{"id":3166,"date":"2025-03-08T19:10:57","date_gmt":"2025-03-08T19:10:57","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3166"},"modified":"2025-03-08T19:10:57","modified_gmt":"2025-03-08T19:10:57","slug":"bitootessi-8-guyyaa-dubartoota-idil-addunyaa-ti-ibsa-damee-dantaa-dubartootaa-fi-daaimman-ddd-abo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/03\/08\/bitootessi-8-guyyaa-dubartoota-idil-addunyaa-ti-ibsa-damee-dantaa-dubartootaa-fi-daaimman-ddd-abo\/","title":{"rendered":"Bitootessi 8 Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa ti  \u00a0Ibsa Damee Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman (DDD) ABO"},"content":{"rendered":"<p><strong><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"163\" height=\"163\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 163px) 100vw, 163px\" \/><\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong>Bitootessi 8 Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa ti <\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong>\u00a0Ibsa Damee Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman (DDD) ABO <\/strong><\/p>\n<p>Bitootessi 8 guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa biyyoota hedduu keessatti kabajamee oola. Guyyaan kun guyyaa itti dubartootni milkaa&#8217;ina gama hawaasummaa, siyaasaa, aadaa fi dinagdeen argamsiisaniif beekamtiin kennamuuf tahee kabajama. Guyyaa itti walqixxummaan saalaa fi nageenyi dubartootaa caalaatti xiyyeeffannoon itti kennamuu dha. No.: No stm 002\/stm\/2021 Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman (DDD) ABO baga guyyaa kana geessan, walumaan geenye jechuun gammachuu isaa dabarsa. Bitootessa 8, 2025 guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa yeroo kabajnutti falmaa bu\u2019a qabeessaa fi jijjiirama hundee warraaqsii fi sochiin dubartootaa sadarkaa idil-addunyaatti fide daran ajaa\u2019ibsiifachaa, bu\u2019aan carraaqqii fi warraaqsa isaanii har\u2019a firii gaarii horachuun, dubartootni loogii fi jibbiinsa irraa bilisa ta\u2019anii, wal-qixxummaan dhiirota waliin qaban hubatamee hawaasaa keessatti karaa dinagdee, siyaasaa fi aadaa qaban akka ifee mul\u2019atu ta\u2019eera. Warraaqsi dubartootaa akka eegaluuf wantoota sababa ijoo turan keessaa wal-qixxummaan dhiirotaa fi dubartoota gidduutti dhabamuu, mirgi dubartootaa sarbamuu fi sa\u2019atiin hojii akka fooyya\u2019u sagalee isaanii bifa qindaa\u2019een dhageessisuu eegaluun oolee bulee akkuma fudhatama argataa dhufeen, adeemsa keessa Bitootessi 8 Mootummoota Gamtooman (UN) biratti guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa jedhamee akka yaadatamuu fi kabajamu beekamtii argate.<\/p>\n<p>Guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa, Bitootessi 8 kan bara kanaa 2025, yeroo kabajamee oolutti, Addunyaan wal qixxummaa saalaa mirkaneessuun qootni dubartootaa fi dhiiraas hawaasa keessatti ija sirriin akka ilaalamu irratti sududaan hojjataa jirti. Guyyaan Dubartoota Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta\u2019uun dhaadannoo \u201cCollectively, we can Accelerate Action for gender equality. Step forward in solidarity for International Women&#8217;s Day (IWD) 2025 on March 8 to help Accelerate Action\/Waliin taanee, saffisaan walqixxummaa saalaa haa mirkaneessinu.\u201d jechuun guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa Bitootessa 8, 2025 bara kanaa hawwii walqixxummaa saalaa kabajuu agarsiiseera. Guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa ganna 114ffaa, akka Itoophiyaatti 49ffaa tahee kabajamu kun, guyyaa addunyaa bu\u2019aa hawaasummaa, dinagdee, aadaa fi siyaasaa keessatti qooda mul\u2019ataa akka qabaataniif akeekatee dha. Akka Oromoottis dubartootni Oromoo rakkoo walfakkaataa dubartoota biyyoota biroo mudachaa tureen addaa miti. Akkaataan dubartootni dhiirota biratti ilaalaman walqixxummaan kan keessatti hundee horate akka hin taane wantootni hawaasa keessatti raawwatamaa fi mul\u2019achaa turan ija hawaasichaa duraa dhokatoo miti.