni Oromoo bal’aan baga Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) kan bara kanaa 2025 ganna 20ffaa isaan isin gahe, waliin nu gahe jenna.

Sadaasni 9 qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhufaatii seenaa mataa isaa qaba. Oromoon diddaa roorroof, diddaa cunqursaa fi diddaa gabrummaaf kan falmuu eegale gaafa humna alagaan cabee biyyaa fi mirga isaa sarbamee qabee ti. Bifa faffaca’aniis, ijaaramees falammii gosa adda addaa humna alagaa isa weerare irratti geggeessaa jiraate.

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti sochiilee ummatni Oromoo bittaa alagaa jalaa ba’uuf taasise baroota waliin tokko lamaan galmaa’anii jiran. Kanaaf Oromoon mirga isaaf, biyya isaaf, bilisummaa isaaf kan falmuu jalqabe barri isaa as kaluu kana akka hin taane hubachiisuufi.

Finciloota bittaa alagaa mormuu fi diddaa gabrummaaf Qeerroon dargaggootni/barattootni, waliigalatti ummatni Oromoo bal’aan baroota as dhihoo kana geggeessee fi diddaa waliigalaa maddisiisuun olaantummaa bittaa abbaa irrummaa TPLFitti xumura godhe kan itti jalqabe waggaa 20 har’aa Sadaasa 9 bara 2005tti.

Sochiin Fincilla Diddaa Gabrummaa (FDG) Sadaasa 9, 2005 jalqabe sun akka tasaa kan eegale osoo hin taane, hojii ijaarsaa ABOn fi sab-boontotni ilmaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa gadjallaa irraa hanga dhaabbilee barnootaa ol’aanoo Kolleejjotaa fi Yunversitoota hunda irratti akkasumas caasaalee adda addaa keessatti ijaaraa tureen fincilli Sadaasa 9 mul’ate.

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti kabajaa saba Oromoo fi eenyummaa Oromummaa tiksuuf sochiilee taasifaman keessaa tokko Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9, 2005 bifa qinda’aan eegalamee fi gaggeeffamee dha. Diddaan sun labsii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n kan eegalame yoo ta’u, ilmaan Oromoo, gootowwan barattoota Oromoo fi qabsaawoti bakka jiran mara waamicha dhaaba isaanii ABO irraa isaan dhaqabe ofitti fudhatuun mormii eegalan.

Yeroon isaa yeroo filmaataa kan bittootni Itoophiyaa dachee fi qabeenya Oromoo irratti waldorgoman waan tureef, dhohiinsi FDG waldorgommii humna bittootaa gidduutti deemaa ture busheessee, Oromoon gaaffii mataa isaa, gaaffiilee hundee tahan, Gaaffii Bilisummaa,Walqixxummaa fi gaaffii mirga hiree murteeffatnaa akka qabu addunyaa hubachiise. Barattootni, dargaggootni/qeerroo fi sab-boontotni ilmaan Oromoo kutatoo fi muratoon labsii dinne didaa ABOn labsameef awwaatanii ofitti fudhatan “Ummatni Oromoo sochii siyaasaa biyyattii keessatti deemaa jiruuf duree ta’uu qaba; Oromoon mirga isaaf qabsaa’uuf eenyu irraa iyyuu eeyyama hin gaafatu!” jechuun sagalee diddaa dhageessisuun fincilatti seenan.

Oromoon Kaabaa-kibbatti, Bahaa-dhihatti akkasumas Walakkeessa Oromiyaa mara keessatti diinaa fi lukkelee diinaa diduu qofa osoo hin taane, taa’uu fi ka’uu dhorke. Manneen barnootaa magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa keessaa ibiddi diddaa gabrummaa ni finiine. Humnii fi caasaan sirna cunqursaa ni burjaajawe.

