{"id":864,"date":"2018-11-13T14:33:35","date_gmt":"2018-11-13T14:33:35","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=864"},"modified":"2018-11-13T14:33:35","modified_gmt":"2018-11-13T14:33:35","slug":"ibsa-walgahii-shanee-gumii-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/11\/13\/ibsa-walgahii-shanee-gumii-abo\/","title":{"rendered":"Ibsa Walgahii Shanee Gumii ABO"},"content":{"rendered":"<p><strong>Ibsa Walgahii Shanee Gumii ABO<\/strong><\/p>\n<p><em>Sadaasa 12, 2018<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Shaneen Gumii ABO Walgahii isaa dhaabbataa 4ffaa Sadaasa 09 \u2013 11, 2018 magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee keessatti gaggeeffatee milkii fi injifannoodhaan xumuratee jira. Sadaasa 09, Guyyaa seena-qabeessaa fi ulfaataa (Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa) irratti kan eegale Walgahiin Shanee Gumii kun dhimmoota jajjaboo Dhaaba keenya ABO, Qabsoo bilisummaa ummata keenyaa fi waliigala haala siyaasaa Itoophiyaa, akkasumas, kan naannoo fi godina keenyaa irratti marii bal\u2019aa gaggeessuudhaan murtiilee qabsoo ummata keenyaa bakka amma gahe irraa fuul-duratti furgaasuudhaan galii isaa dhaqqabsiisuuf gargaaran hedduu dabarsee ka\u2019e. Kanuma waliinis ramaddii caasaalee hojii Dhaabaa kan gara garaa taasisee jira.<\/p>\n<p>Fulbaana 15, 2018 guyyaa seena-qabeessa hoogganni ABO ifatti seeraan Oromiyaa keessa sosso\u2019uu eegale irraa kaasee yeroo gara baatiilee 2tti dhihaatu kan dabarsine keessatti haalli sochii Dhaaba keenyaa fi hojiitti hiikamiinsi waliigaltee Adda Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa maal fakkaata? kan jedhu ijoo marii Walgahii kanaa ture. Akka hubannaa ABOtti waliigalteen Mootummaa Itoophiyaa waliin taasifame akka eegamee fi tahuu qabutti shaffisaa fi madaala barbaachisu eeggatee deemaa jiraachuu baatus rakkoon bu\u2019uuraa waliigaltee kana gufachiisuu danda\u2019u hanga ammaatti hin mul\u2019anne. Waltahiinsa kana shaffisaa fi amanamummaan hojiitti hiikuudhaan jijjiirama wareegama qaaliidhaan argame kana fuul-duratti oofanii fiixaan baasuun gama hunda irraa eegama. Kana irratti ABOn didhaa fi gufuulee keessaa fi alaan mudachuu malan hundaa obsaan irra aanee miseensota, deggertootaa fi waliigala ummata bal\u2019aa keenya waliin wareegama barbaachisu hunda baasuudhaan fiixa bahiinsa isaatiif kan hojjetu tahuu Shaneen Gumii hubachiisa.<\/p>\n<p>Simannaan Hooggana ABO kan Fulbaana 15, 2018 magaalaa Finfinnee Dirree Masqalaatti Oromoota miliyoonotaan eegalame itti fufee baatiilee 2maan dabran keessatti haala nama gammachiisuu fi dinqisiisuun Godinoota Oromiyaa mara waliin gahee jira. Akka kanaanis Kaaba Oromiyaa Wallo irraa hanga Kibba Oromiyaa Booranaa fi Gujiitti, Dhiha Oromiyaa Begii irraa hanga Baha Oromiyaa Ona Jaarsootti ummatni keenya dhiiraa-dhalaa, xiqqaa-guddaadhaan Faajjii diddaa gabrummaa fi mallattoo Bilisummaa isaa tan taate Alaabaa ABO\/Oromoo mirmirsaa miliyoonotaan bahee Hoogganoota ol\u2019aanoo ABO gammachuu ol\u2019aanaadhaan simatee ergaa Dhaabichaas dhaggeeffatee jira.<\/p>\n<p>Yaada, yaaddoo fi gaaffii ummatni keenya adeemsa simannaa kana keessatti bakka hunda irraa sagalee wal fakkaataadhaan dhageessisfachaa ture keessaa warri hunda irra jajjaboon dhimma akkaataa deemsa qabsoo karaa nagaa fi dimokiraasii, nageenya ummataa fi sanumaan kan wal qabatu dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo ti. Gaaffiin haqaa kan dhiittaa mirga dhala namaa waggoota 27 dabraniif geessifamaa turaniin wal qabatuu fi iyyaafannoon qabsaawotaa fi lammiilee mootummaa EPRDFiin qabamanii achi-buuteen isaanii dhabamee (kanneen akka Jaal Nadhii Gammadaa kanneen biroo) gaaffiilee jajjaboo ummatni keenya cimsee kaasu keessaa warra duraa ti. Dhimmootni kunniin wal-tahiinsa keenya keessattis kan ka\u2019an waan tahaniif ABOn irra deddeebi\u2019ee mootummaa gaafachuus tahe furmaata isaatiif mootummaa waliin hojjechuu kan itti fufu taha.