{"id":2957,"date":"2024-01-23T19:00:49","date_gmt":"2024-01-23T19:00:49","guid":{"rendered":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/?p=2957"},"modified":"2024-01-23T19:00:49","modified_gmt":"2024-01-23T19:00:49","slug":"tarkaanfii-suukaneessaa-waraanni-paartii-biltsiginnaa-itti-gaafatamummaan-itti-hin-dhagahamne-oromiyaa-keessatti-ummata-nagaa-irratti-fudhatu-yakka-ilma-namummaa-irratti-kan-raawwatamee-dha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/01\/23\/tarkaanfii-suukaneessaa-waraanni-paartii-biltsiginnaa-itti-gaafatamummaan-itti-hin-dhagahamne-oromiyaa-keessatti-ummata-nagaa-irratti-fudhatu-yakka-ilma-namummaa-irratti-kan-raawwatamee-dha\/","title":{"rendered":"Tarkaanfii Suukaneessaa Waraanni Paartii Biltsiginnaa Itti Gaafatamummaan Itti Hin Dhagahamne Oromiyaa Keessatti Ummata Nagaa Irratti Fudhatu Yakka Ilma Namummaa Irratti Kan Raawwatamee dha."},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p><img loading=\"lazy\" class=\"wp-image-1797 aligncenter\" src=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg\" alt=\"\" width=\"170\" height=\"170\" srcset=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-300x300.jpg 300w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n-150x150.jpg 150w, https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-content\/uploads\/2021\/08\/121105617_10221793204851927_8447369149858981629_n.jpg 456w\" sizes=\"(max-width: 170px) 100vw, 170px\" \/><\/p>\n<p><strong>Tarkaanfii Suukaneessaa Waraanni Paartii Biltsiginnaa Itti Gaafatamummaan Itti Hin Dhagahamne Oromiyaa Keessatti Ummata Nagaa Irratti Fudhatu Yakka Ilma Namummaa Irratti Kan Raawwatamee dha.<\/strong><\/p>\n<p><strong>Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)<\/strong><\/p>\n<p>Waraanni paartii Biltsiginnaa Itiyoophiyaa keessatti dhiiga ummatootaa dhangalaasuun lubbuu dheereffatuu amaleeffate ammas tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhateera. Akka kanaan asuma Finfinneetti dhihoo kan taate giddu-gala Oromiyaa Godinoota Kibba-lixa Shaggarii fi Salaalee akkasumas Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti dhukaasa irraa jalaan xiyyara nama-maleessa (Dirone), dabalatee boombii summii fe\u2019atee fi meeshaa gurguddaa ummata nagaa irratti dhukaasuun lubbuu ummataa hedduu galaafatanii jiru. Kaan madoo fi fayya-dhabeeyyii taasisaniiru; manneen ummataas gubaniiru.<\/p>\n<p>Tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhataniinis, \u00a0Amajjii 21, 2024 Giddu-gala Oromiyaa Godina Salaalee Yaayyaa Haroo ganda Qindoo Agamsootti dhukaasa ummata nagaa irratti bananiin namoota shan (5) akka ajjeesanii fi lama (2) akka malee reebuun du\u2019aa fi jiruu jidduu jiraachuun isaanii barameera. Kanneen ajjeefaman:-<\/p>\n<ul>\n<li>Fiqiruu Hordofaa<\/li>\n<li>Shawaa Shifarraa<\/li>\n<li>Suyyumee Gadaa<\/li>\n<li>Fiqaaduu Daadhii fi<\/li>\n<li>Shifarraa kaanneen jedhamanii dha. Kanneen reebichi hamaan irra gahee fi du\u2019aa fi jireenya gidduutti argaman ammoo:-<\/li>\n<li>Lammii Gadaa fi<\/li>\n<li>Dinqee Tufaa ti.<\/li>\n<\/ul>\n<p>Yaayyaa Harootti manneen ummataa 6 waraana paartii Biltsiginnaan kan gubatan yoo ta\u2019u, kanneen manni jalaa gubates warra armaan gadii kana dha.<\/p>\n<ul>\n<li>Tafarii Tufaa<\/li>\n<li>Darajjee Maammoo<\/li>\n<li>Zawudee Ashinee<\/li>\n<li>Shifarraa Ashinee<\/li>\n<li>Addisuu Asaamminoo fi<\/li>\n<li>Fiqaaduu Tashoomaa ti.<\/li>\n<\/ul>\n<p>Giddu-galuma Oromiyaa Godina Kibba-lixa Shaggaritti waraanni partii Biltsiginnaa Amajjii 21-22, 2024 haleellaa qilleensa irraan ummata nagaa irratti raawwateen \u00a0lubbu-qabeeyyii naannoo irraan akka miidhaa ulfaataa dhaqqabsiise Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) mirkaneeffateera.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Akka kanaan Kibba-lixa Shaggar Ona Qarsaa Maallimmaa ganda Gibbisoo keessatti Gaafa Amajjii 21, 2024 haleellaa Diroonii raawwatameen lubbuun namaa akkasumas lubbu-qabeeyyiin naannotti argaman aara summa\u2019aan miidhamaniiru. Carraan mana wal\u2019aansaaattis geeffamanii wal\u2019aanamuu dhabamee lubbu-qabeeyyiin hedduun akka baalaatti harca\u2019aa jiru. Ganda Gibbisoo kanatti haleellaan yeroo sadii raawwatamuun gabaafameera. Boombiin Summii qabu naannoo kanatti darbatame miidhama guddaa naannoo sanatti dhaqqabsiisuun himamaa jira.