Fincilli Sadaasa 9 dhohe Wayyaanee fi ergamtoota isaaniitti rifaatuu guddaa uumuu fi abjuu itti ta’uu irraa warraaqsicha dhaamsuuf, ummata Oromoos hamilee cabsuuf ilmaan Oromoo qaqqaalii ajjeesuu fi hidhaatti guuruu murteeffatan. Warraaqsa sanaan wal qabatee yeroo duraaf barattoota Oromoo Amboo lama ajjeesan. Akka sanaan barattootni Oromoo qalamaa fi waraqaa callaa of harkaa qaban Jaagamaa Badhaanee fi Kabbadaa Badhaasaa Sadaasa 09, 2005 wareegamuun guca FDG tahanii duuka buutota miliyoonota horachuun seenaa jiraataa galmeessanii darban.

Qabsoo qeerroo/dargagoota, barattoota Oromoo fi ummata bal’aa Oromoo hirmaachisee sirna nama nyaataa EPRDF/TPLF/OPDO hundeen raase sana kolaasuuf tarkaanfiin ajjeechaa qeerroo qarayyoo sabaa irratti tahe sun, daranuu laboobuun fira garaa ciibsee diina mogolee buuse malee gaaffii Oromoo ukkaamsuu hin dandeenye. Inumaayyuu Oromoon, ilmaan isaa barattootni aarii fi xiiqiin warraaqsa jabeessan. Wareegamuun barattoota kanneenii guutuu Oromiyaa keessatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo hanga gadiitti ibidda warraaqsaan guutamanii, mootummaa abbaa irree wayyaanee/EPRDF akkaan guggube. Sagaleen roorroo, cunqursaa fi gabrummaan mormu, sagaleen bilisummaa, mirga abbaa biyyummaa fi hiree murteeffannaaf daran guddatee dhaga’ame.

Barattooti Oromoo Yuniversitii adda addaa walitti gurmaa’uun ejjennoo dhimma biyya isaanii Oromiyaa irratti qaban ifaan addunyaatti dhageessisan. Keessumaa haala Oromiyaa fi Itoophiyaa siyaasa biyyichaa irratti xalayaa murteessaa fi dhageettii qabu barattootni Oromoo Yunversitii Jimmaa mootummichaa fi qaamota adda addaaf barreessan hin dagatamu.

Barattooti Yuniversitii Jimmaa xalayaa kanaan rakkoo biyyittii keessaaf furmaata yeroo gabaabaa fi dheeraa akeekan. Adeemsi bilchaataa fi qinda’aan sun mootummaa abbaa irree Wayyaanee akka malee rifachiisuu fi sodaachisuu irraa, gara lafina tokko malee tarkaanfii humnaa barattoota meesha maleeyyii irratti fudhatuun ajjechaa lubbuu fi qaamaa hir’isuu dhaqqabsiise. Kun tahus warraaqsa barattoota Oromoo dhaamsee awwaaluu hin dandeenye.

Fincilli Diddaa Gabrummaa daran waggaa irraa waggaatti jabaachaa, caasaa fi damee isaa babal’ifataa adeeme. Dargaggoota, barattoota, qaamota hawaasaa hunda irratti hojii ijaarsaa daran cimsanii hojjechuun dalagaa bu’uuraa ABO ta’e. Sochiin barattootaa/dargaggootaa daran akka jabaatu, lafa qabatuu fi jaarmaan akka mul’atuuf, bara 2011tti ABOn jaarmaa dargaggootaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo yayyabe.

Diddaa Master Pilaanii Magaalaa Finfinnee qindeessummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon fincilli bara 2014 Ambootti dhohe osoo adda hin citin FDGn gara FXGtti ce’uun warraaqsi guutuu ummata Oromoo hirmaachise haga 2018 finiine sun murna aangoo mara dhuunfatuun cunqursaa dorgomaa dhabe ummata Oromoo fi sabaa fi sab-lammoota biyyattii hunda irraan ga’e wayyaanee/TPLF aangoo irraa buusuun Tigraayitti deebisuu danda’eera.

