{"id":887,"date":"2018-12-05T05:35:02","date_gmt":"2018-12-05T05:35:02","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=887"},"modified":"2018-12-05T05:35:02","modified_gmt":"2018-12-05T05:35:02","slug":"ibidda-rakkoo-irratti-beenzina-firfirsuun-itti-gaafatamummaa-dagachuu-dha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/05\/ibidda-rakkoo-irratti-beenzina-firfirsuun-itti-gaafatamummaa-dagachuu-dha\/","title":{"rendered":"Ibidda Rakkoo Irratti Beenzina Firfirsuun Itti Gaafatamummaa Dagachuu Dha"},"content":{"rendered":"<p><strong>Ibidda Rakkoo Irratti Beenzina Firfirsuun Itti Gaafatamummaa Dagachuu Dha<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ibsa ABO \u2013 Mudde 05, 2018)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Gidduu kana (guyyoota muraasa as aanan) lafoota Godinaalee Oromiyaa iddoo adda addaa hedduu keessatti Ummatni keenya kum-dhibbootaan daandiitti bahee sagalee mormii isaa karaa nagaatiin dhageessifachuu irratti argma. Sababaan hiriira kanaa guddaan ajjeechaa fi qe\u2019ee irraa buqqifamuu Dhiha Oromiyaa naannoolee daangaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Benishaangul Gumuzitti ummata nagaa irratti raaw\u2019atamaa jiru dha. Miseensotni humna nageenyaa Oromiyaa hedduunis miidhaa ummata isaanii fi isaan irras gahaa jiru kana mormuudhaan bakka hedduutti hiriira kanatti oggaa hirmaatan mul\u2019atee jira. Akka Dhaadannoolee hiriirota kanneenii irraa bal\u2019inaan dhagahamaa jirutti kaayyoon hiriirota kanneenii ajjeechaa fi qe\u2019ee ofii irraa buqqifamuun ummata nagaa irratti gaggeeffamu akka dhaabbatuuf mootummaan gaafatama isaa akka bahatu karaa nagaatiin gaafachuu dha.<\/p>\n<p>Hiriira guyyaa kaleessaa magaalota Oromiyaa hedduu keessatti gaggeeffameen yoo xiqqaate Dhiha Oromiyaa magaalaa Naqamtee keessatti barattootni University Wallaggaa 2 loltoota EPRDFiif ajjeefamuu fi kanneen 12 tahan ammoo madaawuun beekamee jira. Loltootni kunniin ajjeechaa kana kan raaw\u2019atan uffannaa miseensota Poolisii Oromiyaa kanneen Kora Bittinneessaa jedhamuun beekamanii uffachuudhaan akka tahes hubatamee jira.<\/p>\n<p>Ajjeechaan lammiilee meesha-maleeyyii mirga isaanii karaa nagaatiin gaafatan irratti loltoota EPRDFiin gaggeeffamu har\u2019as akkuma kaleessaatti itti fufuun hedduu gaddisiisaa fi qaanfachiisaa dha. Kun itti gaafatamummaa dagachuu ykn. akka maleetti itti fayyadamuu dha. Adeemsi akkanaa hafuura jijjiiramaa yeroo ammaatti jiru kan booressuu fi rakkina jirus daran hammeessuu kan danda\u2019u dha. Gochaan akkanaa seeraan kan gaafachiisu dha. Waan taheef qormaatni (investigation) barbaachisu gaggeeffamee murtii argachuu qaba jennee amanna.<\/p>\n<p>Gaaffii ummataa sirnaan keessummeessuu fi rakkoo ummatni himatuuf ummaticha waliin tahanii furmaata barbaaduu malee tarkaanfiin humnaa fi ajjeechaan akkuma kaleessas furmaata hin tahin har\u2019as furmaata tahuu hin danda\u2019u. Kana hubachuudhaan mootummaa fi qaamotni dhimmi ilaalu hundinuu itti gaafatama isaanii karaa sirrii taheen akka bahatan ABOn hubachiisa.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Mudde 05, 2018<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ibidda Rakkoo Irratti Beenzina Firfirsuun Itti Gaafatamummaa Dagachuu Dha (Ibsa ABO \u2013 Mudde 05, 2018) Gidduu kana (guyyoota muraasa as aanan) lafoota Godinaalee Oromiyaa iddoo adda addaa hedduu keessatti Ummatni keenya kum-dhibbootaan daandiitti bahee sagalee <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/12\/05\/ibidda-rakkoo-irratti-beenzina-firfirsuun-itti-gaafatamummaa-dagachuu-dha\/\" title=\"Ibidda Rakkoo Irratti Beenzina Firfirsuun Itti Gaafatamummaa Dagachuu Dha\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/887"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=887"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/887\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=887"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=887"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=887"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}