{"id":89,"date":"2017-07-04T17:59:23","date_gmt":"2017-07-04T17:59:23","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=89"},"modified":"2017-07-04T18:54:44","modified_gmt":"2017-07-04T18:54:44","slug":"sirni-tpleprdf-wayta-ummata-wayyaba-gara-lammii-lammaffaatti-gadi-buusaa-jiru-kanatti-dhumaatii-isaaniif-haala-aanjesssaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/07\/04\/sirni-tpleprdf-wayta-ummata-wayyaba-gara-lammii-lammaffaatti-gadi-buusaa-jiru-kanatti-dhumaatii-isaaniif-haala-aanjesssaa-jira\/","title":{"rendered":"Sirni TPL\/EPRDF Wayta Ummata Wayyaba gara Lammii Lammaffaatti gadi buusaa Jiru Kanatti, Dhumaatii Isaaniif Haala Aanjesssaa Jira."},"content":{"rendered":"<p><a href=\"http:\/\/oromoliberationfront.org\/en\/statement-executive-committee-peoples\/\">Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa<\/a> Bilisummaa fi Demookraasii (TUBD)<\/p>\n<p>PEOPLES ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY (PAFD)<\/p>\n<p>Koreen Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa bilisummaa fi dimokraasii walgahii isaa dhaabbataa lammaffaa Bitootessa 28 hanga 29, 2017 adeemsifatee jira. Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii tumsa dhaabota bilisummaa shanii, Sochii Bilisummaa Ummatota Banishangul, Sochii Bilisummaa Ummata Gaambeellaa, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bili-summaa Biyyoolessa Ogaadeen fi Adda Bilisummaa Biyyolessa Sidaamaa hammata. Koreen hojii raawachiiftuu gabaasaa hojii fi sochii tumsichaa dura taa\u2019aa irraa dhaggeeffatee jira. Akksumas, ibsoota biiroolee tumsichaa fi dhaaboti miseensoti tumsichaa waa\u2019ee sochii isaanii ilaalchisuun kennan dhaggeeffateera. Koreen hojii raawwachiiftuu gabaasaa fi ibsoota kanneen erga dhaggeeffatee booda ajandaalee walgahii kanaaf qabaman raggaafatee gadi fageenyaan irratti haasa\u2019e.<\/p>\n<p>Koreen hojii raawwachiiftuu tarsiimoo TUBD keessa deebi\u2019ee ilaalee raawwii karoora hojii isaatiis gamaggame. Tarsiimoo TUBD keessa deebi\u2019ee sakatta\u2019uudhaan, akkasumas sochii tum-sichaa walii galaa irratti marii bal\u2019aa erga taasisee booda murtiilee asii gadii irra gahe.<\/p>\n<p>Koreen hojii raawwachiiftuu Tumsa Bilisummaa fi Dimokraasii Uummatootaa didhaan keessaa fi alaan jiraatu illee hojiin tumsichaa akka walii galaatti tarkaanfii guddaa gara fuula duraatti tarkaanfatuun hojii qabsoo biyya keessaa fi alaaf bu\u2019uura jabaa kaa\u2019\u2019era jedhee amana. Wag-gaa tokko darbe keessatti, keessahuu hojiin biiroolee dippilomaasii fi namoomaa, hojii jaarma-yaa fi siyaasaa, akkasumas waraanaa kan ilaalu irratti hojii qabatamaatu hojjetame. Koreen ho-jii raawwachiftuu hojii raawwatamuu qaban haaraa akeekuudhaan biirooleen jiran hundi galii karoora isaanii dhaqqabuu akka danda\u2019aniif qajeelfama barbachisu kenneef.