FGDn waggoota 20 dura ilmaan Oromoo qaroo fi muratoodhan qabsiifamee kumaantama hedduu of faana hiriirsuun gaggeeffame, Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhalchee fi warraaqsa guutuu biyyaa dhoosuun TPLF Oromiyaa keessaa hundeen buqqise, injifannoolee hin tuffatamne galmeesseera; Qabsoo bilisummaa Oromoo sadarkaa addaatti ol kaaseera.

Goototni Oromoo warraaqsa kana keessatti wareegaman jaalalaa fi kabaja bilisummaa sabaa, lammiilee Oromiyaa fi walabummaa biyya isaaniif qaban akkasumas jibbaa fi hadheeffannaa gabrummaa fi gabroomsaaf qaban agarsiisuuf lubbuu takkittii qaban odoo hin mararfatin seenaa jiraataa galmeessanii darbaniiru.

Falmaalee kana keessatti lubbuun qeerroo fi qarree Oromoo, kan sabboontotaa fi qabsaawotaa kumoota kudhanootaan darbeera. Akeekni qabsoo fi diddaa/warraaqsi qeerroo/qarree fi qabsaawotni lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne itti kafalan sun butamee karaa irraa maqe. Kanaanis hanga guyyaa har’aatti ummatni keenya, addatti murni hawaasaa jijjiirama kana fiduuf gatii lubbuu olaanaa kennan ka’imman keenya maqaan adda addaa itti maxxanfamee kumootaan ajjeefamuu, hidhamuu fi ari’atamuun hiree isaanii ta’ee argama. Ummatni keenya roorroo alagaan roorrifamuu, gidiraa jiruu fi jireenyaan gaadi’amuu, cunqursaa fi saaminsa ija baaseen hararaafamuu, qe’ee isaa irratti ajjeechaa fi hidhaa jumlaa keessummeessuuf dirqamee jira.

Har’a wayta guyyaa yaadannoo FDG ganna 20ffaa Sadaasa 9 kabajnu gootota kutatoo fi muratoo mirga sabaa fi biyya isaaniif jecha wareegamaniin boonaa, kabajaa hundaa olii isaaniif qabnus ibsaa, gama biraatiin ammoo akeekni isaan irratti kitimaa tahan sun ammallee galii isaa maayii akka gahuuf galfatni nu irra jiraachuu ofitti fudhannee, beeknee galmaan ga’uuf akkasumas akeekaa fi kaayyoo qabsoo ummata Oromoo ABOn qabatee qabsaa’u fiixaan baasuuf waadaa qabsoo irra deebinee Irbuu keenya haareffachuun ta’a.

Ummatni Oromoo keessaa fi alaa wayta yaadannoo Sadaasa 9 guyyaa FDG ganna 20ffaa kabajatu, akeekni goototni keenya itti kitimaa tahan amma haala maalii keessa jira? Haalli ammaa egereef hoo garamitti deema? kan jedhu ofii fi wal gaafachuudhaan furmaataafis hojjechuu gaafata.

Haalli wayta ammaa Oromiyaa, Itoophiyaa keessaa mul’atu, guutummaa godinichaatti muddamsuun uumamee jiru jeequmsa siyaasaa walxaxaa, yaaddoo nageenyaa fi balaa hin hawwamne maddisiisuu akka danda’u ni hubatama. Haala akkasii keessatti akka Oromootti, akka lammiilee Oromiyaatti qabsoo Oromoo fi injifannooleen wareegama goototaan argaman duubatti akka hin deebine harka walqabannee tikfatuu fi isa hafeef daran ijaaramnee, jabaannee hojjechuun furmaata filannoo biraa hin qabne ta’uu walhubachiisna.

Maayii irratti wareegama ilmaan Oromoon barootaaf baafamaa ture addattis sochii seena qabeessa FDG fi sanaan asittis gaggeeffameen wareegama baafameef gumaan isaanii, kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn gaggeeffamaa jiru milkeessuu fi bakkaan ga’uun waan ta’eef, ummatni Oromoo keessaa fi alaan akkuma armaan duraa dhaaba isaa ABO karaa isaaf danda’ame cufaan cina dhaabbataa ture, ammas akka jabeessuu fi bira dhaabbatu waamicha goona.

