{"id":955,"date":"2018-12-31T14:59:37","date_gmt":"2018-12-31T14:59:37","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=955"},"modified":"2018-12-31T14:59:37","modified_gmt":"2018-12-31T14:59:37","slug":"dhaamsa-waggaa-haaraa-2019-adda-bilisummaa-oromoo-irraa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/31\/dhaamsa-waggaa-haaraa-2019-adda-bilisummaa-oromoo-irraa\/","title":{"rendered":"Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2019, Adda Bilisummaa Oromoo Irraa"},"content":{"rendered":"<p><strong>Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2019, Adda Bilisummaa Oromoo Irraa<\/strong><\/p>\n<p>Mudde 31, 2018<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"alignleft size-full wp-image-66\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Kabajamaa Ummata Oromoo,<br \/>\nMiseensotaa fi Deggertoota ABO,<br \/>\nGooticha Waraana Bilisummaa Oromoo,<br \/>\nQeerroo Bilisummaa Oromoo fi<br \/>\nWalumaagala deggertootaa fi firoottan Qabsoo Bilisummaa Oromoo.<\/p>\n<p>Maqaa Miseensota Dhaaba keenyaa hundaan Baga Bara Haaraa 2019 waliin geenye oggaan jedhu gammachuu addaatu natti dhagahama. Gammachuun addaa kun ammoo haalli har\u2019a keessa jirru haala addaa fi abdachiisaa tahuu irraa madda. Haalli addaa fi abdachiisaan kun kan akka carraatti ofuma isaatiin argame ykn. qaamni biraa tola nuuf ooleen kan argame miti. Qabsoo hadhooftuu murannoo fi cichoomina ol\u2019aanaadhaan walitti fufiinsaan baroota dheeraaf gaggeessinee fi wareegama ulfaataas itti baasneen kan ofii keenyaa uummanne dha. Kana gochuu danda\u2019uun keenya ammoo kan nu gammachiisu qofa osoo hin taane akka Sabaatti mataa ol qabannee akka ofitti boonnu kan nu taasisu waan taheef irra deebi\u2019een Baga Gammaddan ! Baga Gammadne ! jedha.<\/p>\n<p>Kanneen lubbuu isaanii wareeganii haala kana argamsiisan seenaan isaanii bara baraan kan yaadatamuu fi galatni isaaniis Bilisummaa Ummata keenyaa haa tahu jechaa adeemsa gara jijjiiramaatti eegalame kana fiixaan baasuudhaan wareegama isaaniitti firii gochuuf waadaa keenya akka haaromsannu waliif dhaamna.<\/p>\n<p>Egaa akkuma jenne, Amajjii 01, Seensa bara haaraa fi Guyyaa WBO kan 2019 haala haaraa keessatti kabajanna. Haalli haaraan kun yoo sirriitti hubannee dirqama keenya hin bahannu tahe gara hamaatti kan nu ceesisuu fi wareegama qaalii hanga har\u2019aatti baasne gatii dhabsiisee qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa kan of booda deebisuu danda\u2019u dha. Yoo sirriitti haala keessa jirruu fi haalota nu marsanii jiran (haala mijjataa fi carraa gaarii harka keenya keessa jiru, akkasumas, gufuulee fi danqaalee jiran) addaan baasnee akka tahuu qabutti irratti hojjenne garuu galma gahiinsa qabsoo Ummata keenyaa yeroo gabaabduu keessatti dhugoomsinee Bilisummaa fi nageenya waaraa iggitii qabu biyyaa fi naannoo keenyaaf argamsiisuudhaan wareegama hanga har\u2019aa baasnetti firii gochuun ulfaataa hin tahu.<\/p>\n<p><strong>Dhimma Waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa Waliinii fi Duula Ololaa fi Lola ABO Irratti Gaggeeffamaa Jiru Irratti:<\/strong><\/p>\n<p>Bara keessa dabarre (2018) keessa Injifannoolee gurguddoo Qabsoon Bilisummaa Oromoo galmeesse keessaa tokko ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti waliigaltee Hagayya 07, 2018 taasifamee dha. Waliigalteen seena-qabeessi sun lolli bara dheeraaf Ummata Oromoo kan Bilisummaa isaa falmatuu fi Mootummoota Itoophiyaa kan afaan qawweetiin Bilisummaa Ummatootaa sarban gidduutti gaggeeffamaa ture akka dhaabbatuuf kan karaa bane dha. Waliigalteen sun Ummata keenyaafis tahe Ummatoota Itoophiyaa keessa jiran hundaaf, dabreetis Ummatoota Gaanfa Afrikaa hundaaf nageenyaa fi guddina waaraa argamsiisuu carraa gaarii akka tahe ABOn ni amana.