{"id":3175,"date":"2025-05-27T05:31:12","date_gmt":"2025-05-27T05:31:12","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3175"},"modified":"2025-05-27T05:31:27","modified_gmt":"2025-05-27T05:31:27","slug":"eenyummaan-oromummaa-akeeka-yaaddoo-nageenyaa-fi-dantaa-siyaasaaf-dhimma-itti-bahanii-miti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/05\/27\/eenyummaan-oromummaa-akeeka-yaaddoo-nageenyaa-fi-dantaa-siyaasaaf-dhimma-itti-bahanii-miti\/","title":{"rendered":"Eenyummaan \u201cOromummaa\u201d Akeeka Yaaddoo Nageenyaa fi Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"150\" height=\"150\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 150px) 100vw, 150px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Eenyummaan <em>\u201cOromummaa\u201d<\/em> Akeeka Yaaddoo Nageenyaa fi Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti<\/strong><\/p>\n<p><strong>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/strong><\/p>\n<p>Hogganni Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Waggoota Qabsoo hidhannoo fi waajjirri muummee Asmaraa Ertiraa turetti Qabsoo ummata bal\u2019aa Eritrea keessatti gaggeessaa ture. Ummanni, ummata jaalalaa fi waliin jireenya beeku, jaalala biyyaaf qabuuf of duuba hin jenne, Sabboonummaa biyyummaa qabu ta&#8217;uu irraa hubanne. Ayyaanni Biyyaa (Independence Day) Ummata bal\u2019aa ERITREAf guyyaa bilisummaa guddaa dha. Muuxannoo qabsoo ummata irraa argineen ummatni bal\u2019aan Eritrea yeroo guyyaa kana kabajatanitti, akka lamaan kabajatu.<\/p>\n<ol>\n<li><em>Qabsoo dhiigaa fi lafee ilmaan isaaniin argame waan taheef miira xiiqii fi eenyummaa biyyummaa gaaffii biraa cinatti hin qabne &#8220;Ani Eritrea dha&#8221; jedhu ofitti himuun wareegama gootota isaanii yaadataa kabaju.<\/em><\/li>\n<li><em>Bilisummaa qaamaa qalbii gahaa dhabuu irraa kan ka&#8217;e miira gaddaan yaadatu. Rakkoon mirga namoomaa fi hiyyummaa daangaa darbe keessa jiraachuun ummataa &#8220;Bilisummaa Eritrea&#8221; irratti gaaffii tahee dhalootaan gungumama. <\/em><\/li>\n<\/ol>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n irra deebiin Ummata bal\u2019aa Eritrea Bilisummaa dhugaa barbaadamu san dhabullee, baga guyyaa kabajamaa kanana isiniin gahe jechuu fedha.<\/p>\n<p>Bilisummaa Eritrea Ganna 34ffaa Ilaalchisee Haasaa Prezidaant Isiyaas dubbatan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhaggeeffanneerra. Presedaant Isiyyaas haasaa isaanii kanaan, Yoroon kun yeroo itti Bilisummaa isaanii kabajatan, Mirga Abbaa Biyyummaa isaanii kabajsiifatan, Tokkummaa isaanii jabeeffatanii fi Daangaa biyya isaanii eeggatan tahuu akeekanii, Waggaa waggaan dhimmoota Addunyaa, Afrikaa fi Naannawa Gaanfa Afrikaatti murtoo fi Ejjannoo Akka biyyaatti qaban akeekanii Addunyaa araaraa, nageenya waaraa fi misooma itti fufiinsa qabdu akka taatu hawwii isaanii ibsaniiru.<\/p>\n<p>Ibsa isaanii karaa foddaa ERI TVn hordofneen, <em>1. Ameerikaan addunyaa irratti maaliif ol&#8217;aantummaa barbaaddi? 2. Biyya isaanii Eertira irraa kaasee, Afrikaan gargaarsa alaa qofa irratti herkattee rakkina keessa akka jirtu, 3. Naannoon Gaanfa Afrikaatti imaammata ifaa fi mul\u2019ataa tahe qabaachuu dhabuun addatti naannichi sababa geostrategic ta\u2019uun jeequmsijiraachuu dubbatan.<\/em><\/p>\n<p><strong><em>\u201cGeostrategic<\/em><\/strong>\u201d ajandaa addaa taasisuun Sudaanii fi Itiyoophiyaa akka fakkeenyaatti fudhataniiiru; Alagoonni naannawa Tarsiimawaa (geostrategic) kanatti dhimma bahuun akka waraanni hammate dubbatu. Itiyoophiyaan rakkoo baroota dheeraa keessa gangalataa turte keessaa bahuu dadhabdee ammas Bishaan \u201cNile fi Galaana Diimaa\u201df qabaniin ilaalcha <strong><em>\u201cOromummaa\u201d<\/em><\/strong> kan ummata Oromoos bakka hin buune qabachuun Lola kaasaa jiru jedhan.