{"id":3190,"date":"2025-08-07T04:46:37","date_gmt":"2025-08-07T04:46:37","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3190"},"modified":"2025-08-07T04:46:37","modified_gmt":"2025-08-07T04:46:37","slug":"3190","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/08\/07\/3190\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"166\" height=\"166\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 166px) 100vw, 166px\" \/><\/p>\n<p>Kora Gamtaa Miseensoota ABO Amerikaa Kaabaa (USA fi Canada) kan bara 2025 Adoolessa 31, 2025<\/p>\n<p>Seattle, Washington<\/p>\n<p>Murtii Ejjennoo fi Kutannoole Korrii Gamtaa Miseensoota ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2025 Magaala Seattle, Bulchinsa Washingtonitti geggeeffame milkiin xumurame. Erga Caasaan ABO biyya alaa bifa amma beekamu Kanaan diriirfameetti Korri Gamtaa utu wal irraa hin citiin geggeeffamee as ga\u2019e kun bara kana Waggaa 29ffaa isaati. Kunis calaqqee itti fufinsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuu ta\u2019ee kan harra qabsaa\u2019oti keessatti of ilaalanii fi kan dhalootni dhufummoo seenaa Qabsoo Oromoo iittin baratu ta\u2019ee galmaa\u2019a. Haaluma kanaan nuti miseensotni ABO Kaaba Amerikaa bakkoota adda addaa irraa kora kana irratti hirmaatne hamilee dhaan dhimmoota hojii Qabsoo keenyaa baroottan darbani gilgaallee, danqaalee Dhaabaa fi Hooggana biyya keessatti mudatee turee fi rakkinoota kanammoo hanga tokko akkaata itti irra aannes gad fageenyaan sakattaanee ilaallee, bakka harra irra geenyee jirrus xinxallee hubatnee, adeemsa itti aanuf immoo karoora tolfatne yeroo as deemu kanatti karoora keenya bakkaan ga\u2019uuf kannneen nu dandeessisan murti ejjennoo fi kutannoolee dabarfatne. 1. Faallaan ykn danqaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo inni bu\u2019uraa Sirna Impayera Itophiya kan yeroo ammaa gartuu Badhaadhina jedhee of waamuun durfamu yoomuu caalaa badii biyya keenya irratti bifa hundaan geessisaa jiruuf itti gaafatama jalaa akka hin baane akeekkachiisaa dhumaati sirnichi gama waraanaa, buqqa\u2019insa ummataa fi beelaan geessisaa jiru hunda ni balaaleeffana. 2. Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo ta\u2019un abdi saba Oromoo waan ta\u2019eef Hogganummaa ABO jalatti hiriiruun deeggersa barbaadamu kan bifa hundaa dachaan gumaachuuf waadaa Keenya haaroomsine. 3. Kora Sabaa shanaffaa dhaabni Keenya ABOn itti qophaa\u2019a jiru Kora Finfinnee keessatti taasisamuuf deemu kan seenaa Oromoo keessattis bakka addaa qabatuuf deemu ta\u2019u hubannee, milkaa\u2019ina Kora Sabaa ABO Shanaffaaf deeggersa bifa hundaan feesisu dhiihessuuf waadaa galle. 4. Nagaa Waaraa Oromiyaa guutuutti argamsiisuun dhimmoota hunda caalaa dursa qabaatuu qabu waan ta\u2019eef biyya kana keessatti nagaa guutummaa argamsiisuuf, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) furmaatni siyaasaa didamu irraa dirqamee lolatti seeneef deebii ga\u2019aa kennuun lola Oromiya baroota 6 oliif barbadeessa as ga\u2019e gara nagaatti fiduuf Mootummaan Abiy Ahmed lola dhaabee WBO waliin dhibdee jiru karaa nagaa maree fi waligaltee hunde-qabeessaan akka xumuru gad jabeessinee gaafanna. 5. Bulchinsi Abiy Ahmed tooftaa siyaasa dhokataa hordofuun waa\u2019illan isaa warra Kaaba waliin firoomuuf jecha injifannoolee Ummatni Oromoo hogganumma ABO jalatti hanga harraa gonfate duubatti deebisuuf tattaaffiin inni taasisu ifatti as bahaa dhufuun Saba Oromoo fi kanneen biro birattiis waan ifatti hubatameef, gochaa Abiy Damaa Danataa Siaasaa fi Jaarma: ddjsba@oromoliberationfront.org www.oromoliberationfront.org Ahmed mirgoota hanga harraatti Oromoon gonfate haquuf taasisu yoomu fudhatama akka hin qabne hubachiisaa badii kanarraahiis akka dhaabbatu akeekkachiisna. 