Sadaasni 9 guyyaa yaadannoon Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara baraan ni yaadatama!

Ulfinaa fi kabajaan bara baraa gootota wareegamtoota Oromoof haa ta’u!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 08, 2025

Ajjeechaa Jumlaa Humnoota Hidhataniin Ummata Oromoo Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna.
Ajjeechaa Jumlaa Humnoota Hidhataniin Ummata Oromoo Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna.

Ijoo Dubbii -ABO

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n ajjeechaa jumlaa, hidhaa, saamicha, dararaa fi qe’ee irraa buqqisuu ummata Oromoo irratti humnoota mootummaa hidhatanii fi garee Finxaaleyyii Fannoo Amhaaraa Ofiin jettuun wal darabee ummata keenya irratti raawwatu gadi jabeesinee balaaleffanna, duras dhaabbana. Gochaawwan suukaneessaan yakki waraanaa ulfaataa fi hammaataan seera mirga namoomaa Iddil addunyaa cabsuun dhaabbataa ummata keenya meesha maleeyyii irratti tahu kan yoomiiyyuu caalaa daraan nu yaaddesseera. Waggoota 7n darbaniif guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti mirgi dimokiraasii hafnaan, mirgi lubbuun jirraachuutuu dhabamee ummanni keenya dhaabataa Waraana Mootummaa Biltsiginnaa fi Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraa ofiin jettu saamicha qe’eef qabeenyaa Oromoo fi babal’ifannaa lafaaf dhufteen wal darabee ajjefamaa turuu fi jiraachuu Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa baasaa tureen ifoomsuun ni yaadatama.  Odeessa caasaa keenya irraa mirkaneeffanneen gaafa Onkoloolessa 28, 2025 kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Onoota hedduu keessatti tarkaanfii suukaneessaa waraanni mootummaa Biltsiginaa Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) baanamu ummata meesha maleeyyii irratti fudhateen namoonni lakkofsaan 26 tahan jumlaan ajjeefamniiru.

Akka sanaan Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Ona Shirkaa ganda Jaawwiitti RIB gaafa Onkoloolessa 28, 2025 namoota 14 baadii tokko malee rasaasaan ajjeesaniiru. Onuma kana daangaa laga Waabeeti irratti ijoollee lama (2) barattoota umriin isaanii waraanaaf hin geenye waraanni mootummaa ajjeesee qarqara lagaatti darbateera.  Dargaggoonni sadi (3) kanneen biroos waraana mootummaan ajjeefamanii magaalaa Gobeessaatti gaafuma kana gataman. Ona Honqooloo Waabee, ganda Baqaqsaattis namoonni shan (5) Waraana mootummaan ajjeefamanii dirree irratti darbataman. Akkasuma, ganda Arfaatuu keessatti ijoolleen lama (2), qabrii abbaa isaaniif siidaa ijaaraa turan, humnoota mootummaa hidhataniin ukkaamfamani; achi booda bakka addaa Tulluu Biyyoo cinaatti waraana mootummaan ajjeefamanii kuusaa bishaaniitti gatamanii argaman. Godinoota Kibba Bahaa Oromiyaa guutuu keessatti, hidhaa, reebicha, saamicha, qe’ee irraa ari’atamuu fi manneen ummataa jumlaan ibiddaan gubachuun hojii dhaabataa waraana mootummaa akka tahe, yeroo dha yerotti gabaasaalee nu dhaqqaban irraa kaanee ibsaa turuun ni yaadatama.

