{"id":820,"date":"2018-10-13T22:10:51","date_gmt":"2018-10-13T22:10:51","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=820"},"modified":"2018-10-13T22:10:51","modified_gmt":"2018-10-13T22:10:51","slug":"mirga-ormaa-hin-tuqnu-keenyas-hin-tuqsiisnu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/10\/13\/mirga-ormaa-hin-tuqnu-keenyas-hin-tuqsiisnu\/","title":{"rendered":"Mirga Ormaa Hin Tuqnu, Keenyas Hin Tuqsiisnu"},"content":{"rendered":"<p><strong>Mirga Ormaa Hin Tuqnu, Keenyas Hin Tuqsiisnu<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ibsa ABO &#8211;\u00a0 Onkoloolessa 13, 2018)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Dhiheenya kana Kaaba Oromiyaa naannawa Kamiseetti haalli mul\u2019ate nageenyaa fi hariiroo ummatootaa kan booressu tahee mul\u2019ata. Murni ykn. Jaarmayaan Sochii Saba Amaaraa (\u12a0\u121b\u122b \u1265\u1214\u122b\u12ca \u1295\u1245\u1293\u1244\/\u12a0\u1265\u1295) jedhamu Dilbata dabre (<em>gaafa Onkoloolessa 07, 2018<\/em>) magaalaa Kamisee keessatti deggertoota isaa hiriira baasuudhaan dhaadannoolee ummatoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti lola qabsiisuu danda\u2019an dhageessisaa oole. Dhaadannoolee dhageessifamaa oolan keessaa tokko \u201cOromoon naannoo kana gadi dhiisee haa bahu !\u201d kan jedhu tahuun beekamee jira. Adeemsi akkanaa adeemsa badaa gara duula shanyi-duguuggii (genocide)tti geessuu danda\u2019u waan taheef kan akka salphaatti ilaalamee bira dabramu osoo hin taane yeroodhaan qaamotni dhimmi ilaalu tarkaanfii sirreessaa irratti fudhachuu kan feesisu jennee amanna.<\/p>\n<p>Gama biraatiin guyyoota lamaan dabran kana sochiin siyaasaa naannoo Adaamaatti mul\u2019atu wal dura dhaabbannoo fi mormii gara garaa kaasaa jiraachuun marsaalee hawaasaa irratti mul\u2019achaa jira. Innis walgahiin Dhaabni Ginboot 7 jedhamu magaalaa Adaamaatti geggeessuuf deemu kan Addi Bilisummaa Oromoo geggeessuuf karoorfate wajjin wal irra bu\u2019uu fi qaamotni mootummaa naannoo sanaa Dhaaba Ginboot 7 jedhamuuf dursa kennuu isaanii wajjin kan wal qabate tahuun beekamee jira.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa Itoophiyaa wajjin waliigaltee irra gahuudhaan rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa barootaaf furmaata waaraa dhabee yoona gaheef furmaata argamsiisuu keessatti qooda isaa bahachuuf Dhaaba hojjechaa jiruu dha. Boqonnaa haaraa qabsoo karaa nagaa kan itti seennee jirru kana keessatti humnootni siyaasaa gara garaa hundi kaayyoo, ilaalchaa fi ejjennoo siyaasaa qaban waliif beekuu fi kabajuudhaan waliin tarkaanfachuun barbaachisaa akka tahe ABOn jabeessee amana. Waan taheef, jaarmayaan siyaasaa kamuu kaayyoo itti amane (<em>Kaayyoo keenya dura kan dhaabbatu illee yoo tahe<\/em>) qabatee sossohuun mirga tahuu hubatanii miseensotaa fi deggertootni keenya hundi mormii fi wal dura dhaabbannoo hin feesisne irraa of qusachuudhaan obsaa fi bilchinaan sossohuu akka qaban ABOn dhaama.<\/p>\n<p>Haaluma wal fakkaatuun Dhaabotni kaanis Kaayyoo fi ilaalcha siyaasaa ABO kabajanii tuttuqaa hin feesisne irraa of qusatanii sossohuu akka qaban ABOn hubachiisa. Kana faallessuudhaan ilaalcha siyaasaa ofii kaan irratti fe\u2019uuf jecha sochii siyaasaa fi qabsoo karaa nagaatti gufuu kanneen tahan sirreessuu irratti ammoo qaamni gaafatama biyya bulchuu of harkaa qabu gaafatama isaa akka bahatu ABOn gaafata. Ummatni bal\u2019aanis Paartii biyya bulchu dabalatee jaarmayootni siyaasaa hundi adeemsa siyaasaa kan nageenyaa fi hariiroo ummatootaa booressuu fi bilisummaa isaanii sarbu irraa akka of qusatan dhiibbaa barbaachisu akka godhu Addi Bilisummaa Oromoo yaamicha godha.<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Onkoloolessa 13, 2018<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Mirga Ormaa Hin Tuqnu, Keenyas Hin Tuqsiisnu (Ibsa ABO &#8211;\u00a0 Onkoloolessa 13, 2018) Dhiheenya kana Kaaba Oromiyaa naannawa Kamiseetti haalli mul\u2019ate nageenyaa fi hariiroo ummatootaa kan booressu tahee mul\u2019ata. Murni ykn. Jaarmayaan Sochii Saba Amaaraa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/10\/13\/mirga-ormaa-hin-tuqnu-keenyas-hin-tuqsiisnu\/\" title=\"Mirga Ormaa Hin Tuqnu, Keenyas Hin Tuqsiisnu\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/820"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=820"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/820\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=820"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=820"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=820"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}