<br \/>\nKoreen hojii raawwachiftuu haala siyaasaa Itiyoophiyaa keessa jiru irrattis bal\u2019inaan mari-hateera. Haala mootummaa Wayyaanee fi mootummicha karaa irraa maqsuuf diddaa uummati itti jiru gadi fageenyaan gamaaggame. Qabataamaatti haalli mul\u2019atu mootummichi waa hundi harkaa bahee biyya sana bulchuu kan hin dandeenye tahuu mirkaneessa.<\/p>\n<p>Tumsi Ummatootaa Bilisumaa fi Dimokraasii maddi rakkoo politikaa har\u2019a Itiyoophiyaa keessa jiruu, mootummaan Wayyaanee bilisummaa fi mirgoota ummatoota biyyattii sarbuudhaan bit-taa farra dimokraasii humnaan irratti fe\u2019uu isaa irraa kan dhufe dha jedhee amana.<\/p>\n<p>Maqaa federalizm sobaa kan sabi xiqqqan tokkichi siyaasaan, dinagdeedhaa fi waraanaan guu-tummaatti ol aantummaa qabu jalatti waan argamuuf ummatooti wayyabni mirgi isaanii dhii-tamee humnaan bulfamaaa jiru. Sochiin siyaasaa fi hawaasaa yeroo ammaa ummatoota cun-qurfamoon deemsifamaa jiru hacuuccaa siyaasaa sirna mootummaa farra dimokraasii bakka bu\u2019ummaa uummtootaa hin qabneen waggoota dhibbaa oliif raawwatamaa har\u2019a gahe cabsuuf qabsoo taasimu dha.<\/p>\n<p>Har\u2019a, aangoon siyaasaa fi dinagdee biyyattii murna Wayyaaneen dhuunfatamuu fi maallaqa guddaa kuufataniin irree isaanii cimsachuu irraa kan ka\u2019e uummatootaa fi biyyattiin guutum-maatti to\u2019annoo murna kanaa jala galanaii jiru. Har\u2019a Itiyoophiya keessatti mootummaa jechuun Wayyaanee, TPLF, jechuu dha. Walitti baqanii qaama tokko ta\u2019anii jiru. Haa ta\u2019uu sirni Way-yaanee uummata mirga isaa karaa nagaa gaafate irratti tarkaanfii humnaa fudhachaa jiraatu iy-yuu, mirgoota siyaasaa, dimookrsaaii, mirga hawaasummaa fi bilisummaaf qabsoo ummattootni finiinsaa jiran sadarkaa of duuba deebisuun hin danda\u2019amne irra gahee jira.<\/p>\n<p>Koreen hojii raawwachiiftuu TUBD, murtii sirni Wayyaanee labsii yeroo hatattamaa labsuuf fudhate ummata bilisummaa fi dimookraasii dhugaa barbaacha gara fuula duraatti arreedaa jiru dhaabuuf yaaluu irraa tahus itti hin milkoofne jedhee amana. Mootummichi sodaa fi goolii uumuudhaan bituuf tattaafata. Uummatooti Itiyoophiyaa keessa jiran garuu ammaan booda doorsisaa fi sodaachisa Wayyaaneef hin jilbeenfatan. Tole jedhaniis jala hin bulan. Ummatooti Iytiyoophiyaa keessa jiran ammaan booda tarkaanfii dabeessaa mootummaan Wayyaanee guu-tummaa biyyattii keessatti fudhachaa jiru sodaatuun hin cal\u2019isan. Callisaas hin jiran. Uummati osoma ajjeefamuu fi hidhamuu sirna Wayyanee cunqursaa fi saamicha irratti hunda\u2019e didee irratti fincilaa jira. Tarkaanfii abdii kutannaa mootummichi ummatoota cal\u2019isiisuuf fudhatu rak-koo jiru irratti rakkoo dabalee inumaahuu daran gara rakkoo irra hammaataatti geessa.<\/p>\n<p>Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Demokraasii sirni yeroo cehumsaa dimokraatawaa ta\u2019e, sir-na hunda hammataa, mirgi uummatoota hundaa keessatti kabajamuu fi kan gaaffii sabaa fi sa-blammoota cunqurfamoo deebisuu danda\u2019u uumamuun barbaachisaa dha jedhee amana. Kanaaf Koreen Kojii Raawwachiiftuu TUBD, haala dhaabota mormitoota Itiyoophiyaa biyya keessaa fi ala jiranii gadi fageenyaan xiinxalee jira. Akka kanaan sirna politikaa haaraa Itiyoophiyaa keessatti fiduudhaaf karaa gara sanatti geessu, kan qaamota dhimmichi ilaalu hunda biratti fudhatama qabuu fi karaa saaquu danda\u2019u irratti hojjechuuf murteeffatee jira. Sirni politikaa akkanaa waldhabbii wal irraa hin citne deddeebi\u2019ee Itiyoophiyaa keessatti mul\u2019atutti xumura gochuu danda\u2019a jedhees amana.