{"id":3102,"date":"2024-05-17T17:06:47","date_gmt":"2024-05-17T17:06:47","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=3102"},"modified":"2024-11-21T17:28:54","modified_gmt":"2024-11-21T17:28:54","slug":"raayyaan-ittisa-biyyaa-paartii-bilxiginnaa-gocha-hammeenyaa-suukanneessaa-ummata-nagaa-irratti-raawwachuu-itti-fufe","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/05\/17\/raayyaan-ittisa-biyyaa-paartii-bilxiginnaa-gocha-hammeenyaa-suukanneessaa-ummata-nagaa-irratti-raawwachuu-itti-fufe\/","title":{"rendered":"&#8216;Raayyaan Ittisa Biyyaa&#8217; Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo&#8217;Raayyaan Ittisa Biyyaa&#8217; Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe."},"content":{"rendered":"<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"174\" height=\"174\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 174px) 100vw, 174px\" \/><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&#8216;Raayyaan Ittisa Biyyaa&#8217; Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe.<br \/>\nIbsa Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Waraanni Paartii Bilxiginnaan ajajamee Oromiyaa gubaa jiru, golee naannichaa hundatti namoota nagaa gargaarsa hin qabne sodaachisuu, ajjeechaa fi saamicha hamaa raawwachuu itti fufee jira. Dhaadannoo ifatti paartii PPn labsame &#8216;Qurxummii bal\u2019eessuuf galaana gogsuu&#8217; jedhu hordofuun, Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya ummataa keessumaa ammoo nageenya qonnaan bulaa tiksuun irraa eegamu, kaayyoo Bilxiginnaa galmaan ga\u2019uudhaaf gocha suukaneessaa namoota nagaa ittisa hin qabnee fi qonnaan bultoota irratti raawwatuu itti fufeera.<br \/>\nGaafa Caamsaa 16, 2024 Godina Shawaa Kaabaa Ona Sulultaa Ganda Liilloo Cabaqaa jedhamutti humnoonni mootummaan Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaase qonnaan bultoota obbolaa sadii ta\u2019an irraa loon 50 fi midhaan kuntaala 20 ol saamanii jiru. Isaanis:<br \/>\n1. Taaddasee Tsaggaa<br \/>\n2. Abbaay Tsaggaa fi<br \/>\n3. Gaaddisaa Tsaggaa jedhamu.<br \/>\nMaddoonni amanamoon akka agarsiisanitti, namoonni nagaan hedduun butamanii eessa akka jiran kan hin beekamne ta\u2019uu ibsaniiru.<br \/>\nAkkasumas godinoota kanneen akka Baalee, Arsii fi Shawaa Bahaa keessatti waraanni Paartii Bilxiginnaa akkasumas dabballootnii fi kaabinootni isaa maatiin qonnaan bulaa hundi midhaan kg 25, waraanaaf akka gumaachu ajaja itti dabarsuun ummata ofiifuu waan ittiin jiraatu hin qabne gidirsaa jiran.<br \/>\nGodinootuma kana keessatti barattoonni kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti tokko tokkoon isaanii qarshii 100 waraanaaf akka gumaachan waraanni PP ajaja dabarseera. Ummata gumaachuu hin dandeenyee fi fedhii hin qabneen ammoo WBO deggertu ittiin jechuun sodaachisaa fi doorsisaa jiru.<br \/>\nIsaan kunniin gochoota suukanneessoo hedduu keessaa isaan muraasa. Golee Oromiyaa fi naannolee biyyattii biroo hunda keessatti gochoonni hammeenyaa akkanaa hedduutu mul\u2019atu.<br \/>\nDhaabbileen mirga namoomaa keessoo fi idil-addunyaa fi naga jaallattootni ummata qonnaan bulaa dhiphina keessa jiru kana cinaa dhaabbatan, gara jabummaa suukanneessaa kana akka dhaabsisanii fi addunyaatti akka beeksisan waamicha goona. Guutummaa biyya Itoophiyaa keessatti lubbuun qonnaan bultoota miliyoonotaan lakkaa\u2019amanii barbadaa\u2019aa jira. Ummanni Oromoo gocha hammeenyaa isa irratti raawwatamaa jiru hunda akka qalbifatuu fi hammeenya kanas akka of irraa qolatuuf akka falmatu waamicha goona.<br \/>\nInjifannoo Ummata Bal&#8217;aaf!<br \/>\nAdda Bilisummaa Oromoo<br \/>\nCaamsaa 17, 2024<br \/>\nFinfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; &#8216;Raayyaan Ittisa Biyyaa&#8217; Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Waraanni Paartii Bilxiginnaan ajajamee Oromiyaa gubaa jiru, golee naannichaa hundatti namoota nagaa gargaarsa hin qabne sodaachisuu, <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/05\/17\/raayyaan-ittisa-biyyaa-paartii-bilxiginnaa-gocha-hammeenyaa-suukanneessaa-ummata-nagaa-irratti-raawwachuu-itti-fufe\/\" title=\"&#8216;Raayyaan Ittisa Biyyaa&#8217; Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo&#8217;Raayyaan Ittisa Biyyaa&#8217; Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3102"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3102"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3102\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3153,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3102\/revisions\/3153"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3102"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3102"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3102"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}