6. Maqaa \u201cMaree Biyyooleessaa\u201d jedhu aguuggatuun gartuun \u201cKomiishina Maree Biyyooleessa\u201d jedhamu kan Mootummaa Abiy Ahmediin utubameefi gartummaan isaas Parti Badhadhina kan Biyya bulchina jedhuuf ifaatti kan loogu, ajandaan dhoksaa maqaa maree uffatee as bahe kuni ajandaa Oromia diiguu fi mirgota Sabni Oromoo hanga harraatti argate haquuf kan karaa tolfataa jiru ta\u2019uun ifatti saaxilamee waan jiruuf akkaata itti Komishinni kun utubame, Aangoon Komishina kanaafis kennamee fi akkasummaas itti bahinsi murtee Komishina kanaa hunduu Nagaa fi Tasgabbii biyyichaa fiduu irratti kan xiyyeeffate osoo hintahiin, kan diigga federalisimii sabdaneessaa irratti xiyyeeffate waan ta\u2019eef, murtiileen Komisishina Kanaan dabran kan Sabaa fi Biyya Oromoo hin ilaallanne ta\u2019uu ifatti labsaa, gochaa diigga kanaas gad jabeessinee balaaleeffataa hanga shirri kun fashalaa\u2019utti cimsinee dura dhaabbanna. 7. Mareen biyyooleessaa hunda hammatee fi iftoomina qabu akka Yaadaatti barbaachisa ta\u2019uun duraanu itti amanamee waamichi jalqabaas kan taasifame ABO irraa ta\u2019u waan beeknuuf adeemsa maree akkasii dhugoomsuuf waliigalteen karaa bakka bu\u2019oota Saba fi sab-lammoota, party yeroo ammaa biyya bulchu dabalatee humnoota Siyaasaa biyyattii keessa jiran hundaa, maanguddoota biyyaa, abbooti amantaa fi Jaarmiyaalee Haawaasaa (Civic Organizations) kan dabalatu ta\u2019ee, Koomishinni Maree qaamni dhimmi ilaallatu (Stakeholders) hundinuu irratti waliif galaniin utubamee mareen sobaa hanga ammaatti qajeelfama PP duwwaan hundeeffame kun haqamee mareen dhugaa kan nagaa waaraa fidu akka taasifamuuf waamicha goona. 8. Tooftaan Sabaa fi Sablammoota walitti buusuun Aangoo dheereffatuu motummaa EPRDFn waggoottan 27 oliif dhimma itti bahamaa ture ammas ilmoo isaa PP dhaan itti fufee Dangaa Oromiya Saboota ollaaf dabarsee kennaa jiru, tooftaa dulloomaa kan Saboota ollumman nagaan jiraata turan walitti buusuun aangoo dheereffatuuf murtee Dabaa daanga Oromiyaa gama biraatti kutee kennuun hokkara hin feesisneef biyya keenya qopheessaa jiru kana balaaleffachaa, murteen daangaa Oromiyaa gama kamiinuu sharafee olloota saba Oromotti dabarsee kennu kun hatattamaan akka haqamu akeekkachiisna. 9. Oromiyaan Waggoota jahan dabraniif dirree lolaa taate, haala nageenyi guutummaa Biyyaas boora\u2019ee sabni Oromoo wabii nagayaan bahee galuu dhabe keessatti parti Badhaadhinaa\/PP inni biyyaan bulcha (Ruling Party) jedhu furmaata fiduu akka hin dandeenye hubatamaa waan ta\u2019eef, nagaa Oromiyaa fi akkasumas biyyattii guutuu keessatti argamsiisuuf yaada furmaataa ABOn KFO waliin ta\u2019uun dhiheesse hatattamaan akka gara hojiitti hiikamu hubachiisna. 10. Mootummaan Abiy Ahmad fi Paartiin isaa PPn dhaadannoo irraa kan hafe dirree Siyaasaa balli\u2019isee, yaada humnootni siyaasaa biyyattii keessa socho\u2019an dhihessaniif gurra kennuu dhabuun furmaatarra badii caalutti tarkaanfataa ooluun ifatti mullatee Ummatni biyyitti guutumaatti qaala\u2019insa jireenyaan, gaaga\u2019ama waraanaa fi waluma gala hiyyumaan qabamee haala jiru keessatti ammallee Biyyatti waraana dabalataatiif qopheessuuf tattaaffiin mumul\u2019ataa jiraachuun waan ifa ta\u2019aa dhufeef Biyya kana ammaas waraana hin feesifneef saaxiluun yakka ta\u2019uu hubachiisaa, ololli waraanaa (war mongering\/belligerence) dabballootni PP itti jiran akka dhaabbatuu fi dhibdeeleen naannawichaa mareen akka hiikaman dhaamna. 11. Nagaa waaraa Oromiyaa, Itoophiyaa fi Ganfa Afriikaa guutummaattu fiduuf ga\u2019een Saba Oromoo fi Jaarmiyaalee Siyaasaa Oromoo murteessaa ta\u2019uun hubatamee waltajjiin Siyaasaa bilisa ta\u2019e ABO, KFO fi kanneen biroo hirmaachisu furmaata bu\u2019uraaf murteessa ta\u2019uun hubatamee uggurraan sochii Siyaasaa Jaarmiyaalee irratti taasifamu akka dhaabbatu gaafatna. 12. Duulli ABO moggeessuu irratti xiyyeeffatee taasifamaa as ga\u2019e farra nageenyaa fi dimokraasi ta\u2019uun hubatamee yakki mootummaa kanaan Hoogganoota ABO ugguruu, hidhuu, biyyaarra baasuu fi ajjeesuus dabalatee taasifame yakka mirga namummaa irratti raawwatamee fi imaammata mootummaa abba Irree waan ta\u2019eef Damaa Danataa Siaasaa fi Jaarma: ddjsba@oromoliberationfront.org www.oromoliberationfront.org humnootni Siyaasaa, Biyyootni Aanga\u2019oon gama dhihaa fi hawaasni Adunyaa (International Community) nagaaf dhaabbatan hundi gochaa Mootumma PPn raawwatamu kana akka balaaleffatani fi dhiibba barbaachisus taasisan gaafatna. 