{"id":3163,"date":"2025-02-19T20:42:10","date_gmt":"2025-02-19T20:42:10","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3163"},"modified":"2025-02-19T20:42:10","modified_gmt":"2025-02-19T20:42:10","slug":"labsii-haaromsa-aaadaa-oromoo-jedhuun-ajandaan-biltsiginnaan-oromoo-irratti-murteesite-madaa-oromoo-irratti-ashaboo-firfirsuu-dha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/02\/19\/labsii-haaromsa-aaadaa-oromoo-jedhuun-ajandaan-biltsiginnaan-oromoo-irratti-murteesite-madaa-oromoo-irratti-ashaboo-firfirsuu-dha\/","title":{"rendered":"\u201cLabsii Haaromsa Aaadaa Oromoo Jedhuun Ajandaan Biltsiginnaan Oromoo Irratti Murteesite Madaa Oromoo Irratti Ashaboo Firfirsuu dha!\u201d"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"126\" height=\"126\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 126px) 100vw, 126px\" \/><\/p>\n<p><strong>\u201cLabsii Haaromsa Aaadaa Oromoo Jedhuun Ajandaan Biltsiginnaan Oromoo Irratti Murteesite Madaa Oromoo Irratti Ashaboo Firfirsuu dha!\u201d <\/strong><\/p>\n<p>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Labsii fi lallabni, fedhii fi hawwii ummata Oromoo malee, Oromoo irratti labsamuu fi mirkanaawu, ergaa fi ergama diinaa ummata keenya bal\u2019aa bakka hin buunee dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>\u201cLeenjii Hooggansa Bu\u2019uuraa fi Miseensaa\u201d jedhu guyyoota 4f ture Irratti Qondaallii Olaanaan Paartii Biltsiginnaa hooganoota paartichaa sadarkaan jiraniif leenjii keennaa turaniin kaayyoon leenjichaa ibsuun, Oromummaa Itiyoophiyummaa keessatti hammachiisuun \u201cNuti Itiyoophiyaanonni walitti hidhiinsa dhiigaa, Aadaa, Safuu, Qorqalbii, firooma eenyumma baayyee waliin qabna\u201d jedhanii, Itti aansuun \u201cAkkuma kanaan dura hooganoota Paartichaaf mata duree \u2018Ba\u2019aa irraa gara bu\u2019aa\/Rakkina irraa gara Badhaadhinaa\u2019 jedhuun leenjisaa turre ammas mata dureewwan toorawwan xiyyeeffannoo haaromsa aadaa Oromoo jechuun,<\/p>\n<p>\u00d8 Dawaan Cabiinsa Aadaa keenyaa Haaromsa Aadaati, \u00d8 Haaromsa Aadaatiin Baadiyaa Ammayyeessinee Magaalaa Biraandessina,<\/p>\n<p>\u00d8 Haaromsa Aadaatiin Seenessa Dogoggoraa Qajeelchinee, Seenessa Waloo Ijaarra,<\/p>\n<p>\u00d8 Barnootni Beekkumsa Xabboo Bu\u2019uureffate Haaromsa Aadaa Keenyaa Ni Utubna,<\/p>\n<p>\u00d8 Haaromsa Adaatiin Artii Oromoo Humneessinee Guddummaa Biyyaa Utubna,<\/p>\n<p>\u00d8 Haaromsa Aadatiin ilaalcha Aaadaa Hojiifi Qusannaa mirkaneesina, \u00d8 Dhaloota Jijjiirree, Dorgomummaa Biyyaa Ni Mirkaneessina,<\/p>\n<p>\u00d8 Haaromsa Aaadatiin Aadaa Siiyaasaa Marii fi Marabbatti Ceesifnee, Fakkoommii Qaroominaa Taana,\u201d Jedhu tarrisanii eerga leenjii guyyoota 4f laatanii booda \u201cLabsii Haaromsa Aadaa Oromoo (Declaration of Oromo Cltural Renaissence)\u201d jechuun gaafa Gurraandhala 13, 2025\/06, 2017 E.C labsaniiru.