<\/p>\n<p>Haa tahu malee, har\u2019a yeroo bara haaraya 2019 simachaa jirru kanatti haalli waliigalteen sun irra jiru kan nama gammachiisu tahuu dhabuun ABO fi Ummata keenyaafis yaaddoo guddaa dha. Duulli Olola maqa-balleessii fi lolli ifatti ABO irratti banamee jira. Duulli kun haqa qabsoo Saba Oromoo kan hanga ammaa dabsuu fi awwaaluu qofa osoo hin taane qabsichi itti fufee Galma isaa akka hin geenye ittisuuf kan akeekkate duula cubbuu fi yakka seenaa tahuutti amanna. Rakkoo fi gaaffii waloo Saba Oromoo kan Jaarraa lakkoofsise akka rakkoo fi gaaffii Oromoota Godinoota murtaawoo qofaatti dhiheessuuf duula halkanii fi guyyaa gaggeeffamaa jiru shira gurmuu tokkummaa Oromoo laaffisanii Qabsoo isaa laamshessuu ti.<\/p>\n<p>Gaaffiin Bilisummaa fi mirgoota dimokiraasii kan Ummatootni barootaaf wareegama ulfaataa itti baasaa jiran qabsoo karaa nagaatiin deebii argata jedhamee waadaan EPRDF ummataaf seenes osoo oolee hin bulin guyyaa saafaa cabuu jalqabee jira. Alaabaan Ummata keenyaaf mallattoo diddaa gabrummaa taate (Alaabaan ABO\/Oromoo) tan Gootowwan Oromoo kumaa &#8211; kitilaan wareegamaafii turanii fi jiran har\u2019a waraana EPRDFiin fannoo irraa buufamtee fi nama harkaa guuramtee gubamaa jirti. Kun waadaa waliigaltee keenyaa cabsuu qofa osoo hin taane dhiiga Gootota Oromoo Bilisummaaf dhangala\u2019etti qoosuu fi Ekeraa Wareegamtoota Qabsoo Oromootti roorrisuu dha. Aarii fi mormiin gochaan akkanaa kun maddisiisus balaan inni hordofsiisu ulfaataa tahuu danda\u2019a. Waan taheef, tarkaanfiileen shiraa kan adeemsa karaa nagaa eegalame kana gufachiisan akkasii hatattamaan akka irraa dhaabbataman gaafanna. Ummatni keenyas (keessattuu Qeerroon) shira gama fedheenuu dalagamu kan waliigaltee keenya gufachiisee bakkuma kaleessaatti nu deebisuu danda\u2019u dammaqinaan hordofee akka hoongessuu fi injifannoodhaan keessa dabru dhaammanna.<\/p>\n<p><strong>Dhimma Tokkummaa Jaarmayoota Oromoo<\/strong><br \/>\nAddi Bilisummaa Oromoo Tokkummaan Jaarmayoota Siyaasaa Oromoo barbaachistuu tahuu dursee hubachuudhaan dhimma kana akka imaammataatti irratti hojjechuu kan jalqabe bara 1980moota irraa eegalee ti. Bara 1991 Kaartum Sudaanitti fi bara 2000 Asmaraa Ertiraatti milkaawina argame dabalatee sana boodas yeroo adda addaatti yaaliin ABOn Tokkummaa Jaarmayoota Siyaasaa kana argamsiisuuf taasise hedduu dha. Tattaaffiilee kanaanis milkiin hin tuffatamne argameera. Jaarmayootni Siyaasaa Oromoo kanneen Kaayyoo wal fakkaataa qaban gaaddisa tokkicha jalatti gurmaawuu, kanneen Kaayyoo gara garaa qaban ammoo Kaayyoo isaanii qabatanii dantaa waloo Oromoo fi Oromiyaa irratti wal tumsuu kan isaan dandeessisu waltajjii waloo tokko uummachuun barbaacisaa tahuu ABOn oggayyuu itti amana. Kana dhugoomsuufis gahee gaafatama gama isaa bahachuu irraa of hin qusatu.<\/p>\n<p><strong>Dhimma WBO fi Nageenya Oromiyaa<\/strong><br \/>\nLolli daangaa Oromiyaa karaa Bahaa, Dhihaa, Kibba &#8211; Bahaa, Kaabaa fi Kibbaan Ummatoota ollaa keessaa loltummaaf leenjisanii hidhachiisuudhaan Oromoo irratti gaggeeffamaa ture har\u2019as hin dhaabbanne. Haala haaraa amma uumame kan ODPn akka waan Ummatni Oromoo aangoo biyya bulchuu dhuunfateetti fakkeessuuf yaalu keessattis lolli kun Oromoo irraa dhaabbachuun hafnaan inumaa daranuu hammaatee itti fufuun isaa Ummata keenyatti hibboo tahee jira. Ummatni keenya akka lola kana irraa gahaatti of hin ittisne waggoota 27 dabraniif mancaa fi eeboon osoo hin hafin mootummaa EPRDFiin hiikkachiifamaa ture. Sanaanis osoo hin dhaabbanne yeroo Ummatni keenya harcaatuu meeshaa lolaa dhokfatee qabuun of ittisuuf carraaqutti waraanni EPRDF gama kaaniif tumsee Ummata keenya loluun waan deddeebi\u2019ee mul\u2019achaa ture dha. Har\u2019as haalli sun dhaabbachuu dhabee akkasumatti itti fufuun waan hunda keenya akka Sabaatti yaachisuu qabu dha. Ummatni keenya bakka hundaa dhimmi WBO dhimma nageenya Oromiyaa kana wajjin walitti hidhataa dha jedha. WBOn humna Bilisummaa fi nageenya Oromoo fi Oromiyaatiif ijaaramee Ummaticha keessa sossohuu fi Ummatichaanis jiraachifamu tahuu Ummatni keenya deddeebisee mootummaatti ibsachaa jira.