Kanumaan waliin miseensonni keenya yeroo ammaa sababa tokko malee ejjannoo siyaasa isaaniif godinoota kana keessati hidhamanii hiraarfaa jiran hedduu dha. Isaan keessaa kan ammatti haala fayyaa dhabuutiin dhibee mana hidhaa keessatti isaan mudateen rakkoo ulfaataa keessa jiran, Jaal Abbu Obsee maatii isaa waliim ganna tokkoo oliif mana hidhaa Ona Dugdaatti dararamaa jira. Jaal Abdulsalam Ona Suudeetti haadha manaa fi intala isaa waliin hidhamuun ji’oota 9f dararamaara; Jaal Xahaa Maammad Ona Roobee keessatti hidhamuun dhibeen rakkachaa jira. Ajjeechaa suukaneessaa wal darabee waraana hidhateen ummata keenya irratti tahaa jiruun, dhiheenyuma kana  Godina Shawaa Lixaa, Ona Noonnoo, Ganda Haloo Dinkiitti guyyaa Onkoloolessa 19, 2025, humnoota Fannoon ilmaan Oromoo maanguddootaa fi daa’imman dabalatee namoota 25 ol ta’an keessatti argaman jumalaan ajjeefamuu Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa gaafa Onkoloolessa 23, 2025 baaseen ibsuun ni yaadatama.

Waggaa torban darban keessatti, humnootni waraana mootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa fi gareen Fannoo yakka waraanaa ulfaataa fi hammaataa gaggeessaa turaniin, Manneen ummataa gubuun, reeffa namaa ajjeesanii Harretti fe’uu, Reeffa namaa ajjeesanii Mukatti fannisuu, reeffa namaa ajjeesanii awwaalcha dhowwuun Waraabessa nyaachisuu, qe’ee fi qabeenyaa ummataa ibiddaan gubuu, Loon Ummataa jumlaan irraa oofachuu fi kkf yakkota muraasa Waraanni Mootummaa Bilthiginnaa fi Faannoon raawataa turtee fi jirtuu dha. Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahmad, haasaa isaanii Paarlaamaa Itiyoophiyaa gaafa Onkoloolessa 28, 2025 taa’ee oole irratti dubbataniin,  “Waraanni Tigraayitti Gaggeeffame Kan Wallagatti gaggeeffame hin caalu, garuu waraanni Tigraay akka addaatti dhaadheffame. Waraanni Tigraayitti gaggeeffamaa jiru waraana bu’uuraa fi bu’aa hin qabnee dha. Mootummaan Federaalaa Tigraay keessatti waraana agaggeessuuf kaayyoos fedhiis hin qabu!” Haasaan MM kun kan agarsiisu akkuma kanaan dura gaafa Tigraay irratti waraana labsan “Waraana Tigraay fixannaan Kan Oromiyaa akka Garbuuti” jedhan sana Oromiyaa fi ummata Oromoo bal’aa ifatti lola dhaabbataa irratti lanbsanii fi waraanaa turanii dha.

Ammas hojiidhuma harka lafa jalaa fi ifatti godhaa turan Paarlaamaa irratti mirkaneessan jennee amanna. No. stm 006/stm/2021 No.:      No  stm 002/stm/2021 Mootummaa Paartii Badhaadhinaa (PP) humna waraanaa hidhatee ummata nagaa irratti bobbasuun jumlaan fixaa turee fi ammas itti jiru akka dhaabu Addi Bilisummaa Oromoo ABOn gadi jabeessee hubachiisa. “Biyya Mari’atanii ti malee Maraatanii Hin Bulchan” Ummata meesha maleeyyii maqaa garaa garaa itti moggaasuun hiraarsuun aangoon tikfamu hin jiraatu; caalattuu yoo baddu baasuu tahe malee.  Lolli mootummaan itti jiru lola ifatti ummata Oromoo bal’aa waliiniiti. Ummata waliin lola keessaa bahuu hin dandeennetti seenuun akka eessanuu nama hin geenye Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebi’ee ibsaa tureera. Kun dhugaa tahuu isaa ammoo “Waraanni Tigraayitti Gaggeeffame Kan Wallagatti gaggeeffame hin caalu” jechuun haasaan MM Paarlaamaa irratti dubbatan lola ifatti Oromiyaa guutuu irratti banan mirkaneessa. Kanaaf, Ummanni keenya guutummaa goleelee Oromiyaa keessaa bakkayyuu Waraana Mootummaa PP fi Finxaaleyyii Faannoon ajjeefamaa jirtan, Oromoon of malee, wal malee qaama itti himatu biraa waan hin qabneef sagalee waliif tahuun bakkayyuu wal bira dhaabadhaan dhaamsa keenya. Addatti Hawaasni keenya biyoota Ollaa fi Alaa gara garaa keessa jiraattan ummata Oromoo bal’aa qe’ee isaa irratti ganamaa galgala ajjeefamaa jiruuf akka sagalee taatanii fi waan danda’amu cufaan bira dhaabbatan waamicha keenya goona.