<\/p>\n<p>Murtoon dogoggoraa Oromoo irratti murna Biltsiginnaan muramee murtaahe, ummata Oromoo bal\u2019aa wareegama ulfaataa baasisiisuu bira darbee waliin jireenya hawaasummaa fi olummaa saboota biraan qabnu hammeessa jennee yaaddofna. Seenaa Oromootiin seenaa dogoggoraati jechuun, fedhii Oromoo malee waan Oromoon quba hin qabne anatuu siif beekaan dogoggorri seenaa murni PP Oromoo irratti murtee murteesitu itti galli isaa ulfaataa fi hammaataa taha jennee fudhanna. \u201cNuti Itiyoophiyaanonni walitti hidhiinsa dhiigaa, Aadaa, Safuu, Qorqalbii, firooma eenyumma baayyee waliin qabna\u201d jechuun ajandaan \u201cItiyoophiyummaa\u201d Oromoo fudhachiisanii \u201cOromummaa\u201d balleessuuf abjotan Barjaa\/Taappeellaa \u201cItiyoophiyummaa\u201d ifatti Ummattoota cunqurfamoo ittiin gabroomsan ibsachuu caalaa, maqaa fakkeessii Biyya Itiyoophiyaa jedhamu dhabamsiisuuf akka deemaa jiranitti hubanna. Biltsiginnaan bara bulchiinsa isaanii waggoota jahan darban keessatti, dhiigaan Oromoo tahanii aantummaa Oromummaa garsiisuu fi Ilaalcha Oromummaa saba isaaniif qabaachuun hanqannaan, yakka waraanaa (War crime) ummata Oromoo bal\u2019aa irratti raawwataa turan.<\/p>\n<p>Aadaan Oromoo haaressine jedhanii isaan har\u2019a labsan keessatti Oromoon dursee akka itti fira isaa qofa osoo hin taane diina isaallee itti hammatu qaba. Oromoon jaarraa 16ffaa keessaa Qajeelfama waraanaa tumateen aadaa boobbaa fi gala waraanaa keessatti waan gochuu hin qabne hedduu tarrisee akeeke keessaa, \u00d8 Namni wayyuu dha jedhe \u00d8 Manni namaa wayyuu dha jedhe \u00d8 Dubartii fi daa&#8217;imman diinummaa hin qaban wayyuu dha jedhe \u00d8 Ka safuu deebisuuf deemu hin safu waan taheef safuu ummataa tikse \u00d8 Booji\u2019ee hin ajjeesu \u00d8 Diina jedhee cubbuu irratti hin raawwatu \u00d8 Du\u2019aa diinaa awwalcha hin dhoowwu \u00d8 Maatii diinaatti hin roorrisan, gadoo hin bahatan \u00d8 Bishaan dhugaatii hin dhowwan, Har\u2019a garuu Paartiin Biltsiginnaa Oromoo irratti Labsii dogoggoraa Labsuun, \u201cDawaan Cabiinsa Adaa keenyaa Haaromsa Aadaati, Haaromsa Aadaatiin Seenessa Dogoggoraa Qajeelchinee Seenessa Waloo Ijaarra\u201d jechuun ummata bal\u2019aa gowwoomsuuf yaalu. Biltsiginnaan ifaatti Oromoo irratti dogoggora warra seenaa hojjatan, yakkamtoota seeraa fi seenaati. Impaayira Itiyoophiyaa gabroomfattuu tana keessatti barri Oromoon eenyummaa Oromummaa isaan yakkamee,<\/p>\n<p>\u00d8 Jumlaan manatti ibiddaan gubame, \u00d8 Jumlaan hidhamee hidhaa baafamee ajjeefamee Waraabessa nyaachisiifame,<\/p>\n<p>\u00d8 Morma muramee mukatti fannifame, \u00d8 Daa\u2019imman umrii 10 gadii Waraana PPn gudeedmanii ajjefaman,<\/p>\n<p>\u00d8 Ilmi Oromoo akka Hoolaa Qalmaatti maqaa Waaqaan jedhamee itti kadhatamee albeen mormi murame,<\/p>\n<p>\u00d8 Jumlaan ajjefamee, reeffa kaasuu dhoowwachuun diretti reeffi