{"id":855,"date":"2018-11-09T05:03:43","date_gmt":"2018-11-09T05:03:43","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=855"},"modified":"2018-11-09T05:05:30","modified_gmt":"2018-11-09T05:05:30","slug":"dubbii-osoo-hin-qulqulleeffatin-miidiyaatti-bahanii-ummata-burjaajessuun-qaama-biyya-bulchu-irraa-hin-eegamu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/11\/09\/dubbii-osoo-hin-qulqulleeffatin-miidiyaatti-bahanii-ummata-burjaajessuun-qaama-biyya-bulchu-irraa-hin-eegamu\/","title":{"rendered":"Dubbii Osoo Hin Qulqulleeffatin Miidiyaatti Bahanii Ummata Burjaajessuun Qaama Biyya Bulchu Irraa Hin Eegamu"},"content":{"rendered":"<p><strong>Dubbii Osoo Hin Qulqulleeffatin Miidiyaatti Bahanii Ummata Burjaajessuun Qaama Biyya Bulchu Irraa Hin Eegamu<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ibsa ABO \u2013 Sadaasa 08, 2018)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/><\/p>\n<p>Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Adimaasuu Daamxoo ibsa haala yeroo irratti Onkoloolessa 27, 2011 (Sadaasa 6, 2018) OBN irratti kennan keessatti odeeffannoo dogoggoraa ummataaf dabarsan. Innis \u201c<em>Manguddootni rakkina ABO fi Mootummaa gidduutti mul\u2019atu madda isaa baranii yaada furmaataa qaamota dhimmi ilaaluuf akeekuuf gara Lixa Oromiyaatti bobba\u2019an humnoota hidhataniin karaatti qabamanii saamamuunii fi reebamuun raaw\u2019atamee jira, jaarsummaanis gufatee jira<\/em>\u201d yaada jedhu kan of keessaa qabuu dha. Kuni oduu dhugaa irraa fagaatee dha.<\/p>\n<p>Odeeffannoon dhugaa:<br \/>\nManguddootni dhimma olitti ibsameef gara Lixa Oromiyaatti imalan magaalota Naqamtee, Gimbii fi Dambi-Doolloo keessatti hawaasa naannoo keessaa hanga argatan mariisisuudhaan rakkina jiruu fi furmaata ilaalchisee yaada irraa dhaggeeffatan. Sanatti dabalees ajajaa WBO kan Godina Lixa Oromiyaa qaamaan bira gahanii dubbisuudhaan isa irraahis akkasuma yaada isaa dhaggeeffatan. Haala kanaan manguddootni akeeka bobbaa isaanii nagaa fi milkiidhaan xumuratanii bakka irraa bobba\u2019anittis nagaadhaan deebi\u2019an.<\/p>\n<p>Haa tahu malee, osoo Manguddootni imalan kun gara irraa bobba\u2019anitti hin deebi\u2019in imalli isaanii gufachuu fi waan Abbootiin Gadaa salphifamanii fi Manguddootni hiraarfaman fakkeessanii oduu dogoggoraa (dubbii dhugaa irraa fagaate) miidiyaatti bahanii dubbachuun dogoggora guddaa dha. Adeemsi Manguddoota kanaa akka gufatu, ummatni keenya akka burjaaja\u2019u, akkasumas, maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo akka xuraawuuf itti yaadamee olola oofames fakkaata. Ibsi dogoggorsaan akkasii haqa ukkaamsee, ummata dallansiisee, akkasumas, miira wal hubannoo fi wal amantaa Mootummaa fi ABO gidduu jiru akka hammaatu yoo taasise malee bu\u2019aa biraa hin qabaatu.<\/p>\n<p>Dhimma waliigalteedhaan eegalame tokko irratti qaamni lamaan waliin ta\u2019uun miidiyaaf ibsa barbaachisaa kennuun osoo danda\u2019amuu qofaatti bahuun faayidaa addaa argachuuf qofa miidiyaa fayyadamuun adeemsa qajeelaa miti. Ibsi dogoggoraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa karaa Obbo Adimaasuu Daamxootiin ummataaf kenne sun ibsa biraatiin akka sirreeffamuu fi fuula duras adeemsa dogoggoraa akkanaa irraa akka of qusatamu gaafanna. Waa\u2019ee imala Jila Manguddootaa sana ammoo Jilumti imale sun ibsa gahaa kennuudhaan dhugaa jiru hanga ummata beeksisutti obsaan eeguutu karaa dha.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<br \/>\n<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nSadaasa 08, 2018<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Dubbii Osoo Hin Qulqulleeffatin Miidiyaatti Bahanii Ummata Burjaajessuun Qaama Biyya Bulchu Irraa Hin Eegamu (Ibsa ABO \u2013 Sadaasa 08, 2018) Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Adimaasuu Daamxoo ibsa haala yeroo irratti Onkoloolessa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/11\/09\/dubbii-osoo-hin-qulqulleeffatin-miidiyaatti-bahanii-ummata-burjaajessuun-qaama-biyya-bulchu-irraa-hin-eegamu\/\" title=\"Dubbii Osoo Hin Qulqulleeffatin Miidiyaatti Bahanii Ummata Burjaajessuun Qaama Biyya Bulchu Irraa Hin Eegamu\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/855"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=855"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/855\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=855"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=855"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=855"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}