{"id":3158,"date":"2024-12-31T17:51:28","date_gmt":"2024-12-31T17:51:28","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3158"},"modified":"2024-12-31T17:51:28","modified_gmt":"2024-12-31T17:51:28","slug":"dhaamsa-abo-bara-haaraa-2025","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/12\/31\/dhaamsa-abo-bara-haaraa-2025\/","title":{"rendered":"Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2025"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"162\" height=\"162\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 162px) 100vw, 162px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2025<br \/>\nKabajamaa Ummata Oromoo, mirgi kee sarbamuu irraa roorroon si irratti daraaree jireenya hadhaawaa geggeessuuf dirqamte,<br \/>\nMiseensota ABO biyya keessaa fi biyya alaa kaayyoo keessanitti cichuun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dirqama keessan bahataa jirtan,<br \/>\nLammiilee Oromiyaa hundaa,<br \/>\nAkkasumas Deggertootaa fi Firoottan qabsoo bilisummaa Oromoo,<br \/>\nBaga waggaa haaraa 2025niin isin gahe jechuun Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n kabajaan dhaamsa isaa isiniif dabarsa.<br \/>\nWaggaa haaraan bara 2025 waggaa ummatni Oromoo itti jabaatee, hojjetee fi falmatee harqoota gabrummaa jalaa bahee bilisummaa isaa itti gonfatu, bara lammiileen Oromiyaa mirgi isaanii guutuutti kabajamee nagaa fi boqonnaa qananiin itti jiraatan, bara cunqursaa fi saaminsi itti xumura argatu, akkasumas kabajamuun mirga ummatootaa itti mirkaneeffamu akka tahu ABOn hawwa. Hawwiin kunis akka mirkanaawuu fi dhugoomu mul\u2019ata keenya tahuu ibsina.<br \/>\nMooraa qabsoo bilisummaa Oromoo dabalatee, ummatni Oromoo maal keessa akka turee fi dabarse, haalli Itoophiyaa fi Oromiyaa, darbees mooraan cunqursitootaa aangoo of harkaa qabanii maal fakkaataa akka turan gamaaggamatuun fardii ta\u2019a. Kana gochuun waggaa haaraa keessa kan hojjetamuu qabu irratti hamilee fi murannoon itti seenuutti dabalee gufuulee fi didhaalee mul\u2019atan jabinaan irra aanuuf gargaara.<br \/>\nAddi Bilisummaa Oromoo ifatti ummata isaa keessatti qabsoo karaa sirnaa geggeessuuf waliigaltee mootummaa Itoophiyaa waliin taasisuun sochii siyaasaa erga eegalee waggootni ja\u2019a darbanii jiran. Deemsa waggoota kanneenii keessatti didhaaleen gama sirna mootummaa Itophiyaa aangoo of harkaa qabu irraa ABO fi ummata Oromoo mudatan akkaan hamaa fi ulfaataa ta\u2019uun ummata keenyaa fi ummatoota Itoophiyaa mara jalaa dhokataa miti jennee amanna.<br \/>\nHeddumminaan hidhamuu miseensotaa hanga hoogganootaatti, ajjeefamuu miseensotaa hanga hoogganaatti, cufamuu waajjiraalee hanga saamamuu qabeenyaa dhaabaatti yakkootni mootummaa aangoo karaa hin taaneen dhuunfatee jiruun ABO irratti deemsisame akkaan ulfaataa fi bal\u2019aa dha.<br \/>\nEmail: olfheadoffice@gmail.com www.oromoliberationfront.org<br \/>\nAkkuma waggoottan darbanii bara xumurre 2024 keessas mootummaan sochii siyaasaa ABOn karaa sirnaa geggeessuuf wareegama olaanaa hanga lubbuu kennuutti itti kafalaa jiru gufachiisuuf, moggaatti dhiibuu fi tapha siyaasaan ala gochuuf duullii fi shirri irratti hin geggeessine hin jiru. Duullii fi dhiibbaan kun hanga guyyaa har\u2019aatti itti fufe malee hin xiqqaanne ykn hin dhaabbatne. Haa tahu malee ABO Jarmayaa Siyaasaa ummataa fi dhimmi inni qabatee deemus dhimma ummata Oromoo waan taheef, ABO rakkinoota kana hunda keessummeessaa dirqama isaa dachaa dachaan bahachuun fuulduratti deemaa jira.