tortore,<\/p>\n<p>\u00d8 Qurxummii balleessuuf madda Bishaanii Gogsuudha jedhamee Oromoo irratti lolli waloo labsame,<\/p>\n<p>\u00d8 Lola Tigraay fin\u2019aan kan Oromiyaa akka Garbuutti haamama jedhame dhaadatame,<\/p>\n<p>\u00d8 Harmaa fi Harka Muraan Aanolee fi Caliin Calanqoo Seenessa Qeenxeeti jedhame, Bara bulchiinsa murna Biltsiginnaati. Oromoo ifatti qaamaa qalbii Cabsaa, ammas ifatti \u201cDawaan Cabiinsa Adaa Oromoo Haaromsa Aadaati\u201d jechuun Biltsiginnaa, caba Oromoo irratti caba caalu dabaluu dha. \u201cSeenessa Dogoggoraa Qajeelchinee Seenessa Waloo Ijaarra\u201d n tooftaan Oromummaa yakkuun, Itiyoophiyummaa Barjaa gabroomfataa Oromoo fudhachiisuuf Biltsiginnaan watwaattu, Oromoo Madeessanii madaa sabaa horfuu dha. Kanaafi kan \u201cLabsii Haaromsa No.: No stm 002\/stm\/2021 Aaadaa Oromoo Jedhuun Ajandaan Biltsiginnaan Oromoo Irratti Murteesite Madaa Oromoo Irratti Ashaboo Firfirsuu dha!\u201d jenneef &#8220;Itiyoophiyaa&#8221; jechuun, Biyyaa sadarkaa yaadaatti (imaginary country) malee qaamaan lafa irra hin jiree dha.<\/p>\n<p>Kan maqaa biyyaa golgaa fi dawoo godhatee jiru, Impaayira Afaan Qawween ijaaramee Afaan Qawween Ummata Oromoo bal\u2019aa fi saboota Cunqurfamoo biraa irratti ijaaramte, impaayira afoola seenessa sobaa ganna 3000 fi sanaa ol qabnaan Ummattoota sossobaa jiraattuu dha. Itiyoophiyaan Impaayira roorroo, Saboota abbaa biyyaa tahan &#8220;Indigenous people&#8221; ummata lafa isaanii irratti dhalatanii, Qe\u2019ee isaanii keessa jiraataa turan fi kan eenyummaa, afaan, aadaa fi seenaa isaanii waliin sirna mataa isaanii qaban saba akka Oromoo ukkaamsaa fi itti roorrisaa turtee fi jirtuu dha. Oromoon uummata abbaa biyyaa (indigenous) biyya Oromiyaa fi Gaanfa Afrikaa keessa jiraatu dha. Saboota Abbaa biyyaa Afaan Qawween ukkamsanii, isaan irratti warra of ijaaretuu Seenaa fi Seenessa Itiyoophiyaa lallabaa jiraata. &#8220;Itiyoophiyaa&#8221;n bu\u2019aa kolonii fi koloneeffattootaa Impaayira fedhii weerartootaa irratti ijaaramteedha. Geggeesitoonni Impaayira Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi jiran fedhii saboota abbaa qe\u2019ee fi qabeenyaa tahe ukkaamsuun guutummaatti Afaan Qawween gabroomsanii bitaa turan, ammas itti jiru. Mootummaan &#8220;Itiyoophioyaa&#8221; dhufaa darbaan, sirna bittaa humnaa, weerara, saaminsa, fi hacuuccaa irratti of ijaare aangoo siyaasaa dheereffachuu malee dantaa ummataaf dhimma hin qabnee dha. &#8220;Itiyoophiyummaan&#8221; sirna abbaa-irree waggaa dheeraaf Oromoo fi saboota Cunqurfamoo biroos cunqursaa turee fi jiru Oromoo fi saboota cunqurfamoo dhabama irraa baraaruuf osoo hin taane, sirna abbaa-irree hundeen lafa qabataa as gahee dha. Afaan Oromoo, aadaa Oromoo, amantii Oromoo fi sirna Gadaa Oromoo hundeen balleessuuf &#8220;Itiyoophiyummaan&#8221;n barjaa (Taappeellaa)gabroomsaan abbootii qe\u2019ee fi qabeenyaa (Indigenous) ittiin hacuucaa turee fi jiruu dha. Ummanni Oromoo bal\u2019aa fi sabaa fi sablammoonni ummattoonni cunqurfamoon mirga ofiin of bulchuu fi qe\u2019ee fi qabeenyaa isaanii irratti abbummaa qabaachuu sarbamanii gaggeesitoota Impaayiraan ukkaanfamaa jiraatu.