<\/p>\n<p>Xinxala taasisan keessatti, ilaalchi <strong><em>\u201cOromummaa\u201d<\/em><\/strong> Eritrea fi Itiyoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaaf yaaddoo akka tahetti dhiheessuun, ilaalchi ummata Oromoo bal\u2019aa fi eenyummaa Oromoo Oromummaaf qaban dabaa\u00a0 tahuu irra darbee, dogoggora seenaa dhalootaan wal nama gaafachiisu jennee amanna.<\/p>\n<p>Duulli maqaa \u201cOromumaan\u201d hooganoota Eritrea dabalatee leelistoota sirna dulloomaa Minilikiin Oromoo irratti taasisaa ture haaraa tahuu baatus, jibbiinsa (Phobia) Oromummaa kanneen qaban olola daangaa hin qabne\u00a0 Media\u00a0 fi Social Media irratti daangaa tokko malee oofamaa ture sadarkaa hoggana biyya Eritrean ifatti ol guddifamee dubbatamuun Oromoo fi Oromiyaaf balaa inni dhaqqabsiisuuf deemuuf gaafatamaan Mootummaa Eritrea tahuu hubachiifna. Sadarkaa mootummaatti kana labsuunis wallaalummaa ykn daguu irraa jennee hin amannu. Tumsa ittiin ijaarratanii galii Siyaasaa, waraanaa fi Imaammata lafa kaawwataniif tahuutti hubanna.<\/p>\n<p>Ololli sadarkaa Aktiivistootaa irraa hanga mootummaatti guddachuun \u201cOromummaa\u201d Abaaramaa taasisanii kan Ofii fedhan maqaa gara garaa moggaafachuun,<em> (Ethiopiawwinet, Ertrawwinet, Tegaruu (Tigrawwinet), Amarannet)<\/em> jedhan ajandaa siyaasa ittiin bitachuu kan ummata bal\u2019aa bakka hin buunee fi naannawa gaanfa Afrikaas caalmattuu rakkoo hamaaf saaxilu tahuu akeekuu feena.<\/p>\n<p>Presedaant Isiyyaas gaafa danataa hooganoota Itiyoophiyaa irraa argatan wal eebbisanii akka Mootummaa Eritreatti hayyoota Amhaaraan wal gargaaranii <em>\u201cAbiyyii Nabiyyii\u201d <\/em>jechaa qubeellaa qubatti waliif kaayaa, gaafa dantaa siyaasaa wal biraa dhaban <strong><em>\u201cOromummaa\u201d<\/em><\/strong> cubbamaa taasisuun Biltsiginnaa qawween ummata Oromoo fi ummattoota Itiyoophiyaa korkodee bulchaa jiru, dhimma Oromoo fi Oromummaa garagalee mil\u2019atee hin beekneef kennuun dogoggora seenaati, Cubbuu guddaa ammas Oromoo irratti yaaduu dha.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n Impaayira Itiyoophiyaa keessatti jaarmiyaalee Siyaasaa fi Waraanaa akeeka Bilisummaa Ummataa wal fakkataa qaban kanneen akka EPLF fi TPLF waliin qabsoo gaggeessaa tureen, Bara 1991 dura ganna 34ffaa har\u2019aa sirna abbaa irree Dargii aangoo irraa hundeen buqqisee sirna dimokiraasii fi mirga ummatotaaf akka dhabatuuf qabsaawaa ture. Akkuma eegametti Dargii aangoo irraa qaarisuun yeroo mootummaan Cee\u2019umsaa Finfinneetti labsame, mirga sabootaa fi sirna federaalummaa bu\u2019uura godhachuun, seenaa haaraa eegaluuf mul\u2019ata waloo qabna ture.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n bu\u2019uura qindoominaa fi qabsoo ummatoota cunqurfamoo keessatti gahee olaanaa bahuun, bu\u2019uuruma Chartara sanaa irratti hirmaannaa murteessaa taasiseera. Garuu osoo waliigalteen mootummaa Ceehumsaa sun mallatteefamee hojiirra oolmaa hin eegalin ABUT\/TPLF f tumsa guutuu siyaasaa fi waraanaa EPLF (Eritrean)n ABO shiraan dhiibanii moggatti baasan. Shirri siyaasaa yeroo sana wixinameen hulaan dimokiraasii cufame, Abbaa Irrummaa TPLF f mirkaneessame, Ummattoota Itiyoophiyaaf abdii fi hawwiin nagaaf dimokiraasiif abdatame qilee bu\u2019ee TPLF ganna 27f Ummattoota biyyattii afaan qawween korkoddee bulchite.<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo dhiibanii of gidduudhaa baasuun ofiifis boqqonnaa nageenyaa waliif hin kennine, daranuu ibidda waraanaa walitti qabsiisaniin Lolli bara 1998\u20132000 dantaa siyaasaaf jecha jiduu isaaniitti qabsiifame lubbuu qulqullootaa hedduu lafarraa balleesse.