{"id":719,"date":"2018-07-25T23:04:05","date_gmt":"2018-07-25T23:04:05","guid":{"rendered":"http:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=719"},"modified":"2018-07-25T23:04:05","modified_gmt":"2018-07-25T23:04:05","slug":"ajjeechaan-aadde-biraanee-maammoo-dhala-namaa-hundaan-balaaleffatamuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/07\/25\/ajjeechaan-aadde-biraanee-maammoo-dhala-namaa-hundaan-balaaleffatamuu-qaba\/","title":{"rendered":"Ajjeechaan Aadde Biraanee Maammoo Dhala Namaa Hundaan Balaaleffatamuu Qaba"},"content":{"rendered":"<p><strong>Ajjeechaan Aadde Biraanee Maammoo Dhala Namaa Hundaan Balaaleffatamuu Qaba<\/strong><\/p>\n<p><em>(Ibsa ABO &#8211; Adoolessa 25, 2018)<\/em><\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"size-full wp-image-66 alignleft\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2017\/07\/asxaa_oromo.jpg\" alt=\"adda\" width=\"180\" height=\"159\" \/>Adoolessa 23, 2018 galgala Dhiha Oromiyaa magaalaa guddittii Godina Qellem Wallaggaa kan taate\u00a0Dambi Doolloo irraa oduun dhagahame kan hedduu gurra namaatti ulfaatu oduu suukanneessaa fi\u00a0gaddisiisaa dha. Oromtittiin da\u2019umsaaf ciniinsuu irra jirtu Aadde Biraanee Maammoo osoo maatiin\u00a0da\u2019umsaaf gara mana yaalaa (Hospital)ttiin fiigaa jiranii Dambi Doolloo ganda 04 keessatti karaa irratti\u00a0loltoota mootummaan EPRDF bobbaaseen rasaasni itti roobsamee akkuma ciniinsuu irra jirtutti osoo\u00a0hin furamin ilmoo garaadhaa qabdu waliin ajjeefamte.<\/p>\n<p>Ajjeechaa bineensummaa kan dhalli namaa kamuu nama akka isaa irratti ni raaw\u2019ata jedhamee hin\u00a0yaadamne loltoota mootummaa Itoophiyaatiin Aadde Biraanee Maammoo irratti raaw\u2019atame kana\u00a0Addi Bilisummaa Oromoo jabeessee balaaleffata. Nagaa-jaallattootni hundis ajjeechaa bineensummaa\u00a0loltootni mootummaa Itoophiyaa dubartii ulfaa haala ulfaataa sana keessa jirtu irratti raaw\u2019atan kana\u00a0cimsanii akka balaaleffatan ABOn yaamicha dhiheessa.<\/p>\n<p>ABOn ajjeechaa Oromiyaa keessatti fi sanaan alattis yeroo adda addaatti mootummaa Itoophiyaatiin\u00a0gaggeeffaman balaaleffachaa ture. Balaaleffachuu irra dabrees kanneen yakka ajjeechaa raaw\u2019atan\u00a0seeratti dhihaatanii akka gaafatamanii fi haqni lammiilee dabaan ajjeefamanii akka bahu deddeebisee\u00a0gaafachaa turuun ni yaadatama. Ammas ajjeechaa suukanneessaa Aadde Biraanee Maammoo kanaa fi\u00a0ajjeechaa Oromiyaa bakkoota adda addaa fi Oromiyaan alattis lammiilee nagaa irratti mootummaa\u00a0Itoophiyaatiin gaggeeffamaa jiran hundaa irra deebinee sagalee cimaadhaan balaaleffachaa\u00a0yakkamtootni hundi seeratti akka dhihaatan cimsinee gaafanna.<\/p>\n<p>Kanneen jibbiinsa ummataa qabanii fi naatoo namummaa hin qabne ummatatti bobbaasuudhaan akka\u00a0ummata nagaa goolanii fi ajjeechaa suukanneessaa akkasii akka raaw\u2019atan taasisaa kan jiru\u00a0mootummaan Itoophiyaa gochaa farra ummatummaa kana irraa hatattamaan akka dhaabbatus ABOn\u00a0jabeessee gaafata. Mootummaan kun miseensotaa fi qaamota isaa kanneen yakka bifa fedheehuu\u00a0dalagan seeratti dhiheessuu fi yakki fakkaataan akka itti hin fufneefis gaafatama isaa akka bahatu\u00a0ABOn dabalee hubachiisa.<\/p>\n<p>Akka waliigalaatti Impaayera Itoophiyaa keessatti, addatti ammoo Oromiyaa keessattii fi keessattuu\u00a0haalli Dambi Doolloo fi Godina sanaa gara hamaatti tarkaanfachaa fi yaaddessaa tahaa jira. Waan\u00a0taheef nagaa-jaallattootni hundi, qaamotni gara garaa fi mootummaan Itoophiyaas haala kana\u00a0dhaabsisuufis tahe nageenyi waaraan naannichatti akka bu\u2019u taasisuuf akka waliin hojjennu Addi\u00a0Bilisummaa Oromoo kanneen dhimmi ilaalu hundaaf yaamicha dhiheessa.<\/p>\n<p><strong>Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !<\/strong><br \/>\n<strong>Injifannoo Ummata Oromoof !<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><br \/>\n<strong>Adoolessa 25, 2018<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ajjeechaan Aadde Biraanee Maammoo Dhala Namaa Hundaan Balaaleffatamuu Qaba (Ibsa ABO &#8211; Adoolessa 25, 2018) Adoolessa 23, 2018 galgala Dhiha Oromiyaa magaalaa guddittii Godina Qellem Wallaggaa kan taate\u00a0Dambi Doolloo irraa oduun dhagahame kan hedduu gurra <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2018\/07\/25\/ajjeechaan-aadde-biraanee-maammoo-dhala-namaa-hundaan-balaaleffatamuu-qaba\/\" title=\"Ajjeechaan Aadde Biraanee Maammoo Dhala Namaa Hundaan Balaaleffatamuu Qaba\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":1,"featured_media":362,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/719"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=719"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/719\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/362"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=719"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=719"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=719"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}