{"id":3223,"date":"2026-02-21T19:25:27","date_gmt":"2026-02-21T19:25:27","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3223"},"modified":"2026-02-21T19:25:27","modified_gmt":"2026-02-21T19:25:27","slug":"3223","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2026\/02\/21\/3223\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"alignnone size-medium wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"300\" height=\"300\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 300px) 100vw, 300px\" \/><\/p>\n<p><strong>Duumessi Lolaa <\/strong><strong>Biyattiirraan Gungumu Ba\u2019aa fi Balaan Inni Oromiyatti <\/strong><strong>Fidu Ulfaataa fi Hammaataa dha<\/strong><\/p>\n<p><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p><strong>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Haalli nageenyaa biyyattii keessatti yaaddessaa eerga ta\u2019ee waggoota kurmaanaa lakkaawaa jira. Oromiyaan qe\u2019ee nageenyi waaraan, tasgabbiin sabatiinsa qabuu fi misoomni amansiisaan itti diriiruu male, dirree lolaa dantaa waraanaa fi qoccolloo siyaasaa erga taatee jarraa lakkaawatteerti.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Maddi rakkoo siyaasaa, waraanaa, diinagdee fi hawaasummaan walqabatee yeroo dheeraaf furmaata waaraa dhabuun gaaga\u2019ama ummattoota biyyattii irraan gahe duumessa lolaa biyyattiirraan deddeebi\u2019ee gungumaa turee fi jiruu dha. Lolli wal irraa hin cinne biyyaattiiirraan maddu jaarraawwaniif itti fufaa ture ammallee akkuma itti fufetti jira. Addatti, lolli saamicha qe\u2019ee fi qabeenya Oromiyaa akkasumas babal\u2019ifannaa lafaaf sirnoota Atsotaa fi nugusootaan eegale osoo wal irraa hin citin itti fufeera. Har\u2019as fedhiin babal\u2019ifannaa lafaa fi to\u2019annoo qabeenya irratti dorgommiin ture guutummaatti hin dhaabbanne.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Qabsoo wal irraa hin cinne ilmaan Oromoo fi lammiileen Oromiyaa taasisaa turaniin lolli Oromiyaa cabsaa ture takka takka duubatti deebi\u2019us, fedhii fi hawwiin saamicha Oromiyaaf qaban waan hin dhaabbatiniif abjuun dheengaddaa fi kaleessaa har\u2019as Oromiyaa weeraruu fi humnaan qabachuuf sochiin hin dhaabbanne. Keessaayyuu, miidhaa ulfaataa fi hammaataa Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irra gaheen bara Chaartaraa (1991) Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) mootummaa cee\u2019umsaa keessaa wal tahiinsa murnoota siyaasaa daantaaf bololi\u2019aniin dhiibamee bahee as Oromiyaan dirree lolaa fi saamichaa taasisuun lammiilee Oromiyaa deegsanii, Oromiyaan qe\u2019een badhaatuu fi gabbattuun qe\u2019ee lammiileen ishee itti hiyyoomtee alagaan itti duroome taatee jirti. Baroota as dhihoo waggoota saddeetta (8) n darban keessattis lola dhaabbataa Oromiyaa guututti deemaa ture irratti dabalata sochiin tumsa waraana hidhattootaan daangaa Oromiyaa sarbee ce\u2019een nageenyi lammiilee Oromiyaa caalmatti boora\u2019ee jira. Daangaan<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Oromiyaa sarbamee onoonni hedduun bulchiinsa Oromiyaa jalaa abbaa dhabuun, abbaan dawoo qe\u2019ee fi qabeenya isaa irraa humnaan godaansifamuu, qabeenyaan Oromoo humnaan saamamuun, ummata nagaa akka hin malletti lubbuu galaafachuu fi boqonnaa nageenyaa lammiilee Oromiyaa dhoowwachuun balaa lola dablataan dangaarraan as gamee dha.