{"id":3151,"date":"2024-11-21T17:27:08","date_gmt":"2024-11-21T17:27:08","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3151"},"modified":"2024-11-21T17:27:26","modified_gmt":"2024-11-21T17:27:26","slug":"3151","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/11\/21\/3151\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"95\" height=\"95\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 95px) 100vw, 95px\" \/><\/p>\n<p><strong>Ajjeechaan Suukaneessaan Hidhattoota Faannoo fi Mootummaa PP tiin Ummata Keenya Irratti Raawwatamaa Jiru Yakka Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataa dha.<\/strong><\/p>\n<p><strong>\u00a0<\/strong><strong>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) <\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ajjeechaan suukaneessaa giddu gala Oromiyaa Godina Salaalee Ona Dharraatti ummata Oromoo irratti tahe, duula qindaahaa Finxaaleyiin Faannoo Amhaaraa ofiin jedhu babal\u2019ifannaa lafaa fi qe\u2019eef Qabeenya Oromoo saamuuf bobba\u2019anii fi Mootummaa PP\u00a0 Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin loluuf jedhee Faannoo ijaaree ummatatti bobbaaseen akka raawatame Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) n mirkaneeffateera.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Yakka waraanaa ifatti ummata keenya irratti tahe kana Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.<\/p>\n<p>Guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti, Addatti bakkoota naannoo Amhaaraan wal daangessan keessatti Yakki waraanaa ulfaataa fi hammaataan qindoomina Faannoo fi Waraana Biltsiginnaan bulchiinsa murna Biltsiginnaa Dr. Abiyyii Ahmadiin durfamu jalatti ganna 6n darbaniif ummata Oromoo irratti akka deemaa ture yeroo gara garaatti Ibsa baasaa turreerra.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Akka kanaan, Lixa Oromiyaa Walaggaa Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaatti ilmaan Oromoo jumlaan Konkolaataa irraa buusee kan ajjeese tumsa Raayyaa Ittisa Biyyaa godheefiin Faannoo Amhaaraa qaama ofiin jedhuu dha, Buretti nama Oromoo Faannoon morma muranii Mukatti Fannisanii ittiin geeraraa turan gargaarsa\u00a0 Raayyaan Ittisa Biyyaa godheefiin, Wallotti Barsiisota Konkolaataa irraa buusuun Faannoon fixxe osoo Raayyaan Ittisa Biyyaa bira jiruuti. Ammas Ona Dharraa magaalaa Sararkullaa jedhamutti ajjeechaan suukaneessaan Dargagaggoo Darajjee Amaaree dabalatee ilmaan Oromoo hedduu irratti Faannoon raawwatame golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa godheefiin akka tahe Addi Bilisummaa Oromoo Caasaa isaa irraa adda baafachuu danda\u2019eera.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ajjeechaa suukaneessaa ummata meesha maleeyyii irratti tahaa jiruun ragaalee suursagalee ifatti mul\u2019atan caalaa ummata Faannoon ajjeefte akka hin awwaalanneef Raayyaan Ittisa Biyyaa humnaan gara lagaa fi Gaaraatti ummata reeffarraa ittisee waraabessi dirretti akka nyaataa jirus caasaan keenya nuuf eereera.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Ifatti qaamoleen mootummaa Ona Dharraatti hidhattoota Faannoo fi Raayyaa Ittisa Biyya akka waltumsan gochuun ajjeechaa suukaneessaa ummata Oromoo irratti raawwachiisan,<\/p>\n<ol>\n<li>Bulcha Ona Dharraa obbo Shibashii Ayaaloow fi<\/li>\n<li>Gaafatamaa waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa ona Dharraa obbo Allabaachaw Haylamaariyaam akka tahan mirkaneeffaneerra.