{"id":3155,"date":"2024-12-23T18:58:47","date_gmt":"2024-12-23T18:58:47","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3155"},"modified":"2024-12-23T18:58:47","modified_gmt":"2024-12-23T18:58:47","slug":"qaawwa-sareen-banteen-waraabessi-seena","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/12\/23\/qaawwa-sareen-banteen-waraabessi-seena\/","title":{"rendered":"\u201cQaawwa Sareen Banteen Waraabessi Seena\u201d"},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"152\" height=\"152\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 152px) 100vw, 152px\" \/><\/p>\n<p><strong>\u201cQaawwa Sareen Banteen Waraabessi Seena\u201d <\/strong><\/p>\n<p><strong>Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/strong><\/p>\n<p><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p>Lammiileen Oromiyaa qe\u2019ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqa\u2019anii baqattuu, rakkattuu, kadhattuu tahanii akka jiraatanii fi Daangaan Oromiyaa weerartootaan sarbamee abbaan qe\u2019ee ummanni Oromoo Qe\u2019ee isaa irraa akka buqqifamu taasisuun kan weerartoota qe\u2019eef qabeenyaa Ummata Oromoo saamuu fi babal\u2019ifannaa lafa Oromoof bobba\u2019aniif haala mijeessaa turee fi jiru maqaa mootummaan daldalu Biltsiginnaa aangoo isaa shiraa fi yakkaaf garmalee dhimmi bahee jireenya lammiilee balaaf saaxilee dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Tibba kana gaafa muddee 17, 2024 Lixa Oromiyaa Wallaggatti, <strong><em>\u201cIizii Wallaggaa\u201d<\/em><\/strong> jechuun humni Faannooo ofiin jedhu of ijaare dura taa\u2019aa godhatee nama Nugusee Waaleliny jedhamuun ibsa kennee of labsuu isaa tamsaasa media hawaasaa irratti darbeen dhageenyee argineerra.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Oromiyaa keessatti Faannoo aynaa (quality) fi baay\u2019innaan hidda gadi fageeffatee humna jabaa tahee akka ijaaramuuf bara 2019 irraa kaasee yeroo gara garaatti qondaalonni mootummaa ibsa karaa media kennaa turaniin, sadarkaa Fedeeraalaattis tahee, bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amhaaraa fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiinis maallaqni guddaan itti bahee deeggarsi jabaan taasifamaafii akka ture ni yaadatama.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>\u201cQurxummii Balleessuuf Madda Bishaanii Gogsuu\u201d <\/strong>jechuun akkuma dhaadachaa turan Partiin Biltsiginna ifatti, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleesina jedhaniin waraana irraa jalaan ummatatti bananiin boonbii summaawaan osoo hin hafin ummata keenya gaaga\u2019ama hamaaf saaxilanillee Qurxummicha garuu balleessuu hin dandeenye. Ammas ijibbaata Qurxummii balleesuutiif jecha Finxaaleyyiin Faannoo akka Iziin Wallaggatti of ijaartuuf haala kan aanjesseef qaama mootummaa ofiin jedhu Partii Biltsiginnaati jennee amanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Biltsiginnaan aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan afaan qawween tursiifachuuf jedhanii, Finxaaleyyii Faannoo Amhaaraa Ofiin Jedhu kan Raayyaa Ittisa Biyyaan tumsi gosa hundaa taasifamuuf Oromiyaa daangaa Naannoo Amhaaraan wal daangessu cufa irratti akka ijaaranii loojistkaan gargaaran Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n karaa caasaa isaa mirkaneeffatee yeroo adda addatti ummata hubachiisaa ture. Finxaaleyyiin Faannoo jedhaman kun Oromiyaa naannoolee keessa socho\u2019an cufa bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa jalaa baasanii toohannoo isaanii jala akka galchan ibsa kanaan dura baasaa turreen ifa gochuun keenya ni yaadatama.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waraana Finxaalessa saamichaaf bobba\u2019e ummata Oromoo irratti ijaaraa, qe\u2019ee fi qabeenyaa Oromoo saamsisaa, ummata Oromoo irraa albeen Shunkurtiin muratuu fi Uleen Horiin tikfatu osoo irraa hin hafne warra dhunfaan of ittisuuf jecha meeshaa hidhates irraa hiiksisaa, qaama saamichaaf dhufe hidhachiisaa aangoo siyaasaa dheereffannee jiraannaan Biltsiginnaa abjuu yoo tahe malee, ummanni Oromoo fi lammiileen Oromiya boqqonnaa jireenyaa dhabanii, nagaan dhoowatamee ganamaa galgala dhaabbataa ibidda waraanaa keessa jiraatan ijibbaata falmachuun dirqama.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong><em>\u201cBishaan Kokkee Gahe Du\u2019aan Gahe\u201d <\/em><\/strong>akkuma jedhamu kana booda, ummanni Oromoo roorroo daangaa dabre jala taahee sababa har\u2019arra bortu caala jedhee abdii sobaa ofitti horuuf hin jiru. Fallii fi malli jiru rooristoota qe\u2019ee isaatti isatti roorrisu falmatanii of irraa kaasuu fi gabroomsaa afaan Damma dibatee ummata keenya Harqoota Gabrummaa jalatti ittisu didne diddaan dura dhaabbachuu dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Maayii irratti ummata Oromoo dhiibbaa fi dhiittaa yakka waraanaa (War crime) jalatti miidhamaa turee fi jiruuf ummanni keenya biyyoota ollaa fi alaa gara garaa keessa jirtan sagalee tahaafiin dhaamsa keenya. Kanumaan waliin, sabaa fi sab-lammoonni biyyattii, falmattoonni mirga namoomaa, dhaabbileen hawaasummaa gara garaa gaaga\u2019ama Mootummaan Biltsiginnaa waraana ofii qabdu cinatti Finxaalessa saamicha qe\u2019eef qabeenya Oromoo fi babal\u2019ifannaa lafaaf bobba\u2019e maqaa Faannoon ummata Oromoo irratti ijaartee rukuchisiisaa jiru akka dura dhaabbattanii nageenya waaraaf, haqaaf jiraattan waamicha keenya isiniif taasifna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf<\/p>\n<p>Adda Bilsummaa Oromoo<\/p>\n<p>Muddee 20, 2024<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>\u201cQaawwa Sareen Banteen Waraabessi Seena\u201d Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) \u00a0 Lammiileen Oromiyaa qe\u2019ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqa\u2019anii baqattuu, rakkattuu, kadhattuu tahanii akka jiraatanii fi Daangaan Oromiyaa weerartootaan sarbamee abbaan qe\u2019ee ummanni Oromoo <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/12\/23\/qaawwa-sareen-banteen-waraabessi-seena\/\" title=\"\u201cQaawwa Sareen Banteen Waraabessi Seena\u201d\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3155"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3155"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3155\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3156,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3155\/revisions\/3156"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3155"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3155"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3155"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}