<br \/>\nBarri 2024 xumurre deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti addatti ammoo sochii karaa nagaa dhaabichi waldhaansoo waliin qabaa jiru keessatti taatewwan garagaraa jabina hojii qabsoo mul\u2019isan, rifaatuuleen adda addaa hammeenyummaa mootummaa Itoophiyaa mul\u2019isan kan itti keessummeeffamee dha.<br \/>\nDeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo gufachiisuu fi siyaasa Oromiyaa keessaa dhuunfatee akka barbaadee fi waan ofiif fedhe tarkaanfachiisuuf kan yaaduu fi hawwu sirni Itophiyaa, kana milkeessuu kan dandeenyu ABO irratti duuluun diiguu fi dadhabsiisuuni akeeka jedhuun bara 2024 keessas akkuma duraa ABO taargeeta godhatuun guddoo irratti shireera; duuleeras Tahus cichoomina miseeensotaa fi ummata keenyaan qabsichi imala isaa qofa irratti xiyyeeffachuutti milkaaweera.<br \/>\nDuulota mootummaan kun ABO irratti godhe keessaa inni ijoon ajjechaa suukanneessaa qondaala siyaasaa dhaaba keenyaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwate osoo hin kaasin bira darbuu hin dandeenyu. Yakki ajjechaa Jaal Battee irratti qaamni mootummaa raawate hangam ABO diinomfatee akka jiru kan agarsiisee dha. Mootummaan kun sochii siyaasaa karaa sinaaf murannoo ABOn qabu gaaffii keessa akka galuuf, tarkaanfii hamaa fi sodaachisaa kamuu fudhatuu irraa kan of duuba hin deebine ta\u2019uu kan itti mul\u2019isee dha.<br \/>\nMurni kun ABO fi dirree siyaasaa bilisaa fi karaa nagaan falammii siyaasaa geggeessuu irraa hagam sodaa guddaa akka qabu yakki ajjechaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwate agarsiistuu guddaa dha. Jaal Battee Urgeessaa qofa osoo hin taane, ajjechaalee fakkaatoon guutummaa Oromiyaa keessatti miseensotaa fi deggertoota dhaaba keenyaa fi sab-boontota irratti raawwatamu bal\u2019aa dha. Kun hundi ABO dadhabsiisuu fi moggeessuuf qofa osoo hin taane, ummata Oromoo qabsoo isaa irraa ugguruuf yakka shiraan guutamee raawwatamuu dha.<br \/>\nDirree tapha siyaasaa Itophiyaa keessaa guyyaa irraa guyyaatti dhiphisaa, abdii dhaabota\/paartilee siyaasaa ummata isaaniif dhugumaan qabsa\u2019anii dukkanneessaa jira. Murni aangoo afaan qawween tikfatchuuf lola gaggeessaa jiru kun, miseensota ABO hidhuu fi ajjeesuu dabalatee, har\u2019a illee Waajjira Muummee Gullallee dabalatee guutuu Oromiyaa keessaa waajjiroota ABO akkuma cufetti jira. Qabeenya dhaabaa guutummaatti akkuma saametti jira. Kun dhiphachuu dirree siyaasaa biyyattii fi gartuun kun<br \/>\nEmail: olfheadoffice@gmail.com www.oromoliberationfront.org<br \/>\nOROMO LIBERATION FRONT<br \/>\n\u062c\u0628\u0647\u0629 \u062a\u062d\u0631\u064a\u0631 \u0627\u0648\u0631\u0648\u0645\u0648<br \/>\n\u0623\u0648\u0631\u0648\u0645\u0648<br \/>\nADDA BILISUMMAA OROMOO<br \/>\nGaafa:<br \/>\nDate: 31\/12\/2024<br \/>\n\u062a\u0627\u0631\u064a\u062e<br \/>\nLakk.<br \/>\nNo. stm 25stm\/2024<br \/>\nNo. stm 006\/stm\/2021<br \/>\nNo.: stm 002\/stm\/2021<br \/>\nNo<br \/>\n\u0639\u062f\u062f<br \/>\nnagaan dhibdee siyaasaa jiru hiikuuf har\u2019a illee fedha, murannoo fi hamilee akka itti hin qabne mirkaneessa. Abbaa irrummaa isaas kan agarsiisuu dha. Isa kana garuu qabsoo miseensota, qabsaawotaa fi gargaarsa ummataan bara 2025 kana akka irra aannu abdii guddaa qabna.<br \/>\nHidhamuu fi ajjeefamuun, doorsisii fi ariisaan jiraatan illee, didhaalee fi dhiibbaan kamuu mudatanis, ABOn tooftaa qabsoo, obsaa fi murannoo barootaaf kuufatetti amanuudhaan, \u201cRakkoo qabsoo, qabsoo fi hojii keenyaan irra aanna!\u201d kan jedhu dhaadannoo qabsoon waan masakamuuf, haala jiru keessatti hojii qabsoo itti fufeera. Caasaalee dhaabaa keessaa fi alatti hojii qabsoo jajjabeessuun, hojii ijaarsaa babal\u2019isuun, dabballoota barsiisuu, qaruu, barnoota haala yeroo irratti hunda\u2019anii fi wanneen qabsootti rarra\u2019an adda addaa kennuun sagantaa siyaasaa, akeekaa fi kaayyoo isaa tarkaanfachiisuuf ejjennoo hin daddaaqamneen bara kana keessa sochii hin tuffatamne godhee jira. Bara 2025 keessas hojii qabsoo fi dhimma jaarmaa irratti jabinaan kan hojjetu ta\u2019uun hin falamsiisu.