<\/p>\n<p>Lolli daangaalee Oromiyaa karaa adda addaa irraan olloota isaa leenjisanii hidhachiisuudhaan ummata Oromoo irratti geggeeffamaa ture har\u2019as akkuma itti fufetti jiraachuu fi mootummaan ummata kanaaf birmachuu hanqachuun, olollii fi doorsisni Oromoo hiikkachiisuu, akkasumas, bittaa-gurgurtaan ykn. sochiin meeshaa waraanaa kan seeraan alaa Oromiyaa keessaa fi sanaan alatti gaggeeffamu babal\u2019achaa dhufuun ummata keenyaa fi ummatoota nagaa jaallatan hundaaf yaaddoo nageenyaa ol\u2019aanaa kan fala hatattamaa barbaadu tahuun dhimmoota Shaneen Gumii kaasee irratti mari\u2019ate keessaa tokko.<\/p>\n<p>Sababa lola daangaatiin yeroo ummatni Oromoo miidhamuu fi lafti isaa sarbamu humna ittisa biyyaa kan jedhamu waraanni EPRDF callisee ilaaluu fi bakkoota gariitti ammoo gama warra kaanii goranii ummata Oromoo irratti tumsuunis har\u2019a illee hin dhaabbanne. Kanneen haala kanaan qe\u2019ee fi qabeenya ofii irraa buqqaafamaniif yeroodhaan birmatanii miidhaa gahuu malu xiqqeessuu irrattis hanqinni jiru guddaa dha. Dhimma kana ilaalchisee nageenya ummatoota bulchuu tiksuuf gaafatama kan qabu mootummaan osoo haalli kun daran hammaatee gara sadarkaa biraatti hin tarkaanfatin dirqama isaa akka bahatu gaafanna.<\/p>\n<p>Shaneen Gumii Walgahii isaa kanaan imaammata dhaabbataa ABO kan tahe waa\u2019ee Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo itichuu ilaalchisees marii bal\u2019aa gaggeessee hojiin gama kanaan hojjetamaa jiru cimee akka itti fufu fi akka shaffisuufis murtii dabarsee jira. Waliigaltee ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduutti irra gahameen asitti hafuurri tokkummaa fi fedhiin waliin hojjechuu Jaarmayoota Siyaasaa Oromoo gidduutti mul\u2019achuu eegale diinotaa fi farreen qabsoo Saba keenyaa hangam takka akka rifachiise olola isaan karaa miidiyaa hafarsan irraa hubachuun ni danda\u2019ama. Kana hubachuudhaan qaama Paartii biyya bulchuu kan tahe ODP dabalatee jaarmayootni siyaasaa Oromoo hundi fedhii siyaasaa keenyaan olitti dantaa Saba keenyaaf waan waliin hojjechuu dandeenyu irratti gahee keenya akka bahannu Shaneen Gumii hubachiisa.<\/p>\n<p><span style=\"text-decoration: underline;\"><strong>Yaamicha Ummata Oromoof <\/strong><\/span><br \/>\nABOn jijjiiramni har\u2019a argame kun bu\u2019aa qabsoo fi wareegama bara dheeraa ummani keenya bilisummaa isaatiif gaggeessaa fi baasaa yoona gahee ti jedhaa amana. Waan taheef, gufachuu fi fiixa bahuu isaa keessattis qoodni qabsoo ummata keenyaa murteessaa tahuu hubanna. Kana hubachuudhaan miseensotaa fi deggertoota ABO, Qeerroonii fi ummatni bal\u2019aan Oromoo hundi (keessattuu, Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantii, Abbootiin Qabeenyaa, Manguddootni, Hayyootni, Artistootni, Ispoortessitootni, Hojjettootni mootummaa fi qaamotni hawaasaa marrti akkauma kaleessa bilisummaa keenyaaf bifa gara garaatiin falmannee jijjiirama kana argamsiisne, har\u2019as jijjiiramni kun duubatti akka hin deebinee fi gara faallaa dantaa Saba keenyaattis akka hin micciiramneef dammaqiinsaan gahee keenya akka bahannu Shaneen Gumii yaamicha dhiheessa.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oormoo<\/strong><br \/>\n<strong>Sadaasa 12, 2018<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ibsa Walgahii Shanee Gumii ABO Sadaasa 12, 2018 Shaneen Gumii ABO Walgahii isaa dhaabbataa 4ffaa Sadaasa 09 \u2013 11, 2018 magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee keessatti gaggeeffatee milkii fi injifannoodhaan xumuratee jira. Sadaasa 09, Guyyaa seena-qabeessaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/11\/13\/ibsa-walgahii-shanee-gumii-abo\/\" title=\"Ibsa Walgahii Shanee Gumii ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/864"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=864"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/864\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=864"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=864"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=864"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}