Mayii irratti, kannen kabajamuu mirga namoomaatti amantan, Dhaabbanii Tokkummaa Mootummoota (UN), Gamtaa Afrikaa (AU) fi dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa, hawaasni Iddil Addunyaa fi Qaamoleen dhimmi ilaallatu keessaa fi alaan jirtan cufti  yakka waraanaa ifatti ummata Oromoo irratti dhaabataa tahaa jiru akka dura dhaabbatanii fi  balaaleffatan jenna.  Akkasumas hidhamtootni siyaasaa yakka tokko malee ejjannoo siyaasa isaaniittiif bakkayuu hidhamanii jiran akka hiikamaniif dhiibbaa barbaachisu akka gootan kabajaan gaafanna. Kanumaan waliin Gargaarsi namoomaa ummata keenya bakkayyuu miidhameef aka godhamu gadi jabeesinee yaadachiifna. Ummata keenya haala suukaneessaan Ajjeefamaniif Rabbiin haa araaramu, maatii isaanii fi ummata Oromoo hundaaf obsaa fi jajjabina haa kennu.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Onkoloolessa 30, 2025

Finfinnee

Qe’ee fi Qabeenyaa Isaa Irratti Ummata Oromoo Jumlaan Fixuun Haa Dhaabbatu!
Qe’ee fi Qabeenyaa Isaa Irratti Ummata Oromoo Jumlaan Fixuun Haa Dhaabbatu!

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Ajjeechaa jumlaa irra deddeebiin Oromiyaa keessatti

Finxaaleyyii Faannoo ofiin jedhu, babal’ifannaa lafaaf qe’ee fi qabeenyaa ummata Oromoo

saamuuf bobba’aniin raawwatamaa ture ibsa baasuun balaaleffataa turuun ni yaadatama.

Ammas ajjeechaa jumlaa humna goolessaa kanaan ummata keenya Ona Noonnoo irratti

raawwatame gadi jabeessinee balaaleffanna, duras dhaabbanna.

Odeessa qabatamaa jiruun Giddugala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnoo

Ganda Haloo Dinkiitti, gaafa Onkoloolessa 19,2025 Finxaaleyyiin Faannoo saamicha

qe’ee fi qabeenyaa Oromoof bobba’an ilmaan Oromoo maanguddootaa fi daa’imman

keessatti argaman namoota 25 ol tahan kaan rasaasaan, kaan ammoo haala suukanneessaan

mancaan qaama isaanii kukkutanii bakka tokkotti jumlaan fixaniiru.

Ajjeechaan jumlaa, qe’ee fi qabeenyaa waliin mannneen ummataa gubuun Godina Shawaa

Lixaa Ona Noonnootti yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan waan raawwatamaa turee

dha. Akka sanaan:-

 Ebla 12,2022 Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnootti finxaaleyyiin Faannoo

tarkaanfii gooltummaa ummata nagaa irratti fudhataniin, namoota baay’een

lubbuun akka dabartee fi manneen jireenyaa qonnaan bultoota 40 olii beeladoota

waliin gubaniiru.