<\/li>\n<\/ol>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Kanumaan waliin, Hoogganaan Biiroo Komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Hayluu Addunyaas yaada miidiyaaf kennaniin, \u201chaleellaan raawwatamaa jiru finxaaleyyii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa dubbatanini raawwatamaa jira\u201d jedhanii ifatti dhiiga ummataa akka lolaatti dhangala\u2019aa jirutti qoosanii gaafatamummaa fudhachuu irraa baqatan. Ragaa Ummata irraa sassaabanneen akka Adda Bilisummaa Oromootti kan mirkaneeffanne, akka obbo Hayluun fa\u2019a waakkatan osoo hin taane, Ummata Oromoo Godina Salaalee kan ajjeesisiisaa jiru caasaa mootummaa sadarkaan gubbaa irraa hanga godaatti ijaaramee jiruu dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Akka karaa caasaa keenyaa qorannee bira geenyetti yeroo ammaa kana weerara babl\u2019ifannaa lafaan gandoonni Faannoon dhuunfatanii qe\u2019ee fi qabeenyaa ummataa daaressanii keessatti lubbuu namaas daa\u2019imman reef dhalattu irraa qabee hanga jaarsa guddaatti ifatti ajjeechaa suukaneessaa irratti raawwataa jiran, Deenyuu Wabeensoo, Tuutii, Iluu Goodaa Caffee, Baabbuu Dirree, Sararkullaa, Saalaash, Maakaftaa Mannayyoo, Warree Mannayyoo, Baayitii, Mana Lagoo, Gabroo, Barreessaa fi Hoomaa Bonnayyaa ti.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Lola qindawaa ummata meesha maleeyyii irratti bananiin, Qe\u2019ee Oromoo saamsisee ona taasisee, nama Oromoo Oromummaa isaan yakkisiisee akka ajjeechaan suukaneessaan ummata Oromoo irratti tahu kan haala aajnjessee fi ajjeesuu keessaas harka kan qabu, adda durummaan kan itti gaafatamu mootummaa PP Dr. Abiyyii Ahmadiin durfamu Biltsiginnaa dha.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Waan taheef, ummanni keenya guutummaa goleelee Oromiyaa keessa jirtan addatti daangaa naannoo Amhaaraan wal daangessu keessa jirtan lola lakkuu waggoota 6n kanneen guutuu mootummaa aangoo isaa tikfachuuf ummataan loluu fi Finxaaleyyii babal\u2019ifannaa fi saamicha qabeenyaa Oromoof ummata keenyaan lolu jalaa baatanii qe\u2019ee keessan irratti abbaa tahuuf falli jiru falmaa wal irraa hin cinne finiinsuun mirga keessaniif falmachuu duwwaa dha. Kanumaan waliin ilmaan Oromoo biyyoota ollaa fi alaa gara agraa keessa jirtan ummata keessan sagalee dhabee ganna 6 guutuuf walitti fufiinsaan bulchiinsa murna Biltsiginnaa jalatti roorroon daangaa darbe irra gahee wabii jireenyaa dhabeef bakkayyuu sagalee tahaan dhaamsa keeya.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Maayii irratti, sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa, Dippilimaatonnii fi Imbaasonni magaalaa Finfinnee keessa jirtan, hawaasni iddil Addunyaa, dhaabileen mirga namoomaaf falmitan, Jaarmiyaaleen siiviilii fi jaarmiyaaleen Siyaasaa ajjeechaa suukaneessaa ilmaan Oromoo irratti tahaa jiru kana akka dura dhaabbataniif waamicha keeya taasifna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Sadaasa 21, 2024<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>Ajjeechaan Suukaneessaan Hidhattoota Faannoo fi Mootummaa PP tiin Ummata Keenya Irratti Raawwatamaa Jiru Yakka Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataa dha. \u00a0Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) &nbsp; Ajjeechaan suukaneessaa giddu gala Oromiyaa Godina Salaalee Ona Dharraatti ummata <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/11\/21\/3151\/\" title=\"\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3151"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3151"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3151\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3152,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3151\/revisions\/3152"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3151"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3151"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3151"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}