<\/p>\n<p>Bara 2018 Mootummaan Eritrea marsaa 2<sup>ffaaf<\/sup> seenaa fokkisaa fi gaaffii dhalootaa tahee itti fufu bara jijjiramaa baanamu hojjataniin, Dantaa siyaasaa isaanii Mootummaa Itiyoophiyaa waliin tolfatan tiksuuf jecha Mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota biroo hedduu waliin tahuun Shira Hoogana dhaabaa Eritrea Asmaraa maadheffate irratti xaxaniin bara 2018 jijjiirma dhugaaf wareegama qaamaa qalbii ABO fi Oromoon Qabsoo Bilisummaaf baase gatachiisuun Abdii fi hawwii ummataa ammas dukkaneesan.<\/p>\n<p>Qabsoo eenyummaa Oromoo (Oromummaa) gufachiisuun, seenaa dagachuu fi bu\u2019aa dhabsiisuuf abbaluu qofa osoo hin taane, ajandaa dimokiraasii fi mirga hiree murteeffannaa saboota laamshessuuf shira wixiname tahuu hubachiifna.<\/p>\n<p>Oromummaan ummata Oromoo bal\u2019aaf sirna Gadaa irratti kan ijaarame mallattoo eenyummaa, aadaa, duudhaa fi mirga hiree murteeffannaa ti. Isaa akka rakkoo siyaasaatti dhiyeessuun, falmii dogoggoraa fi olola sadarkaa seerawaa hin qabne seeraa fi seenaanis wal nama gaafachisuu dha. Oromummaan fala tokkummaa sabootaa fi nageenya bu\u2019uuraa ti.<\/p>\n<p>Ajandaa Oromoo fi Kuush akka balaatti dhiyeessuun; ofumaa isaaniif balaa ulfaataa fi hamaataa gaanfa Afrikaatti harkisuuf deemu jennee fudhanna. Ololli madaala hin kaasne akkasii mirga sabootaa ukkaamsuu fi sirna abbaa irree dirirsuun fedhii mirga abbaa biyyummaa ofii kabajchiiftan fakkatanii kan saboota biroo sarbutti akka jiran ifatti mul\u2019isa.<\/p>\n<p>Maayii irratti, \u201c<strong>Eenyummaan <em>\u201cOromummaa\u201d<\/em> Yaaddoo Nageenyaa Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti.\u201d\u00a0 <\/strong>Yoo jennu,<\/p>\n<ol>\n<li>Oromummaan fala tokkummaa fi nageenyaa ti. Ololli eenyummaa Oromoo irratti gaggeeffamu yakka seenaa fi seeraan wal nama gaaffachiisuu dha. Duulli maqaa Oromummaa balleessuuf taasifamu seenaa keessatti hin milkoofne; kana boodas bakka hin argatu.<\/li>\n<li>Ummanni Oromoo bal\u2019aa fi sabaa fi sabalammoonni cuftuu eenyummaa isaanii, wal qixxummaa, dimokiraasii fi mirga abbaa biyyumma isaaniif falmaa barbaachisu gaggeessuuf gorsaa fi heeyyamni gamaa fi gamanaa eggatu hin turre, hin jiru, hin jiraatus.<\/li>\n<li>Olola siyaasa daaboo bitachuuf Qarreerraa walitti darbatamuun Tokkummaan, Eenyummaa, fi Bilisummaan saboota laaffatuu fi laamshayu hin jiraatu; Qabsoon Ummataa ilmaan isaaniin mirkanaawa.<\/li>\n<\/ol>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Caamsaa 26, 2025<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Eenyummaan \u201cOromummaa\u201d Akeeka Yaaddoo Nageenyaa fi Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Hogganni Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Waggoota Qabsoo hidhannoo fi waajjirri muummee Asmaraa Ertiraa turetti Qabsoo ummata bal\u2019aa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/05\/27\/eenyummaan-oromummaa-akeeka-yaaddoo-nageenyaa-fi-dantaa-siyaasaaf-dhimma-itti-bahanii-miti\/\" title=\"Eenyummaan \u201cOromummaa\u201d Akeeka Yaaddoo Nageenyaa fi Dantaa Siyaasaaf Dhimma Itti bahanii Miti\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3175"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3175"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3175\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3176,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3175\/revisions\/3176"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3175"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3175"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3175"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}