<\/p>\n<p>Bifuma walfakkaatuun gaafa Amajjii 22, 2024 Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa Ona Adoolaa Reedee ganda Abulloo keessattis waraanni paartii Biltsiginnaa haleellaa Dirooniin boombii summii baatu ummata nagaa irratti gaggeesseen lubbuu namaa hedduu galaafachuun barameera. Guyyuma kana Diroonii lammaffaan Onuma Adoolaa Ganda Qararootti boombii darbatteen miidhaa fakkaataan dhaqqabee jira. Boombiin Abuuloo (Adoolaatti) darbatame summii kan baatu illee jiratuu fi miidhama guddaa dhaqqabsiisuun himamee jira.<\/p>\n<p>Gaafa guyyaa 22, 2024 Godina Gujii Bahaa Ona Liiban ganda Simintoottis miidhaa fakkaataan dhaqqabee jira. Lolli irraa fi jalaan waraana paartii Bilsiginnaan ummata keenya irratti baname kun hanga guyyaa har\u2019aa Amajjii 23, 2024 kanaattis akka itti fufee jiru ragaan ummataa ni mirkaneessa.<\/p>\n<p>Mootummaan partii Biltsiginnaa waraana isaa gaafatamni itti hin dhaga\u2019amne ummata nagaa irratti bobbaasuu, lola lafoo fi qilleensaa ummata irratti deemsisuun lubbuu hedduu harcaasuun rakkoo naannoo kanaa wal xaxaa taasisuu malee furmaatatti akka hin gessine wal nama hin gaafachiisu. Gochaalee suukanneessaa waraana PPn waggoota shanan darbaniif walitti fufiinsaan Oromiyaa keessatti ummata nagaa irratti raawwatamaa ture, hidhaa fi ajjechaa jumlaa, reebicha ulfaataa, doorsisa, manneen ummataa ibiddaan gubuu fi summiin ummata gaaga\u2019uu Biltsiginnaa akkuma kanaan duras dura dhaabbataa turre, ammas Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dura dhaabbata; jabeessee balaaleffata.<\/p>\n<p>Maayii irratti, gochaa suukanneessaa partiin Biltsiginnaa waraana ummata keenya irratti bobbaasuun dhaqqabsiisaa jiru akka dura dhaabbatanii fi balaaleffataniif ummanni Oromoo bal\u2019aan keessaa fi alaa, lammiileen Oromiyaa, waliigalatti ummatoota biyya kanaaf dhaamna. Kanuma waliin jaarmiyaaleen siviilii, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni addunyaas akka dura dhaabbatanii fi gocha kana morman waamicha taasisna. Addatti gosa Summii dhimma itti bahamaa jiru UN qoratee adda baasuu dirqama itti qaba jennee amanna.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Injifannoo Ummata Bal\u2019aaf!<\/p>\n<p>Adda Bilisummaa Oromoo<\/p>\n<p>Amajjii 23, 2024<\/p>\n<p>Finfinnee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div class=\"mh-excerpt\"><p>&nbsp; Tarkaanfii Suukaneessaa Waraanni Paartii Biltsiginnaa Itti Gaafatamummaan Itti Hin Dhagahamne Oromiyaa Keessatti Ummata Nagaa Irratti Fudhatu Yakka Ilma Namummaa Irratti Kan Raawwatamee dha. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Waraanni paartii Biltsiginnaa Itiyoophiyaa keessatti dhiiga <a class=\"mh-excerpt-more\" href=\"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/2024\/01\/23\/tarkaanfii-suukaneessaa-waraanni-paartii-biltsiginnaa-itti-gaafatamummaan-itti-hin-dhagahamne-oromiyaa-keessatti-ummata-nagaa-irratti-fudhatu-yakka-ilma-namummaa-irratti-kan-raawwatamee-dha\/\" title=\"Tarkaanfii Suukaneessaa Waraanni Paartii Biltsiginnaa Itti Gaafatamummaan Itti Hin Dhagahamne Oromiyaa Keessatti Ummata Nagaa Irratti Fudhatu Yakka Ilma Namummaa Irratti Kan Raawwatamee dha.\">[Read More]<\/a><\/p>\n<\/div>","protected":false},"author":2,"featured_media":372,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2957"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2957"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2957\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":2958,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2957\/revisions\/2958"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media\/372"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2957"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2957"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromoliberationfront.org\/aforomo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2957"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}