13. Korri keenya, Korri Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa haala sochii humnoota siyaasaa fi gartuulee adda addaa moora Siyaasaa Oromoo keessa deddeema jiran gad fageenyaan hubatuuf yaalii taasise keessatti hariiroo humnoota Siyaasaa Oromoo giddu jiraachuu maluuf yaada furmaataa akeekun dura Yaadni\/Ajandaan haaraan kan qaamota adda addaa kanaan akka mata duretti irratti mari\u2019atamaa jiru ajandaa Siyaasaa kan bu\u2019uraa ABOn hin kaasin tokkollee waan keessatti hin argineef humnootni Siyaasaa Oromoo Kaayyoo bu\u2019uraa ABOn lafa kaa\u2019e jalatti hiriiruun adda addumma dhiphisani humnaa fi qabeenya qisaasu irraas dhaabbatuun tokkummaa Qabsaa\u2019otaa gama tokkotti luuccessuu irratti akka hojjetan waamicha goona. 14. Gartuuleen Siyaasaa Oromoo tokko tokko kan bifa adda addaan sochii taasisan gariin bu\u2019aa fi daldala siyaasaa yeroo gabaaf jecha diina innikkaa waliin hariiroo toofta (tactical alliance) tolfatuuf jecha diina lagachuuf (appeasement) yaaliin taasifamu bifa kamiinuu kan Oromoo hin fayyadne ta\u2019u hubatanii hariiroon isaan tolfatuu malan inni duraa humnoota Siyaasaa Oromoo fi Jaarmiyalee Oromoo waliin akka ta\u2019u yaadachiifna. 15. ABOn Jaarmiyaa Siyaasaan Oromoyyu ittiin beekkamu, qaama offifis Saba Oromoofis dubbatuu danda\u2019u ta\u2019uun isaa utuu beekkamuu namootni fi gartuuleen ajandaa haara hin qabne garuu maqaa Oromoon walitti dhufan ABOf qajeelfama kennus kan habbalanii fi bakka Jaarmiiyan keenya hin oliinitti beekkamtii isaa malee bakka hin feesisnetti ykn bakka dhaabichi hin argaminitti argameera jechuun lallaban hookkara hin feesisne kanarra dhaabbatani Ajandaa isaani duwwaa akka geggeessatan hubachiisna. 16. Gartuuleen yeroo adda addaatti maqaa jijjiirratuun garuu waanuma tokko oofan badii baroota 2016, 2017 fi 2018 taasisan irraahiis baratuu hanqachuun ammallee bara 2025 keessa waanuma dabre sana irra deebi\u2019aa jiraaachuun mullataa akka jiru hundaafu ifa galaa ta\u2019a waan dhufeef kanneen kufaati 2018 Saba Oromo irra geessisanii ammas kufaati wal fakkataaf saba Oromoo qopheessaa yeroo isaan jiran kana keessatti Qabsaa\u2019otni Oromoo fi ABOn akka callisee hin ilaalle fi sochii barbaachisu akka goonus hubachiisna. 17. Dhuma irratti mooraa QBO gabbisuufi tokkummaa qabsaa\u2019otaa jabeessuuf hariiroon dursi kennamuufi qabu wal deggersa Jaarmiyaalee Oromoo bilisa ta\u2019ani waan ta\u2019eef kanneen akka dhuunfaattis ta\u2019e akka gartuutti bu\u2019aa yeroo gabaabduuf jecha diinota tarsimoo (strategic enemies) QBO waliin wal ta\u2019insa gochuuf tattaafattan dogogorra seenaa akkasiirra akka dhaabbattan irra deebinee waamicha lammummaa isiniif goona.<\/p>\n<p>Injifatnoo Sabaa bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2025<\/p>\n<p>Adoolessa 31, 2025 Seattle, Washington<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Kora Gamtaa Miseensoota ABO Amerikaa Kaabaa (USA fi Canada) kan bara 2025 Adoolessa 31, 2025 Seattle, Washington Murtii Ejjennoo fi Kutannoole Korrii Gamtaa Miseensoota ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2025 Magaala Seattle, Bulchinsa Washingtonitti geggeeffame <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/08\/07\/3190\/\" title=\"\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3190"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3190"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3190\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3191,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3190\/revisions\/3191"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3190"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3190"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3190"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}