{"id":3201,"date":"2025-10-30T17:19:48","date_gmt":"2025-10-30T17:19:48","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3201"},"modified":"2025-10-30T17:19:48","modified_gmt":"2025-10-30T17:19:48","slug":"ajjeechaa-jumlaa-humnoota-hidhataniin-ummata-oromoo-meesha-maleeyyii-irratti-raawwatame-gadi-jabeesinee-balaaleffanna","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/10\/30\/ajjeechaa-jumlaa-humnoota-hidhataniin-ummata-oromoo-meesha-maleeyyii-irratti-raawwatame-gadi-jabeesinee-balaaleffanna\/","title":{"rendered":"Ajjeechaa Jumlaa Humnoota Hidhataniin Ummata Oromoo Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"126\" height=\"126\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 126px) 100vw, 126px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Ajjeechaa Jumlaa Humnoota Hidhataniin Ummata Oromoo Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna.<\/strong><\/p>\n<p>Ijoo Dubbii -ABO<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n ajjeechaa jumlaa, hidhaa, saamicha, dararaa fi qe\u2019ee irraa buqqisuu ummata Oromoo irratti humnoota mootummaa hidhatanii fi garee Finxaaleyyii Fannoo Amhaaraa Ofiin jettuun wal darabee ummata keenya irratti raawwatu gadi jabeesinee balaaleffanna, duras dhaabbana. Gochaawwan suukaneessaan yakki waraanaa ulfaataa fi hammaataan seera mirga namoomaa Iddil addunyaa cabsuun dhaabbataa ummata keenya meesha maleeyyii irratti tahu kan yoomiiyyuu caalaa daraan nu yaaddesseera. Waggoota 7n darbaniif guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti mirgi dimokiraasii hafnaan, mirgi lubbuun jirraachuutuu dhabamee ummanni keenya dhaabataa Waraana Mootummaa Biltsiginnaa fi Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraa ofiin jettu saamicha qe\u2019eef qabeenyaa Oromoo fi babal\u2019ifannaa lafaaf dhufteen wal darabee ajjefamaa turuu fi jiraachuu Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa baasaa tureen ifoomsuun ni yaadatama.\u00a0 Odeessa caasaa keenya irraa mirkaneeffanneen gaafa Onkoloolessa 28, 2025 kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Onoota hedduu keessatti tarkaanfii suukaneessaa waraanni mootummaa Biltsiginaa Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) baanamu ummata meesha maleeyyii irratti fudhateen namoonni lakkofsaan 26 tahan jumlaan ajjeefamniiru.<\/p>\n<p>Akka sanaan Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Ona Shirkaa ganda Jaawwiitti RIB gaafa Onkoloolessa 28, 2025 namoota 14 baadii tokko malee rasaasaan ajjeesaniiru. Onuma kana daangaa laga Waabeeti irratti ijoollee lama (2) barattoota umriin isaanii waraanaaf hin geenye waraanni mootummaa ajjeesee qarqara lagaatti darbateera.\u00a0 Dargaggoonni sadi (3) kanneen biroos waraana mootummaan ajjeefamanii magaalaa Gobeessaatti gaafuma kana gataman. Ona Honqooloo Waabee, ganda Baqaqsaattis namoonni shan (5) Waraana mootummaan ajjeefamanii dirree irratti darbataman. Akkasuma, ganda Arfaatuu keessatti ijoolleen lama (2), qabrii abbaa isaaniif siidaa ijaaraa turan, humnoota mootummaa hidhataniin ukkaamfamani; achi booda bakka addaa Tulluu Biyyoo cinaatti waraana mootummaan ajjeefamanii kuusaa bishaaniitti gatamanii argaman. Godinoota Kibba Bahaa Oromiyaa guutuu keessatti, hidhaa, reebicha, saamicha, qe\u2019ee irraa ari\u2019atamuu fi manneen ummataa jumlaan ibiddaan gubachuun hojii dhaabataa waraana mootummaa akka tahe, yeroo dha yerotti gabaasaalee nu dhaqqaban irraa kaanee ibsaa turuun ni yaadatama.<\/p>\n<p>Kanumaan waliin miseensonni keenya yeroo ammaa sababa tokko malee ejjannoo siyaasa isaaniif godinoota kana keessati hidhamanii hiraarfaa jiran hedduu dha. Isaan keessaa kan ammatti haala fayyaa dhabuutiin dhibee mana hidhaa keessatti isaan mudateen rakkoo ulfaataa keessa jiran, Jaal Abbu Obsee maatii isaa waliim ganna tokkoo oliif mana hidhaa Ona Dugdaatti dararamaa jira. Jaal Abdulsalam Ona Suudeetti haadha manaa fi intala isaa waliin hidhamuun ji\u2019oota 9f dararamaara; Jaal Xahaa Maammad Ona Roobee keessatti hidhamuun dhibeen rakkachaa jira. Ajjeechaa suukaneessaa wal darabee waraana hidhateen ummata keenya irratti tahaa jiruun, dhiheenyuma kana\u00a0 Godina Shawaa Lixaa, Ona Noonnoo, Ganda Haloo Dinkiitti guyyaa Onkoloolessa 19, 2025, humnoota Fannoon ilmaan Oromoo maanguddootaa fi daa\u2019imman dabalatee namoota 25 ol ta\u2019an keessatti argaman jumalaan ajjeefamuu Addi Bilisummaa Oromoo Ibsa gaafa Onkoloolessa 23, 2025 baaseen ibsuun ni yaadatama.<\/p>\n<p>Waggaa torban darban keessatti, humnootni waraana mootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa fi gareen Fannoo yakka waraanaa ulfaataa fi hammaataa gaggeessaa turaniin, Manneen ummataa gubuun, reeffa namaa ajjeesanii Harretti fe\u2019uu, Reeffa namaa ajjeesanii Mukatti fannisuu, reeffa namaa ajjeesanii awwaalcha dhowwuun Waraabessa nyaachisuu, qe\u2019ee fi qabeenyaa ummataa ibiddaan gubuu, Loon Ummataa jumlaan irraa oofachuu fi kkf yakkota muraasa Waraanni Mootummaa Bilthiginnaa fi Faannoon raawataa turtee fi jirtuu dha. Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahmad, haasaa isaanii Paarlaamaa Itiyoophiyaa gaafa Onkoloolessa 28, 2025 taa\u2019ee oole irratti dubbataniin,\u00a0 \u201cWaraanni Tigraayitti Gaggeeffame Kan Wallagatti gaggeeffame hin caalu, garuu waraanni Tigraay akka addaatti dhaadheffame. Waraanni Tigraayitti gaggeeffamaa jiru waraana bu\u2019uuraa fi bu\u2019aa hin qabnee dha. Mootummaan Federaalaa Tigraay keessatti waraana agaggeessuuf kaayyoos fedhiis hin qabu!\u201d Haasaan MM kun kan agarsiisu akkuma kanaan dura gaafa Tigraay irratti waraana labsan \u201cWaraana Tigraay fixannaan Kan Oromiyaa akka Garbuuti\u201d jedhan sana Oromiyaa fi ummata Oromoo bal\u2019aa ifatti lola dhaabbataa irratti lanbsanii fi waraanaa turanii dha.<\/p>\n<p>Ammas hojiidhuma harka lafa jalaa fi ifatti godhaa turan Paarlaamaa irratti mirkaneessan jennee amanna. No. stm 006\/stm\/2021 No.:\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 No\u00a0 stm 002\/stm\/2021 Mootummaa Paartii Badhaadhinaa (PP) humna waraanaa hidhatee ummata nagaa irratti bobbasuun jumlaan fixaa turee fi ammas itti jiru akka dhaabu Addi Bilisummaa Oromoo ABOn gadi jabeessee hubachiisa. \u201cBiyya Mari\u2019atanii ti malee Maraatanii Hin Bulchan\u201d Ummata meesha maleeyyii maqaa garaa garaa itti moggaasuun hiraarsuun aangoon tikfamu hin jiraatu; caalattuu yoo baddu baasuu tahe malee.\u00a0 Lolli mootummaan itti jiru lola ifatti ummata Oromoo bal\u2019aa waliiniiti. Ummata waliin lola keessaa bahuu hin dandeennetti seenuun akka eessanuu nama hin geenye Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebi\u2019ee ibsaa tureera. Kun dhugaa tahuu isaa ammoo \u201cWaraanni Tigraayitti Gaggeeffame Kan Wallagatti gaggeeffame hin caalu\u201d jechuun haasaan MM Paarlaamaa irratti dubbatan lola ifatti Oromiyaa guutuu irratti banan mirkaneessa. Kanaaf, Ummanni keenya guutummaa goleelee Oromiyaa keessaa bakkayyuu Waraana Mootummaa PP fi Finxaaleyyii Faannoon ajjeefamaa jirtan, Oromoon of malee, wal malee qaama itti himatu biraa waan hin qabneef sagalee waliif tahuun bakkayyuu wal bira dhaabadhaan dhaamsa keenya. Addatti Hawaasni keenya biyoota Ollaa fi Alaa gara garaa keessa jiraattan ummata Oromoo bal\u2019aa qe\u2019ee isaa irratti ganamaa galgala ajjeefamaa jiruuf akka sagalee taatanii fi waan danda\u2019amu cufaan bira dhaabbatan waamicha keenya goona.<\/p>\n<p>Mayii irratti, kannen kabajamuu mirga namoomaatti amantan, Dhaabbanii Tokkummaa Mootummoota (UN), Gamtaa Afrikaa (AU) fi dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa, hawaasni Iddil Addunyaa fi Qaamoleen dhimmi ilaallatu keessaa fi alaan jirtan cufti\u00a0 yakka waraanaa ifatti ummata Oromoo irratti dhaabataa tahaa jiru akka dura dhaabbatanii fi\u00a0 balaaleffatan jenna.\u00a0 Akkasumas hidhamtootni siyaasaa yakka tokko malee ejjannoo siyaasa isaaniittiif bakkayuu hidhamanii jiran akka hiikamaniif dhiibbaa barbaachisu akka gootan kabajaan gaafanna. Kanumaan waliin Gargaarsi namoomaa ummata keenya bakkayyuu miidhameef aka godhamu gadi jabeesinee yaadachiifna. Ummata keenya haala suukaneessaan Ajjeefamaniif Rabbiin haa araaramu, maatii isaanii fi ummata Oromoo hundaaf obsaa fi jajjabina haa kennu.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/p>\n<p>Onkoloolessa 30, 2025<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Ajjeechaa Jumlaa Humnoota Hidhataniin Ummata Oromoo Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna. Ijoo Dubbii -ABO &nbsp; Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n ajjeechaa jumlaa, hidhaa, saamicha, dararaa fi qe\u2019ee irraa buqqisuu ummata Oromoo irratti <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/10\/30\/ajjeechaa-jumlaa-humnoota-hidhataniin-ummata-oromoo-meesha-maleeyyii-irratti-raawwatame-gadi-jabeesinee-balaaleffanna\/\" title=\"Ajjeechaa Jumlaa Humnoota Hidhataniin Ummata Oromoo Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatame Gadi Jabeesinee Balaaleffanna.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3201"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3201"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3201\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3202,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3201\/revisions\/3202"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3201"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3201"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3201"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}