<br \/>\nDhimmootni dantaa saba Oromoo fi lammiilee Oromoo ilaalanis waltajjii garagaraa irratti, akkasumas caasaa fi mala adda addaa qabuun tiksuu, sagalee tahuu, hammeenya irratti dalagamu addunyaan gahuu irratti guddoo hojjatamee jira. Kunis dachaa dachaan irratti hojjetama. Nagaa dhabuun, dararaa fi rakkinni ummata kanaa xumura akka argatu humna guutuun hojjetama.<br \/>\nUmmatni Oromoo jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif harqoota gabrummaa irratti fe\u2019ameen miidhaan dorgomaa hin qabnee fi hacuccaan dhala namaaf hin malle irra gaheera. Waggoota dheeraa bittaaa alagaa fi sirna kolonii jala ture kana keessattis mootummootnii jijjiiraman illee, akeekaa fi galiin isaanii jijjiiramuu dhabuu irraa hacuuccaa fi saaminsi babal\u2019atuu fi jabeeffamuu malee isaanii xiqqaatan hin mul\u2019atne. Maqootni sirnaa hawwatoo ta\u2019an moggaafaman illee, summii dammaan makame, kan ittiin akeeka qaban golgatan tahuu irra dabree ummatoota hin fayyadne. Kan bara bittaa mootummaa ammaa immoo daran hammataa kan ummata Oromoo akka sabaatti salphisee fi duula bifa hundaa irratti geggeessee dha.<br \/>\nGoolessitootni maqaa adda addaa moggaafatan kan akka Faannoo qaama mootummaa fi murnoota dantaa Itoophiyaa tiksina jedhaniin Oromiyaa keessattii fi Oromiyaa alatti ijaaramanii fi hidhatanii daangaalee Oromiyaa cabsuun ummata Oromoo kan weeraran, jumlaan kan ajjeesan, morma kan muran, kumoota dhibbaan kan buqqisan, qabeenyaa kan saaman, lafa isaa kan harkaa fudhatan bara bittaa mootummaa Itoophiyaa ammaa kanatti. Humna goolessaa kanas sochii qabsoo bilisummaa Oromoo fi WBO dura dhaabuuf akka meeshaatti itti gargaaramuuf, darbees qabeenya Oromoo saamuu fi danda\u2019amu lafa Oromoo irraa muratanii dhuunfatuuf jalqaba irraa kaasee kan ijaare, hidhachiisee fi bobbaase qaama mootummaa Itoophiyaa fi dantaa Itophiyaa tiksina warra jedhani.<br \/>\nEmail: olfheadoffice@gmail.com www.oromoliberationfront.org<br \/>\nSochiin humna goolessaa Faannoo Oromiyaa keessaa mul\u2019atu quba qabeenya caasaa mootummaa ala taha amantaa jedhu hin qabnu. Kanaafis ragaan lafa irraa ifaan deddeebi\u2019ee argamee jira. Kana irraa ummatni keenya jaarraa ammaa kana keessa haala kanaan dura argee hin beekne keessatti kufee, akka jireenya gadadoo fi salphinaa jiraatu taasisamee jira. Duula hunda hammataa bulchiinsa mootummaa jalatti irratti banamee jiru kanaanis ummatni keenya kumaantamaan ajjeefameera; hidhameera; miliyoonotaan qe\u2019ee fi qabeenya isaa irraa buqqifamee dirree irratti facaafameera. Bu\u2019aan mootummaa jijjiiramaa jedhamu irraa ummatni Oromoo argate isa kana qofa dha. Salphinnii fi dararamni kun 2025 itti fufuu akka hin qabne amantaa ABO ti. Ummatni keenyas kana ofitti fudhatuun salphina kanatti xumura gochuuf waliin akka hojjatnu waamicha keenya dabarsina.<br \/>\nABO rakkina wal xaxaa Itoophiyaan qabduu fi aadaa siyaasaa biyya kanaa maraammartoo keessa jiru kan ummata Oromoo fi ummatoota kaanis bara baraan lolaan nageenya dhabsiisee jiru tilmaama keessa galchuun, ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa furmaata buqqaasaa argatuu qabuutti amanuun Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) akka furmaataatti labsuun ni yaadatama. Labsii kana ofitti fudhatuun kanneen socho\u2019an sochii jajjabeessaa godhaniin, hojiin abdachiisaa fi hawwii ummata kanaaf abdii kennan guddoon hojjatamanii jiran. ABO kun milkaawuu qaba jedhee gadi jabeessee itti amana. Kanaaf, ummatni keenyaa fi lammiileen Oromiyaa dhimma kana milkeessuuf akka socho\u2019an waamicha godha. Akka milkaawuu fi dhugoomus amanna.