<\/p>\n<p>Biyya kan jedhamu, biyya akka Itiyoophiyaa sadarkaa yaadaatti (imaginary country) taate, maqaa Itiyoophiyummaa jedhuun afaan qawween cafaqanii bulchan meeshaa gabroomsaa osoo hin taane biyya sabaa fi sablammootaa fi Ummaattottaaf taatu qaamoleen dhimmi ilaallatan (All stakeholders) Marii fi marabbaan ijaaruu dha malee, \u201cSeenessa Waloo\u201d jechuun Aadaan Oromoo haarawoomuu fi Seenessi dogoggoraa paartiin qeenxeen ofitti fudhatee sirreessu hin jiru, hin jifraatus. Seenaa saba bal\u2019aa turee fi seenessa sirrii ummata Oromoo bal\u2019atuu murteeffata waan taheef. Ummanni Oromoo bal\u2019aan waan dhabee fi waan argate ifatti ibsachuuf bilisummaa qaamaa fi qalbii barbaada. Qe\u2019ee Oromoo Oromiyaa saamaa saamsisaa, Eenyummaa Saba bal\u2019aa ifatti irraa mulqaa eenyummaa biraan bakka buusuuf watwaachuun paartii qeenxee, tuffii Saba bal\u2019aaf qabanii fi gatii ummataa wallaaluu irraa madda jennee amanna. Waan taheef, ummanni keenya bal\u2019aan labsii fi lallaba murna qeenxeen Seenaa fi seenessi dogoggoraa Ummanni Oromoo bal\u2019aan qabu akka hin jirre hubachuun, yeroon itti ummanni keenya keessaa fi alaan wal tahee dhimma isaa waliin ilaaluu fi dhibdee gabroomsaan irra bubule waloon furatu ammaan dhaamasa keenya.<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Gurraandhala 14, 2025 Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>\u201cLabsii Haaromsa Aaadaa Oromoo Jedhuun Ajandaan Biltsiginnaan Oromoo Irratti Murteesite Madaa Oromoo Irratti Ashaboo Firfirsuu dha!\u201d Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) &nbsp; Labsii fi lallabni, fedhii fi hawwii ummata Oromoo malee, Oromoo irratti labsamuu fi <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2025\/02\/19\/labsii-haaromsa-aaadaa-oromoo-jedhuun-ajandaan-biltsiginnaan-oromoo-irratti-murteesite-madaa-oromoo-irratti-ashaboo-firfirsuu-dha\/\" title=\"\u201cLabsii Haaromsa Aaadaa Oromoo Jedhuun Ajandaan Biltsiginnaan Oromoo Irratti Murteesite Madaa Oromoo Irratti Ashaboo Firfirsuu dha!\u201d\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3163"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3163"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3163\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3164,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3163\/revisions\/3164"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3163"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3163"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3163"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}