 Bifuma walfakkaatuun Onuma kana ganda Qondaala jedhamee waamamutti halkan

gaafa Waxabajjii 14, 2024 gochaa bineensummaa ummata keenya irratti

raawwataniin, miidhaa ulfaataa fi hammataa dhaqqabsiisaniiru. Kanaanis ummata

sirna fuudhaa fi heerumaa gaggeefatu cidha irra jiru manatti itti cufuun Boombii

itti darbatanii akka gubanii fi kanneen lubbuu baafachuuf sochii taasisanis rasaasa

itti dhukaasuun lubbuu isaanii galaafatu ABOn Ijoo Dubbii Waxabajjii 18, 2024

baaseen beeksisuu fi balaaleffachuun ni yaadatama. Kanneen akka fakkeenyaatti

ibsaman malee, gochoonni bineensummaa fakkaataan humna goolessaa kanaan

Ona Noonnootti irra deddeebiin ta’aa turaniiru.

Oromoon qe’ee isaa irratti Finxaaleyyii Faannoon jumlaan dhumaa turuu keessaayyuu

goleelee Oromiyaa naannoo Amhaaraan wal daangessan kanneen akka Godinoota

Walllaggaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa fi godinoota addaa

Oromiyaa naannolee Amaaraa fi Benishaangul keessa jiran Walloo fi Matakkal keessatti

golgaa waraanni mootummaa kennuufiin Faannoon ifatti ummata keenya irraa qabeenyaa

saamuu, qe’ee irraa baqachiisuu, rasaasa itti roobsuun lubbuu ummata siviilii akka baalaatti

harcaasuu ABOn irra deddeebiin ibsa baasee balaaleffataa tureera. Ammas Addi

Bilisummaa Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti ummata Oromoo fixuun akka

dhaabbatu gadi jabeessee hubachiisa.

Mootummaan paartii Badhaadhinaa, daangaa Oromiyaa ifatti sarbamuu fi ajjeechaa jumlaa

Finxaaleyyiin Oromoo irratti raawwatamu dhaabsisuu, Beelaa, gadadoo, rakkoo fi roorroo

gama hundaan Oromoo irratti wal gahe irraa qolachuu mannaa, maqaa “Misooma,

misooma” jedhuun biddeena abjuu ummataaf raaguu hojii guyya guyyaa godhateera. Osoo

Oromoon jiruu fi jireenya, nagaa fi tasgabbii dhabee, Qe’ee fi Qabeenyaa isaa irratti dhiigni

isaa Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraan dhangala’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo

Oromiyaa fi Mootummaan Federaalaa, dhumaatii irra deddeebiin Oromoo irra ga’u akka

waan hin arginee fi hin dhageenyeetti callisanii ilaaluun tuffii ummata Oromoo bal’aaf

qaban agarsiisa jennee amanna.

Mootummaan PP daangaa Oromoo Finxaaleyyiin sarbame kabajsiisuu dadhabuun, humna

nageenyaa harkaa qabuun nagaa ummataa eeguu hanqatuun qaanfachiisaa dha. Ammas

mootummaan nagaa ummata keenyaa akka kabajsiisu gadi jabeessinee hubachiifna.

Sirnoota Itoophiyaa dhufaa darbaa keessatti goolama siyaasaatiin wal qabatee didhaaleen

hedduun uumamaniiru, rakkinnootni hedduun dhalataniiru. Addatti Waggoota 7n as

dhihoo kana guutummaa biyyattii keessatti hararaafamaa fi roorroon daangaa dabre

ummatoota biyyaattii addatti ummata Oromoo irra gaheera.

Jumlaan lubbuu namaa dhabamsiisuu fi hidhuun, ejjannoo siyaasaa ofiin nama hidhanii

murtoo seeraa malee barootaaf hiraarsuun bara mootummaa kanaa haalaan babal’ate.

Maqaa garagaraa itti moggaasuun qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi daldaltoota walumaa

gala ummata biyyaa irraa baasiilee adda addaa tarrisuun maallaqa humnaa ol baasisuu,

buusiilee adda addaa sababa itti tolchuun ifatti ummata irraa saamaa jiru. Kun ummata

balaa waraanaan dinagdeen harkaa burkutaawee jiruu fi jireenya dhabe, waa kuufatee

harkaa hin qabne harkaa gara afaanii jiraatu daaraa godheera.

