{"id":951,"date":"2018-12-30T09:29:47","date_gmt":"2018-12-30T09:29:47","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=951"},"modified":"2018-12-30T09:29:47","modified_gmt":"2018-12-30T09:29:47","slug":"ajjeechaa-waraanni-eprdf-namoota-meesha-maleeyyii-irratti-raawachaa-jiru-cimsinee-balaaleffanna-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/30\/ajjeechaa-waraanni-eprdf-namoota-meesha-maleeyyii-irratti-raawachaa-jiru-cimsinee-balaaleffanna-2\/","title":{"rendered":"Ajjeechaa Waraanni EPRDF Namoota Meesha-maleeyyii Irratti Raaw\u2019achaa Jiru Cimsinee Balaaleffanna!"},"content":{"rendered":"<p><strong>Ajjeechaa Waraanni EPRDF Namoota Meesha-maleeyyii Irratti Raaw\u2019achaa Jiru Cimsinee Balaaleffanna!<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ibsa ABO\u2014Mudde 29, 2018)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-314 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National Council\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Mudde 27, 28 fi 29, 2018 Dhihaa fi Kibba Oromiyaa (Qellem Wallaggaa, Wallagga Dhihaa fi Gujii) keessatti qofa loltootni EPRDF kan maqaa \u201cRaayyaa Ittisa Biyyaa\u201d jedhuun beekaman Oromoota nagaa (meeshaa-maleeyyii) irratti ajjeechaa suukanneessaa raaw\u2019ataniin odeessa hanga ammaatti mirkanaaween yoo xiqqaate namootni 36 tahan ajjeefamanii kanneen lakkoofsi isaanii ammatti hin beekamne ammoo madaawanii jiru. Manneen Ummataa hedduunis gubamanii jiru. Tarkaanfii hammeenyaa fi diinummaa ol\u2019aanaa loltootni EPRDF fudhachaa jiran kanaan lammiilee ajjeefaman keessaa daa\u2019imman waggaa 5 hin guutin 2 Godina Gujii Ona Dugda Daawwaatti mana wajjin gubaman. Dhiha Wallaggaa Gimbii fi Gullisoo gidduu naannoo Kurfee Birbir jedhamtuttis daa\u2019mni tokkoo fi haati daa\u2019imaa mana wajjin gubaman. Bakkootni yakki ajjeechaa kun itti gaggeeffaman Godina Qellem Wallaggaa, Wallagga Dhihaa fi Gujii lafoota Gidaamii, Koobbara, Kattaa Abbaa Kormaa, Huwaa, Waayyuu Kullii, Kurfee Birbir, Yuubdoo, Laaloo Qilee, Fincaa\u2019aa, Kombolchaa fi Shaalaa jedhaman keessatti. Kanneen Gujiitti ajjeefaman 23 tahan keessatti daa\u2019ima waggaa 5 hin guutinii fi jaartii waggaa 70faatu argamu.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa suukkanneessaa namoota nagaa (meesha-maleeyyii) irratti loltoota EPRDFiin gaggeeffamaa jiru kana jabeessee balaaleffata. Tarkaanfiin bineensummaa akkasii kun callisaan ilaalamuu kan hin qabnee fi nagaa-jaallattoota hundaanis balaaleffatamuu kan qabu jennee amanna. Sirni Cunqursaa fi Abbaa Irrummaan (Afaan qawweetiin Ummata bulchuun) kana booda akka hin danda\u2019amne Paartii EPRDFtti agarsiisuuf wareegama lubbuu fi qabeenyaa herreguuf hin salphannetu itti baafame. Paartiin EPRDFs waggoota 27 booda (dirqisiifameetis tahu) dhugaa kana amanee akka fudhatee fi keessa isaatti jijjiirama\/haaromsa akka godhe bsee, cehumsa gara dimokiraasiitti taasifamuuf humnoota siyaasaa biyyattii hunda wajjin nagaadhaan hojjechuuf erga waadaa seenee bubbulee jira. Haa tahu malee, hojiidhaan kan lafa irratti mul\u2019achaa jiru EPRDF umrii aangoo isaa dheereffachuuf daandiima Abbaa-irrummaa kan waggoota 27 dabran hordofaa ture sanatti cichee jiraachuu isaa ti.<\/p>\n<p>EPRDF caasaa humna waraanaa keessatti haaromsa (reform) gaggeesseen jira jedhee afaaniin dubbata. Haa tahu malee, waraanni EPRDF kan maqaa \u201cRaayyaa Ittisa Biyyaa\u201d jedhuun gurmaawe har\u2019as kaayyoo Siyaasaa EPRDF tiksuuf kan dhaabbate tahuu isaa malee aantummaa Ummataa horachuu isaa mallattoon agarsiisu homtuu hin jiru. Waraanni kun har\u2019as namoota ilaalcha siyaasaa kan EPRDF irraa adda tahe qaban akka diinaatti ilaaluu itti fufee jira. Kanaaf ragaa kan tahu, Oromiyaa keessaa bakkoota gahe hundatti Alaabaa Oromoo\/ABO dabalatee mallattoolee ABO ibsan gara garaa balleessuu fi namoota waan akkasii harkatti arge miidhaa irraan geessisuu fi shoorarkeessaa jiraachuu isaa ti.<\/p>\n<p>Adeemsi balaafamaan EPRDF kun faallaa waadaa inni dirree siyaasaa bal\u2019isuuf fi mirgoota dimokiraasii lammiilee biyyattii hundaaf kabajuuf seenee ti. Kun ammoo ifa abdii jijjiiramaa amma mul\u2019ate kana kan deebisee dukkaneessuu fi Oromiyaa, Itoophiyaa fi naannoo isheettis balaa lolaa guddaa kan harkisu waa taheef EPRDF hatattamaan akka irraa dhaabbatu ABOn jabeessee gaafata. Yoo EPRDF didee haaluma jalqabe kanaan kan itti fufu tahe balaa kanaan wal qabatee gahuu malu hundaaf kan itti gaafatamu isuma\/EPRDF tahuu ABOn hubachiisa.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Mudde 29, 2018<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ajjeechaa Waraanni EPRDF Namoota Meesha-maleeyyii Irratti Raaw\u2019achaa Jiru Cimsinee Balaaleffanna! (Ibsa ABO\u2014Mudde 29, 2018) Mudde 27, 28 fi 29, 2018 Dhihaa fi Kibba Oromiyaa (Qellem Wallaggaa, Wallagga Dhihaa fi Gujii) keessatti qofa loltootni EPRDF kan <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/30\/ajjeechaa-waraanni-eprdf-namoota-meesha-maleeyyii-irratti-raawachaa-jiru-cimsinee-balaaleffanna-2\/\" title=\"Ajjeechaa Waraanni EPRDF Namoota Meesha-maleeyyii Irratti Raaw\u2019achaa Jiru Cimsinee Balaaleffanna!\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/951"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=951"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/951\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=951"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=951"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=951"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}