<\/p>\n<p>Qabsoo hadhaawaa WBOn walitti fufiinsaan baroota dheeraaf gaggeessee fi wareegama ulfaataa inni baasetu wal irratti ijaaramee abdii jijjiiramaa har\u2019a mul\u2019atu kana uumuu keessatti qooda ol\u2019aanaa qabaate. Waan taheef nageenya Oromiyaa qofaaf osoo hin taane fiixa-bahiinsa daandii jijjiiramaa eegalame kanaafis WBOn abdii guddaa dha malee diina jedhamee ykn. akka diinaatti ilaalamee kan lolamuun isaaf male miti. Gabaabumatti Waraanni Bilisummaa Oromoo seenaa qabsoo bilisummaa Saba keenyaa keessatti qoodni inni hanga har\u2019aatti qabaate kan akka biiftuutti ifee mul\u2019atuu fi bara baraanis dagatamuu hin qabne dha. Araarri ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti bu\u2019e Waraanni kun kabajaan inni seenaa Qabsoo Bilisummaa Ummata keenyaa keessatti qabuun wal madaalu akka hin dhorkatamnee fi qoodni murteessaan inni nageenyaa fi hegeree Oromiyaa keessatti qabaachuu danda\u2019us osoo hin dagatamne akkaataan inni qindoomina fuula duraa keessatti hirmaachifamuu danda\u2019u qorannoo fi eeggannoo cimaadhaan waliigaltee fi murtii qaamota lameeniitiin akka xumura argatu kan itti waltahiinsa irra gahame dha. Har\u2019as hafuuruma waltahiinsa keenyaa sanaan humni kun (WBOn) akka keessummeeffamuuf waliin taanee haala isaa mijeessuu qofatu rakkoo nageenyaa amma mul\u2019atuufis tahe Bilisummaa fi nageenya waaraa hegeree Ummata keenyaaf bu\u2019aa qabaata jennee amanna.<\/p>\n<p><strong>Xumura<\/strong>:<br \/>\nMaayyii irratti jijjiiramni qabsoo Ummata keenyaatiin argame kun akka hin gufannee fi duubatti hin deebineef rakkoo dhalatu kamuu haasaadhaan furachaa galma barbaadamu kan Bilisummaa fi nageenyi ummatootaa itti mirkanaawu dhaqqabuuf ABOn gama isaatiin gaafatama isaa kan bahatu tahuu hubachiisna. Paartiin biyya bulchuu fi humnootni siyaasaa dhimmi ilaalu hundis haala mirgaa fi ol\u2019aantummaa Ummataa hin tuqneen dirqama isaanii akka bahataniif Ummatni dhiibbaa feesisu hunda akka godhu gaafanna. Barri haaraan 2019 kan bara dabree caalaa injifannoo daranii kan itti galmeessinu, tokkummaan mooraa qabsoo fi kan Ummata keenyaa daran kan itti jabaatuu fi Qabsoon Bilisummaa Ummata keenyaa daran kan itti finiinu akka tahu hawwii keenya ibsachaa, kana dhugoomsuufis hundi keenya jabaannee haa warraaqnuun Dhaama Adda Bilisummaa Oromoo ti.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Mudde 31, 2016<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2019, Adda Bilisummaa Oromoo Irraa Mudde 31, 2018 Kabajamaa Ummata Oromoo, Miseensotaa fi Deggertoota ABO, Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Walumaagala deggertootaa fi firoottan Qabsoo Bilisummaa Oromoo. Maqaa Miseensota <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/31\/dhaamsa-waggaa-haaraa-2019-adda-bilisummaa-oromoo-irraa\/\" title=\"Dhaamsa Waggaa Haaraa, 2019, Adda Bilisummaa Oromoo Irraa\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/955"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=955"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/955\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=955"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=955"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=955"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}