Dhumaatii ummata keenya Ona Noonnoo tti taheef, ABOn gadda itti dhaga’ame ibsaa,

maatii maraafis jajjabina hawwa. Ummatni Oromoo balaan kun kanaan kan hin

dhaabbatne, kan daraniitti tarkaanfatu ta’uu hubatee, kana of irraa dhaabuufis tokkummaan

walgargaaree dura dhaabbatuu qofatu furmaata jenna. Humni biraa eeggatu, kan dhumaatii

OROMO LIBERATION FRONT

ADDA BILISUMMAA OROMOO

Gaafa:

Date: 23/10/2025 تاريخ

Lakk.

No. stm 20/stm/2025

No. stm 006/stm/2021

No.: stm 002/stm/2021

Du’aan Of Biraa Dhabuu Qabsooftuu Aadde Addisee Gannatii Nagarii Irratti
Du’aan Of Biraa Dhabuu Qabsooftuu Aadde Addisee Gannatii Nagarii Irratti

Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Miseensaa fi qabsooftuu waggoota dheeraaf qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qooda olaanaa kennaa turte, Jaal Addisee Gannatii Nagarii du’aan addunyaa kana irraa boqachuun isheef gaddi itti dhagahame akkaan ol aanaa dha. No.: No stm 002/stm/2021 Haati warraa jaal Dr. Taaddasaa (Fidoo) Eebbaa jaal Addiseen dubarrii kutattuu fi murattuu umrii ishee guutuu Qabsoo Oromoo cina hiriiruun qooda ishee irraa eeggamu bahataa turtee dha. Nama jireenya ishee guutuu saba isheef jiraataa turte, dubartii jabduu bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf, akkasumas haqaa fi walqixxummaa dhugoomsuuf of wareegdee falmatee dha. Jaal Addiseen bara 1970moota keessa ABO keessatti hirmaachuun qabsoo dhoksaatiin, aadaa, afaan, seenaa Oromoo guddisuu cinatti qabeenyaa isheen Qabsoo Bilisummaa Oromoof qooda ol aanaa kennaa turte. Dirqamoota hedduu ofitti fudhataa turteenis, Mana isheetti qabsaa’ota hedduu diina jalaa miliqsuun, deeggarsa kennuu fi dhoksaan hojii dhaaba irraa qooda fudhataa turte.

Murannoo fi kutannoo qabsoo ishee sanaan diinaan qabamtee bara 1980 hidhatti darbamtee waggoota kudhan guutuu dararaa, hiraarfama fi rakkoo hammaataa keessa turte. Yeroo hidhamtuu haati ishee fi ilma ishee du’aan of biraa dhabuun ishee hedduu keessa ishii miidhus, Sun cufti dhiibbaa fi dhiittaa diinaa irraa tahuu hubachuun caalattuu akka xiiqii horattee qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu gargaartu ishee taasise. Dhaabbillee mirga namoomaa hedduun sagalee tahuufiin jaal Addiseen xumura bara 1989 hidhaa irraa gadi lakkifamte.

Akka mana hidhaatii baateen gara biyya alaa deemtee illee osoo adabattee hin taahin daranuu qabsoo Oromoo finiinsuun ABO fi hawaasa Oromoo keessatti qooda olaanaa fudhachaa turte. Dargaggoota barsiisuun, hirmaannaa hawaasa Oromoo cimsuun fi Oromummaa isheen jabaattee saba ishee waliin dhaabatte. “Sabni Oromoo waan guddaa fi ulfaataa qabutti lubbuu kennuun barbaachisa” jechuun duudhaa ishee bara-baraan calaqqisiifte. Duuti jaal Addisee Gannatii Nagarii dhaaba keenyaaf, Ummata Oromoo bal’aa , maatii fi hiriyoota ishee hundaaf gadda ulfaataa dha. ABOn irra deebiin du’aan of biraa dhabuu jaal Addiseef gaada itti dhagahame ibsataa, maatii, firoottanii fi Ummata Oromoo bal’aaf Obsaa fi jajjabina hawwa.

Qabsaawaan Ni Kufa! Qabsiin Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Hagayya 17, 2025 Finfinnee