{"id":3198,"date":"2025-10-27T04:18:37","date_gmt":"2025-10-27T04:18:37","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3198"},"modified":"2025-10-27T04:18:37","modified_gmt":"2025-10-27T04:18:37","slug":"qeee-fi-qabeenyaa-isaa-irratti-ummata-oromoo-jumlaan-fixuun-haa-dhaabbatu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/10\/27\/qeee-fi-qabeenyaa-isaa-irratti-ummata-oromoo-jumlaan-fixuun-haa-dhaabbatu\/","title":{"rendered":"Qe\u2019ee fi Qabeenyaa Isaa Irratti Ummata Oromoo Jumlaan Fixuun Haa Dhaabbatu!"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"alignnone size-medium wp-image-1797\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"300\" height=\"300\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 300px) 100vw, 300px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Qe\u2019ee fi Qabeenyaa Isaa Irratti Ummata Oromoo Jumlaan Fixuun Haa Dhaabbatu!<\/p>\n<p>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Ajjeechaa jumlaa irra deddeebiin Oromiyaa keessatti<\/p>\n<p>Finxaaleyyii Faannoo ofiin jedhu, babal\u2019ifannaa lafaaf qe\u2019ee fi qabeenyaa ummata Oromoo<\/p>\n<p>saamuuf bobba\u2019aniin raawwatamaa ture ibsa baasuun balaaleffataa turuun ni yaadatama.<\/p>\n<p>Ammas ajjeechaa jumlaa humna goolessaa kanaan ummata keenya Ona Noonnoo irratti<\/p>\n<p>raawwatame gadi jabeessinee balaaleffanna, duras dhaabbanna.<\/p>\n<p>Odeessa qabatamaa jiruun Giddugala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnoo<\/p>\n<p>Ganda Haloo Dinkiitti, gaafa Onkoloolessa 19,2025 Finxaaleyyiin Faannoo saamicha<\/p>\n<p>qe\u2019ee fi qabeenyaa Oromoof bobba\u2019an ilmaan Oromoo maanguddootaa fi daa\u2019imman<\/p>\n<p>keessatti argaman namoota 25 ol tahan kaan rasaasaan, kaan ammoo haala suukanneessaan<\/p>\n<p>mancaan qaama isaanii kukkutanii bakka tokkotti jumlaan fixaniiru.<\/p>\n<p>Ajjeechaan jumlaa, qe\u2019ee fi qabeenyaa waliin mannneen ummataa gubuun Godina Shawaa<\/p>\n<p>Lixaa Ona Noonnootti yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan waan raawwatamaa turee<\/p>\n<p>dha. Akka sanaan:-<\/p>\n<p>\uf0fc Ebla 12,2022 Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnootti finxaaleyyiin Faannoo<\/p>\n<p>tarkaanfii gooltummaa ummata nagaa irratti fudhataniin, namoota baay\u2019een<\/p>\n<p>lubbuun akka dabartee fi manneen jireenyaa qonnaan bultoota 40 olii beeladoota<\/p>\n<p>waliin gubaniiru.<\/p>\n<p>\uf0fc Bifuma walfakkaatuun Onuma kana ganda Qondaala jedhamee waamamutti halkan<\/p>\n<p>gaafa Waxabajjii 14, 2024 gochaa bineensummaa ummata keenya irratti<\/p>\n<p>raawwataniin, miidhaa ulfaataa fi hammataa dhaqqabsiisaniiru. Kanaanis ummata<\/p>\n<p>sirna fuudhaa fi heerumaa gaggeefatu cidha irra jiru manatti itti cufuun Boombii<\/p>\n<p>itti darbatanii akka gubanii fi kanneen lubbuu baafachuuf sochii taasisanis rasaasa<\/p>\n<p>itti dhukaasuun lubbuu isaanii galaafatu ABOn Ijoo Dubbii Waxabajjii 18, 2024<\/p>\n<p>baaseen beeksisuu fi balaaleffachuun ni yaadatama. Kanneen akka fakkeenyaatti<\/p>\n<p>ibsaman malee, gochoonni bineensummaa fakkaataan humna goolessaa kanaan<\/p>\n<p>Ona Noonnootti irra deddeebiin ta\u2019aa turaniiru.<\/p>\n<p>Oromoon qe\u2019ee isaa irratti Finxaaleyyii Faannoon jumlaan dhumaa turuu keessaayyuu<\/p>\n<p>goleelee Oromiyaa naannoo Amhaaraan wal daangessan kanneen akka Godinoota<\/p>\n<p>Walllaggaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa fi godinoota addaa<\/p>\n<p>Oromiyaa naannolee Amaaraa fi Benishaangul keessa jiran Walloo fi Matakkal keessatti<\/p>\n<p>golgaa waraanni mootummaa kennuufiin Faannoon ifatti ummata keenya irraa qabeenyaa<\/p>\n<p>saamuu, qe\u2019ee irraa baqachiisuu, rasaasa itti roobsuun lubbuu ummata siviilii akka baalaatti<\/p>\n<p>harcaasuu ABOn irra deddeebiin ibsa baasee balaaleffataa tureera. Ammas Addi<\/p>\n<p>Bilisummaa Oromoo qe\u2019ee fi qabeenyaa isaa irratti ummata Oromoo fixuun akka<\/p>\n<p>dhaabbatu gadi jabeessee hubachiisa.