<\/p>\n<p>Lola hidhatootaan daangaa Oromiyaa sarbuun ummata gaaga\u2019een miidhaan dhaqqabe Lammiileen nagaa sodaa fi bir\u2019aan jiraachuu, ummanni nagaa qe\u2019ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqaafamuu, diinagdeen biyyaa burkutaawuu, wal amantii fi walitti dhufeenyi hawaasummaa laaffachaa fi qoqqoodinsi yaadaa dachaan babal\u2019achuu, tasgabbiin siyaasaa fi mootummaa ummataa gahuumsa qabu dhabamuu fi amanamummaan mootummaa irratti ummattoonni qaban guutuun guututti dhibuu dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Badii fi balleessaa lolaan dhufu hanqisuuf Addi Bilisummaa Oromoo furmaata siyaasaa fi nageenya waaraa biyyaa fi ummattoota biyyaaf qabuun marii siyaasaa dhugaa fi hunda galeessa ta\u2019e mootummaan qaamota dhimmi ilaalu cufa waliin gaggeessuu, mirgi dimokiraasii fi mirgi namoomaa sirnaan kabajamuu, daangaan naannolee humnaan osoo hin taane seeraa, marii fi waliigalteen fala waaraa akka argatu gochuu, akkasumas dhimma nageenya biyyaa fi ummattoota biyyaa irratti hirmaannaan hawaasaa fi hawaasa idil-addunyaa akka jiraatu gochuun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaa dha jennee sagalee dhageessifneerra; ammas kanuma gadi jabeesina.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Hiraarsaa fi hararaafamni waraanaan naannawa Gaanfa Afrikaa mudate, balaa lolli itti fufaan jiraatuu fi furmaatni siyaasaa dhabamuu dabalatee balaa lola biyyattii irraan ka\u2019uun Oromiyaa dirree lolaa dantaa waraanaa fi qoccolloo siyaasaa akka taatu ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa eyyamuu hin qaban; hamaa fi hammaataa daangaa Oromiyaa cabsee dhufu kamuu dura dhaabbachuun qolatuuf garaagarummaa siyaasaa fi kan biros malee waliin dhaabbatuun dirqama haalli fuuldura keenya dhaabee jiru dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waan ta\u2019eef, duumessa lolaa gungumu daangaa cehee qee\u2019ee isaatti dhufu, daangaa cabsee akka hin seenne ummanni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa bal\u2019aan keessaa fi alaan wal bira dhaabbachuun qee\u2019ee isaa fi daangaa isaa tiksuuf garaagarummaa siyaasaa fi kan biros malee waliin dhaabbachuu fi hiriiruun dirqama lammummaa tahu hubachii Qaamotni hawaasaa fi siyaasaa biyya kanaas furmaata nagaa karaa nagaan barbaaduu, akkasumas dhaabbileen mirga namoomaa, hawaasni idil-addunyaa, dipiloomaatonnii fi embasiiwwan gara garaa biyya kana keessa jirtan balaan lolaa ba\u2019aan ulfaataan isaa ummatoota irra waan ta\u2019eef, nageenyi waaraan fi tasgabbiin sabatiinsa qabu akka jiraatuuf nageenya hunduma keenyaatiif xiyyeeffannoo itti kennuun qooda keessan akka bahattan Addi Bilisummaa Oromoo waamicha isiniif dhiheessa.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo ummata isaa waliin ta\u2019uun nageenya Oromiyaa kabachiisuuf itti gaafatamummaa isaa bahuuf kan itti fufu tahuu irra deebi\u2019ee mirkaneessa.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/p>\n<p>Gurraandhala 17, 2026<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Duumessi Lolaa Biyattiirraan Gungumu Ba\u2019aa fi Balaan Inni Oromiyatti Fidu Ulfaataa fi Hammaataa dha \u00a0 Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) &nbsp; Haalli nageenyaa biyyattii keessatti yaaddessaa eerga ta\u2019ee waggoota kurmaanaa lakkaawaa jira. Oromiyaan qe\u2019ee nageenyi <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2026\/02\/21\/3223\/\" title=\"\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3223"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3223"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3223\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3224,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3223\/revisions\/3224"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3223"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3223"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3223"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}