<\/p>\n<p>TUBD jabaatee diddaa uummatooti Itiyoophiyaa keessa jiran bittaa Wayyaanee jibbisiisaa ir-ratti agarsiisaa jiran hoogganuu itti fufa. Humnootii dimookraatawoon hundi kufaatii sirna far-ra dimookraasii fi cunqursaa kanaa ariifachiisuuf tokkummaan akka hojjennu hiree kanaan waamicha keenya dabarsina.<\/p>\n<p>Justice and Freedom for the Oppressed Peoples in Ethiopia!<br \/>\nPAFD Executive Committee<br \/>\nMarch 29, 2017<\/p>\n<p><a href=\"http:\/\/oromoliberationfront.org\/en\/wp-content\/uploads\/2017\/03\/Ibsa-KHR-TUBD-Bitootessa-29-2017.pdf\" target=\"_blank\" rel=\"noopener\">Afaan Oromo Version<\/a><br \/>\n<a href=\"http:\/\/oromoliberationfront.org\/en\/wp-content\/uploads\/2017\/03\/%E1%8B%A8%E1%88%85%E1%8B%9D%E1%89%A6%E1%89%BD-%E1%89%B5%E1%89%A5%E1%89%A5%E1%88%AD-%E1%88%88%E1%8A%90%E1%8C%BB%E1%8A%90%E1%89%B5%E1%8A%93-%E1%88%88%E1%8B%B2%E1%88%9E%E1%8A%AD%E1%88%AD%E1%88%B2-%E1%8B%A8%E1%88%B5%E1%88%AB-%E1%8A%A3%E1%88%B5%E1%8D%88%E1%8C%BB%E1%88%9A-%E1%8A%AE%E1%88%9A%E1%89%B4-%E1%88%98%E1%8C%8D%E1%88%88%E1%8C%AB-29-03-2017.pdf\" target=\"_blank\" rel=\"noopener\">Amharic Version<\/a><br \/>\n<a href=\"http:\/\/oromoliberationfront.org\/en\/wp-content\/uploads\/2017\/03\/PAFD-Press-release-29032017.pdf\" target=\"_blank\" rel=\"noopener\">English Version<\/a><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ibsa Koree Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Demookraasii (TUBD) PEOPLES ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY (PAFD) Koreen Hojii Raawwachiiftuu Tumsa Ummatootaa bilisummaa fi dimokraasii walgahii isaa dhaabbataa lammaffaa Bitootessa 28 hanga 29, 2017 adeemsifatee <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2017\/07\/04\/sirni-tpleprdf-wayta-ummata-wayyaba-gara-lammii-lammaffaatti-gadi-buusaa-jiru-kanatti-dhumaatii-isaaniif-haala-aanjesssaa-jira\/\" title=\"Sirni TPL\/EPRDF Wayta Ummata Wayyaba gara Lammii Lammaffaatti gadi buusaa Jiru Kanatti, Dhumaatii Isaaniif Haala Aanjesssaa Jira.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":65,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[6],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/89"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=89"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/89\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/65"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=89"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=89"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=89"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}