<\/p>\n<p>Mootummaan paartii Badhaadhinaa, daangaa Oromiyaa ifatti sarbamuu fi ajjeechaa jumlaa<\/p>\n<p>Finxaaleyyiin Oromoo irratti raawwatamu dhaabsisuu, Beelaa, gadadoo, rakkoo fi roorroo<\/p>\n<p>gama hundaan Oromoo irratti wal gahe irraa qolachuu mannaa, maqaa \u201cMisooma,<\/p>\n<p>misooma\u201d jedhuun biddeena abjuu ummataaf raaguu hojii guyya guyyaa godhateera. Osoo<\/p>\n<p>Oromoon jiruu fi jireenya, nagaa fi tasgabbii dhabee, Qe\u2019ee fi Qabeenyaa isaa irratti dhiigni<\/p>\n<p>isaa Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraan dhangala\u2019uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo<\/p>\n<p>Oromiyaa fi Mootummaan Federaalaa, dhumaatii irra deddeebiin Oromoo irra ga\u2019u akka<\/p>\n<p>waan hin arginee fi hin dhageenyeetti callisanii ilaaluun tuffii ummata Oromoo bal\u2019aaf<\/p>\n<p>qaban agarsiisa jennee amanna.<\/p>\n<p>Mootummaan PP daangaa Oromoo Finxaaleyyiin sarbame kabajsiisuu dadhabuun, humna<\/p>\n<p>nageenyaa harkaa qabuun nagaa ummataa eeguu hanqatuun qaanfachiisaa dha. Ammas<\/p>\n<p>mootummaan nagaa ummata keenyaa akka kabajsiisu gadi jabeessinee hubachiifna.<\/p>\n<p>Sirnoota Itoophiyaa dhufaa darbaa keessatti goolama siyaasaatiin wal qabatee didhaaleen<\/p>\n<p>hedduun uumamaniiru, rakkinnootni hedduun dhalataniiru. Addatti Waggoota 7n as<\/p>\n<p>dhihoo kana guutummaa biyyattii keessatti hararaafamaa fi roorroon daangaa dabre<\/p>\n<p>ummatoota biyyaattii addatti ummata Oromoo irra gaheera.<\/p>\n<p>Jumlaan lubbuu namaa dhabamsiisuu fi hidhuun, ejjannoo siyaasaa ofiin nama hidhanii<\/p>\n<p>murtoo seeraa malee barootaaf hiraarsuun bara mootummaa kanaa haalaan babal\u2019ate.<\/p>\n<p>Maqaa garagaraa itti moggaasuun qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi daldaltoota walumaa<\/p>\n<p>gala ummata biyyaa irraa baasiilee adda addaa tarrisuun maallaqa humnaa ol baasisuu,<\/p>\n<p>buusiilee adda addaa sababa itti tolchuun ifatti ummata irraa saamaa jiru. Kun ummata<\/p>\n<p>balaa waraanaan dinagdeen harkaa burkutaawee jiruu fi jireenya dhabe, waa kuufatee<\/p>\n<p>harkaa hin qabne harkaa gara afaanii jiraatu daaraa godheera.<\/p>\n<p>Dhumaatii ummata keenya Ona Noonnoo tti taheef, ABOn gadda itti dhaga\u2019ame ibsaa,<\/p>\n<p>maatii maraafis jajjabina hawwa. Ummatni Oromoo balaan kun kanaan kan hin<\/p>\n<p>dhaabbatne, kan daraniitti tarkaanfatu ta\u2019uu hubatee, kana of irraa dhaabuufis tokkummaan<\/p>\n<p>walgargaaree dura dhaabbatuu qofatu furmaata jenna. Humni biraa eeggatu, kan dhumaatii<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>OROMO LIBERATION FRONT<\/p>\n<p>ADDA BILISUMMAA OROMOO<\/p>\n<p>Gaafa:<\/p>\n<p>Date: 23\/10\/2025 \u062a\u0627\u0631\u064a\u062e<\/p>\n<p>Lakk.<\/p>\n<p>No. stm 20\/stm\/2025<\/p>\n<p>No. stm 006\/stm\/2021<\/p>\n<p>No.: stm 002\/stm\/2021<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Qe\u2019ee fi Qabeenyaa Isaa Irratti Ummata Oromoo Jumlaan Fixuun Haa Dhaabbatu! Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Ajjeechaa jumlaa irra deddeebiin Oromiyaa keessatti Finxaaleyyii Faannoo ofiin jedhu, babal\u2019ifannaa lafaaf qe\u2019ee fi <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/10\/27\/qeee-fi-qabeenyaa-isaa-irratti-ummata-oromoo-jumlaan-fixuun-haa-dhaabbatu\/\" title=\"Qe\u2019ee fi Qabeenyaa Isaa Irratti Ummata Oromoo Jumlaan Fixuun Haa Dhaabbatu!\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3198"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3198"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3198\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3199,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3198\/revisions\/3199"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3198"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3198"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3198"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}