<br \/>\nAkka waliigalaatti biyyattiin rakkinoota ulfaatoo fi walxaxaa adda addaatiin hudhamtee, ummatootni gidiraa fi dhiphuu arganii hin beekne keessatti kufanii jiraachuun ifaa dha. Karaa siyaasaa, lolaa, dinagdee fi hawaasummaan kufaatiin jiru haalaan ummataaf sodaachisaa dha. Dinagdeen kufuun, hammaachuu fi babal\u2019atuun qaala\u2019iinsa jireenyaa lubbuun jiraachuu lammiilee gaaffii keessa galchee jira. Ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaaf furmaatni harka isaanii jira jedhee amana ABOn. Furmaata ABO lafa kaawe ofitti fudhatanii qaama furmaataa tahuun dirqama lammummaa waan taheef, MCBO dhugoomsuu irratti akka hojjetnu gadi jabeessinee hubachiisna.<br \/>\nAddatti ummatni Oromoo roorroo fi gidiraa, darbees nagaa dhabuu nu irra gaha jiruuf tokkummaa fi dandeettii akka sabaatti qabnu walitti qindeessinee hojjechuun biyya keenya irratti nagaan jiraachuuf akka sochoonu irra deebinee hubachiisna.<br \/>\nMaayii irratti miseensotni ABO keessaa fi alatti argamtan, kanneen haalota rakkisoo fi didhaalee adda addaa keessatti kaayyoo, heeraa fi seera dhaaba keessaniif amanamaa ta\u2019uun, waan ittiin waadaa seentan irraa osoo hin maqin hanga har\u2019aatti jabaattanii dhaabbattan, jireenya dhaabaa fi itti fufiinsa hojii isaaf wabii taatanii jirtan, jabinaa fi cichoomina mul\u2019iftan irra dhaabbatuun, isa itti aanutti ammoo daran jabaattanii hojii qabsoo itti fufuuf akka of qopheessitan hiree kanaan ABOn dhaamsa dabarsa.<br \/>\nEmail: olfheadoffice@gmail.com www.oromoliberationfront.org<br \/>\nOROMO LIBERATION FRONT<br \/>\n\u062c\u0628\u0647\u0629 \u062a\u062d\u0631\u064a\u0631 \u0627\u0648\u0631\u0648\u0645\u0648<br \/>\n\u0623\u0648\u0631\u0648\u0645\u0648<br \/>\nADDA BILISUMMAA OROMOO<br \/>\nGaafa:<br \/>\nDate: 31\/12\/2024<br \/>\n\u062a\u0627\u0631\u064a\u062e<br \/>\nLakk.<br \/>\nNo. stm 25stm\/2024<br \/>\nNo. stm 006\/stm\/2021<br \/>\nNo.: stm 002\/stm\/2021<br \/>\nNo<br \/>\n\u0639\u062f\u062f<br \/>\nBarri haaraan 2025 bara nagaa, bara milkii, kan injifannoo, bara ajjechaan, hidhaan, saaminsi, buqqaatiin, gidiraa fi roorroon, boo\u2019ichi haadha Oromoo, salphinni maanguddootaa furmaaata mayii argatu, akka waliigalaatti bara cunqursaa fi gidiraan itti dhaabbatee mirgaa fi bilisummaa keenya mirkaneeffannee Oromiyaa biyyaa fi qe\u2019ee keenya irra nagaan itti jiraannu akka nuu tahu ABO hawwii isaa irra deebiin dabarsa.<br \/>\nInjifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo!<br \/>\nMuddee 31, 2024<br \/>\nFinfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2025 Kabajamaa Ummata Oromoo, mirgi kee sarbamuu irraa roorroon si irratti daraaree jireenya hadhaawaa geggeessuuf dirqamte, Miseensota ABO biyya keessaa fi biyya alaa kaayyoo keessanitti cichuun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/12\/31\/dhaamsa-abo-bara-haaraa-2025\/\" title=\"Dhaamsa ABO Bara Haaraa 2025\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3158"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3158"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3158\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3159,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3158\/revisions\/3159"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3158"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3158"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3158"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}