{"id":899,"date":"2018-12-13T14:34:22","date_gmt":"2018-12-13T14:34:22","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=899"},"modified":"2018-12-13T14:34:22","modified_gmt":"2018-12-13T14:34:22","slug":"waadaan-araaraa-fi-nageenyaa-gama-abotiin-hin-jigu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/13\/waadaan-araaraa-fi-nageenyaa-gama-abotiin-hin-jigu\/","title":{"rendered":"Waadaan Araaraa fi Nageenyaa Gama ABOtiin Hin Jigu !"},"content":{"rendered":"<p><strong>Waadaan Araaraa fi Nageenyaa Gama ABOtiin Hin Jigu !<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ibsa ABO \u2013 Mudde 13, 2018)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"alignleft size-full wp-image-66\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Addi Bilisummaa Oromoo waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa waliin irra geenye fiixaan baasuuf kan nu irraa eegamu hunda of qusannoo tokko malee raaw\u2019achaa jirra. Haalotni fiixa bahiinsa waliigaltee kanaa lafa irra harkisan bakka mudatanittis Mootummaa wajjin wal quba qabeenyaa fi wal hubannootaan irratti hojjechuudhaan furmaata argamsiisuuf fedhii guddaa qabnu hojiidhaan agarsiisaa yoona geenye. Kee<span class=\"text_exposed_show\">ssattuu dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan ilaaluun waan irratti waliif galame hojiitti hiikuudhaaf Mootummaa wajjin mari\u2019annee waan gama lachuutiin godhamuu qabus murteeffannee marroo hedduu hojiitti bobba\u2019aa turre. Har\u2019as ittuma jirra.<\/span><\/p>\n<div class=\"text_exposed_show\">\n<p>Haa tahu malee yeroo adda addaatti akkuma nuti bobbaanee dhimma waliigaltee kana hojiitti hiikuu jalqabneen nu duubaan qaamotni Mootummaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa adeemsa kana kan gufachiisu tarkaanfii faallaa fudhachuun deddeebi\u2019ee mul\u2019achaa jira. Ragaaleen kana mirkaneessan harka ummata keenyaa jiru. Har\u2019as itti fufee ija ummataa duratti wanti tahaa jiru isuma kana. Guggufatiinsa kanaa fi balaa\/gaaga\u2019ama kanaan wal qabatee gahuu maluuf Addi Bilisummaa Oromoo kan itti hin gaafatamne tahuu gadi jabeessinee hubachiisuu feena.<\/p>\n<p>Nageenya Ummata Oromoo fi ummatoota biyyattii hunda tiksuuf, akkasumas, Bilisummaa fi mirgootni dimokiraasii ummatootaa akka kabajamaniif wareegamni qaalii fi ulfaataan baafamee jira. Wareegamni baafame kun akka bu\u2019aa barbaadamu argamsiisuuf Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaa fi qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin obsaa fi hafuura itti gaafatamummaa ol\u2019aadhaadhaan hojjechuu ammas ittuma fufa. Haa tahu malee nageenyaa fi araara guutuu mirkaneessuun fedhii fi tattaaffii gama hundaa kan gaafatu tahuu qaamotni fi namootni dhimmi ilaalu hundi (keessattuu caasaalee fi aangawootni mootummaa kan sadarkaa olii) hubatanii gaafatama ofii bahachuun dirqama taha.<\/p>\n<p>Ummatni keenya waliigalatti, addatti ammoo dargaggootni (Qeerroon) haala deemaa jiru kana dammaqiinsaa fi xiyyeeffannoo ol\u2019aanaadhaan hordofuun barbaachisaa dha. Adeemsa karaa nagaatiin eegalame kanaa fi Dhaaba isaanii (Adda Bilisummaa Oromoo) shira gama fedheenuu itti aggaamamu irraa tikfachuudhaan wareegama hanga har\u2019aa baasanitti firii gochuuf Adda Bilisummaa Oromoo cinaa akka dhaabbatanis waamicha keenya haaromsina.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nMudde 13, 2018<\/p>\n<\/div>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Waadaan Araaraa fi Nageenyaa Gama ABOtiin Hin Jigu ! (Ibsa ABO \u2013 Mudde 13, 2018) Addi Bilisummaa Oromoo waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa waliin irra geenye fiixaan baasuuf kan nu irraa eegamu hunda of qusannoo tokko malee <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/13\/waadaan-araaraa-fi-nageenyaa-gama-abotiin-hin-jigu\/\" title=\"Waadaan Araaraa fi Nageenyaa Gama ABOtiin Hin Jigu !\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/899"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=899"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/899\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=899"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=899"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=899"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}