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Qormaatni dubartoota Oromoo mudachaa ture kunis aadaa hawaasicha keessatti fudhatamuun hamilee fi mirga dubartootaa hubanii, akkuma waliigalaatti ammoo dhiibbaa karaa sirnoota dhufaa darbaa biyyi tun ittiin bulaa turte keessatti irra dhaqqabaa turee dha. Haala kana keessatti dubartootni Oromoos barteewwan hawaasicha keessatti babal\u2019achuun hamilee fi mirga isaanii tuqaa turan karaa barnootaa fi seeraan akka itti hin fufneef hojiin kaka\u2019umsaa hojjatamaa ture akkaan ol\u2019aanaa dha. Akkasumas, dhibdee akka sabaatti karaa sirnootaa Oromoo mudates yoo ilaallu, saamichaa fi cunqursaa keessa turree fi jirru jalaa bilisa ba\u2019uuf qabsoo dubartootni Oromoo qixxee dhiirotaa taasisuun wareegama hanga lubbuutti baasan firris ta\u2019e diinni kan beekuu dha. Dubartootni Oromoo falmaa hadhaawaa utuu taasisanii baddaa fi gammoojjii keessatti kufanii hafan seenaan haa lakkaawu. Damee Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hawaasa bal\u2019aa keessatti qootni dubartootaa mana ijaaruu irraa hanga biyya ijaaruutti akkaan ol\u2019aanaa tahuu amana.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dubartootni hawaasa keessatti karaa siyaasaa, dinagdee fi aadaa wal qixxummaa dhiira waliin qabaachuu malan akka kabajamu, fuula hojii hundaa irratti hirmaannaan isaanii bifa loogii fi miidhaa hin qabneen cimee akka itti fufu namni martuu qooda isaa bahachuu akka qabu hubachiisaa, addatti miidhaa daa\u2019imman irratti sirnoota abbaa irreen raawwatamaa turee fi jiru dura dhaabachuun yeroon itti mirga keenyaaf falmannu amma. Hundaa ol ammoo, dubartootni Oromoo mirga isaanii tikfachuuf akka dhuunfaattis tahe waloon sadarkaa waldaatti ijaaramanii aadaalee fayyaa dubartootaa huban hambisuu, kanneen kabajaa fi mirga isaanii faallomsan dura dhaabachuu, barsiifata hawaasa keessatti mirga dubartootaa huban adeemsa seeraa fi barnootaan akka hafan taasisuu keessatti yeroo kam illee caalaa jabaatanii hojjachuu qabu.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dabalataanis, Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman (DDD) ABO aadaa ummataa keessaa kanneen mirga dubartootaaf bu\u2019aa buusan dhiibbaa tokko malee duudhaa sabichaa eeganii akka itti fufan jabaatee hojjeta. Wantoota hubama lubbuu, qaamaa-qalbii fi fayyaa dubartootaa irratti yaaddoo yookiin siqiqii uuman xiqqeessuu fi hanqisuuf adda durummaan kan hojjetu tahuu mirkaneessaa, egereen dubartoota Oromoo bifa duudhaa sabichaa bu\u2019uura godhatee fi karaa barnoota ammayyaa fi tekinoloojiitiin beekumsa, dandeettii fi ogummaa akka horatan jabaatee ni hojjeta. Maayii irratti, Dameen Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman ABO Bitootessa 8 guyyaa Dubartoota Iddil Addunyaa kan Bara 2025 kana yeroo kabajatu dubartoota qaqqaalii quuqama saba isaaniif qaban, kanneen qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo keessattis tahe, warraaqsa ummataa keessatti kabajamuu mirga saba isaaniif wareegama hadhooftuu qaamaa-qalbii hanga lubbuutti baasaa turanii fi amma illee baasaa jiraniif kabajaa fi jaalala qabu ibsaa, dabalataan daa\u2019imman ol guddattuu bifa suukanneessan yakki waraanaa No. stm 006\/stm\/2021 irratti raawwatamaa turee fi jiru balaa isaan irra gahe cufa balaaleffachaa fi duras dhaabbachaa, imaanaa jaallan wareegamanii galmaan gahuuf kan hojjetnu tahuu murannoo qabnu ifa goona.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Damee Dubartootaa fi Daa\u2019imman ABO<\/p>\n<p>Bitootessa 08, 2025 Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Bitootessi 8 Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa ti \u00a0Ibsa Damee Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman (DDD) ABO Bitootessi 8 guyyaan Dubartoota Idil-Addunyaa biyyoota hedduu keessatti kabajamee oola. Guyyaan kun guyyaa itti dubartootni milkaa&#8217;ina gama hawaasummaa, siyaasaa, aadaa <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/03\/08\/bitootessi-8-guyyaa-dubartoota-idil-addunyaa-ti-ibsa-damee-dantaa-dubartootaa-fi-daaimman-ddd-abo\/\" title=\"Bitootessi 8 Guyyaa Dubartoota Idil-Addunyaa ti  \u00a0Ibsa Damee Dantaa Dubartootaa fi Daa\u2019imman (DDD) ABO\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3166"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3166"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3166\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3167,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3166\/revisions\/3167"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3166"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3166"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3166"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}