{"id":2997,"date":"2024-02-25T22:57:10","date_gmt":"2024-02-25T22:57:10","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2997"},"modified":"2024-02-25T22:57:10","modified_gmt":"2024-02-25T22:57:10","slug":"ajjeechaa-luboota-mana-kiristaanaa-ortodoksii-tawaahidoo-itoophiyaa-eotc-kan-ilaaluun-waamicha-qorannoo-walabaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/02\/25\/ajjeechaa-luboota-mana-kiristaanaa-ortodoksii-tawaahidoo-itoophiyaa-eotc-kan-ilaaluun-waamicha-qorannoo-walabaa\/","title":{"rendered":"Ajjeechaa Luboota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) Kan Ilaaluun Waamicha Qorannoo Walabaa"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"130\" height=\"130\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 130px) 100vw, 130px\" \/><\/p>\n<p><strong>Ajjeechaa Luboota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) Kan Ilaaluun Waamicha Qorannoo Walabaa<\/strong><\/p>\n<p>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Gara dhuma torban kanaatti, ibsa waa\u2019ee butamuu fi boodas ajjeechaa luboota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) afur naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa, Mana Qulqullummaa Cuqqaalaa Abune Gabre Menfes Quddus keessatti raawwatame ilaallatu dhageenye.<\/p>\n<p>Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa oduu kana kan mirkaneesse yoo ta\u2019u, chaanaaliin TV isa waliin hidhata qabu garee \u2018Shanee\u2019 jedhee waamu himate.<\/p>\n<p>\u201cWaajjirri Tikaa fi Nageenyaa\u201d mootummaa naannoo Oromiyaatis oduu kana mirkaneessee, tarkaanfii kanaafis garee hidhate \u2018Shanee\u2019 jedhee waamu komate.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) eenyuunuu raawwatamu, ajjeechaa gosa hunda namoota nagaa qulqulluu fi dhiittaa mirga namoomaa bifa biroo namoota siviilii qulqulluu, namoota hawaasa keessatti beekkamoo tahanii fi dhageettii qaban, dursitoota amantii, dubartoota, dhiirota, dargaggoota ykn maanguddoota irratti raawwatamu hunda cimsee balaaleffata. ABOn, ajjeechaa fi dhiittaan mirgoota namoomaa namoota nagaa irratti raawwatamu, eenyu iyyuu yoo raawwate, haala danda\u2019ame hundaan jabinaan balaaleffatamuu qaba jedhee amana.<\/p>\n<p>Kanuma waliin, caasaaleen mootummaa sadarkaa hunda irra jiran, lubbuu fi nageenya lammiilee maraa eeguuf itti gaafatamummaa akka qabanis hubatamuu qaba.<\/p>\n<p>Waggoota shanan darban mootummaan yakka raawwatameef kallattii komii jijjiiruu fi qaama biraa aarsaaf qopheessuu hojii guyyuu taasifatus, lammiilee biyyaaf bu\u2019aa homaatuu argamsiisuu hin dandeenye.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) gahee amantaa fi naamusaa biyyattii keessatti qabdu akka gamaaggamtu irra deebiin hubachiisuu barbaada. Gochi miseensotaa fi hooggantoonni ishee tokko tokko yeroo waraana Tigraay keessatti raawwatan, haala jiru salphisuu mannaa waldhibdee irratti boba\u2019aa firfirsuuf gaheen taphatan akkaan qaanfachiisaa ture.<\/p>\n<p>Wayta naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti haleellaa suukanneessaan xiyyaaraa fi Xayyaara nam-maleessa (diroonii) \u00a0fi ajjeechaan jumlaa raawwatamus Manni Kiristaanaa gocha hammeenyaa kana balaaleffachuu irraa of qusatte ykn warreen keessaa filattee deeggartuuf qofa dubbatte. Wayta ajandaa iccitaawaa isaaniitiin walsimu qofa, keessaa filachuudhaan sagalee tahuun ulaagaa naamusaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) irraa eegamu miti.<\/p>\n<p>Waan taheef, waldhibdee fi hookkara biyyattii raasaa jiru keessatti, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa (EOTC) gahee akka qaama nagaa buusuutti qabdu irra deebitee akka ilaaltu ammas irra deebiin yaadachiifna. Manni kiristaanaa akka dhaabbata amantiitti, dhimma siyaasaa fi waldhabdee sirna aangoo irra jiruu fi mormitoota isaa gidduu jiru keessaa harka ishee baasuu qabdi jennee cimsinee amanna.<\/p>\n<p>Addi Bilisummaa Oromoo akkuma barame, taatee addaa raawwatame kanaa fi ajjeechaawwan bakka bakkatti namoota nagaa irratti raawwataman qaama walabaa fi hin-baabsawaa taheen akka qoratamu gaafata. Akkuma armaan olitti ibsame, qaamni ykn nami kamuu ajjeechaa luboota kanaa raawwatu, itti gaafatamummaan ijoon mootummaa naannoo fi federaalaa akkasumas caasaalee isaanii irra jira. Mootummaan gocha yakkaa akkanaa qaama biraa komachuu fi aarsaaf dhiheessuun haguuguuf yaaluu dhaabee, qorannoon walabaa akka geggeeffamuuf caasaalee fi galmee isaa hunda banaa taasisuu qaba.<\/p>\n<p>Kan mootummaan sababa ifa hin taanee fi dogoggoraan \u2018shanee\u2019 jedhee waamu, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOnis) qorannoon walabaa wal fakkaataan akka geggeeffamuuf tumsuu qaba.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p><strong>Injifannoo Ummata Bal&#8217;aaf!<\/strong><\/p>\n<p><strong>Adda Bilisummaa Oromoo<\/strong><\/p>\n<p><strong>Gurraandhala 25, 2024<\/strong><\/p>\n<p><strong>Finfinnee<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Ajjeechaa Luboota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) Kan Ilaaluun Waamicha Qorannoo Walabaa Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Gara dhuma torban kanaatti, ibsa waa\u2019ee butamuu fi boodas ajjeechaa luboota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/02\/25\/ajjeechaa-luboota-mana-kiristaanaa-ortodoksii-tawaahidoo-itoophiyaa-eotc-kan-ilaaluun-waamicha-qorannoo-walabaa\/\" title=\"Ajjeechaa Luboota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) Kan Ilaaluun Waamicha Qorannoo Walabaa\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2997"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2997"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2997\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2998,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2997\/revisions\/2998"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2997"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2997"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2997"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}