{"id":3220,"date":"2026-02-05T19:31:16","date_gmt":"2026-02-05T19:31:16","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3220"},"modified":"2026-02-05T19:31:16","modified_gmt":"2026-02-05T19:31:16","slug":"duaan-boqotuu-prof-asmarom-laggasee-ilaalchisee-ibsa-gaddaa-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2026\/02\/05\/duaan-boqotuu-prof-asmarom-laggasee-ilaalchisee-ibsa-gaddaa-abo\/","title":{"rendered":"Du\u2019aan Boqotuu Prof.Asmarom Laggasee ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"141\" height=\"141\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 141px) 100vw, 141px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Du\u2019aan Boqotuu Prof.Asmarom Laggasee ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO<\/strong><\/p>\n<p>Hayyuu seenaa guddicha, seenaa ummata Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu, qorataa sirna dimokraasii Oromoo Gadaa addunyaatti as baasuu keessatti iddoo olaanaa qabu Prof.Asmarom Laggasee du\u2019aan boqotuu isaanii dhageenye. Hayyuu jabaa, fira Oromoo ta\u2019e, hundee sirna dimokraasii Gadaa addunyaaf mul\u2019ise Prof.Asmarom Laggasee du\u2019aan of biraa dhabuutti gaddi ABOtti dhaga\u2019ame ol\u2019aanaa dha.<\/p>\n<p>Bara 1933tti Asmaraa, Erteraatti kan dhalatan Prof.Asmarom Laggasee hayyuu cimaa aadaa fi seenaa Oromoo jaallatuun ittiin qabamanii fi waan jaallatan kana ammoo akka hin badne, hin jal\u2019atnee fi ifee mul\u2019atuuf barootaaf irratti hojjetaa turanii dha.<\/p>\n<p>Hayyuu guddaan, barnootaa fi eegduu dhaala Dimokraasii Afrikaa kan ta\u2019an Prof.Asmarom, hayyuu mul\u2019ata qabu, qorataa saayinsii namaa (Anthropologist) fi hayyuu Gadaa Oromoo qorachuudhaan addunyaa irratti beekumsa olaanaa qaban akka ta\u2019an hojii fi seenaa isaaniitu mul\u2019isa. Hayyuu dhugaa irra dhaabbatee, dhugaa addunyaatti hime akkasii of biraa dhabuun qaawwa guddaa kan uumu yoo ta\u2019u, ummatni Oromoo fira guddaa tokko dhabuu isaa kan agarsiisuu dha.<\/p>\n<p>Qorannoon Prof.Asmarom Laggasee waggoota dheeraadhaaf geggeessaa turan qorannoo barnootaa qofa osoo hin taane, hojii deebisanii dhaala aadaa addunyaaf mul\u2019isuu yoo ta\u2019u, hojii isaanii seena qabeessa kanaanis, Sirna Gadaa Oromoo qixa sirrii ta\u2019een galmeessuu fi xiinxaluun, Gadaan addunyaatti ijaarsa Sirna Dimokraasii Afrikaa kan ga\u2019umsa olaanaa qabu ta\u2019uu agarsiisaniiru.<\/p>\n<p>Prof.Asmarom, bu\u2019uuraaleen walqixxummaa, jijjiirraan marsaa hooggansaa, sirni to\u2019annoo fi madaallii, akkasumas seerri ol\u2019aantummaa ala irraa Afrikaatti akka hin dhufin, waggoota dhibbootaan dura sirna jireenya Oromoo keessatti ittiin bulamaa fi hojjetamaa ture ta\u2019uu qorannoo isaaniin ifatti ragaa seenaa ba\u2019aniiru. Qorannoon isaan kalandera Oromoo irratti geggeessan sirna yeroo lakkaa\u2019uu qofa odoo hin taane, falaasama bal\u2019aa jireenya namaa, marsaa uumamaa fi walhubannoo walitti hidhu eeguuf gumaacha guddaa godheera.<\/p>\n<p>Hayyummaa isaaniin, itti dhiheenya Oromoo waliin tolfataniin, qorannoo gadi fagoo, hubannoota addunyaa waliigalaaf mul\u2019isaniin, seenaa fi sirna Oromoo yeroo dheeraadhaaf ukkaamamee fi tuffatamee tureef kabajaa fi beekamtii addunyaa argamsiisuufiin seenaa hayyummaa hojjetaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Prof.Asmarom, qorataa qofa osoo hin taane, riqicha addunyaallee walitti hidhu akka turan beektotnii fi hayyotni akkasumas hojiin isaanii kan ragaa ba\u2019aniif yoo ta\u2019u, sirni Gadaa aadaa naannoo qofa osoo hin taane, fakkii dimokraasii addunyaa ta\u2019ee beekamtii akka argatuuf shoora olaanaa taphatuu isaanii dalagaa isaanii irraa mul\u2019ata.<\/p>\n<p>Dhaalli Prof.Asmarom, ulfina guddaa kan qabu, galmee beekumsa bal\u2019aa, ofitti amanamummaa fi ofitti boonuu ummata miliyoona hedduuf kan deebise, akkasumas bu\u2019uura yaada barnoota dimokraasii, saayinsii namaa fi seenaa Afrikaa dhaloota dhufuuf kan qopheessuu dha.<\/p>\n<p>Hojii qorannoo isaaniin bakka dukkana turetti ifa kan kennan, bakka wallaalummaan turetti kabaja kan mul\u2019isan Prof.Asmarom Laggasee, har\u2019a du\u2019aan nu biraa dhabamanii sagaleen isaanii cal\u2019isus, hojii fi seenaan isaanii bara baraan kan jiraatu, galmee seenaa Oromoo keessaa kan mul\u2019atu, dhalootni dhufu ammoo hubannoo dhugaa fi beekumsa dhala namaa irratti ijaaruuf kan qajeelchuu dha.<\/p>\n<p>Hojii boonsaa fi seena qabeessi Sirna Gadaa Oromoo irratti hojjetan bara baraan kan jiraatu, dhalootaaf beekumsa guddaa eenyu illee haquu fi dabsuu hin dandeenye gumaachanii darbaniiru. Bara baraanis jaalalaa fi kabajaa ol\u2019aanaadhaan yaadatamu.<\/p>\n<p>Prof.Asmarom Laggasee dhalatanii waggaa 94tti Amajjii 31, 2026tti du\u2019aan addunyaa kana irraa darban. Sirni geggeessaa isaaniis Gurraandhala 07, 2026 kan raawwatamu ta\u2019uun barameera.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n du\u2019aan boqotuu Prof.Asmarom Laggaseetti gaddi isaa ol\u2019aanaa ta\u2019uu irra deebiin ibsataa, maatii, firoota, hiriyootaa fi ummata Oromoofis jajjabina hawwa.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Gurraandhala 04, 2026<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Du\u2019aan Boqotuu Prof.Asmarom Laggasee ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Hayyuu seenaa guddicha, seenaa ummata Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu, qorataa sirna dimokraasii Oromoo Gadaa addunyaatti as baasuu keessatti iddoo olaanaa qabu Prof.Asmarom Laggasee du\u2019aan boqotuu <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2026\/02\/05\/duaan-boqotuu-prof-asmarom-laggasee-ilaalchisee-ibsa-gaddaa-abo\/\" title=\"Du\u2019aan Boqotuu Prof.Asmarom Laggasee ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3220"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3220"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3220\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3221,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3220\/revisions\/3221"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3220"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3220"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3220"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}